Hamile association

Hamile association � ~ barnoota ammas barnota kana ta'u qaba kaayyon..............�

Education and volunteer activities
Personal development program
Traveling
Mind set works
Youngster program

Partnership Today we are thrilled to announce that we have signed tripartite MOU with one of the experienced organisatio...
17/06/2023

Partnership
Today we are thrilled to announce that we have signed tripartite MOU with one of the experienced organisations that working on education and development, Oromo enlightening guild and Bifle mind
The document was signed by Hamile Association president and founder, Bahatole Abdela and current OEG president and well known writer Dr ilias Abdela and Bifle mind founder and executive director Hussen Abdela, on the 17th June 2023.

The parties have agreed to jointly work on different educational and mind set programs across the region and country!!

Deeggarsa meshaalee barnootaa 📖 🖊 ✏️!!Guyyaa arraan tanaa Hamile Association Araddaa 08 waliin ta’uun Deeggarsa meeshaal...
03/10/2022

Deeggarsa meshaalee barnootaa 📖 🖊 ✏️!!

Guyyaa arraan tanaa Hamile Association Araddaa 08 waliin ta’uun Deeggarsa meeshaalee barnootaa maatii harka qalleeyyii 120 ol biraan gahee jira.

Deeggarsa kana gad geessuu keessatti namoota nu cinaa dhaabbattan hundi maqaa keenyaan hedduu galatoomaa, ulfaadhaa janna. Araddaa 08,addatti ammoo obboleeyyan keenya iftuu fi maliikaa hedduu nuuf galatoomaa ulfaadhaa

Deeggarsi kun qarshii 40000 olitti kan tilmaamamuudha.akkasuma hamile association deeggarsa kana godhee dhiisuu qofa osoo hin taane ijoolleen arra mana barumsaa galan kunneen sababa adda addaatiif barnoota jalqaban kana karatti addaan akka hin murreef Bulchaa Araddaa wajjiin ta’uun kan jala deemu taha.

Barnootni hundee jiijjiirama akkuma ta’een ijjoollen keenya baratanii carraa jiru hundaan magaalaa keenya akkasuma biyya isaaniif gumaacha barbaachisaa akka gumaachaniif waliin hojjenna.


Dhaabbata barnootaa fi tola ooltummaa
Barnootaa barnootaa ammaas barnoota kana tahu qaba Kaayyoon…

Happy international youth day!Baga guyyaa dargaggeessa idil addunyaa geessan Akkuma beekkamu dargaggoon lafee duydaa haw...
12/08/2022

Happy international youth day!
Baga guyyaa dargaggeessa idil addunyaa geessan

Akkuma beekkamu dargaggoon lafee duydaa hawaasa tokkoo akkasuma biyyaati.kanaaf akka dhaabbata keenyaatti dargaggoo keenyaaf bakka guddoo khannuun akkasuma isaanii waliin ta’uun jijjiirrama hawaasaaf ni hojjenna


Dhaabbata tola ooltummaa fi barnootaa

Hamile Association bishaan gubate birrii kuma lamaan bitate!Dhaabbatni hamile association kitaaba ogbarruu kan ta’e, bis...
04/08/2022

Hamile Association bishaan gubate birrii kuma lamaan bitate!

Dhaabbatni hamile association kitaaba ogbarruu kan ta’e, bishaan gubate kan gazexeessaa Mohammed sirajiin barreeffame guyyaa kitaabichi magaalaa Dirre dhawaatti eebbifamu achitti argamuun birrii kuma lamaan akka bitu waadaa galee ture dhugoomseeti jira.

dhaabbata barnootaa fi tola ooltummaa

Hubannoo gabaabduu dhaabbata kanaa !!!Barreeffama gabaabaa kana hubannoo dhaabbata kana gubbatti jirtu namni gariin waan...
27/06/2022

Hubannoo gabaabduu dhaabbata kanaa !!!

Barreeffama gabaabaa kana hubannoo dhaabbata kana gubbatti jirtu namni gariin waan gama keessaatiin nu gaafachaa jirtaniif ifa godhuufi.
Dhaabbatni kun ‘HAMILE ASSOCIATION’ maqaa ja’uun nama haga tokkoon magaalaa teenya dirre dhawaa sababa godhachuun sochii gabaabduu jalqabne.Sochii kanarra odoo jirruu maaliif dhaabbata cimaa tokko kan akka magaalattiitti heyyama argatee dhimma barnootaa fi tola ooltummaa gubbatti hojjettu hin goone ka ja’uus yaadni dhufe,Nutis achumaan gama hayyama argachuutti seenne alhamdulillaah dhimmi barbaachisu hunda fixnee kunoo jalqabbii bara kanaa jechuun guyyaa 27/1/2014 E.C( 7/10/2021 G.C) irratti akka yaadamee olitti,jechuun akka magaalattiitti yaadamee kan ture akka biyyooleessatti lakk. Galmee 54021 FDRE dhaabbata miti mootummaa fi ummataa tahee galmaahee jira. NGO ( Non governmental organisation) ka ja’aniin san jechuudha.

