26/09/2025
Allahuma salli
Alaa Nabiyyanaa Muhammad Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
waa'ee oromoo fi oromiyaa odeeffannoo dhugaa Isin biraan gahuuf hojjaanna.
Allahuma salli
Alaa Nabiyyanaa Muhammad Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
Allahuma salli Alaa Nabiyyanaa Muhammad Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
Abdi dhaloota.
Karaa Qaceelloo.
Daandii Milkaa'inaa Ganda lamaani .
Yaa Allah Haaja kiyyaa Hunda situ Beeka Naaf Guuti .
Alhamdulillaahi Arra gahuunu sumaani.
Oduu Gammachiisaa!
Afaan Oromoo Afaanota Itoophiyaa Google irratti tajaajila hiikaa (translation) kennaa jiran keessaa dursa qabate!
Afaanonni Itoophiyaa Google irratti tajaajila hiikkaa (Google translation)kennan 4 yoo ta'an,Afaan Affaar immoo afaan shanaffaa ta'ee tajaajila eegaluuf imala irra jira.Afaanota kanneen keessaa Afaan Amaaraa fi Somaalii dursanii tajaajila hiikkaa kan eegalanii turan.Bara 2022 Afaanota 24 carraa dijitaala'uu argatanii tajaajila hiikka eegalan keessa akka Afrikaatti 10,akka biyya keenyaatti immoo afaanota 2 keessaa Afaan Oromoo isa tokko.Qabiyyeen Afaan Oromoo Google irratti fe'ame hammaan xiqqaa fi qulqullin kan hin qabne ture.
Hanqina qulqullinaa furuu dabalatee,qabiyyeen Afaanichaa guutuun guututti irratti akka fe'amuuf Afan Africa AssociationAfan Africa Association - 3A3A hayyoota gurmeessee hojjachuu erga eegalee gama qulqullinnaatiinis ta'ee,qabiyyee guddaa ol fe'uutiin jijjiiramni jiru kan nama gammachiisuudha.
3A'n hayyoota Yuunivarsiitii 100'tti dhihaatan kutaalee Oromiyaa hundarraa bifa loqoda Oromoo hunda jiddu-galeeffateen qindeessee hojjachaa akka jiru ibsuun keenya ni yaadatama.Dabalataniis ,KBB Oromiyaa (13) hojii Afaan Oromoo dijitaalessuu akka hojjatan,3A waliin ta'uun kallattii kaa'ee koolleejjonni hojiitti galaniiru.
Erga koolleejjonni hirmaachuu jalqabanii daataan irratti galchaa jirru saffisaan dabaleera.Guyyaa kaleessaa irraa eegalee daataan Afaan Oromoo Google irratti gale miiliyoona 2'tti kan dhihaatu yoo ta'u,kana keessaa kuma 323 ol Afaan Ingiliizii irraa gara Afaan Oromootti hiikkameera.Kanaanis Afaan Oromoo Afaanota Itoophiyaa Google irratti tajaajila Hiikkaa kennan hundumaa dursaa jira.
Hayyoonni keenya hojii kanatti cichitanii halkaniif guyyaa hojjachaa jirtan galata guddaa qabdu! Ammas jabaannee Afaan Oromoo guutuun guututti ni dijitaalessina! Ummanni bal'aan immoo waan qabuun deeggaruun dirqama eenyummaati!
Saba Jechuun Maali?
************************************
Jalqaba kan uumame abbaa keenya Aadam qofa ture. Ergasii Hawwaan uumamte. Isaan lamaan irraa namoonni baay’een addunyaa kana irratti uumaman. Kana ilaalchisee Rabbiin ni jedhe:
{يَا أَيُّهَا النَّاسُ اتَّقُوا رَبَّكُمُ الَّذِي خَلَقَكُمْ مِنْ نَفْسٍ وَاحِدَةٍ وَخَلَقَ مِنْهَا زَوْجَهَا وَبَثَّ مِنْهُمَا رِجَالًا كَثِيرًا وَنِسَاءً وَاتَّقُوا اللَّهَ الَّذِي تَسَاءَلُونَ بِهِ وَالْأَرْحَامَ إِنَّ اللَّهَ كَانَ عَلَيْكُمْ رَقِيبًا} [النساء: 1]
Yaa namootaa! Gooftaa keessan Isa lubbuu tokkittii (Aadam) irraa isin uumee, isii irraa cimdii ishee (Hawwaa) uumee, isaan lamaan irraa dhiirotaafi dubartoota baay’ee tamsaase sodaadhaa. Rabbii ittiin wal kadhattaniifi firummaa [muruus] sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin isin to’ataadha. [Annisaa’i: 1]
Yeroo sanatti wanti saba jedhamu hin turre. Booda erga namoonni baay’ataa dhufanii namoota kana adda baasuuf barbaachisaa ta’ee waan argameef eenyumaan baay’een uumamuu danda’e. Garuu namoonni yeroma sana irraa kaasanii firoomaan hariiroo uumaa deeman. Saboonni yeroo ammaa addunyaa irratti beekaman baay’een isaanii warra booda Nuuhii qoodamaniidha. Akkuma dubbannee dabarsine ilmaan Nuuh kan addunyaa kana irratti tamsa’an sadantu hortee gurguddaa ta’an. Yoo saba keenya fudhatte isaan keessaa Kuush ilma Haamitti seena. Oromoon immoo kan isaan irraa adda ba’e bara dheeraa booda. Kana jechuun qoodamiinsi sabaa amma jiru kun yeroo booda kan argameedha. Fkn bara namni Kuush jedhamu sun jiraataa turetti wanti saba Oromoo, Affaar yookiin Sumaalee jedhamu hin turre. Osoo abbaa keenya sana saba Sumaalee yookiin Oromoo jedhu gaafattee hin beeku ture. Afaan Oromoos ta’ee Affaar hin dubbatu ture. Garuu numa hundaafuu abbaadha. Isa booda ilmaan isaa baay’atanii wal qooduudhaan saba adda addaatti fottoqan. Kanaafuu nuti saba amma jiruun abbaa keenya sanaan adda taana.
Ogga kana jennu qoodamiinsi sabaa amma jiru barbaachisaa miti jechuu akka hin taane ifaadha. Qoodamiinsi sabaa amma jiru barbaachisaa ta’uu bira darbee dirqama; inumaayyuu uumama waan ta’eef eenyunuu dhabamsiisuu hin danda’u. Gara fuulduraattis qoodamiinsi sabaa kun itti fufuu ni danda’a. Ilmaan abbaa tokkoo saba adda addaa ta’anii fottoquun ni mala. Fkn Ibraahiim ilmaan Ismaa’iiliifi Is-haaq jedhamu qaba ture. Ilmaan Ismaa’iil hunduu Araba ta’an; kan Is-haaq immoo Israa’iilii ta’an. Aadaafi afaan isaaniis adda ta’e. Yeroo ammaa sabni hanga isaanii wal jibbu addunyaa irra hin jiru. Saboonni biroos akkasumatti uumaman. Oromoonis jalqaba nama tokkotu dhalatee Oromoo jedhamee moggaafame. Sana booda ilmaan argate; ilmaan isaatu saba Oromoo jedhamee waamame.
Akkasumas namni kamuu Guyyaa Qiyaamaa sabni isaa hin gaafatamu. Homaas isa hin fayyadu. Kan nama fayyadu hojii gaariifi amantii isaa qofa. Kanaafuu Rabbiin akkana jedhe:
{فَإِذَا نُفِخَ فِي الصُّورِ فَلَا أَنْسَابَ بَيْنَهُمْ يَوْمَئِذٍ وَلَا يَتَسَاءَلُونَ (101) فَمَنْ ثَقُلَتْ مَوَازِينُهُ فَأُولَئِكَ هُمُ الْمُفْلِحُونَ (102) وَمَنْ خَفَّتْ مَوَازِينُهُ فَأُولَئِكَ الَّذِينَ خَسِرُوا أَنْفُسَهُمْ فِي جَهَنَّمَ خَالِدُونَ (103)} [المؤمنون: 101 - 103]
Yeroo xurumbaan afuufame (qiyaaman ga’e), guyyaa san firummaan (sabni) gidduu isaanii hin jiru; walis hin gaafatan. Namni madaalli [hojii gaarii] isaa ulfaatte, isaan sun warra milkaa’oodha. Namni madaalli isaa salphatte immoo, isaan sun warra lubbuu isaanii hoongessan. Jahannam keessatti hafoo ta’u. [Almu’uminuun: 101-103]
Sabaan adda ba’anii beekamuun kun yeroo hanga murtaa’e qofaaf tura. Fakkeenyaaf saboonni Kuush qoqqoodamanii Oromoo, Sumaalee, Affaar fi kkf jedhamuun naannoo waggaa kuma sadii hin caalle. Guyyaa Qiyaamaa saba kanaan beekamuufi fayyadamuunis hin jiru. Har’a garuu addunyaa irratti ittiin beekamuufi fayyadamuun ni danda’ama. Aayatichi waan Guyyaa Qiyaamaa fayyadus dabalee nutti himeera. Namni hojii toltuun isaa madaala irratti ulfaate milkaa’aadha jedhe; yoo isiin salphatte immoo hoonga’uun isaa mamii hin qabu. Namni colleen guyyaa sanaaf qophaa’uu qaba. Kan inni ittiin qophaa’us iimaana jabeeffachuu, hojii tolfachuufi amala gaaromfachuudha.
