15/05/2026
Ramaddiin Hooggantoota Yuunivarsiitii Dorgommiidhaan ta'uuf akka tahe himame.
Ramaddiin hooggantoota yuunivarsiitii adeemsa qoodinsa sanyii (ethnic composition) irraa gara sirna dorgommii biyyaalessaatti akka jijjiiramu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.
Kunis, hooggantoonni beekumsaa fi dandeettii qaban qofaan akka filataman gochuuf kan itti yaadameedhas jedhame.
Akka qajeelfama haaraa kanaatti, dhaabbileen barnoota ol’aanoo mootummaa dhiibbaa siyaasaa irraa bilisa akka ta’anii fi giddugala qorannoo fi qo’annoo dhugaa akka ta’an ni taasifama.
Ministeerri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa hawaasa Yuunivarsiitii Asosaa waliin marii taasisaniin akka ibsanitti, yuunivarsiitiiwwan bakka sanyiin itti walgurmeessani fi wal qooda osoo hin taane, bakka bilisaan itti yaadamuufi dandeettiin itti calaqqisu akka ta’an xiyyeeffannoon hojjetamaa jiras jedhan.
Fuulduratti muudamni hooggantoota yuunivarsiitii beeksisa dorgommii ifa ta’een, beekumsaa fi dandeettii dhuunfaa qofa irratti hundaa'uun akka raawwatamus mirkaneessaniiru.
Dhaabbileen kunniin dhiibbaa siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta’uun qulqullina barnootaa fi qorannoo irratti akka xiyyeeffatan ni taasifamas jedhan.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!