15/06/2023
XALAYAA BANAA
GAMTAA BARATTOOTA BAHA OROMIYAA(GBBO).
DHIMMI;- IBSA EJJANNOO RAKKOO JIMAA HARARGEE.
Qaama dhimmi ilaalu hundaaf.
Ummanni kamuu afaan, aadaa jiruu, duudhaa, artii, seenaa, eenyummaa fi maadda galii jiruu mataasaa qaba. Hawaasummaa, Siyaasaa fi diinagdeen sadeen bu’uraa jiruu ilma namaati. Isaan kana hundaaf diinagdeen abbaadha. Hundaa’ol jiraachuu ummata tokkootiif diinagdeen barbaachisaa osoo hin taane dirqama. Diinagdeen dhaabbannaan jiruun ni dhaabbatti. Rakkoo daldala Jimaa mudatteen ummanni Harargee yeroo ammaa rakkoo hamtuu keessa jira. Jiruu fi jireenyi ummata Harargee guutumaan guututti omisha Jimaarratti irkataadha. Lafti ummata keenyaa xiqqoo fi bu’aa ba’iidha. Sanummaanuu Jimaa malee omisha biraa hin kennitu. Haala qubsuma ummatatiiniis wal qabatee oomishni biyya keessa, biyyootaa ollaa fi biyyoota alaatirraa galiin argatan Jimaa qofa. Galii asirraa argatan tanaan jiruu dagalfachaa, hiyyummaa injifachaa, gabrummaa moo’achaa, ilmaan barsiifachaatii fi qaroomatti dhihaachaa jiraatan. Kanaafuu, ummata kanaaf Jimaan leeccalloodha, jiruudha, wirtuu lafee duuydaati, madda galiiti.
➢Rakkoo daldala Jimaa mudaatteen rakkoo hamtuun ummanni amma keessa jiru ijoon:-
▹Ummanni Harargee diinagdeen laamsha’ee beela hamtuuf saaxilamee jira.
▹Ummanni waan nyaatu dhabee kaan dhumaa kaaniis kadhaa mudatee jira.
▹Hiyyoomee ilmaan barsiifachuu dadhabee jira.
▹Jimaan gatii dhabee kaan keellarratti gubatee; kaan haadharratti hafee jira.
▹Dorgommii gabaa fi diinagdee keessaa bahee jira.
▹Ummanni hawaasummaa, siyaasaa fi diinagdeeniis faca’ee jira.
Yeroo ammaa kana barattoonni kutaa gadiitirraa hanga Yuunivarsiitii jiran sababa rakkoo Jimaa mudatte tanaatiif maatiin barsiisuu dadhabdee barnoota dadhabanii galuurra jiran. Bakka baay’etti kan dhiisee galees ni jira. Kanaafuu, nuti akka Barattoota Baha Biiftuutti rakkoo maatii keenya mudateen rakkoo adda addaaf saaxilamnee jirra. Qaamni dhimmi ilaalu kan ummata dura jiru furmaata itti kenna jennee qaamaa qalbiin hordofaa turre, haa ta’u malee, hanga ammatti ija rakkoo ummataa laaltuufi gurra sagalee hawaasaa dhaga'uu hin argine. Akka Gamtaa Barattoota Baha Oromiyaatti rakkoo tanatti furmaanni ni kennama jennee osoo eeynuu dhimmi kun dhageeytii dhabee moggatti hafuun akkuma cittorratti faanxoo jedhan san guyyuma guyyaan rakkoon lakkuu dhaltee hammaachaa dhufte.
Mootummaan dhimma kana osoo quba qabuu rakkoo namtoolchee ifiif uumeen ummata jilbiibbachiisee jira. Kunimmoo, jibbaa fi tuffii ummata Harargeetiif qabu ifatti mul’isa.
➢Rakkoolee daldala Jimaa mudatan keessaa ijoon:-
◉Keellaan magaalaa hundatti heddummaachuu.
◉Qaraxa humnaa olii keellaa hudarratti funaanuu.
◉Hangi Jimaa alatti ergamuu xiqqaachuu fi ugguramuu.
▪Magaalaan bilisaa dhabamuu Seera haaraya kan qaraxa humnaa olii (over taxation) fi qaraxa dachaa (double taxation) oomisha jimaarra kaayamee jiru Daldalli Jimaa daldaltoota muraasa waliigaltee qaamoota mootummaatiin danqamuufi gareen wal jaaranii socho’uu daldaltootaa.
▪Imaammataa, labsiifi seeroota haaraya bahan. Labsiin kun ummata, ogeessoota diinagdee fi ogeessoota seeraa kan hin hirmaachifne ta’uu. Seerri bahe aadaa ,jiruu hawaasaatii fi haala oomisha Jimaa ilaalcha keessa galchuu dhabuu.
▪Seeroonni bahanii fi tarkaanfiiwwan fudhataman qo'annoo fi qorannoo sirriitii fi saayinsii diinagdeerratti kan hundaaye ta’uu dhabuu.
▪Malaammaltummaa,seer-dhablummaa, kotorbaandii fi kira sassaabdummaan magaalaa Jimaa keessatti sirna ta’uu. Kuniis, qaamoolee seera kabachiisanii fi daladaltoota muraasaan waliigaluun danqa uumee jira.