Kitaaba Oromummaafi Islaamummaa kan Gali Ababor qopheesse boqonnaa sadii irraa fudhatame.
Kitaabicha telegraamii kana join godhaa buufadhaa dubbisaa https://t.me/glababor/435
Barnoota viidiyoos seenaa daawwadhaa https://youtu.be/5NBEOj6UHpE
Jummaa mubarak
To All Muslim Brothers and sisters
Around the world.
❤️❤️❤️
Abbaa qabeenyaa keenya warra safuu fi aadaa beeku warra kabajaa namummaa beeku warra sirna gadaan bulu qe'ee Gujii gurraacha Girjaa obbo Sayid Daamxee Halloon gaafa rakkattee bakka qubattu dhabdee takka asii takka achi rakkattu yeroon mana waan bitteefii kabajaan keessatti boqachiiftee jiraachifteef reeffa mana ofii ishee keessaa akka ba'u gootee qabeenyas ilmaan ishee dhaalchifteef ati horii bulii deeban!
Rakkoon gosa kee abbaa torbaan si biraa hin ga'in! Qabeenya horte wajjiin ilmaan kee fi maatii guutuun fayyaadhaan nuu buli. Qabeenyi kee ammas kana caalaa haa guddattu. Ammas nama rakkateef nama rifatu rabbi si haa taasisu. Galgalli kee haa midhaagu! Warra gaafa duunu qofa wal gaggeessuuf wal dhiphisu osoo hin taane warra jireenyaatti wal gaafatee walii birmatu nu haa taasisu. Obbo Sa'id ati gaabbii hin qabdu.
Galatoomi qofa siin jechuuf!
SEENAA GABAABAA ARTIST HALLOO DAAWWEE.
Aartistii Kabajamtuu Halloo Daawwee (maqaa guutuun Halimaa Daawwid) haadha isii Faaxumaa Hassanii fi Abbaa isii Daawwid Abdullaa Alii irraa , maayyii sirna mootummaa H/silaasee tilmaaman naannoo bara 1950'moota A.L.I'ti, Oromiyaa Bahaa magaala Dirree Dhawaa irraa gara bahaatti xiqqo fagaattee tan argamtu araddaa Biyyoo Awwaallee bakka addaa Bishaan Bahe ja'amuun beekkamutti dhalatte. Daa'imummaa isiitti maatii waliin magaalaa Dirree Dhawaatti galtee achumattiis guddatte. Halloon hawaasa isii fi maatii isii biratti daa'imummaan jaalatamtuu, faxinaa fi cimtuu tan waan agartee fi dhageeyse hunda qabattu waan taateef maqaa isii kan maatiin Haliimaa ja'anii moggaasaniif irraa gara Halloo'tti jijjiirame. Halloo jechuun maqaa muka jabaa (cimaa) baay'inaan naannawa gammoojjiitti marguu dha. Halloon umrii joollummaa irraa hanga jabaattutti harka caalu akkoo isii (haadha haadhaa isii) tan maqaan Kadijaa Hassan ja'amtu biratti akka guddatte himama. Iccitiin beekkumsa, sabboonummaa fi gootummaan isii kan eega guddatte booda mul'ifte manguddittii jabduu fi beektuu harkatti guddachuu irraa akka tahe akeekama. Akka aadaa Oromootti namni akkoo biratti guddate sodaa fi laafina akka hin qabne afoolaan himama. Artisti Halloo Daawweetiis gamnummaa, gootummaa, ejjannoo, sabboonummaa, murannoo, seenaa fi jaalala Sabaatiis ganamumaan malkaa caayaa akkoo isii fi burqaa manguddootaa keeysaa waraabachaa guddachuu seenaan isii ni mirkaneessa.
Halloon joollumumma isii irraa haala naannoo itti guddattee fi akkaataa faxinummaa isii waliin dandeeytii fi beekkumsa sirnoota aadaa ganamaa horachuu madditti kennaa wallee fi weedduu qabaachuu daran shamarree dhugaa fi haqa eenyummaa Saba isiitiif falmitu ganamumaan tahuutu himama. Haloon ifaan ifatti osoo gara Aartii dhuftee hin beekkamin dura hiriyootaa fi geeloota isii waliin shaggooyyee, hurrubsuu fi heellee dabalatee weedduuwwan aadaa hawaasa keessa turan dhawwaaquun beekkamtii fi jaalatamummaa guddaa horachaa deemte. Yeroo Haloon ifatti gara dirree artii Oromoo dhuftu umriin isii ijoollee Waggaa 15 gadii tahuutu himama. Sochiin jaarmaya (jammaata) hawaasa Oromoo magaalaa Dirree Dhawaa fi guddinni artist Haloo Daawwee waluma maddii deemaa turan. Duraan manguddoonni Afran Qalloo naannawa Dirree Dhawaa jiraatan adduma addatti jaarmaya bifa garagaraa tolfatanii jiruu fi jireenya, gadda fi gammachuu gaggeeffachaa kan turan yoo tahu dhiibbaan hoggansa mootummaa nafxanyaa Afaan, Aaadaa fii duudhaa Oromoo balleessuuf, ilmaan Oromoo bakka bakkatti ijaaramanii kopha kophatti dhawee barbadeessuuf xiyyeeffatee sochiin godhaa ture isaan yaachisuun maqaa tokkoon gaaddisa tokko jalatti jaaramuun dirqama tahuu isaan barsiise. Haaluma kanaan maayyii bara 1950'mootaa irraa hanga 1962 A.L.H'tti moggaasa guddaa fi jabaa maqaa “Afran Qalloo” ja'u jalatti ijaaraman. Yeroo kanatti manguddoonni Afran Qalloo kanneen mootummatti irkatanii kan sossoo'an osoo hin taane if danda'anii akka jaarmaya jabaa tokkootti kan gurmaa'anii ifii isaaniitiif if hogganaa kan turan tahuu manguddoonni seenaa ni ibsan.
Bu'ureessitoota jaarmayichaa kan tahan manguddoonni baay'een yeruma sanuu hojii daldalaa irratti kan bobbahanii fi dureeyyoota tahuutu ibsama. Manguddoonni yeroo dukkanaa sanitti dammaqa cimaa qabaaachaa turanii fi jaarmaya guddaa bu'ura qabsoo mirgaa fi dagaagina artii Oromoo tahe Afran Qallo eega jaaran booda damee garagaraatiin hawaasa dammeeysuu irratti ciminaan hojii isanii gaggeeysaa turan. Hojiileen manguddoonni kun itti sossoo’aa turan keessaa Afaan, aadaa, aartii fi duudhaan Oromoo akka hin banne eeguu fii abbummaa Oromoon lafa Dirree Dhawaa irratti qabu ambaan akka hin ukkaamamne tiiysuun dameelee ijoo ture. Haala kana mirkaneessuuf ammoo bifa garagaraa gurguddaa lamaan adeemsisuuf karoorfatan. Inni tokko gareelee hawwisoo magaalaa Dirree Dhawaa keessatti ijaaruu fi tan faffacaatee argamtuus walitti tokkoomsuun cimsuu dha. Inni biraa ammoo gara barnootaatti hawaasni Oromoo akka hirmaannaa godhuufii mana barnootaa ijaarsisuun akka itti baratan godhuu dha.
