Samuel Dereje Page

Samuel Dereje Page Maqaa Abbaa kan ilmaa kan afuura qulqulluu waaqa tokko Ameen.

Seerota Mana Kiristaanaa Sadeen jechuunis Doogmaa, Qannoonaa, Tufiitii (darbii darboo) kan eeggate Barnoota afuurawaa ni argattu.

Walaloo eebba faaruuhttps://t.me/walalooAOFaaruu fi Faarfattoota Barruudhaan qindeessuun sagalee bareedaniiWaaqayyo uuma...
03/02/2024

Walaloo eebba faaruu
https://t.me/walalooAO
Faaruu fi Faarfattoota
Barruudhaan qindeessuun sagalee bareedanii
Waaqayyo uumaa keessaan kunoo faarfattanii
Faaruun galataadhaa kan waaqayyo guddaa
Icciitii barsiisaa nutti himee waan hundaa

Gaddas ta'ee gammachuu ittiin ibsachuufii
Waaqa uumaa keenya ittiin kadhachuufii
Buddeen ergamootaa kan jedhe Daawwitii
Waaqayyoof faarfadhaa baraa hamma baraattii

Suraafeel Kiruubeel Faaruun faarfatanii
Qulqulluu qulqulluu qulqulluu jedhanii
Isaanirraa barree nutis ni faarsinaa
Waaqa uumaa keenya ni galateeffannaa

Egaa kunoo har'as waaqayyoon hayyamee
Ogummaan yeedaloo kunoo nuuf laattamee
Maqaasaa faarsinaa qabannee kabaroo
Masiinqoo, Ululleef meeshaalee kan biroo

Walaloon qindeessuun sagalee toluunii
Waaqayyoof faarfannaa sagalee kaasuunii
Kunoo Akka Izraa waaqayyoon faarfadhaa
Faarfattootni ka'aa maqaasaa jajadhaa

Akka abbaa Yaareed kan samii yeedaloo
Gurraaf Akka toluu barreessuun walaloo
Meeshaalee faarfannaan nuuf bareechitanii
Sagalee waaqayyoo eebbaaf geessistanii

Wal-gahii hayyootaan kunoo madaalamee
Sagalee waaqayyoo ta'uunsaa qoratamee
Har'a abboota amantaan eebbaaf kan qaqqabee
Saba biyya lafaaf wangeela lallabee

Akka Assaaf ka'aa faaruun gammachuunii
Hojiin keenya haa ta'u waaqa faarfachuunii
Akka ergamootaa ifaan kan guuttamnee
Qulqulloota gooftaa maqaasaanii waamnee

Ergamoota waaqaan koottaa koottaa jennee
Haadha waaqa uumaa abdii taasifannee
Arraboonni keenyaa kan waaqa faarfatuu
Kennaa addaa qabaa Gammachuu haa qabaatuu

Balee uffachuudhaan uffata faarfannaa
Yaa waaqayyo uumaa si galateeffannaa
Bara baraan ati jiraataadha yoomuu
Maaltu jira gooftaa wanti siif laatamuu

Faarfattootni faarsaa jalaa qabaa uummannii
Mana Kiristaanaa jiraadhaa baraanii
Mana Kiristaanaatti faarfanna ililleenii
Harka rukkutuudhaan ykn shibshaaboonii

Tsinaatsilii qabadhaa waaqayyoo faarfadhaa
Baraan jiraataadhaa maqaasaa faarfadhaa
Egaa galatatuu malaaf maqaasaafii
Innoo jiraataadhaa baruma baraafii
Samuel Dereje, 21/05/2016 Fitche
https://t.me/walalooAO

https://t.me/walalooAO/77

WALALOO AFUURAWAA An Naman jedhamaAn Naman jedhama isa kabajamaaInni na kabajee waaqayyoodha uumaaUumama addaati an isa ...
20/07/2022

WALALOO AFUURAWAA

An Naman jedhama

An Naman jedhama isa kabajamaa
Inni na kabajee waaqayyoodha uumaa
Uumama addaati an isa filatamaa
Simboo addaan qabaayyu isa jaallatamaa (2)

Fakkaachuun uumamnee waaqa keenya gooftaa
Kennaa addaat qabnaa gammadaa namootaa
Uumama diigdamii lamaan keessaa nuti adda taanee
Ergamtoota caalaa kabajaa argannee (2)

