Barumsa Diin Islaama Irra Wal Barsiisuf

Barumsa Diin Islaama Irra Wal Barsiisuf Page tun Baruu fi barsisuu irratti xiyyeffatti kanaafuu muslimni hundi LIKE Obbolessa kee immoo INVITE Godhun itti affeeraa dirqama islaamumma haa baanu

Pega kana like godhun hundi muslimaatu hordofa.

Ilaalcha dogoggoraa Amantaa islaamaa irratti haasawamu ~~\\~~ilaalcha dogoggoraa warroonni Amantaa islaamaa hin ta'in is...
26/10/2017

Ilaalcha dogoggoraa Amantaa islaamaa irratti haasawamu
~~\\~~
ilaalcha dogoggoraa warroonni Amantaa islaamaa hin ta'in islaamummaa irratti haasawan irraa tokko Amantaan islaamaa dhiirri tokko jaartilee yookaa durboota 2 ol fuudhuu maalif hayyamte ka jedhuudha:
~~~~~~~~~~~~
Warroonni amantaa islaamaa hin ta'in kun akkana jedhan dubartii 1 ol fuudhuun sirrii miti gama diinagdee fi Amantiin illee dubartii 1 ol fuudhuun aadaa duubatti hafaadha jedhu

Deebiii πŸ‘‡
~~~~~~
Mee dursa waa'ee dhiirri tokko jaartii tokko ol qabaachuu qur'aanni maal jedha haa ilaallu

Qur'aanni waa'ee kanaa maal jedha?
\~~~~~~~~~
Rabbiin suuratunnisaa'i basmalaata 4 aayata 3 irratti dubartoota irraa ka feetan 2 yookaa 3 yookaa 4 fuudhaa yoo wal hin qixxeessinuu sodaattan ammoo 1 qofa fuudhaa jedha:qur'aanni daangaa nuuf kaa'e:ka durba 1 ol fuudhuu dandeettu yoo haqa isaanii wal qixxeessite qofa jechuudha

Mee wangeellihoo maal jedha?
~~~~~~~~~~~~
Yoo wangeela irra ilaalle warroonni jaartilee 1 ol fuudhan hedduudha:mee maqaa isaanii muraasa haa kaasnu
πŸ‘‰1ffaa jaatii 2 fuudhe maqaan isaanis fi
2ffaa jaatilee 2 fuudhe xomboree yookaa gabra 2 fuudhe:yaaqoob 4 fuudhe jechuudha
Maqaan isaanis jedhamu:
πŸ‘‰3ffaa jaartilee 3 qabu irratti erga gara yerusaalem deemee dubartoota hedduu 3'n duraan qabu irratti dabalee fuudhe:
jaartilee 700 fuudhe
5ffaa jaartilee 2 fuudhe
6ffaa jaartilee 14 fuudhe

wangeela keessatti namoota gaggaarii jaartilee hedduu fuudhan argineerra;
Ammas wangeela keessatti bakki jaartii tokkoo ol yoo fuutan cubbuudha jedhu hin jiru:
Maarree erga wangeelli hin dhoorkinii yoo fuune maal rakkoo qaba??

Mee deebii ammas logical(sammuun)haa ilaallu waan dhiirti tokko durba 1 ol fuudhuun hayyamameef
πŸ‘‰1ffaa baay'ina shamarraniitu baay'ina dhiiraa caala
πŸ‘‰2ffaa dhiirri balaa waraanaatiin du'a
πŸ‘‰3ffaa yeroma dhalatanii sadarkaa ijoollummaa (pidriyaatrik)keessattiyyuu ijjoollee dhiiratu shamarran irra du'a

Kanaafuu akka Addunyaan jettu dhiirti hunduu jaartii takka takka qofa yoo fuudhe shamarran heddutu heeruma malee hafu jechuudha:dubartiin heeruma malee yoo hafte tarii sagaagalummaa keessa seenuu dandeessi:sababa kanaaf jecha Amantiin islaamaa dubra 1 ol fuudhuu nuuf hayyamamte.

29/04/2017

Assalaamu Aleykum warahmatulahi wabarakaatu.
Ergamaan Rabbi s.a.w akkana jechuun dubbataniiru. Guyyaa qiyaamaa miilli nama tokko illee hin socho'u hanga waan afur irraa gaafatamutti: umrii isaa irra akkamitti akka dabarse, qaama isaa irraa akkamitti akka itti fayyadame, qabeenya isaa irraa eessa akka argatee fii maal irratti akka oolche,beekkumsa isaa irraa maal akka itti hojjate.
Yaa obbolewan islaama If ha yaadannu

Assalaamu Aleykum warahmatulahi wabarakaatu cufti muslimaatu. Maasha allahBarumsi keenya akkuma itti fufe jira.Barumsi k...
26/04/2017

Assalaamu Aleykum warahmatulahi wabarakaatu cufti muslimaatu.
Maasha allah
Barumsi keenya akkuma itti fufe jira.
Barumsi keenya kan arra harkaana ihsaana kan barannu taha.
*Harkaani ihsaana utuba tokko qaba
*ati rabbi gabbaruu dha
*akka waan ijaan laalte gartuti
*ati arguu baattule
*inni si arga

Asslaamu Aleykum warahmatulahi wabarakaatu hundi muslimaatu barumsi keenya kan arra   jahan (6)kan barannu taha isaanis1...
25/04/2017

Asslaamu Aleykum warahmatulahi wabarakaatu hundi muslimaatu barumsi keenya kan arra jahan (6)kan barannu taha isaanis
1ffa ati rabbitti amanudha.
2ffa malayka isatti amanudha.
3ffa kitaabota isatti amanudha/tawraat,injiil , zabur, furqaan.
4ffa ergamtoota isatti amanudha.
5ffa guyya qiyaama sanitti amanudha.
6ffa hamtu si qunnamu fi toltu si qunnamu rabbumarraahi jatte amanudha.arraf asittin dhaaba yaa obboleyyan kiyya warra waan dhagahe itti hojjatu rabbi nuha godhu. As wr wb

Asslaamu Aleykum warahmatulahi wabarakaatu Barumsi keenya kan arra harkaana islaama 5nan kan barannu taha isaanis.1ffa a...
24/04/2017

Asslaamu Aleykum warahmatulahi wabarakaatu
Barumsi keenya kan arra harkaana islaama 5nan kan barannu taha isaanis.
1ffa ati raga bahuudha haqaan gabbaraman dhuga akka hin jirre rabbi tokkicha male muhamadis ergama isaa tahun raga baha
2ffa salaata dhaabudha/irrati jabaachudha
3ffa zakaa ifirra baasudha/kannachudha
4ffa soomana soomanudha
5ffa mana rabbi kabajama san dhaqani ziyaarudha yoo sinqii sanin dheyxu qabaate

Address

Dire Dawa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Barumsa Diin Islaama Irra Wal Barsiisuf posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category