Sossoo'a jaarmaya Afran Qalloo hanguma cimaa deemuun Hallooniis umriin dabalaa dhufuu waliin jalqaba bara 1960'moota keessa gaafa hawwisoon bifa addaatiin ijaaramaa dhuftu, tan duraan sirnaan jaaramuu baattullee gurmii qabaattuus sirna dhabuun bakka bakkatti faca'aa turte bakka takkatti walitti agaaduun daran jabaachaa dhuftu, Halooniis dhawaatumaan cimaa kennaa artii laphee isii keessaa wajiijamu if keessatti dhageeffachaa, jaarii fi hubboo isii keessaa falaqqisu hubachaa, sammuu fi qaamaaniis bilchaachaa dhufte. Halloon dandeeytii fi kennaan artii tan ganamumaan Waaqa irraa kennameef tahuu hojiilee isiin bara jireenya isii keessatti roga aartiitiin hojjatteetu ragaa guddaa dha. Halloon artistii qofaas miti qabsooytuu hidhannoos ba'attee bosona Oromiyaa hedduu keessa labaa, diinaas laboobaa turtee dha. Bara 1962 keessa gaafa hawwisoon artii Oromoo keessatti hangafa taate Urjiin Bakkalchaa ijaaramtee waraaqsa artii roga sirbaa qofaan osoo hin taane diraamaa, baacoo, goofataa fi bohartii adda addaa waltajjii irratti dhiheessuu jalqabdu Hallooniis dandeeytii fi kennaa artii keessoo isii tan fedhii isii malee ragaddu hammachaa daawwattuu taatee sagantaa adda addaa hordofaa turte.
Haloon gaafa Dr. Ali Birraa'faan jaarmaya Hawwisoo Afran Qalloo keessatti sirboota adda addaa dibbeen dabaalanii dhawwaaqaa turan, isiin ammoo naannoo isaan itti sirban deemuun dhangaa artii Oromoo kana osoo hin dhandhamne halaalumaa kajeelaa turte. Halloon jaarmaya artistoonni Oromoo waltajjii dhunfatanii ogummaa artiitiin irraa bookkisan tana hamuuntuus garuu odeeffannoo jaarmayichaa dilas gad fageenyaan waan hin qabneef fedhii keeysoo isiitii ibidda artiitiin wajiijamu liqimsaa halaalumaa mil'uun gorora liqimsaa turte. Karra jaarmayichaa cabsitee mooraa aartii kana seenuuf ammoo onnee horachuu hin dandeenye. Hamuuna artii fi kennaa keessoo isiitii falaqqisu eega agartee booda filannoo biraa dhabdee jaarmaya moggaasa Afaan Amaaraa 'Sabahe' ja'u keeysatti hiriyaa isii Faaxumaa Sheekaa wajjiin itti lixanii jaarii baafachaa turan. Halloo Daawwee haaluma san keessattuu sirbuma Afaan Oromoo wellisaa turte. Sirboota san keessaa sirba barreeysaa fi waloo jabaa Oromoo Abdulamiid Haamid Boruu, nama jaarmayni artii Oromoo akka guddatee sadarkaa seena qabeessa gahu taasisuuf carraaqa tureen barreeffamteen sirbite.
" Siin jaaladhaa, na jaaladhu,
Siin abdadhaa, na abdadhuu....." tan jattu sirba sagalee fi dandeeytii isii ittiin shiileeyfachaa daran ammoo kokkees ittiin qarachaa turte keessaa inni tokko. Itti aansuu jaarmayaa biiftuu ganamaa ja'u ijaaruun manguddoota wajjiin tahuun guyyaa jimmataa fi sambataa guddaa sirbootaan hawaasa boharsuun jalqabame. Yeroofi yerotti jaarmayaan kuniis dhaggeeytiifi gurra hawaasa magaala Dirree Dhawaa hawwachaa dhufe. Maamiltoota bashannanaas horachuun saffisaan guddate. Yeroo sanitti sagaleen Halloo Daawwee nama achi dhufe hunda onnee cabsuun seenuu jalqabe. Walaloon jaalalaafi alalaasni aadaa, yadaloon sagalee akka shimbirroo bariisaa suniis jechootaan dabaalamtee konfoleeyyii shaggooyyeefi dhiichisatti maxxanuun dargaggootaafi jaallatoota eenyummaa artii biratti haraaraa (araada) taate. Gamnummaafi gootummaan cinatti sabboonummaan Halloo daran jaalalti isii onnee hawaasa keeysatti galma ijaarrattee jaarmaya Hawwisoo Afran Qalloo kan beekame sanitti balbala rukutte, gurri miseensa jaarii hawwisootiifi hawaasaatiis gama jammaata sirbaa gara hawwisoo Biiftuu Ganamaa kan Halloon keeysa jirtutti xinniiyse.
Halloon gaafa tokko naannoo ganda isiin jirtutti aruuzni (cidhi) tokko godhame. San booda hawaasa naannootiin Halloofi wahillan isiitiif yaamichi (afeerraan) godhame. Jaarmayaan hawwisoo Afran Qalloo kan Hiriyaa jaalalaafi urjii Bakkalchaa wajjiin aruuza san boharsan yeroo san ammoo sagaleefi alalaasni Halloo dhageeytii guddaa argate. Kajeellaan Halloon gurmuu kanaaf qabaachaa turtees guyyaa kana dhugoome. Ali Birraa, Usmaa'il Galmoo fi Abdusalaam Haajii faa wajjiin wal arkan. Haala kanaan yeroo sirna mootummaa Dargiitiis warraaqsa qabsoo artii Baha Oromiyaa keeysatti gahee guddaa taphachuun beekamtii guddaa goonfatte. Aadaa hawaasa keenya magaalaa Dirree Dhawaa fi naannoo isiiti agarsiisuun eenyummaan Oromoo maal akka fakkaatu alagaafi dhaloota ofdagataniis dammeeysuun jalqabde. Haloon albama jalqabaa kan:
" Barbaanne Wal barraa
Ni Barra walirraa
Yeroo saatu arraa...... " jechuun tulluun artii Oromoo kan qoma Oromoo keeysaa baqeeysuun itti kaayyatte. San booda sagaleen isii gitaara Ali Shabboofi dibbee Abdoo Tabiteen dabaalamtee gurra ummataa dhaqqabde. Gidiraafi rakkoo siyaasa biyyattii keeysattii Oromoo kallattii hundaan jirtu keeysummeeysaa jireenya gaddaafi gadadoo gabrummaa dhandhamaa jireenya isii itti fufte. Halloon sagalee isiitiin immata dammaqsuun cinatti hawaasummaa keeysattii ummanni ifbaree akka haqaaf falmatan godhuun nama gootummaa isii diinni mootummaa dargii sodaatuufi ajjeechaafillee barbaada tureedha. Fuulli Rabbii itti haa tolu artisti Halloo Daawwee dheengadda galgala Onkololeessa 14, 2023 A.L.I'tti addunyaa irraa boqottee guyyaa arraa Onkololeessa 16, 2023 A.L.I'tti magaalaa Adaamaatti sirna hoo'aan awwaalamte.
Maddii barreeffama kana
Barreessaa Saphaloo Kadiir
======= KUTAA 2ffaan ITTI FUFA ======
Jerusalem- Beytal Maqdis - Al Quds
**************************************
Waldhibdee Araboota Paalisitiinii fi Jiwiishota Israa’el jiddutti jaarraa tokkoo oliif deemaa jiru kana irratti Magaalaan Jerusalem ijoo dubbiiti. Jerusalem akkasuma maqaa Al-Quds ykn Beytal Maqdis jedhamuun illee kan beekamtu magaalaa jiddugala dachii woldhibdee Paalistiinii fi Israa’elitti argamtuudha. Magaalaan tun umrii woggaa kuma sadihii ol kan qabdu yoo ta’u hordoftoota amantiilee sadihiif (Judizimii, Kiristaanaa, fi lslaamaaf ) akka iddoo qulqulluu (eebbifamtuutti) ilaallamti. Jerusalem amma ummata miiliyoona tokkotti hiiqu qabdi. Isaan keessaa %60 kan ta’an Jiwiishota yoo ta’an, %39 ammoo Paalistiinota. Yoo milkaayan Paalistiinis, Israa’elis magaalaa tana magaalaa guddoo (Capital City) biyya isaanii gochuudha kayyoon isaanii. Kanaaf Jerusalem ykn Al-Quds lafa falmii ijoo taateedha.
—-
—-
Musliimotaaf Magaalaan Jerusalem ykn Al-Quds Makkaaf Madiinatti aantee iddoo eebbifamtuu (holy city) sadaffaadha. Nabi Mohaammad (SAW) yeroo jalqaba amantii Islamaa babaldhisaa turan ‘Qiblaan’ inni jalqabaa gara Beytal Maqdis (Jerusalem) ture. Akkasumas kaloon ‘Al-haram al-sharif’ jedhamuun beekamu kan Masjidin Al-Aqsaa fi Qubat Alsahra itti argamu magaaluma Jerusalem keessa jira. Akka barsiifama ykn amantaa Islaamaatti Nabi Mohaammad (SAW) ‘Mi’iraaj’ (Gara samii torbaa , jannataa, (Sidrat al Muntahaa) kan bahan) kaloo Al-haram al-sharif keessaa iddo amma Qubbat Alsahrat (Dome of Rock) argamu irraa akka ta’e amanama. Akkasumas Mi’iraj dura nabiyyoota isaan dura ergaman wojji imaama ta’aniifi kan itti salaachisan Masjiidin Al-Aqsaa kaloma jenne kanatti argama. Kanaaf Jerusalem ykn Al-Quds muslimootaaf hiikkoo amantaa guddaa qabdi.
