29/08/2021
Waan kana akkasitti utu walitti himanne gaarii natti fakkaata.
Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoofi Uummanni Oromoo alaf keessan taasisen FDG bara 2014 eegalee jabaatee gole Oromiyaa Hunda wal gahun Bulchinsa Wayyaanee Aangoorra ari'e.Wayyaanee Aangoorra kaasuu Keessatti dhagaan Tankii dura dhaabbate Wayyaanee Aangorra buusu keessatti qoodni Qeerroo Bilisummaa Oromoo qoodaa guddaaf bakka Ol'aanaa qabu ture.
Akkuma waliinu quba qabnu,sana booda Qabsoo keenyatti finishing tolfachuu dhabun hagam duuba deebisee akka wareegama nu kanfalchiisa jiru hubdumti keenyayyuu waliin arga jirra.badiin gaafasii waan xiqqoon mirqaanuufi namu kaayyoo dhiisee nama jala fiigun akka nutti dhufe dagachuunis gaari miti.
Maqaa Jijjiiramatiin Abiyi gogaa Oromoo uffate erga Aangootti dhufe Oromoo baay'etu gowwome mirqanaan machaa'e.kaan ammoo utuma beeku itti lixe gangalate.
Kana keessatti Abbaan qabsoo Uummanni Oromoo qabsoosatti xumura utu hin godhin Waraabessa quufa harka Aangoo fuudhee,Warabeessa beela'aatti Aangoo kenne.
Cancalli Oromoon ittin deebi'e falmachuu danda'u,cilancillii ciqqoo tokkotu Kibba Oromiyaaf lixa Oromiyaatti hafte.sanu dhaamsuf duula deemaa turte walumaanu argineerra.Oromoon meeqas dungoodhuma isaf ifa jiru dhaamsuuf hagam akka wace walumanu quba qabna.sun cufti dabre,galata Hogganoota keenya har'a,bakka kana geenyerra.
Gara dhimma kiyyatti yoon deebi'u,amma wanti gochuu qabnu jedhe sammuunkoo na amanu,namoota kaleessa beekanis ta'e utu hin beekin moonaa qabsoo bilisummaa Oromootti dhagaa guuraa turanii,dhugaan galtefii jennan gara moonaa qabsoo Oromootti deebi'u fedhan maaf dhufte jechuunin gaari natti hin fakkaatu.innoo akkas ture,jenne maqaadhuma kalessaan waamunus gaarii natti hin fakkaatu.kana gaafan jedhu fakkeessitootaf Ayyaan-laallatoota gara bulluqeeti sirban jechuukoo miti.Fayyaleessi nama dafee ofirra deebi'e dhugaan bakka jirtu barbaadu ni jira. Nutis sababni silas cichine utu arraabaafi maqaan meeqa hin hafin kaayyoon sun sharafamu hin qabu jenne falmaa t