Waaqa nu kabaje maaliif hin kabajnuu
Kan soomaa jedhamne maaliidhaaf hin soomnuu
Balasii nyaachuudhaaf maaliidhaaf kan fiignuu
Nama ta'uu keenya maaloo haa yaadannuu

Namni dhugaa eenyu kan rabbiin jaallatuu
Nama ta'uu waaqaa yeroo hunda yaadatuu
Eenyu namni dhugaa kan haqaaf jiraatu
Ofiisarra darbee dhabaa kan yaadatu

Hiikkaan namaa maalii natti himi yaa namaa
Kan irraa fagaatuu yeroo hundaa hamaa
Abboommii waaqayyoo eegeetoo jiraataa
Hojiisaa gaariidhaan boqonnaa argataa
Hojiisaa gaariidhaan gannata argataa

Mee ati naaf himi jaldeessarraa dhuftee
Waaqni si kabajnaan maaliif kan salphiftee
Guyyaa jimaataa san biyyeef bishaan irraa
Harka hunda caaluun qilleensaaf abiddarraa
Jiraachuu yaaduu fi dubbachuu fa'a irraa
Sillaaseen uumamnee maaliif dogongorraa (2)

An sanyii namaatii hin beeku kan bineessaa
Waaqayyootu uumee namas ta'ee jaldeessaa
Nama waaqayyootu bifasaatiin tolchee
Kabajee addatti Edenitti galchee (2)

Maddaa keenya dhiisnee maaliif dogongorraa
Abbaa keenya ta'uu kiristoos maaliif irraa gorraa
Koottaa haa kabajnuu waaqa kabajamaa
Galata laannafii faarfadhaa yaa namaa (2)

Jireenyi namaatiis bu'aa bahii qabaa
Yeroo tokko fayyus yeroo tokko cabaa
Aaltokko Edanii ergasiis dacheerraa
Kanaan booda hin kufnuu manni keenya samiirraa (2)

Nama jechuun akkasii isa cubbuun dhiisnee
Oolmaa Kiristoosiis isa hin yaadannee
Ta'us nama keessaa qulqulloota qabnaa
Karaasaanii dhufneet waaqatti dhiyaannaa

Egaa Ani namaa mit sanyii jaldeessaa
Qaraaniyoo irratti argeeta fayyisaa
Kiristoos Iyyasuus adda jaalallisaa
Waaqa waaqotaatii kan nu tolches isaa

Ammaa nama jechuun kan waaqayyo beekuu
Malee miti akka milkool akkasumaan kan seequu
Nama dhugaa jechuun isa gaabbii galuu
Mana rabbii keessa isa tajaajiluu
Mana waaqaa keessa isa tajaajiluu

Barreessaan, Gulaalaan, Qubeessaan, Gulaalaan : Samuel Dereje
Telephone 📞 0920169519
Telegram 🖊️ https://t.me/Tajaajila
YouTube 📸
https://youtube.com/channel/UCXlY70K1RXHZ5QOOGTPr-fQ
Facebook ⚓ https://www.facebook.com/Tajaajila/

Daandii Samii Waa’ee Lubbuu nama  Cubbamaa Maqaa Abbaa, kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluutti amannee lubbuun nama cubbamaa ...
17/07/2022

Daandii Samii Waa’ee Lubbuu nama Cubbamaa

Maqaa Abbaa, kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluutti amannee lubbuun nama cubbamaa tokkoo addunyaa kanarra du’aan foon isheerraa adda baatee, deemsa ishee gara samiitti yeroo taasistu, qormaataawwanii fi rakkinoota isheerra gahan gabaabinaan kitaaba kana keessatti hubanna.

Olanii olanii manatti, jiraatanii jiraatanii du’atti akkuma jedhamu akkam yoo jiraataniyyu du’arra hin oolan waan ta’eef, namni akka tasaa ykn dhukkubaan ni du’a. Yeroo du’uttis qalluutti kan sagadu, Waaqayyoon kan kaadu, kan beela’e kan hin nyaachisne, kan dheebote kan hin obaasne, kan daare kan hin uffisne, keessummaa kan hin simanne, dhukkubsattoota kan hin gaafanne, kan hidhame raga ta’ee kan hin hiiksisne yoo ta’e yeroo lubbuunsaa foonsaa irraa adda ba’uuf dhiyaatu, seexanonni 3 ni ajajamuuf…

