Dhugaaf jirra

Dhugaaf jirra Ham

30/12/2023

✨Meeshaa lolaa guddaan seexanni dhaloota ittiin ajjeesuuf fayyadamu inni jalqabaa fi dhumaa abdii kutachiisuudha!✅

Abdii hin kutatiin(Don't give up)

'Ani amma achi abdii hin qabu,ani
maaliifan addunyaa kanarra jiraadha?

Jiraachuu koo manna osoo du'ee wayya'....yaadni jedhu sammuu keetti dhufee beekaa ykn ammoo nama akkas jechuun dubbatu dhageessee beektaa? Eeyyeen namootni baay'ee yeroo garagaraatti haala garagaraa keessa ta'anii miirri akkasii sammuu isaanii keessatti keessumeessuu danda'u.

Ega ka miirri akkasii kun miira abdii kutannaati.Jireenya keenya keessatti abdii kutachuun ammoo gara fulduraati tarkaanfachuu nu dhoorkuun waan baay'ee nu dhabsiisa. Hundi keenyaa addunyaa kanarra kan jiraannu abdiidhaani. Kanaaf Abdiin bu'ura jireenyaati jechuu ni dandeenya.

Abdii kutachuun bakka yaadne akka hin geenye nu hanqisa. Namootni abdii kutatan yeroo baay'ee carraan bakka yaada isaanii gahanii xiqqaadha. Namni bakka yaada isaa hin gahin hafe ammoo jireenya isaa keessatti gammachuu dhabuun; muka'uu(depressed), dhiphachuu, sodaa, ofitti amantaa dhabuu(lack of self confidence) akkasumas of ceepheessuu fi of cinquun hanga sammuu isaatti yaada of ajjeessu qabachuu mala...bifa kanaan yaalii of ajjeesuu raawwatanii carraadhan kan hafan baay'eedha.....kan yaadni of ajjeesuu isaanii milka'eefi of ajjeesanis jiru.

Maarree, barrafama tana yoon qopheessu namootni miira abdii kutanna keessa jiranii ija isaanii akka saaqatan fi rakkoo isaanii kallatti biraatiin akka ilaalanii fi abdii isaanii haromfachuu akka isaa dandeesisu yaaduuni.

Namni maaf abdii kutata?
"Bu'uura rakkoo beekuun; furmaata rakkoo sanaa walakkaadhaan akka argachuuti" Abdii kutannadhaaf sababawwan gurguddoon:

1.Haala jireenya naannoo itti jiraannu (Environmental factor)

2.Hanqina dandeetti dhuunfa (personal inadequacy factor)
3.Waldhabbii fedhii keenya (conflict of interest) dha godha

30/12/2023

"Kaayyoo kee irratti xiyyeeffachuu gaafa jalqabdu namoota hedduu dhabuu jalqabda.Namoota jaallattuuf kabajju, namoota kaleessa "siif jirra" jechaa turan, namoota adeemsa si jalqabsiisan, namoota fakkeenya siif ta'an, keessumaa immoo, namoota guddiftee isaan eegduuf, jireenya kee keessatti bakka guddaaf kabaja guddaa kennituuf dhabuu eegalta."

23/12/2022

muniradachas's short video with ♬ original sound

22/09/2022

FAA'IZ -CINAAKSAN's short video with ♬ original sound

05/08/2022
18/02/2022
08/02/2022

Barri baraan

Like jechu hindagatin
05/02/2022

Like jechu hindagatin

Address

Sappiyan
Dire Dawa
GORRO

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dhugaaf jirra posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category