10/09/2026
Ergaa Pirezidaantii Yuunivarsiitii Salaalee Dr.Fayyeeraa Dhinsaa Ayyaana Bara haaraa Sababeeffachuun Dabarsan
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
Yuunivarsiitii Salaalee, Qaammee 5,2018
Hawaasa Yuunivarsiitii Salaalee Kabajamoo,
Bara 2018 E.C. nagaan xumuruun, bara haaraa 2019 E.C. simachaa jirra.
Yeroo kanatti, maqaa hoggansa Yuunivarsiitii Salaalee fi maqaa kootiin, hawaasa Yuunivarsiitii keenyaa hundaaf, akkasumas maatii keessan, barattoota, barsiisota, qorattoota, hojjettoota, hoggantoota, eebbifamtoota, michootaa, fi qaamolee dhimmamtoota keenya hundaaf baga bara haaraa geessan jechuun hawwii koo isa dhugaa isiniif ibsa.
Baga Ayyaana Bara Haaraa 2019 E.C. nagaan geessan!
Bara haaraan jijjiirama lakkoofsa waggaa qofa miti. Yeroo itti waan darbe irraa barannu, milkaa'ina keenya itti madaallu, hanqina keenya itti sirreessinu, akkasumas abdii fi kaayyoo haaraa horachuun gara fuulduraatti tarkaanfannuudha.
Bara 2018 E.C. keessatti Yuunivarsiitiin Salaalee hojiiwwan hedduu hojjeteera; bu'aawwan galmeesseera; akkasumas qormaata gara garaa keessa darbee muuxannoo fi barnoota hedduu argateera. Milkaa'ina kana keessatti gahee olaanaa kan taphattan barattoota, barsiisota, qorattoota, hojjettoota bulchiinsaa, hoggantoota, eebbifamtoota, michootaa fi hawaasa naannoo keenyaa hundaaf galata guddaan qaba.
Bara 2019 E.C. keessatti immoo barnoota qulqullina qabu, qorannoo bu'a qabeessa, kalaqa fi teeknooloojii, tajaajila hawaasaa, bulchiinsa gaarii, itti-gaafatamummaa, hojii garee fi jijjiirama dhaabbataa daran cimsuuf haa hojjennu.
Yuunivarsiitiin dhaabbata beekumsa uumuu, dabarsuu fi hawaasaaf tajaajila kennuun fuuldura biyya tokkoo ijaaruudha. Kanaaf, dhaloota beekumsa qabu qofa osoo hin taane, naamusa gaarii, dandeettii hoggansaa, kalaqa, itti-gaafatamummaa fi ilaalcha biyyaalessaa qabu horachuun dirqama keenya.
Bara haaraa kana keessatti tokkummaa keenya haa cimsinu; garaagarummaa keenya kabajnee waliin haa jiraannu; marii, obbolummaa, nageenyaa fi waliigaltee haa jabeessinu. Yuunivarsiitii keenya bakka beekumsi, kalaqni, aadaa fi tajaajilli hawaasaa itti dagaagu haa goonu.
Hawaasa Yuunivarsiitii Salaalee kabajamoo,
Bara 2019 E.C. bara abdii haaraa, hojii cimaa, tumsa cimaa, kalaqa, jijjiiramaa fi bu'aa qabatamaa itti galmeessinu nuuf haa ta'u.
Rakkoo gara carraa, yaada hojii, hawwii bu'aa qabatamaatti jijjiiruun, Yuunivarsiitii keenya gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf waliin haa hojjennu. Yoo hundi keenya kaayyoo tokkoon, amanamummaa fi itti-gaafatamummaan waliin hojjanne, Yuunivarsiitiin Salaalee gahee isaa guddicha misooma hawaasaa, naannoo fi biyya keenyaa keessatti qabu daran cimsachuu akka danda'u nan amana.
Dhuma irratti, maqaa hoggansa Yuunivarsiitii Salaalee fi maqaa kootiin, isiniif maatii keessaniif nagaa, fayyaa, gammachuu, milkaa'ina, badhaadhinaa fi bara hojii gaarii isiniif hawwa.
Bara haaraan keenya nageenya, tokkummaa, abdii, carraa fi badhaadhina biyya keenyaaf haa fidu!
Baga Bara Haaraa 2019 E.C. Geessan!
Waaqayyo Itoophiyaa fi Ummata Ishee Haa Eebbisu!