—
—
Kiristanotaaf ammoo Kiristoos kan itti dhalate Beetelem fi kan itti guddate magaalaa Naazreet ta’ullee, akka barsiifannaa fi amantaa Kiristaanaatti iddoon inni yeroo dhumaaf Daqamazamurtii isaa wojji itti waa nyaatan, iddoon qabamee itti murtaayeef cubbuu ilma namaatiif jecha fannoo irratti fannifamee itti hiraarfamee, ajjefamee, itti awwaalame, ka’ee gara samii bahe magaalaa Jerusalem waan ta’eef hunda irra akka iddoo hiikkoo amantii guddoo qabduu fi qulqullutti fudhatamti. Charchiin iddoo kanatti waan kana yaadachuuf ijaarame ( Church of the Holy Sepulchre)s Masjid Al-Aqsa irraa fageenya kiilomeetirii tokkoo gaditti argama. Kanaaf Kiristaanotaaf Jerusalem magaalaa hiikkoo amantii guddoo qabdudha.
—
—
Jiwishotaaf ammoo Magaalaa Jerusalem woggaa kuma sadii hardhaa Mootiichi Dawit (David, Nabi Dawud) weeraruudhaan akka magaalaa teessuma Mootummaa Jiwish (United Kingdom of Israel) taatu godhe. San booda Ilmi isaa Nabi Suleeymaan (King Solomon) itti fuufuun iddoo kadhannaa amantii ijaare, innis ‘First Temple’ jedhamee beekama. Baabiloon Jerusalemiin yeroo weeraraan qabatte san ‘First Temple’ san ni diigde. Akka Jiwiishonni amananitti iddoon inni irraa diigame sun iddoo amma Masjidin Al Aqsa irra jiru akka ta’eefi maqaa kaloo Al-haram al-sharif jenne san isaan ammoo maqaa ‘Temple Mount’ jedhuun waamu. ‘Western Wall’ iddoon kadhannaa guddichi amantii Jiwishotaa (Judizimiis) kan argamu ollama Masjid Al- Aqsaa kanatti. Kanaaf Jiwishonni naannoo ‘Temple Mount’ jenne kana kan Masjid Al-Aqsas dabalatu akka iddoo hariiroo cimaa amantaa isaanii wojji qabuutti ilaalu. Akka amantaa isaaniitti iddoon Abraham (Ibrahim) ilma isaa qalmaan wereeguuf itti qophahee tures ‘Temple Mount’ kana jedhanii amanu.
—-
—-
Iddoowwan hiikkoo amantaa jabaa qaban kun to’annoo eennuu jala turan? Amma hoo eennu harka jiran? Kan jedhu kutaa itti aanuun isiniif barreessa.
Maddi barreeffama kana
Dr. Nuredin Luke
KA'UMSA WOLDHIBDEE PAALISTIINII FII ISRAA'ELII
———
Barreeffama dheeraadha garuu waan heddu irraa baruu dandeessu. Obsaan Dubbisaa!
———
Bara 1880-moota keessaafi achi dura, jaarraa afuriif, lafti amma Araboonni Paalistiinii fi Yahuudonni Israa'eel irratti woldhaban, bulchiinsa Osmaan (Otomaan) Empayeer kan Turkii (Ottoman Turkish Empire) jalatti kutaa bulchiinsaa (administrative districts) lama kan ‘Sanjak of Jerusalem’ fi ‘Vilayet of Beirut’ jedhamuun beekaman ture. Gaafas ummata malee, Paalistiinis, Israa'elis akka biyyaatti hin turre.
---
---
Yeroo san ummanni dachii san irra jiraatu kuma dhibba jahatti (600,000) kan tilmaamamu yoo ta'u; isaan kun irra caalaan Araboota Muslimaa Sunni yoo ta'an, Kiristaanonni muraasnis turan. Magaalonni akka Jerusalem fi Nablus jiddugaleessa biyyattiitti, akkasumas Acre, Jaffa fi Gazaan ammoo naannoo qarqara galaanaatti magaalota sochii diinagdee ho'aa uumatan turan. Haa ta'u malee ummanni sun yeroo san irra jireessaan (%64) kan ta'an jiruun isaanii kan qonna irratti hundaa'e ture. Lafti sun hedduun abbootii lafaa sanyii Arabaa ta'an harka kan tureefi abbootiin lafaa kunis worra Ottoman Turkish wojji hariiroo tolfatanii kan jiraatan ture.
---
---
Empaayerri Otomaan (Osmaan)Turkish kun ammoo jaarraa 14ffaa hanga jalqaba jaarraa 20ffaa kibba-baha Awuroopaa, biyyoota Arabaa (Jiddugala bahaa) dabalatee hanga biyyoota Kaaba Afrikaa kan dhuunfate ture. Biyya keenya irraas naannoo magaalaa Harar (Imireetin Hararii) Empaayera kanaan eeggamaa ykn ittifamaa ture. Bara 1908 Fincila Turkii (Turkish Revolution)dhaan Impaayerri kun Dargaggoota Turkii kan sabboonumma Turkii leellisaniifi haala bulchiinsaa woliigaltee Araboota wojjin taasifamuun bulfamaa ture mormaniin qabamaa dhufe. Kana irraas sabboonummaan Arabaas uumamuu jalqabde. Araboonni hedduunis Impaayera Ottoman irraa adda bahuun biyya of dandeette cinaa isaanitti ijaarachuuf ka'an. Biyyoonni Arabaa amma jiran heddunis sochii kanaan daanga amma jiruun qoqqoodamanii ijaaraman.
---
---
Yahuudonni (Jewish) adunyaa irra faffaca'anii turan dhiibbaa, tuffatama, jibbaafi miidhaan garagaaraa (Anti-semitism) isaan irra gahaa ture. Isaanis (Jiwishoonii adunyaa irra faffaca'anii) turan kun naannoo bara kudha saddeet saddeetamootaa (1880)taa keessa abjuu biyya abaabilee isaaniitti deebi'anii mootummaa ijaarachuun biyya of dandeettu ta'uu dhiibuu jalqaban. Wonti kun ammoo Araboota Paalistiinin ija gaariin hin ilaalamne. Paalisitiinonnis lafti kun lafa dhaloota hedduuf qotanii irraa nyaataa turan waan ta'eef, abjuu Jiwiishonni gara dachii Paalistiiniitti deebi'anii biyya ofii tolfachuu kana hin jaalanne qofa otoo hin ta'ani kallattii garagaraatiin mormaas, dura-dhaabbachaas turan. Imala gara dachii Paalistiin deebi'uu haala qindaa'een oofuuf Jiwiishonni bebeekkamoon yeroo sanii sochii "Zionism" jedhamu jalqaban. Kun ammoo bara 1880moota keessa jechuudha. Sochiin Zionism (Jiwiishota addunyaa irra faffaca'an Paalisitiinitti deebiisanii biyya Israa’eel jedhamtu ijaarachuu) namoota dhiibbaa uumuu danda'an kan akka Theodor Herzl fa'aan jalqabame.
****
Jiwishonni/Yahuudonni sababa maaliif Adunyaa irra faffaca'an kan jedhu gaafii isinitti ta'uu mala. Woldhibdee kana dura Araboota Paalistiin wojjiin qabaataniin moo? Sababa biraatu jira kan jedhu gaafii isinitti ta'uu mala.
---
Akkasumas seenaa jara kanaa duuba deebitanii jalqaba irraa fedhiin beekuus isinitti uumamuu mala. Guutumatti gara duubaa achi harkifna yoo jenne Yaahudonniif Araboonni ilmaan obboleeyyanii, Abraham (Nabi Ibraahim (AS)) irraa dhufan. Hagas duuba deemuun woldhabdee amma jiru hubachuuf faayidaa dilasii qabachuu dhabu mala. Garuu gabaabatti Ibrahim (Abraham) Yisaaqiin uumate Yisaaqi ammoo Yaaquubiin uumate, Yaaquub ammoo Nabi Yuusuufi fi obboleeyyan isaa 11 uumate. Ilmaan Nabi Yaaqubi kudha lammaan kanatu gosa Jiwishotaa/Yahuudota kudha lamman san ta’an jechuudha. Maqaan gosoota Jiwishotaa kunis maqama ilmaan Nabi Yaaquubii irraa horan saniin waamama.