▪Ummanni qabeenya isaarratti abbaa ta’uu dhabuu.
▪Diploomaasiin kufuu fi xiyyeeffannoon Jimaaf qaban dhabamuu.
Gamtaan Barattoota Baha Oromiyaa rakkoo daldala Jimaa hadhooytuu maatii teenya mudatte tanaaf barachuu waan dadhabnee fi maatiin teenyaas jiraachuu dahabdee beelaan araraafamaa waan jirtuuf maatii keenyaaf sagalee taanee hanga furmaanni bu’uraa argamutti falmachuuf dirqamnee jirra. Kanumaan ibsa ejjannoo qabxii muraasa qabu kan marsaa jalqabaa baafannee jirra. fi ibsi ejjannoo kun yaada miseensoota GAMTAA BARATTOOTA BAHA Oromiyaa hundaa yoo ta’u, kallattiin mootummaa biyya bulchuufi bakka bu’oota ummata Harargee kan illaallatuudha.
IBSA EJJANNOO FI YAADA FURMAATAA GBBO.
MOOTUMMAA FI BAKKA BU’OOTA UMMATAATIIF.
➬Mootummaan biyya bulchaa jiruu fi mootummaan naannoo Oromiyaa rakkoo daldala Jimaa Harargee mudatte hatattamaan furuu qabdan.
➬Bakka bu’oonni ummataa Harargee bakka buutanii paarlaamaa fi Caffee Oromiyaa keessa jirtan rakkoo ummanni keessa jiru kallattii hundaan mootummatti himtanii akka furu godhuun dirqama keessan akka ta’e beektanii rakkoo tana akka furtan.
➬Imammataa fi labsiin Jimaa aadaa, jiruu hawaasaatii fi haala oomisha Jimaa ilaacha keessa galchuun bahuu qabdi.
➬Hawaasa bal’aa, ogeessoota, diinagdee, seeraa, fi hayyoota adda addaa hirmaachisuun eega qorannoon gadi fagoo gaggeeyfamtee booda labsiin Jimaa bahuu qabdi. IMAAMMANNI DABAA KA’UU QABA.
➬Keellaan magaala hundatti hidhame san ammatti ka’uu qaba
➬Qaraxni humnaa olii fi dacha ammatti Jimarraa ka’uu qaba.
Kanaafuu, akka GBBO tti irra deebi’iin mootummaan rakkoo daldala Jimaa mudatte tana akka daddafee furmaata itti kennu abdii, jaalalaa fi kabajaan cimsinee gaafanna. Kun hatattamaan yeroo gabaabaa keeysatti hojitti hiikamee furmaanni bu’uraa hin dhufu taanaan beelaan dhumurra akka GBBO tti kallatti danda’me hundaan falmannee fala waaraa fiduuf qophiidha. Akka Gamtaa barattoota Baha Oromiyaatti ; barattoonni Harargee mana barnoota sadarkaa tokkooffaa hanga Yuunivarsiitii jirru maatiin keenya rakkoo hamaa keessa jiraachuun adeemsa baruufi barsiisuu irratti carraan tasgabbiin barachuu dhabuu yaaddoo nutti uumee jira. Kanaafuu, qaamni dhimmi kun ilaallatu mootummaan rakkoo tana hatattamaan furuu qabaan dhaamsaa fi ejjannoo GBBO ti. Ta’uu baannaan waan uumamee fi umamuuf taa’uus itti gaafatamaan mootummaadha.
MIIDIYAALEE OROMOOTIIF Ummanni Oromoo Harargee rakkoo daldala Jimaa mudatteen rakkoo hamtuu keessa waan jiruuf dhimma kanaaf sagalee taatanii akka gabaastan. Rakkoo namtoolchee hamtuu tanaan wal qabatee oduu, dookmantarii fi ijoo dubbii gootanii akka irratti hojjattan. Hayyoota dhimma kana keessa beekanii fi yaada furmaataa lafa kaa’anii dhiibbaa uumuu danda’an yero yeroon uwwisa miidiyaa kennitaniifii afgaafii godhuufii qabdan.
Activistoonni Oromoo, Hayyoonni Oromoo, Miidiyaaleen Oromoo, Baratootaafii barsiisoonni rakkoo khanaaf bakka jirtanii social media fii meediyaan akkasumaas qaamaan marihachuuf yeroofii yaada aarsaa gootan hedduu Galatoomaa jechaa, ammaas ammoo rakkoon daldala jimaa Kun daran hammaachaa waan dhufeef Ammallee Qonnaan bulaan Baha Oromiyaa sagalee keeysanitti haajamaa Jira. Yeroo Kam caalaa tokkummaafii gamtaan Dhimma rakkoo daldala jimaa Kun hanga furamutti hifaata malee Akka Cunqurfamoota kana cinaa dhaabbatan khabajaafii jaalalaan isin gaafanna.
MOOTUMMAAF.
MITMOOTUMMAAF.
HAYYOOTA OROMOOTIIF.
AKTIVISTOOTA OROMOOTIIF.
GAMTAA BARATTOOTA OROMOOF.
UMMATA OROMOO MARAAF.
GAMTAA BARATTOOTA BAHA OROMIYAA (GBBO) IRRAA.
Waxxabajjii, 2023 OROMIYAA.