Kabajaa fi Hawwii Gaariin,
Dr. Feyera Dinsa Hundessa
Pireezidaantii Yuunivarsiitii Salaalee
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
የሰላሌ ዩኒቨርሲቲ ፕሬዝዳንት ዶ/ር ፈዬራ ዲንሳ የ2019 አዲስ ዓመት የእንኳን አደረሳችሁ መልዕክት
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
ውድ የሰላሌ ዩኒቨርሲቲ ማህበረሰብ፣እንኳን ለ2019 ዓ.ም. አዲስ ዓመት በሰላም አደረሳችሁ!
የ2018 ዓ.ም.ን በሰላም አጠናቀን አዲሱን 2019 ዓ.ም. ስንቀበል፣ በሰላሌ ዩኒቨርሲቲ አመራር እና በራሴ ስም ለእናንተና ለቤተሰቦቻችሁ፣ ለተማሪዎቻችን፣ ለአካዳሚክና አስተዳደራዊ ሠራተኞቻችን፣ ለአመራሮቻችን፣ ለተመራቂዎቻችን፣ ለአጋሮቻችንና ለሁሉም ባለድርሻ አካላት የእንኳን አደረሳችሁ መልዕክቴን እና ምርጥ ምኞቴን አቀርባለሁ።
መልካም አዲስ ዓመት!
አዲስ ዓመት የዓመት ቁጥር መቀየር ብቻ አይደለም። ያለፈውን ዓመት የምንገመግምበት፣ ከስኬቶቻችን የምንማርበት፣ ያሉብንን ክፍተቶች የምናርምበት እና በአዲስ ተስፋ፣ በአዲስ ጉልበትና በአዲስ ቁርጠኝነት ወደፊት የምንራመድበት የእድሳት ወቅት ነው።
በ2018 ዓ.ም. ሰላሌ ዩኒቨርሲቲ በትምህርት፣ በምርምር፣ በማህበረሰብ ተሳትፎ፣ በተቋማዊ ለውጥና በሌሎችም ዘርፎች ከፍተኛ ጥረት አድርጓል። ለተመዘገቡት ስኬቶች ሁሉ ለተማሪዎቻችን፣ ለመምህራንና ተመራማሪዎች፣ ለአስተዳደር ሠራተኞች፣ ለአመራሮች፣ ለተመራቂዎች፣ ለአጋሮቻችንና ለማህበረሰባችን ከልብ አመሰግናለሁ።
2019 ዓ.ም. ደግሞ የትምህርት ጥራትን፣ ውጤታማ ምርምርን፣ ፈጠራንና ቴክኖሎጂን፣ የማህበረሰብ ተሳትፎን፣ መልካም አስተዳደርን፣ ተጠያቂነትንና ተቋማዊ ለውጥን ይበልጥ የምናጠናክርበት ዓመት እንዲሆን በጋራ እንሥራ።
ዩኒቨርሲቲዎች የእውቀት ማዕከላት ብቻ ሳይሆኑ የሀገርን የወደፊት እድገት የሚቀርጹ ተቋማት ናቸው። ስለዚህ የሰላሌ ዩኒቨርሲቲ ተማሪዎችን በእውቀትና በሙያ ብቃት ብቻ ሳይሆን በሥነ-ምግባር፣ በአመራር ችሎታ፣ በፈጠራ፣ በኃላፊነትና በሀገራዊ እሴቶች የታነፁ ዜጎች ማፍራቱን እንዲቀጥል የጋራ ጥረታችንን ማጠናከር ይገባናል።
በአዲሱ ዓመት አንድነታችንን እናጠናክር፤ ልዩነቶቻችንን እናክብር፤ የሰላም፣ የመቻቻል፣ የመደማመጥና የመተባበር ባህላችንን እናዳብር። ሰላሌ ዩኒቨርሲቲን እውቀት፣ ፈጠራ፣ ባህልና ማህበረሰብ አገልግሎት የሚያብብበት የልህቀት ማዕከል እናድርገው።
ውድ የዩኒቨርሲቲያችን ማህበረሰብ፣
2019 ዓ.ም. የአዲስ ተስፋ፣ የጠንካራ ትብብር፣ የፈጠራ፣ የለውጥና የሚታይ ውጤት ዓመት እንዲሆን እንስራ። ችግሮችን ወደ እድሎች፣ ሀሳቦችን ወደ ተግባር እና ራዕዮቻችንን ወደ ተጨባጭ ውጤት በመቀየር ዩኒቨርሲቲያችንን ወደ ተሻለ ደረጃ ለማሸጋገር በጋራ እንትጋ።
በጋራ ጥረታችን፣ በቁርጠኝነታችን እና በተባበረ አመራር ሰላሌ ዩኒቨርሲቲ ለማህበረሰባችን፣ ለክልላችን እና ለኢትዮጵያ ልማት የሚያበረክተውን አስተዋፅኦ ይበልጥ እንደሚያጠናክር እምነቴ የጸና ነው።
በመጨረሻም፣ በሰላሌ ዩኒቨርሲቲ አመራርና በራሴ ስም ለሁላችሁም ለቤተሰቦቻችሁ ሰላም፣ ጤና፣ ደስታ፣ ስኬት፣ ብልጽግናና መልካም የሥራ ዘመን እመኛለሁ።
አዲሱ ዓመት ለኢትዮጵያችንና ለሕዝቦቿ ሰላም፣ አንድነት፣ ተስፋ፣ እድልና ብልጽግና ይዞ ይምጣ!