Paalistiinonni ammoo worroota Nabi Ibrahim (Abraham) dura dachii san jiraataa turan Kana’aan irraa fi Araboota Ilma hangafaa Abraham (Ibrahim) Ismaa’eel irraa dhufaniin akka wolmakanii dachii san irra barootaaf jiraatan galmeeleen seenaa ni addeessu.
Yahuudonni /Jiwishonni yoomiif maaliif adunyaa irra faffaca'an kan jedhu gaafii isinitti ta'uu malas. Gabaabumatti Jiwiishonni adunyaa irra faffaca'uu kan jalqaban dhaloota Kiristoos (Nabi Isaa) dura bara 597 yoo ta'u irra caalaan garuu yeroo Impaayerri Roomaa babaldhatu san woraana Isaan wojjiin godhamaa tureen dhaloota Kiristoos booda bara 70 asi jechuudha. Adunyaa irratti akka ummata hamaa Kiristoos hiraarsaniitti fi daba hamaa qabanitti waan ilaalamaniif kutaa adunyaa qubatan hedduu keessatti jibbaaf dhiibamiinsa garagaraatu isaan irra gahaa ykn mudachaa ture. Bara Nabi Mohammed (SAW) amantaa Islamaa barsiisaafi babaldhisaa turanii fi bara Kaalifoota isaan booda dhufanii lafa (biyya) baldhaa qabatan san Jiwiishonni/Yahuudonni mirgi isaanii eeggamee, aadaanii fi amantaan isaanii kabajameefi nagaan jiraataa turan. Erga faffaca'an booda yeroon sun isaaniif yeroo garii dhumaa ( ykn akka Golden time)tti ilaallama.
****
----
Sochi Zionism jenne saniin Yahuudonni bebekkamoonii fi dhiibbaa-uumtota ta'an suutuma suutaan namoota muraasa gara Paalistiin akka deebi'an godhuu itti fuufan. Kun otoo deemaa jiru bara 1914 Woraanni Adunyaa Tokkoffaan (WW-I) dhohe. Woraana kana irratti Turkiin lafa woldhibdee kana maqaa Ottoman Empire jedhuun qabattee turtes woraanicha iratti hirmaatte. Turkis (gareen ishees) woraanicha irratti waan mohamaniif, Ottoman Empire harka ishii irra ture ni diiggame. Yeroo kana lafa Paalistinii (Lafa amma irratti woldhaban) kana Ingiliiz (British) harka gale.
---
---
Ingiliizoonni (British) woraana kana irratti lafa Paalistiin kan bulchiinsa Ottoman Turkish Empire jala jiru to'achuuf Zionists (Worra Isiraa'eel Paalistiinitti deebisanii dhaabuu abjotan) haala bulchiinsaa Ottoman Turkish mohachuuf jecha itti fayyadamuuf haga tokko ofitti dhiheessan. San booda lafti kun woggoota soddoman itti aananiifi hadaraa Ligii Mootummoota (League of Nations) tiin harka Ingilizii (British) ture. Yeroo kana keessatti waan hedduutu ta'e.
---
---
Sochiin Zionisim keessattu Yahuudota Awurooppaafi Raashiyaa keessatti jibbiinsi hamaan irra gahaa ture gara Paalisitiin akka deebi'an suuta suutan erguu jalqabe. Waan kana daran milkeessuuf akka idla adunyaatti 'World Zionist Organization' fi akka biyyaati ammoo 'Jewish Agency for Palestines' dhaabuun itti deeman. Inni biyya keessaa lafa bituun, manneen barnootaa ijaaruun, dhaabbilee fayyaa babaldhisuun, Yahuudota Paalistiinitti deebi'anii akka mootummatti gargaaruu jalqabe. Bara 1925 Hebrew Univeristy achi Jerusalem keessatti dhaaban. Inni kun deebi'aanii dandamachuu fi ijaaramaa dhufuu Israa'eliif akka waan guddaatti ilallame. Lakkoofsi isaanis suuta suutaan akka dabalaa dhufu hojjatame. Bara 1922 laakkofsi Yahuudota Paalistiin jiranii 83,790 (lakk. ummata woligalaa ammo 752,048) ture. %11 qofa jechuudha. Woggaa torba booda bara 1929tti lakkofsi Yahuudotaa 156,481 (kan woligalaa ammoo 992,559) ta'e. Gara %16 ol siiqe jechuudha. Bara 1936 lakka woligaala 1,336,518 kana keessaa Jiwiishonni gara 370,483 guddatan. Kun ammoo %28 ummata lafa sanii ta'an jechuudha. As irratti hin dhaabbane kun yeroma yeroon dabalaa dhufe. 'Demography' lafa sanaa jijjiruu cimsanii itti fuufan. Amma Palistinoonni miliyoona Shan qofa yoo ta'an, Isra'eel ammoo miliyoona sagalii ol ta'u. Lafa qabataninis Israel lafa Palistini dachaa afur kan ta'u qabatte jirti amma.
---
---
Yeroo kun hundi ta'u Araboonni Paalistiinii ta'anii ilaalaa turan moo gaafiin jedhu isin keessatti umaamuu hin oolu. Bara 1920 fi 1921 mormii fi jeequmsi guddaan Araboota Paalistiniitiin bulchiinsa Ingilizii fi qubachiifamuu Yahuudoota irratti ka'ee ture. Haa ta'u malee dhabbileen Araboonni Paalistiin ijaaraa turaniif ijaaramni isaan qabataa turan kan Jiwiishota (Yahuudota) Isiraa'el wojjiin kan wolgitu hin turre. Akkasumas qubachiifamaa dhufuu Yahuudotaa mormuun bara 1929 Western Wall Jarusalem keessatti hokkara uumameen Jiwishonni 133 fi Araboonni 116 du'anii turan. Jidduu isaanii ammoo Ingilizonni waan jiraniif waan kana to'achuun yaada furmaataa garagaraa dhiheessaa turan.
---
---
Kan biraa ammoo wonti hubatamuu qabu; dhiibbamiinsa fi jibbiinsa ( Anti-Semitism) Awuuropaafi Raashiyaa keessatti isaan irra gahaa ture dheessuun jidduu bara 1881 fi 1914 qofa keessatti Jiwiishonni (Yahuudonni) Miliyoona lamaa ol ta'an (2,019,000) gara Ameerikaa baqatanii turan. Isan kun ammoo carra achi jiruun beekamtii gurguddaa gama aartiitiin, muuziqaatiin, fiilmiitiin, daldalaatiin, kalaqa, industiriifi sayinsiitiin argataa turan. Kan qofa otoo hin ta'in siyaasa Ameerikaa kessatti hanga gorsaa pirezedaantota Ameerikaa gahuun iddoo dhiibbaa guddaa umuu danda'an irra turan. Inni kunis ilaalaachaf poolisii Ameerikaan dhimma Araboota Paalistiiniifi Yahuudota Israa'el irratti hordoftu irratti dhiibbaa guddaa uumera. Kara kanaanis fayyadamuun Jiwishonni dhibbaa guddaa isaaniif gargaru tolfata turan.
---
---
Bara 1933 Adolf Hi**er Chaansilerii Jermaan ta'e. Ji'oota muraasa booda abba irrumaa isaa mirkaneesse. Yeroo bulchiinsa Hi**er jalqabaa Jiwiishonni Jarman jiran tooftaadhaan jiruuf jireenya Jarman keessaa dhiibamaa dhufan. Yeroo dargaggummaa isaa Vienna tureefi san booda yeroo loltu Jarman turetti Adlof Hi**er jibbaa Yahudootaa (Anti-semitism) hamaa qabaachaa ture. Jibbaa biyyoota Poland fi Jarmaan keessatti hammachaa dhufe kana dheessuun Yahuudotaaf dirqama ta'e. Iddoon isaan itti dheessanis gara Paalistiin ta'aa dhufe. Kabaja woggaa jahaffaa angoo qabate irratti Adolf Hi**er Yahuudota Awuroopaa keessaa balleessuun dirqama waan jedhu wohii dubbatee ture.