… dirsaanni sanbataa, yaa lubbittiin naan kottu kottu gatii cubbuu keetii fudhadhu akkuma jedhe ijasaa bobaasee ilkaan isaa ciniinnatee, “yaa lubbitti nana gatii cubbuu kee bara jireenya keetti hojjette kottu fudhadhu!” jedhee yeroo itti dhufu lubbittiin ni dhiphatti. Kana booda foonsheerra adda baatee mataa reefficharraa teessi. Ergamaan du’aa kun qeensa isaatiin waraanee kutee ilkaan isaan ciniinee alanfatee si’a sadii ishee tufa. Maaliif yoo jedhan, tokkummaa fi sadummaa Sillaasee hin barre jedheeti…

… Yeroo kana lubbiitti kanaan deemi, seeni, ce’i jedhu. Isheenis yaa gooftoolii koo mirgaan isaa galaana ibiddaa, bitaan isaa bolla ibiddaa, gidduu ishee karaa qal’oodha. Karaan kun kophee tokko hin dhaabbachiistu. Maalirra dhaabbadhee, maal qabadhee haa ce’u jettee gaafatti. Kana jechuunimma dura dure, “qaalluuf sagaduu dhiisuun, Waaqayyoon kaaduu dhiisun, sanbata shaaruu dhiisuun, tsoomii hambisuu dhiisuun, soba dubbachuu dhiisuun, adaraa namaa nyaachuu dhiisuun dura ture.” Kan beela’e nyaachisuun, kan dheebote obaasuun, keessummaa simachuun, kan dare uffisuun, dhukkubsataa gaafachuun, kan hidhame raga ta’anii hiiksisuun, seera Waaqayyoon jiraachuun, nama gaarii ta’uunimmaa dura ture malee, har’a geessee maalirra dhaabbadhee, maal qabadhee yoo jette ni ta’aa? Deemi, seeni, ce’i jedhanii harkisaa kuffisaa galaanichatti ishee dabalu….

… Kana booda Gooftaan ergamoota ifaan lubbitti kana, Anaan jibbaa seexana jaal’achaa, Mootummaa Waaqayyoo tuuffattee, ibidda gahannamaa filattee dhufteetti, booda foonshee lafarra kaasee, foonshee waliin tokko taasisee ibidda gahannamaatti hangan galchutti guyyaa 7f mootummaa Waaqayyoo dawwachiisuun guyyaa 8ffaatti si’ol galcha” jedhee ajaja…

… Lubbuun nama hamaa haala kanaan hamma guyyaa dhufaatii Gooftaa keenyaatti jireenyi ishee si’ol keessa ta’a. Si’ool kan jirtu eessadha yoo jedhan karaa dhihaa aduun karaa galtu yemmuu ta’u hundeenshee kan hin beekamne ibiddaa baay’ee gadfagoodha.

Barreffama daandii samii lubbuu nama hamaa keessa darbee darbee

. Tajaajiltoota Manneen Kiristaanaa Magaalaaf Baadiyyaa

Samuel Dereje Page

Waldaa Ijoollee Ortodooksii Oromiyaa

16/07/2022

fb. me/Tajaajila

  Haabta MaaramHin dagadhuu oolmaa keeHin dagadhuu gochaa keeAbbaa haabta maaram waa'ee keeHaabta Maaram ka'eetan adeema...
16/07/2022




Haabta Maaram
Hin dagadhuu oolmaa kee
Hin dagadhuu gochaa kee
Abbaa haabta maaram waa'ee kee

Haabta Maaram ka'eetan adeemaa
Dabra libaanoos
Eebba abbaa kootii
Anis argachuufii
Tsabalaaf Loomiisaan
Fayyina argachuufii
Dhukkuba kootirraa
Isaaniin fayyuufii

Haabta maaram siin kabaja Haabtiyyee
Ulfinan siif laadhaa
Kabajaa ati qabduu
Ka'eetan faarfadhaa
Warri si kabajee
Kabajaa argatanii
Gammachuuf ililleen
Mirgasaa dhaalanii

Haabta maaram kennaan kan kee addaa
Hundarraa kan caaluu
kan si'i jaallatee
gooftaan kan jaallatuu
Warri si salphisee
wayyoo dhuma isaanii
Abidda si'oolii
Isaan galuusaanii

Haabta maaram Qulqulluu Itoophiyaa
yaa goota amantii
akka muusee taatee
fuulli kees ifeetii
waaqayyoo waliinii
kan walitti dubbattee
dubrummaa maariyaamii
ragaa bahuuf kaatee

