11/03/2022
Irra deebiiidhaan akka Rabbiin yaadannuuf
Sodaa kankee dhabeen
Diinii irraas fagaadhe
Na argita jedheen
Yoomin si saalfadhe
Guyyumaan guyyarraan
Badiitti jabaadhe
Badii hojjachuu male
Yooman si yaadadhe
Osuman sibeeku
Ansi irraan fadhe
Du'as numan beeka
Akka namni du'u
Du'anii kaafamuus
Utuman dhagahuu
Aakiraa dhaquunis
Hin hafu hundaa'uu
Kana nan amana
Mormuus hindand'uu
Hundaa osoon beekuu
Amanuu hin dan'dau
Hin beenna Hundinuu
Akka Lubbuun baatu
Guyyaa murtiin dhugaa
Dhuftee nurraan baatu
Gaafa sakaraan dhuftee
Kokkeetti rakkattu
Maliifiree garuu
Kan amanuun jabaatu
Kamiyyuu nin beeka
Qalbiin namaas beetti
Dukkannii fi Ifti
Eesaa wal - fakkatti
Dhugaa qabachuutu
Namatti jabaatti
Male eessaa dhugaan
Eessaa si baqatti
Qabriis nin beeka
Akkan ganaa ciisu
Akka ahiliin kankoo
Qophaatti nadhiisu
Dukkanni qabriis
Nuhin sodaachisuu
Utuu kana beekuu
Namnis badii hin dhiisu
Eee
Qiyaamaas ni beenna
Guyyaa gaafa murtii
Guyyaa ilmi namaa
Dirree maasharitti
Tokko kan hin hafin
Walgahu achitti
Guyyaa ilmi namaa
Qullaa isaa kaafamu
Akka gaafa dhalateetti
Quullaa isaa yaafamu
Dubbiin jabaachuu irraa
Wal hin yaadatamu
Guyyaa ilmi namaa
machaau of wallaalee
Dhugee osoo hinta'in
Azaaba san laalee
Guyyaa qabeenyi
sinfayyadne
Hojii ofii male
Rabbiin si haa maaru
Rahmata isaatiin
Aaaamiiiiiiiiiiin
Itti fufa ππ‡
Sheerii wal-yaadachiisaa
namni of dagate
of haayaadatu