03/10/2026
Barsiisota Jijjiirraa Keessoo Barbaadan Hundaaf!
--------
BBO - Fulbaana 23/2019 Biiroon Barnootaa Oromiyaa jijjiirraa barsiisotaa marsaa 1ffaa 'online' n gaggeessuun ni yaadatama.
Haaluma walfakkaatuun jijjiirraa marsaa 2ffaa "Jijjiirraa Keessoo" qopheessun manneen barnootaa iddoo duwwaa qaban irratti barsiisota fedhii qaban jijjiirraa keessoon( manneen barnootaa irraa gara manneen barnootaa biroofi manneen barnootaa irraa gara manneen barnootaa birootti ) moosaajii qophaa'e irratti 'online'n iyyannoo(Apply) gochuu ni dandeessu.
manneen barnootaa iddoo duwwaa qaban Wiixata 25/01/2019 jalqabdanii moosaajicharratti banaa akka taasiftan isin beeksifna.
:- Barsiisotni Fulbaana 26 - 27/01/2019 tti iyyachuu kan dandeessan ta'uu isin beeksifna.
Kibxata Ganama Gad-dhiifna.