12/08/2026
🏃🏾♀️ Atileetonni Yuunivarsiitii Salaalee Milkaa’inaan Deebi'an! 🏃🏾♂️
===============***================
Yuunivarsiitii Salaalee, Hagayya 6, 2018
Atileetonni Kilaba Yuunivarsiitii Salaalee dorgommii Atileetiksii Idil-addunyaa Umrii Waggaa 20 gadii biyya Ameerikaa (Bulchiinsa Oorigan, Magaalaa Yuujiin) istaadiyeemii seena-qabeessa Heeyiwaardi Fiilditti adeemsifame irratti hirmaachuun milkaa'ina guddaan gara biyyaatti deebi'aniiru.
Atileetonni keenya jaalala biyyaafi kutannoo guddaan, akkasumas haamileefi naamusa fakkeenyummaa qabuun dorgommicha irratti kan hirmaatan yoo ta'u, bu'aa boonsaa armaan gadii galmeessisaniiru:
🥉 Atileet Daamxoo Kabbadaa: Fiigicha meetira 5,000 irratti 3ffaa bahuun madaaliyaa Nahaasaa (Bronze) biyyaafi Yuunivarsiitii keenyaaf injifateera.
🏅 Atileet Daraartuu Shibbiruu: Fiigicha meetira 800 irratti 7ffaa bahuun sadarkaa dipiloomaa argatteetti.
Bu'aa boonsaa atileetonni keenya galmeessisaniif Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa beekkamtiifi badhaasa kan kenneef yoo ta'u, bakka bu'ummaa Yuunivarsiitii Salaaleen Instiraaktar Haayiluu Mul'ataa sirna simannichaarratti hirmaataniiru.
Gammachuu milkaa'ina kanaa ilaalchisuun, Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Salaalee, Dr. Fayyeeraa Dhinsaa, Ittaanaan Pirezidaantii Akkaadaamikiifi Qorannoo, Dr. Tsaggaayee Dayyuufi
Dursaan Garee Atileetiksii Yuunivarsiitii Salaalee, Instiraaktar Haayiluu Mul’ataa atileetota keenyaafi leenjisaa isaanii wajjin imalanii turan, Instiraaktar Masarat Mangistuutiin baga gammaddan jechuun gammachuu isaanii ibsaniiru. Gara fuulduraattis atileetonni keenya cimanii akka itti fufuu qaban dhaamaa, waan barbaachisuun isaan deeggaruuf qophii ta’uus ibsaniiru.
Atileetonni keenya gootota jijjiiramaafi mallattoo injifannoo keenyaa waan ta'aniif guddaa ittiin boonna! Baga gammanne!
****************************************
🏃🏾♀️ የሰላሌ ዩኒቨርሲቲ አትሌቶች በስኬት ተመልሰዋል! 🏃🏾♂️
===============***================
ሰላሌ ዩኒቨርሲቲ፣ ነሐሴ 6/2018 ዓ.ም
የሰላሌ ዩኒቨርሲቲ የአትሌቲክስ ክለብ አትሌቶች በአሜሪካ (ኦሪገን ግዛት፣ ዩጂን ከተማ) ታሪካዊ በሆነው ሄይዋርድ ፊልድ ስታዲየም በተካሄደው ከ20 ዓመት በታች የዓለም አትሌቲክስ ሻምፒዮና ላይ ተሳትፈው በታላቅ ስኬት ወደ ሀገራቸው ተመልሰዋል።
አትሌቶቻችን በከፍተኛ የሀገር ፍቅር እና ቁርጠኝነት፣ እንዲሁም በጥሩ የሞራል እና አርአያነት ባለው ስነ-ምግባር በውድድሩ ላይ የተሳተፉ ሲሆን፣ የሚከተለውን አኩሪ ውጤት አስመዝግበዋል፡-
🥉 አትሌት ዳምጠው ከበደ፡ በ5,000 ሜትር ሩጫ 3ኛ በመውጣት ለሀገራችን እና ለዩኒቨርሲቲያችን የነሐስ ሜዳሊያ አሸንፏል።
🏅 አትሌት ደራርቱ ሽብሩ፡ በ800 ሜትር ሩጫ 7ኛ በመውጣት የዲፕሎማ ደረጃን አግኝታለች።
አትሌቶቻችን ላስመዘገቡት አኩሪ ውጤት የኢትዮጵያ አትሌቲክስ ፌዴሬሽን እውቅና እና ሽልማት የሰጣቸው ሲሆን፤ ሰላሌ ዩኒቨርሲቲን ወክለው ኢንስትራክተር ኃይሉ ሙለታ በአቀባበል ስነ-ስርዓቱ ላይ ተገኝተዋል።
ይህንን ስኬት አስመልክቶ የሰላሌ ዩኒቨርሲቲ ፕሬዚዳንት ዶ/ር ፈዬራ ድንሳ፣ የአካዳሚክ እና ምርምር ጉዳዮች ምክትል ፕሬዚዳንት ዶ/ር ፀጋዬ ደዩ እና የሰላሌ ዩኒቨርሲቲ አትሌቲክስ ቡድን መሪ ኢንስትራክተር ኃይሉ ሙለታ፤ አትሌቶቻችንን እና አብረዋቸው የተጓዙትን አሰልጣኝ ኢንስትራክተር መሰረት መንግስቱን "እንኳን ደስ አላችሁ" በማለት ደስታቸውን ገልጸዋል። በቀጣይም አትሌቶቻችን ጠንክረው እንዲቀጥሉ መልእክት በማስተላለፍ፣ አስፈላጊውን ድጋፍ ሁሉ ለማድረግ ዝግጁ መሆናቸውን አስታውቀዋል።
አትሌቶቻችን የለውጥ ጀግኖች እና የድላችን አርማ በመሆናቸው እጅግ እንኮራባቸዋለን! እንኳን ደስ አለን!
ለተጨማሪ መረጃ፦
Website: http://slu.edu.et
YouTube: https://youtube.com/
X (Twitter): https://x.com/SalaleUniversi1
Telegram channel: https://t.me/salaleuniversitytchannel