Haabta maaram kan kee hoo na dhiba
abbaa koo Haabtiyyee
Ulfinan siif laadhaa
yeroo hundaa dhaaphee
Iddoon deemu hundatti
waa'ee keen odeessaa
oolmaa ati naaf ooltee
addunyaattan labsaa

Haabta maaram Afuura hamootaa
kan baballeessituu
lafti afaan bantee

Akka liqimsituuf
Lafaaf samii gidduutti
Seexana kan hiitee
diinaa Ijoollee waaqaa
kan baballeessitee

Haabta maaram maaloo nuuf kadhadhuu
Waaqayyoo araaraa
Akka nuti hin bannee
Itoophiyaa adaraa
Waadaa keen nu eegii
Qormaata Seexanaa
Badiisa nu oolchii
Haabtiyyee si waamna

Nuuf kadhadhu Haabtiyyee (2)
Akka hin banne nuti ijoolleen kee

Waaqayyoof haa ta'u.
Faarfattuu Boontuu Taayyee



https://t.me/Tajaajila

Maqaa Abbaa kan ilmaa kan afuura qulqulluu waaqa tokko Ameen. Seerota Mana Kiristaanaa Sadeen jechuunis Doogmaa, Qannoonaa, Tufiitii (darbii darboo) kan eeggate Barnoota afuurawaa ni argattu.

  !!!√ Obbolessaa Kee Yooseef , fageenya baay'ee qaxxamuree soorata qabe kan dhufe , dabarsitee hin keenin .S. Uum 37:28...
15/07/2022

!!!

√ Obbolessaa Kee Yooseef , fageenya baay'ee qaxxamuree soorata qabe kan dhufe , dabarsitee hin keenin .S. Uum 37:28

√ Dhaalaa abbotaa keeti naaf keenni yoo sin jedhe Aka'aab , akkuma Naabuteen kennu didee Sana, atis dhaalaa Abboota keeti Kan tatee amantaa Kee , dabarsitee hin keenini. 1mot 20 ÷3

√ Akka Soomsoon iddoo humni afuurummaa Kee jiru , dabarsitee Hin keenin. Abboota firdi 16 ÷ 17

√ iccitii Mana kiristaana Ormootaaf dabarsitee hin keenin. Mat 6÷ 32

√ isaa ebbifamee sarootaf dabarsitee hin keenin. Mat 7:6

√ hambaa Mana kiristaanaa dabarsitee diinaaf hin keenin

√ Tajaajiltotaa waaqayyoo ,hiidhaaf , du'aaf, dabarsitee hin keenin . 1 Qor 4÷ 11 - 13, 2Qor 12 ÷ 10, 2 Qor 11÷ 27

√ Durbummaa Kee dabarsitee hin keenin. S.Uum 34÷ 1 -

√ mucummaa Kee dabarsitee hin keenin. Room 8:23, 8÷15, Ef 4÷30

√ Hangafummaa Kee garaaf, angoof , fayyidaa biyyaaf lafaaf jettee dabarsitee hin keenin. S.Uum 25 ÷ 30 - 34

√ Aangoo lubummaa Kee dabarsite hin keenin. 1 xim 3÷8

√ dhaqnaa Kee cubbuudhaf dabarsitee hin keenin. 1qor 3 ÷ 16 - 17 , 6÷19-20

√ Akka yihuuda qarshii fudhattee dhugaa dabarsite hin keenin.Mat 26 :15

Galanni Waaqayyoof haa ta'u. Bara baraan Ameen
only

12/07/2022
 Kan abbaa keenya Abuuna Gabra Manfas Qiddus (Gabra Hiwoot) ..................................     Maal jedhu waa'ee Kee...
12/07/2022



Kan abbaa keenya Abuuna Gabra Manfas Qiddus (Gabra Hiwoot)
..................................



