20/04/2024
Jiāoota muraasaaf miidiyaa hawaasaa kanarraa fagaadhee, waa dubbachuus dhiiseen ture.
Barri bara itti dubbatanii kan dabe sirreessan, kan dheedhate bilcheessan taāuu didnaan; Kan dubbatu malee kan dhaggeeffatu dhibnaan⦠callisuu wayya jedheen callise.
Ajjeechaa yommuun dhagaāu obsan dhabe, qaama kootu na hollate! Amanuuf nan rakkadhe! Nama dubbatellee nama hin quuqne, nama tasgabbaaāaa, nama kabajamaa, nama yaadatti amanu, nama nagaa⦠akka sareetti gadi baasanii ajjeesanii gatan!
Wayyoo Battee! Wayyoo dhiira gaafa xiiqii! Dhiira gaafa rakkoo! Korma sodaa hin beekne, goota dhugaarraa hin dheessine!
Ajjeechaa booda gaafa nutti dukkanaaāu; waan dubbannuufi akka itti dubbannu yommuu wallaalu situ dhugaa Oromoo dubbate! Situ abdii nutti h**e! Ati nama tokko miti, sagalee Oromoo hundaa turte!
āYaadatti amanna, karaa nagaatti amannaā jetti! Sobaafi fakkeessaa! Mootummaan yaadatti amanu nama akka kee kunuunsee kabaja kennaaf malee akka sareetti ajjeesee hin gatu!
Yaa qulqulluu namaa; dhiigni kee gatii qaba! Waaqayyo gumaa kee ni baasa!
Nuti silaa dhaloota ganama hidhii xuuxee, waaree booda dhiichisudha! Nu hin abdatiin Battee koo!
Nagaan boqodhu!