እንኳን ለ2019 ዓ.ም. አዲስ ዓመት አደረሳችሁ!
መልካም አዲስ ዓመት!
እግዚአብሔር ኢትዮጵያንና ሕዝቧን ይባርክ!
ከአክብሮትና ከመልካም ምኞት ጋር፣
ዶ/ር Feyera Dinsa Hundessa
የሰላሌ ዩኒቨርሲቲ ፕሬዚዳንት
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
Ethiopian New Year 2019 Message from Dr. Feyera Dinsa, President of Salale University
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
Dear Members of the Salale University Community,
As we bid farewell to the Ethiopian year 2018 and welcome the New Year 2019 E.C., I would like to extend my warmest congratulations and heartfelt New Year wishes to the entire Salale University community, our students, academic and administrative staff, leaders, alumni, parents, partners, and all our valued stakeholders.
Waggaa Haaraa Gammachuu! Happy Ethiopian New Year! መልካም አዲስ ዓመት!
The Ethiopian New Year is not merely a change of calendar. It is a moment of renewal, reflection, hope, and renewed commitment. It reminds us that every new beginning brings an opportunity to learn from the past, strengthen what we have achieved, correct what needs improvement, and work together toward a better future.
The year 2018 E.C. has been a year of important efforts, achievements, challenges, and valuable lessons for Salale University. I would like to express my sincere appreciation to our students, faculty, researchers, administrative staff, leaders, alumni, partners, and the surrounding community for your dedication, resilience, and contributions to the advancement of our University.
As we enter 2019 E.C., let us renew our collective commitment to academic excellence, quality education, impactful research, innovation, community engagement, good governance, institutional transformation, and human capital development. Let us make Salale University an even stronger center of knowledge, innovation, culture, and service to our society and our country.
Universities have a special responsibility in shaping the future of nations. Therefore, let us continue to nurture a culture of integrity, professionalism, inclusiveness, dialogue, respect, creativity, and excellence. Let us empower our students not only with knowledge and professional competencies, but also with the values, leadership skills, responsibility, and ethical commitment required to contribute meaningfully to society.
The New Year also calls upon us to strengthen our spirit of unity in diversity, peaceful coexistence, mutual respect, and collective responsibility. Ethiopia's strength lies in its people, its diversity, its history, its cultural heritage, and its shared aspirations for a peaceful and prosperous future.
As members of the academic community, let us contribute to this national aspiration through knowledge, evidence-based research, innovation, responsible citizenship, and meaningful community engagement.
Dear Salale University Community,
Let us make 2019 E.C. a year of renewed commitment, stronger collaboration, greater innovation, and measurable achievements. Let us transform challenges into opportunities, ideas into action, and aspirations into tangible results.
I am confident that, through our collective effort and unwavering commitment, Salale University will continue to advance its mission and make an even greater contribution to the development of our community, our region, and Ethiopia.
On behalf of the leadership of Salale University and on my own behalf, I wish you and your families peace, health, happiness, prosperity, and success throughout the New Year.
May the New Year bring renewed hope, lasting peace, greater unity, abundant opportunities, and prosperity to our beloved Ethiopia and its people.
Happy Ethiopian New Year 2019 E.C.!
Bara Haaraa Gammachuu!!
መልካም አዲስ ዓመት!!
With Best Wishes!!
Dr. Feyera Dinsa Hundessa
President, Salale University