Maal jedhu waa'ee Kee kee silahoo addaa
Abbaan kiyya si'ii inni yeroo hundaa
Maal jedhu Abuyee naaf kadhatte gooftaa
Amantaan na dhaabdee na dandeessisteertaa

Abuyee yoo jennuu kan Iskindiriyaa
Kadhaan kan fayyisee biyya Itoophiyaa
Raajiif qabsuurrisaa Silas nama dinqaa
Ijasaa nuuf kennee jaalallisaa haqaa

Egaa dhufne abbaa koo eebba Kee argachuuf
Dhiphuu keessa keenya isatti himachuuf
Aabboo Shabaliitti kunoo nuti dhufneerraa
Gidduu keenya bu'ii nu eebbisi harraa

Akka raaja Eermiyaas Gadaamessatti filatee
Akka nu fayyisuuf inni nuuf laatamee
Nu fayyisee dhufee wangeela qabatee
Aabboo abbaa keenyatu rakkoo nu oolfatee (2)

Waardiyyaa ciccimoo Leencaa fi Qeerransaa
Maal jedhu waa'eesaa kadhannisaa addaa
Leencota jaatamaaf sooraasaanii laatee
Qeerransoota Waliin siidha kan jiraatee

Kadhannaa kan keetu Gaara Zuqwaalaarraa
Situ nu fayyisee Itoophiyaa maraa
Waggaa dhibba guutuu situ nuuf dhaabbatee
Jaalala kan keetiin situ nu yaadatee

Tajaajilaa afuura qulqulluu hiikni maqaa isaa
Tsabalaaf Qabsuurri adda gochaan isaa
Nuti akka fayyinuuf qabsuuraan cimanii
Uummataaf biyya koo gaabbiif qopheessanii

Waa'eensaaniin dhumuu sinittin dheeressuu
Gabra Manfas Qiddus mee sinaa eebbisuu
Kanaaf qulqullootaa abdiin jiraattotaa
Nuti jiraatoodha amanaa namootaa

Barreessaan :

Adoolessa,05 Fiichee, Salaalee

https://t.me/Tajaajila

=MAQAA KIRISTAANUMAA/የክርስትና ስም/=✍Maqaa Kiristaanummaa ilaalchisee namoonni baay'een hubannoo waan qabnu miti, kan qabnus...
11/07/2022

=MAQAA KIRISTAANUMAA/የክርስትና ስም/=

✍Maqaa Kiristaanummaa ilaalchisee namoonni baay'een hubannoo waan qabnu miti, kan qabnus immoo salphisnee yoo ilaallutu mul'ata. Kanarraa kan ka'es baay'een keenyi maqaa keenya hin beeknu! Baruuf illee tattaaffii hin goonu. Maqaa kana ilaalchisee mee hubannoo xiqqoo waliif qoodna Waaqni Abboolii keenyaa nu haa gargaaru!.

✍Hiika: Maqaan Kiristaanummaa maqaa namni tokko guyyaa 40(dhiirotaaf) fi 80tti(Dubartootaaf) ykn erga kiristoosiin amanee guyyaa itti cuuphamutti maqaa Luba isa cuupheen moggaafamudha. Akkuma erga warra keenyarraa dhalannee maqaan nuuf moggaafamu kunis Sillaasee irraa dhalachuu keenyaan maqaa moggaafamudha. Manni Kiristaanaa kan isheen kana gootus kitaaba qulqulluu bu'uura godhachuudhaan. Kunis Waaqayyo namoota namoota hedduu seenaa isaanii qofa jijjiiruu osoo hin taane,maqaa haaraa moggaaseeraaf. Fknf:
👉Abraam ➢Abrihaam
👉Yaa'iqoob ➢Israa'el
👉Simi'oon ➢Pheexiroos
👉Saa'uul ➢Phaawuloos
✍Kanaafuu nuunis waaqayyo maqaa keenya kanaan nu beeka jechuudha. Maqaa kunis kan moggaafamu maqaa Qulqullootaanidha.

=Kaayyoon Isaa Maali?=
1. Yaadannoo Qulqullootaa akka ta'uuf: Raj.Isay 56:5 irratti Waaqayyo qulqullootaaf Maqaa hin badnee fi yaadannoo bara baraa akka isaaniif kennu ni dubbata. Kanaaf Manni Kiristaanaa immoo jecha lallabuu qofa osoo hin taane hojiidhaanis agarsiisaa jiraatti jechuudha.

2. Nama sanaaf Eebba akka tauuf: K.Fakn 10:6 irratti " Yaadannoon qulqullootaa eebbafidha" akkuma jedhu, namni sun maqaan isaa maqaa Qulqulluu sanaan waamamuu isaatiin hirmaataa waadaa fi Eebba qulqullichaa ta'a jechuudha.