---
---
Naazin Jarmaanii akka sagantaa mootummatti qabachuun Awuropaa bahaa keessaa Yahuudota qulqulleessu ykn balleessuuf socho'e. Lola biyyoota ollaa isaa wojjiin godhaa tureefii akkasumas bara 1941 weerara Gamtaa Sooviyeet irraatti godhee injifateen booda Jiwiishonni/Yahuudonni miiliyoona afur ta'an lafa to'annaa Naazii jala jiru jala galan. Naziin yeroo jalqabaa akka sagantaatti kan qabaataa turan Jiwiishonni dhiibbaa isaan irra gahu haa dheessanii baqataniif ture, kunis haala eegameen milkaayuufii dhabe. Fakkeenyaaf muddee bara 1941 dooniin baqatoota Jiwiishootaa 769 qabattee imalaa turte Turkii seenuuf taanaan ni dhoowwamte, san booda biyya biras yaalte dhoowwamte, Inglizonnis akka hin seenne dhowwan, booda irra doonattiin dhidhimtee lubbuun nama 769 ni darbe. Yeroo kanatti Jiwiishonni carraan qaban gara Palistiiniitti deebi'uu ykn dhumaatii itti dhufaa jiru dhandhamuu ture. Yeroon Nazii Jarmaan Jiwiishotaaf yeroo hedduu ulfaataaf hamaa dhumaa ture. Naaziin Yahuudota/Jiwiishota gara Kaampii afurittii seensisuu (naquu) jalqabe. Achi keessatti dararaa hamaan gurraaf ulfaatu irra gahe.
---
Jidduu bara 1941 fi bara 1945, rukkutaa rasaasaa jumlaan, gaaziin ukkamsanii ajjeesuun, fi haala hammaatoo kan biraatiin Naaziin Jarmanii Jiwiishota/ Yahuudota Miiliyoona Jahaa (Miliyoona 5.6 hanga 6.9) tilmaaman fixe/ajjeese. Kun ammoo laakkofsa Jiwiishotaa yeroo san Awuroopaa keessa jiraataa turan keessaa lama sadaffaadha jechuudha. Gochi duguuggaa sanyii Jiwiishotaa/Yahuudotaa irratti godhame kunis Holokaast (Holocaust) jedhamuun beekama.
---
---
Yeroo duguuggaan sanyii Jiwiishotaa kan Adolf Hi**ern godhamaa jiru (Holocaust) kun Amerikaatti dhagahamu, haawaasni Jiwishi kan yeroo garagaraa gara Ameerikaa deemanii ykn achitti baqatanii turan dallansuu guddaan mootummaa Ameerikaa akka dhaabsisu gaafachaa turan. Jiwiishonni hedduunis gorsaa Pirezendaatii Amerikaa yeroo sanii 'Theodro Roosevelt' turan. Isaan irraa hawaasni Jiwishii Amerikaa jiru waan heddu eegee ture. Perezendaattichi garuu haalaa Araboota Paliistiiniifi Israa'elonni keessa jiran ilaaluun dubbiin kun hedduu ulfaataa ta'uu isaa hubatanii, Araboota Palistiinitis otoo hin mufachiisin, Yahuuwdota/Jiwiishotattis dubbii toluun tarkaanfii jabaa otoo hin fudhatin barri perezedaantummaa isaanii dhume.
----
——
Lafa amma Paalistiinii fi Israa'el irratti woldhabaa jiran, dhuma jaarraa 19ffaa irratti sochii 'Zionism' jedhamuun Jiwiishonni lafa Paalistiini irraatti biyya Israa'el jedhamtu hundeessuuf sochii jalqabuu isaanii ilaallee turre. Jaarraa 19ffaa dura Jiwiishonni Paalisitiin jiraatan laakkofsaan kuma shan kan hin caalle ture. Isaan kunis irra jireessaan hojii ogummaafi daldala garagaraa irra kan turan malee lafa qonnaa kan qaban hin turre. Kanaaf lafti sun bulchiinsa Ottoman (Usman) Turkish Empire jala (jaarraa afur oliif) haa jiraattu malee, abbooti lafaa sanyii Arabaatiin kan qabame ture.
---
Paalistiinonni woggaa kuma afur oliif lafa san irra jiraachuu ragaan seenaa ni muldhisa. Yahuudonnis dhaloota Kiristoos (Nabi Isaa) dura naannoo Jerusalem (Al-Quds)ttifi kaaba isaatti Mootummallee garagara ( David, Solomon, Kingdom of Israel, Kingdom of Judah) jedhaman dhaabanii turuu isaanii seenaan ni mirkaneessa. Yeroo garagaraatti woraana Mootummoota Israa’el kana jidduu fi (Aseeriyan, Masrii, Baabiloon, Roomaa fi Parshiiyaa) wojji godhamaa tureen lafa kana dhiisaanii gara kutaa adunyaa garagaraatti faffaca'aa turan.
---
---
Yahuudonni (Jewish) yeroo garagara adunyaa irra faffaca'anii turan kun ammoo dhiibbaa, tuffatama, jibbaafi miidhaan garagaaraa kan dhalootaa dhalootatti darbe (Anti-semitism) isaan irra gahaa ture. Isaanis (Jiwishoonii adunyaa irra faffaca'anii) turan kun naannoo bara kudha saddeet saddeetamoota (1880)taa keessa --lafa woggaa kuma lamaa oliif dhiisaanii biraa deemanitti deebi'anii--- mootummaa ijaarachuun biyya of dandeette ta'uu sagantaa baafatanii cichanii dhiibuu jalqaban.
---
Kanas milkeessuuf karaa Sochii 'Zionisim' saniin abbootii lafaa Arabaafi bulchinsa Ottoman Turkish ture irraa lafa bitaa Jiwiishota adunyaa garagara irratti jibbaaf dhiibban irra gahaa ture gara Paalistiin erguun qubsiisuu jalqaban. Yeroo isaan kana godhan Paalistinonni cal jedhaanii hin ilaalle, mormii godhaniin yeroo muraasaaf sochiin sun akka dhaabbatu gochuu danda'anii turan.
--
Woraana Adunyaa Tokkoffaa (WW-I) irratti Turkiin mooyamuudhaan 'Ottoman Turkish Empire' waan diigameef, Liigiin Mootummoota (League of Nations) lafti Paalisitiin sun akka hadaradhaan Ingiliizotaan (Britishin) bultu murtaaye. Ingilizonnis woggoota soddomaaf bara 1917 hanga bara 1948 lafa Paalistiiniifi Israa'eel irratti woldhaaba jiran san bulchaa turan.
---
---
Inglizonni woggaa soddomaa bulchiinsa isaanii kana irratti Yahuudota (Jiwiishota) ofitti dhiheessuun, Araboota Paalistiin ammoo dhiibba garagaraa itti gochaa turan. Sochii Yahuudonni adunyaa garagara irra gara Paalisitiin deemuun qubachuu eeyyamuun; Paalistinota ammoo gibira humnaa olii itti fe'aa turan. Qawwee qabachuu Yahuudotaa eeyyamanii, Paalistinota ammoo dhoorkaa turan. Yeroo Ingilizonni bulchaa turan kana waan heddutu ta'e. Zionistoonni (Yahuudonni gara Paalisitiin deebi'anii biyya of dandeette ijaarachuu qindeessan) lafa bitamu bitaa kan ammoo hokkaraafi woraanaan babaldhifachuu itti fuufan.
*** ***
Ummata Adunyaa wolakkaa ta'uuf lafti Paalistiiniifi Israa'el irratti woldhaban (guutuun ykn keessaa muraasni) karaa amantaa hordofaniin lafa eebbifamoo ykn qulqulluu (Holy Place)tti ilaallama. Kanaaf yeroo hedduu mootummootaa fi ummata adunyaa biyya garagaraa jiruuf dhimmi isaanii ajandaa ta'a. Amantaa Islamaa, Kiristaanaa fi Judizimii biratti lafti kunniin seenaa fi iddoo murteessaa qaba.
---
Yahudootaf lafti kun lafa Akaakayyuun gosoota Jiwiishii, Yaqob (Nabi Ya'aqub(As)) ijoollee isaa wojji irra jiraataa ture; lafa Waaqni, Abrahamif (Nabi Ibrahimiif)fi sanyiin isaa irra haa jiraataniif dhaameef, lafa Muuseen (Nabi Muusaan) haleellaaf dhumaatii Fara'oonii Masrii jalaa isaan itti baqachiise; lafa Nabi Dawud fi Suleymaan ( David and Solomon) itti mootummaa isaanii ijaraanii itti turan. Kanaaf isaniif akka lafa seenaa qulqullutti ilaalu.
---
Kiristaanotaafis lafti sun seenaa addaa qabdi. Akka lafa eebbifamtuutti (holy) ilaalamti. Magaalan Beetelehem kan Kirisotis (Nabi Isa) itti dhalatan achuma lafa Paalistiniifi Isra'eel irratti woldhabaan keessa jirti, kan Kiristoos barnoota amantaas itti barsiisaa turan lafuma kanneen, booda irras kan itti fannifamaniifii itti awalamanii (achuma Jerusalem), achumas du'aa ka'anii gara samii deemanitti fudhatama amantaa Kiristanaa birattis. Manneen amantaa (Church) seena qabeessa ta'an lafa woldhibdee kana keessa jiru. Kanaaf iddooleen kun Kiristaanota adunyaa irra jiraniif akka qaamaa seenaa amaantaa isaaniitti fudhatu.
