Sabaaf HD

Sabaaf HD Namoota humna hin qabne gargaruuf na
quunnama 📩 DM

18/08/2026
Har'a waa'ee hojii gaarii fi deeggarsa hawaasa keenya keessatti taasifamaa jiru isin biraan ga'uu barbaade.Namoota harka...
17/08/2026

Har'a waa'ee hojii gaarii fi deeggarsa hawaasa keenya keessatti taasifamaa jiru isin biraan ga'uu barbaade.
Namoota harka qalleeyyii fi rakkoo keessa jiran gargaaruun hojii nama gammachiisuu fi boonsaadha.

Tokkummaa fi jaalalaan yoo wal cinaa dhaabbanne, jireenya nama hedduu jijjiiruu dandeenya.

Kanaaf, Aannaa Doobbaa keessatti hojii deeggarsaa fi tola ooltummaa kanaaf hundi keenya gammachuu guddaatu nutti dhaga'ama!

16/08/2026

Amanamummaan waan hundaa dursa Obsa Bayan

Meeqa keessantu yaadata gaafa suuraa akkasiiti ka’an tokko way gaafa san moo?🫢
15/08/2026

Meeqa keessantu yaadata gaafa suuraa akkasiiti ka’an tokko way gaafa san moo?🫢

Jumaa Mubarak Mirqaani akkamiti isinin jira
14/08/2026

Jumaa Mubarak
Mirqaani akkamiti isinin jira

12/08/2026

CBE 1000761639084 Maqan Bikila Ahmed Abrahim
Akauntiin kun kan issati wan qabdaniin gargaara
Isa qunnamuuf 0928857970
Barata Qaphxii 4 galmeessa Yuunivarsitii barachaa jiru,garuu Sababa Maatii isa gargaartu dhabuutiin baruumsa adda muruuf dirqame.

🫡maal naan jedhanii?🫡yeroo tokko tokko maal naan jedhanii namaa qabaadhu, garuu yeroo hundaafi waan hunda irratti maal n...
11/08/2026

🫡maal naan jedhanii?🫡
yeroo tokko tokko maal naan jedhanii namaa qabaadhu, garuu yeroo hundaafi waan hunda irratti maal naan jedhanii namaa qabatee hin deemin.
Garuu wantoota hawaasa keessatti gaarii hin taane , wantoota atis gaarii ta'uu dhabuu isaa beektu osoo qalbiin teellee kan hojjachuuf si kakaaftu taatee maal naan jedhanii Hawaasaa laaltee dhiisuun gaariidha.

garuu, garuu wanta tokko gaarii ta' uu isaa dhibbaan dhibbatti osoo beektu, maal naan jedhanii namootaa tiif jecha yoo dhiiste jireenya kee guutuu gad aantummaan jiraatta Akkasumas waan xixiqqoo fi laaftuu taate hundaaf harka kennita.

kanaafuu, waan hojjachuu barbaadde, waan yoo isa hojjatte bu'aa irraa argattu osoo gatiin isaallee hanga fedhe gadi bu'aa ta'eellee hojjachuu hin dhiisin!.

waan sirriifi gaarii ta'uu isaa itti amante keessatti sammuu kee hordofi malee maal naan jedhanii namaatiin hin dhisin!.

Jiraachuu keetti baay'ee gammadi. Hamaas ta'u gaarii arguu kan dandeessu yoo jiraatte qofa. Ati hin jirtu taanaan hamaan...
11/08/2026

Jiraachuu keetti baay'ee gammadi. Hamaas ta'u gaarii arguu kan dandeessu yoo jiraatte qofa. Ati hin jirtu taanaan hamaanis gaariinis sibira hin jiru. Haalli ulfaatus ulfaachuu baatullee jiraachuukee qofaaf gammadi!

BARATAA YUNIVERSITII ODAA BULTUMObboleessa keenya BIQILAA AHMED kana gargaaraaObboleessi keenya kun Biqilaa Ahmed Abraah...
10/08/2026

BARATAA YUNIVERSITII ODAA BULTUM
Obboleessa keenya BIQILAA AHMED kana gargaaraa
Obboleessi keenya kun Biqilaa Ahmed Abraahim ja'ama barataa waggaa sadaffaati
Iddoon dhaloota isaa Aanaa Doobbaati
Maatii harka qalleeyyi irraa dhalate akkasumaan
Abbaafi harmeen isaa osoo inni joollee addaan bahan,haatii isaas bultii biraa dhaabbatte, waan nama gaddisiisu abbaan manaa saniis ilmaan irratti dhiise du'e.

Eegas hanga kutaa afurii harmee isaa biratti erga baratee booda abbaa isaa biratti deebi'e, abbaa ni dhukkuba.
Biqilaan kutaa gadii irraa kaasee barataa cimaa fi barumsa isaa jaalatuudha,haaloonni kun hundi abdii hin mursiifne.
Akkaataan inni itti barachaa ture barataa cimaa waan taheef hiriyyootuma isaa,aaliifi ollaan deeggaramaa as gahe Yeroo mana barumsa sadarkaa 2ffaa gahees osoo addaan hin kutin itti fufe,yeroo saniis manni barumsa doobbaa sad.2ffaas deeggaraa ture.

Bara 2016 qormaata biyyooleessa fudhatee kallattiin yuniversitii seene. Mooraa yuniversitii keessattiis hiriyyootuma isa beekantu deeggaraa ture. Fresh man irrattiis qabxii bareeda fide.
Waan nama ajaa'ibu fedhiin isaa seera(Law) barachuu ture.garuu an nama na deeggaru hin qabu haala kanaan baradhee, hojii barbaaduuf humnas hin qabu jechuudhaan department history seene.yoon lectura tahee yuniversitiitti hafuu baadhes carraan hojii kiyya baayyeedha yaada jedhuun.

Biqilaan nama yeroo yuniversitii seenuufi galuu deemu rakkataa jirruudha
Waan nama gaddisiisu biqilaan bilbila (phone) hin qabu.yeroo amma waa hundi teeknoolojii wal qabate kana keessatti bilbila dhabuun hangam akka nama miidhu ni beeyna.

Garuu wanni RAAJII namatti tahu akkanumaanu
Haaluma kanaan osoo jiru GPA 4.00 fi 3.95 gad hin dabartu .
Amma barataa waggaa sadaffaati waan taheef barataa kana bilbila barbaachisa fedhiin isaa guddaanis kanuma.
Kana booda kophaa kiyya itti rakkachuurra rakkoo tiyya tana ummata kiyyaaniin gahadha ja'e fuula keessan dhufee jira.

Obboleeyyan maxxansa kana gartan hundi keessan waan qabdaniin gargaaraa
Akkaawantii isaa tanarrattii gargaaraa
👉🏿 CBE 1000761639084
Maqaan Bikila Ahmed Abrahim
Shere nuuf godhaa

Address

Dubai
Dire Dawa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sabaaf HD posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share