3. Maqaa Itti waamamaati: Seenaa Mana Kiristaanaa keessatti akkuma baranne biyya keenya keessatti dhiibba Ahimed Giraanyi dura namni hunduu Maqaa kiristaanummaa isaan waamamaa ture. Yeroo sana garuu dhiibbaa hadhaa'aa Kiristaanummaa isaaniin isaan irra gahu jalaa miliquuf maqaa kan biraa moggaafachuu eegalan. Haa ta'u garuu har'uma iyyuu mana kiristaanaa alatti itti fayyadamuu baannus keessatti maqaadhuma kana fayyadamna. Fkf: Cuuphaaf, kadhannaa warra du'aniif, kadhannaa warra galchaa galchaniif, kadhannaadhaan walyaadachuif, walumaagalatti manni kiristaanaa maqaa kana qofaan nu beekti jechuudha.

=Maqaa Kiristaanummaa Moggaafamuu hin dandeenye!=

✍Maqaa Waaqayyoon kallattiitiidhaan moggaasuu: Fknf Amanu'eel, Elshaadaay, Iyyesuus, Adoonaay, welde/Ilma/ Maariyaam, Sillaasee .... Maqaaleen kun maqaa waaqayyoo waan ta'aniif nuyi ittiin waamamuu hin dandeenyu. Alkallattiidhaan garuu moggaasuun danda'ama. Fknf Welde Iyyesuus, Saahile Sillaasee.... Maqaa Qulqullootaa garuu kallattiinis ta'e alkallattiidhaan fayyadamuu dandeenya.

❓Warri Maqaa Kiristaanummaa keenya kan hin beekne akkam haa goonu??

✍Gaaffiin kun gaaffii nama baay'ee ta'uu danda'a. Hamma yoonaatti beekuu dhabuun keenyi gaarii miti. Kana booda garuu yoo danda'ame maqaa guyyaa itti mucummaa cuuphamnee maatii keenya ykn nama beeku gaafannee yoo barre gaariidha. Akkas yoo hin taane immoo Abbaa gaabbii baafannee akka isaan nuuf moggaasan gochuudha. Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Maddi fuula Telegram koo
👇👇👇👇👇👇👇

Duuka bu’aan Qulqulluu Taadewoos dhaloonnisaa gosa Yoseef keessa yommuu ta’u lakkoofsisaa kanneen dhukkubsatan fayyisaa ...
09/07/2022

Duuka bu’aan Qulqulluu Taadewoos dhaloonnisaa gosa Yoseef keessa yommuu ta’u lakkoofsisaa kanneen dhukkubsatan fayyisaa wangeela akka barsiisaniif aangoon kan isaaniif kenname duuka bu’oota kudha lamaan keessa isa tokkodha. . .
Olba’umsa Gooftaa keenyaan booda carraa isaaf ba’een gara Sooriyaatti deeme. . .

Raajiiwwaan baay’ee maqaa Gooftaa keenyan raawwaateera. Fkn
1. Guyyuma Facaafame Asheetu
2. Lubbuu dubartii ejjituu Kanaa fayyisuu isaa
3. Qaawwa lilmoo keessa gaala baasu isaa

Xumura Jireenyasaa
Bakkeewwaan adda addaa naanna’ee yeroo barsiisus baay’ooliin Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoositti amananii jireenya kiristaanummaan qabsuura isaanii jalqaban. Kana yeroo argu diyaabiloos, yihuudotaa fi kanneen hin amaniin keesa bulee duuka bu’aa kana ariyachuu jalqabe. Funyootiin mormasaa hidhanii gidiraa guddaa isaarra geessisanii maqaa Gooftaa Keenya Iyyeesuus Kiristoos akka hin waamnee fi maqaa isaan akka hin lallabne isa akeekkachiisan.

Inni garuu osoo hin sodaatiin Gooftummaa fi Waaqummaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos lallabaa turee adoolessa guyyaa 2 wareegamummaan darbe. Barri gidiraa mana kiristaanaa darbee Qusxinxiniwoos yeroo mo’u adoolessa 29 lafeensaa sooriyaati baafamee mana kiristaanaa maqaa duuka bu’aa kanaan Qusxinxiniyaatti ijaaramee keessa akka ta’u taasifame.

Waaqni qulqullootaa eebba Qulqulluu Taadewoos nurra haa bulchu
Galanni Waaqayyoof

Maddi :



Page kana Follow godhachuun Barnoota Amantaa Ortodooksii Tawaahidoo argadhaa.

Address

Fitche

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Samuel Dereje Page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Samuel Dereje Page:

Shortcuts

Share