--
Muslimootaaf ammoo Makkaaf Madiinatti aanee Jerusalem (Al-Quds) iddoo eebbifamtuu (holy city) sadaffaadha. Masjiidin Al-Aqsaa kan Jerusalem argamu bara Nabi Mohammed (SAW) jalqaba amantaa Islaamaa barsiisaa turan 'Qiblaa' jalqabaa ture. Kaloo Masjiida kana keessa (Al-Aqsa) irraa Mi'iraj (Gara Samii -Jannataas kan deeman). Booda irras bara Umar Ibnul Khaxab Kaalifaa Muslimotaa ture kara nagahaatiin furtuu Masjida Al-Aqsaa Paatirarikii irraa fuudhe. Kana qofaaf otoo hin ta'in, akka Islamaatti Nabiyyooni hunduu Kiristoosis (Isaas) dabalatee daandii amantaa Islaamaa irra akka turan amanama. Kanaaf Nabiyyoon 14 (Nabi.Yaqob, N.Yusuf, N.Dawud, N.Suleyman, N.Isaa, N. Yushua, N. Ibrahim, N.Luux, N.Ismael, N.Yishaq, N.Shu'eb, N.Zakariya, N.Yahya, fi N. Mohammed (SAW)) lafa Palistiniifi Israa'el irratti woldhabaa jiran kana wajji jireenyi isaanii hariiroo qaba: gariin irratti dhalatan, ykn gariin irra jiraatanii, ykn barsiisanii, ykn gariin keessa darban, gariin du'anii itti awwalaman waan ta'eef gama kanaanis Musliimonnis akka qaama seenaa amantaa isaaniitti ilaalu.
--
Kanaaf dhimmi woldhibdee isaanii yeroo tokko tokko hordoftoota amantaa kanneenifi mootummoota biratti ija addaatiin ilaalaama.
*** ***
Yaa'ii Woliigalaa Mootummoota Gamtoomanii (General Assembly of UN) Onkoloolessa bara 1947 godhameen dhimma Paalistiiniifi Israa'el irratti murtiin darbe. Murtiin kunis "Partition Resolution" - Qoqqodaa lafaa jidduu Paalistiiniif Israa'eliiti. 'Partition Resolution' kun lafa %54 ta'u Israa'eliif, %45 kan ta'u ammoo Paalistiiniif kan kennu yoo ta'u Magaalaan Jerusalem (Al-Quds) kan hikkoo amantaa guddaa qabdu ammoo bulchiinsa Idla-adunyaa jalaatti akka Mootummoota Gamtomaniin bultu kan jedhu ture. Yeroo san laakkofsi ummata Paalistiinii %68 kan ta'uufi lafti qabatanii jiran ammoo %93 kan ta'u waan tureef Araboonni Paalistiin murtee Mootummoota Gamtoomanii (United Nations) kana mormuun, gara hokkara biraatti ce'an. Gonkummaa murteen kun haqa-qabeessaa waan hin taaneef Paalistiinoonni kan hin fudhanne ta'uu mormii garagaraatiin muldhisan.
---
Ji'a torba booda Caamsaa 14, bara 1948 Ingilizonni lafa Paalistiin (lafa woldhibdee san) kan hadaraadhaan woggaa soddomaaf bulchaa turan dhiisanii kan bahan ta'uu ibsan. Galgaluma Caamsaa 14 san, haala qoqqodinsa Mootummoota Gamtoomanii (UN) saniin Israa'eloonni Mootummaa Israa'el (State of Israel) dhaabbachuu isaanii adunyaaf labsan. (UN)-nis beekamtii kennuufi ibse. Kun ammoo woraana jabaa biyyoota Arabaa Shan kan Paalistiiniin deeggaran (Lebanon, Jordan, Syria, Iraq, Masrii, akkasuma Saudin ammoo harka jalaatiin karaa Masriitin) Israa'el irratti haleellaa jalqaban. Woraanni kunis (Arab- Israel War of 1948) jedhamee beekama. Magaala guddoo Israa'el tolfatte Tel Aviv rukuttaa xiyyaraan haleelan. Isra'elis ofirraa dhorkite. Booda Ingilizonni bahaa turan deeggarsa Isra'eeliif gochuun Isra'elonni of ittisuu irraa gara haleeluutti ce'an. Woraana kananis mohachuun lafa dabalata kan Paalistiin qabatan.
---
—-
Woraana Adunyaa Tokkoffaa (WW-I) booda Ingilizonni lafa Paalisitiinii kan hadaraa Liigii Mootummootaatiin (League of Nations)tiin woggoota 30f bulchaa turan yeroo ji'a jahaa keessatti akka gad dhiisanii bahan bara 1947 beeksisuu isaanii hordofee Dhabbanni Mootummoota Gamtoomanii (United Nations), Yaa'ii Woligalaa dhimma lafa kanaa irratti Onkoloolessa bara 1947 godheen waan furmata ni taha jedhe "Partition Resolution" - Qoqqoddaa Lafa Paalistiinii, Araboota Paalistiinii fi Jiwiishota Israa'el jiddutti akka godhamu baase.
---
---
Akkuma asii olitti ibsame san haala "Partition Resolution" kanaan lafa woliigalaa Paalistiinii keessaa %54 ta'u Israa'eliif, %45 kan ta'u ammoo Paalistiiniif kan dhiisu ta'ee Magaalaan Jerusalem (%1) kan hikkoo amantaa guddaa qabdu ammoo bulchiinsa Idla-adunyaa jalaatti akka Mootummoota Gamtomaniin bultu kan jedhu ture. Yeroo san laakkofsi ummata Paalistiinii %68 kan ta'uufi lafti qabatanii jiran ammoo %93 kan ta'u waan tureef Araboonni Paalistiin murtee Mootummoota Gamtoomanii (United Nations) kana kan loogii qabuufi kan hin fudhanne ta'uu agarsiisutti ka'an. Paalistiinota qofa otoo hin ta'in Mootummoonni Biyya Arabaa kan gargaraa dhuunfa dhuunfaanii fi akkasumas Liigiin Biiyyoota Arabaa murteen kun sirrii akka hin taaneefi kan fudhatama hin qabne ta'uu ibsan.
---
---
Ji'oota jahan hanga Ingilizonni dhiisanii bahaniif jiran san keessa wolitti bu'iinsi garagaraa Araboota Paalistiinii fi Jiwiishota (Yahuudota) jidduu godhamaa ture. Gaafa guyyaa Ingilizonni bahuuf murteessan dhume san, Jiwiishonni Isra'eel, Mootummaan Israa'el ( State of Israel) haala 'Partition Resolution'-ii Mootummoonni Gamtoomaan baase saniin dhaabbachuu isaanii adunyaaf labsan. Labsii akka mootummatti, akka biyyaatti hundeeffamuu isaan labsan kana humnoonni aduunyaa gurguddoon lamaan: Amerikaafi Gamtaan Sooviyeet (Raashiyaan), akkasumas Dhaabbanni Motummoota Gamtoomanii (UN), mootummaa dhaabbateef beekmatii kennuu isaanii ibsan.
---
---
Kun kan ta'e woggaa lama boda erga Adolf Hi**er Jiwiishota Miliyoona Jahaa ol ta'an kan Awuuropaa keessa turan gara-jabinna garagaraatiin fixe booda (1941-1945). Dhumaatii Holokaast (Holocaust) kana booda adunyaan rifannoofi gara-nyaattoon Jiwishootaa qaban uumame. Garaa nyaattoon kun ammoo akka kaayyoon isaan Paalistiinitti deebi'anii biyya Israa'el jedhamtu ijaarachuuf qaban sun ija badaan hin ilaallamne gochuu bira taree Murtee Mootummoonni Gamtooman murteesse saniif (Partition Plan)niif gahee akka qabu amanama. Murtee kana irratti ammoo wonti biraa kan gahee qaba jedhamee amanamu Jiwiishonni biyya garagaraa irra faffaca'anii jiran iddoo murteessoo garagara qabataniis waan jiraniif dhiibbaan isaan godhanis murtee UN kanaaf gahe akka qabu amanama.
****
Jiwishonni amantaa Juudiizim jedhamu hordofu. Amantaan kun duudhaa, aadaa fi seera isaanitis. Amantaan Juudiizim kan dhufe Abraham (Nabi Ibrahim) irraa woggaa kuma afur dura akka ta'e amanu. Akka amantaa isaanitti Waaqni erga Abrahaamitti of-ibsee booda, akka inni fi ijoolleen ijoollee isaa (sanyiin) isaa addaa fi Waaqa biratti filatamoo ta'anii itti hime jedhanii amanu.
---
---
Judizimiin kitaaba amantaa Tanakh (Hebrew Bible) jedhamu qaba. Tanakh kun Kitaaba Qulqullu (Kakuu Moofaa - Old Testament) guutuu kan qabu ta'ee garuu halli tartiiba boqonnaan itti barraahe garagara. Tanakh kun dabalataan Kitaabolee kan biroo shan (Torah - Tooraat dabalate) kan qabudha.
---
Iddoon kadhannaa isaanii 'Synagogue' ykn 'Shul' jedhama. Abbootiin amantaa ammoo 'Rabbi' jedhamu. Urjiin qara jahaa qabdu kan alaabaa Israa'el irra jirtu sun mallattoo amantii Juudiizimiiti. Akka amantaa isaaniti gara fuulduraa Nabiyyiin "Messaih" jedhamu kan sarara sanyii Nabi Dawud (David) irraa dhalatu ni dhufa. Inni Jiwiishota (Yahuudota) adunyaa irra faffaca'anii kallatti arfaniinuu jiran lafa Israa'el irratti wolitti qaba. Masiyaan (Messiah) kun akka qajeelfama 'Torah' - kitaaba amataa shanan jedhe keessa kan jalqaba san- hordofan godha. Israa'eloota cubbuuf waan badaa irraa dhorka, ni qulqulleessa. Miidhamaaf rakkoo irraas ni baraara. Adunyaan guutuunis dhufaatii isatiin nagaa argatti jedhanii amanu.
---
Akka amantaa isaaniitti Iyyasuus Kiristoos (Nabi Isaan) Waaqas miti. Nabiyyii Waqaatis miti jedhani amanu. Nabi Muhaammad (SAW)is nabiyyii akka hin taanetti amanu. Barreeffama amantaa isaanii tokko tokko keessatti akka Nabiyyoota sobaa ummata dogongorsanitti ilaaluu ykn ibsu.
---
Yeroo ammaa Israa'el keessa Kiristaanonni jiratan %2 (lamaa) gadi. Irra jireessaan (%74) kan ta'an hordoftoota Juudizimiiti.
****
Wolitti bu'iinsi xixiqqoon Araboota Israa'eliifi Yahuudota jidduutti godhamaa turan cimanii itti fuufan. Jiwiishonni ijaarumsi isaan qaban kan Araboota Paalistiini irra jabaa ture. Gama siyaasaan, dipiloomaasiin, humna woraanaa ijaaruun, tikaaniifi wolii abboomuun Jiwiiishonni jajjaboo turan. Jaarmiyaan isaanis kan 'Hagana' jedhamu jabaa ture. Akkasuma Jiwiishonni adunyaa irra faffaca'anii jiran qabeenyaaf beekumsa garagaraa kan horatan turan. Beekamtii gurguddaa gama aartiitiin, muuziqaatiin, fiilmiitiin, daldalaatiin, kalaqaan, industirii, teeknoolojii fi saayinsiitiin argataa turan. Garuu laakkofsi Jiwiishotaa yeroo san 700,000 (kuma dhibba torba) kan hin caalle ture. Paalistiinonni ammoo lafa isaanii falmuuf haga tokko bifa garagaraan haa ijaraman malee, ijaarsi jaraa kan Yahuudota kan gitu hin turre. Laakkofsi Paalistiinotaa yeroo san Miliyoona 1.4 ture.
---
---
Israa'el Mootummaa dhaabbanne jechuu isii hordofee wolitti bu'iinsi xixiqqoon ture gara Waraanaatti ce'e. Seenaa woldhibdee isaanii keessatti guyyaan Israa'eel Mootummaa (Biyya) ta'uu labsatte sun ijoodha. Gaafas waan heddutu iddoo wol jijjire. Israa'el kaartaa aduunyaa irraatti yoo dhuftu, Paalistiin ammoo ni dhabmate. Jiwiishonni mootummaa yoo ijaaratan, Paalistiinonni ammoo bakkee irratti hafan.
---
---
Labsachuu Jiwishota san hordofee bara 1948 fi 1949 keessa woraana jabatu godhame. Lola (Battle) gurguddaa 32tu godhame. Lola gama daangaa jiruun biyyoota Araabaa shan kan Paalistiin deeggaran (Masrii, Syria, Iraqi, Jordani fi Lebanon) wojji yoo ta'u, jidduu biyyaa ammoo ijaarsaa garagaraa Araboota Paalistiinii wojjiin kan godhame dha.
---
---
Lola jidduu biyyaatti godhameen Jiwiishonni mo'achuu irra darbanii baadiyaa fi magaloota heddu fudhatan. Woranni gar malee hammaannaan ummanni Paalistiin hanga woraanni qabbanaayuuf jedhee qe'ee isaa dhiisee gara biyya ollaafi gara qarqara biyyaa godaanaa ture. Israa'eloonni gandoota 400 ol kan barbadeessanii, ummatas akka irra baqatu gochuun qulqulleessa turan.
---
---
Lola kanaan magalonni akka Tiberias, Haifa, Safed, Beisan, Jaffa fi Acree injifannoo woraanaatiin to'annaa Israa'el jala galan. Magaala hiikoo guddaa qabdu Jerusalem ille gama lixaatiin (Western Jerusalem) Isra'elootaan qabamte. Gama daangatiinis lola biyyoota Arabaa wojji godhaniin of irraa qolachuun injifatoo turan Israa'eloonni. Woraana Israa'eel akka biyyatti labsamuu hordofee godhame kanaan Paalisitiinonni 13,000 (kuma kudha sadi) yoo dhuman, isaan 723,000 (kuma dhibba torbaaf digdamii sadi) ta'an ammoo qe'ee, qabeenyaaf biyya isaanii irraa lamuu akka deebi'uu hin dandeennetti buqqa'an. Israa'elis nama kuma jaha ta'utu jalaa dhume. Woraana godhame kanaan Israa'el lafa Mootummaan Gamtooman isiif murteesse (%54) irra caaluun, lafti Paalistiinii % 77 ta'u Yahuudota Israa'elitiin qabame. Paalistiinonni lafa kana irratti woraana otoo hin baqatin hafan 156,000 (kuma dhibba tokkoof shantamii jaha) qofa turan.
---
---
Isaan baqatan dheebuun, qorraniifi rakkoo garagaratanii kaampilee baqattoota qarqara biyyaa (Weest Baank fi Gaazaa jiru) fi biyya ollaa jiruutti garmalee rakkachaa tura. Dhabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalate, mootummoleen biros Israa'el ummata buqqa'e kana qe'ee isanitti akka deebi'an ha eeyyamtu gaafatanii turan. Garuu Israa'el gaafin kun woreegama nu kafalleetti qoosuudha, namni lafa qabanne kanatti as deebi'u tokkos hin jiru jettee jala sarartee adunyaaf himte. San boodas namoota deebi'uuf yaalanis itti dhukaasuu, hidhuufi maqaa lootee-galtota (Infiltrators) jedhu itti maxxansun hiraarsite. Lootee-galatota kamiifuu obsa akka hin qabnes labsite.
---
---
Worana kana injifachuu isii hordoftee, Israa'el labsii "Law of Return" - Seeraa Deebi'u jedhu bara 1950 baafte. Akka Seera kanaatti Jiwiishonni biyya adunyaa kamiin irrayyuu jiran Israa'eel deebi'uu kan danda'anii fi lammummaan Israa'el battalumatti kan kennamuuf ta'uu ibsite. Labsii kana hordofee Jiwiishota adunyaa garagara irraa (keessattuu biyyoota Arabaa) irraa galaniin laakkofsi Jiwiishota Israa'eeli kuma dhibba torba irraa Miiliyoona 1.5tti wogga tokko keessatti dabale. Isaan galan kana ammoo lafa Paalistiinota irraa buqquufteefi qabeenyaa isaanii san irratti qubsiisaa turte. Paalistiinonni akka hin deebine dhorkite, Jiwishota biyya garagaraa irra faca'an ammoo akka biyya haarawa hundeeftame tana (Israa'elitti) dhufanii jiraatan godhaa turte.
---
---
Maddi barreeffama kana kitaabolee dhimma kana irratti barraayan garagara kan dubbise irraa haala qindaa’aa fi gabaabaa ta'een afaan keenyaan isiniif dhiheesse.
---
Maddi barreeffama kana:-
Dr. Nuredin Luke Nuredin Luke
Laga Harre
Dire Dawa
3000
Be the first to know and let us send you an email when Oromia Dire Ali-ODA posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.
Tell us why this listing should be removed. Our team will review your request.