1 Kaayyoon isaa inni guddaan hoo maali maal hojjechuu barbaada?

▪️ Barnootaa fi dhimma barnootaan walqabatan adda durummaan kan hojjetuudha; waahee barnootaa ilaalchisee barnootatti nama kakaasuu irraa jalqabee…haga iddoo barnoota sadarkaa ol aanaa ( college) banuutti. Keessaafuu barataa gahumsa ol aanaa qabu oomishuuf manneen barumsaa bultii addaa( boarding school) tahan ijaaruun barataa akka naannoo,biyyaa fi akka addunyaatti dorgomaa tahe oomishuudha.

▪️ Akkasuma gama tola ooltummaatiin hawaasa keenya akka walii galatti kan tola ooluu fi aadaa wal gargaaruu cimaa tahe qabu kana bifa qindaahaa taheen hirmaachisuun qaawa gama kanaan nutti jiru kana dargaggoo biyyaa waliin tahuun hojii addaa hojjeechuudha.

2 Teessoon isaa ho eessa akkamiin qunnamuu dandeenya?

▪️ Yeroodhaaf teysoon teenya magaalaa guddoo baha biyyatti, giddugala (mandhee) Afran qalloo Dirree Dhawaa ti,yeroo haga tokko booda teysoo keenya harar baabbilee fi cirootti gad dhaabuuf yaada qabna. nu qunnamuudhaaf page kana gama keessaatiin akkasuma e-mail fi silkii page keenya gubbaa jiruun nu qunnamu ni dandeessu.

3 Maal isin haa gargaarru maaltu nurraa eeggama ka ja’uuf?

▪️Yaadni nuti qabannee lafaa kaane kun yaada nama hedduu takkaa akka tahe ni amanna, ni beeynaas kunis tahuu kan dandahe gahee fi hirmaannaan barnootaa kan gama bahaa kanatti argamu gadi bu’aa ta’uun eenyu irraahuu waan dhokhotuu miti, kanaaf gaheen kee kan tahuu dahdahu gaafa si bira geenyetti waan dandeessuun akka nu cinaa dhaabbattu ammatti ammoo bakka jirtu maatii,olla keetiin jalqabuun hubannoo uumi, barnootaaf dhaaloota kaasi haala mijjeessiif faa’idaa barnootaa hubachiisi, tola ooli mataa keetiifis barnoota dabaladhu, beekkumsaan if jaari. Dhaabbatta kanaa fi kan kana fakkaatan hunda waan isaan hawaasa fayyadaniin gahee isaan sirraa barbaadaniin cinaa dhaabbadhu. Galatoomaa

Hamile Association hamilee barnootaa
Barnoota barnoota ammas barnoota kana tahu qaba kaayyoon…

Hamile Association Dhaabbatni keenya Hamile Associaton Erga hundaa'ee as hojiilee adda addaa hawaasa biraan gahun isaa n...
23/06/2022

Hamile Association

Dhaabbatni keenya Hamile Associaton Erga hundaa'ee as hojiilee adda addaa hawaasa biraan gahun isaa ni yadatama.

Dhaabbatni kenya hojiilee fuladura hojjechuuf karoorfate gubbatti koree management ofitti dabaluudhaan marii ballaa isaanii wajjiin guyyaa 12/10/2014 tti taasisee jira. akkasuma obboleeyyan keenya akkasuma koree ol’aanoo kanaa wajji weyta haasawutti yaadaa fi muxannoo isaanirraa argate hojiitti jijiiruuf waadaa gale jira.

Hamile Association Hamilee barnootaa..
Barnoota barnoota ammas barnoota kana tahu qaba kaayyoon....

Hamile Association Dhaabbatni keenya guyyaa arran tana ijoollee hadhaaf abbaa hin qabaanne karaarratti akkasuma manneen ...
01/06/2022

Hamile Association

Dhaabbatni keenya guyyaa arran tana ijoollee hadhaaf abbaa hin qabaanne karaarratti akkasuma manneen yaalaa gara garaatti darbaman, tan biiroon dhimma dubartootaa fi daa’immanii dirre dhawaa galma godhaniifi guddisaa jiraniif gargaarsa meeshaalee gara garaa taasise.
Meshaaleen kunneen Aannan, diaper fi meshaalee nyaataa birooti. Deeggarsa kanaas biiroo isaanitti argamuun Kabajamoo Aadde Caaltuu Hussen hoggantuun biiroo bakka argamanitti deeggarsa kannineef.

Hamile Association
Waldaa barnootaa fi Tola ooltummaa

Hamilee Association Waldaan keenya waldaan barnootaa fi tola ooltummaa Hamile Association guyyaa arraan tanaa biiroo dhi...
17/05/2022

Hamilee Association

Waldaan keenya waldaan barnootaa fi tola ooltummaa Hamile Association guyyaa arraan tanaa biiroo dhimma daa’immanii fi shammarranii magaalaa dirree dhawaa waliin ta’uun meeshaalee qulqullinaa ijoollee dubraa ( shamarrannif) oolan sanitary pad (modes) mana barumsaa meahidal nur sad. 1ffaa fi 2ffaatiif mooraa mana barumsichaatti qaamaan argamuun iddoo clinic mooraa duratti arjoomanee jirra.

Deeggarsa kana obboleessa keenya kab. Itti Aanaa dhaabbata Hamile Association Ansar Abadir fi miseensota biroo waliin tauun itti gaafatamaa dhimma finance mana barumsicha obbo seyfuddiin Mohammed harkaan gahanii jiru

Association
Dhaabbata tola ooltummaa fi barnootaa
Support hamile

Assalaamu aleykum warahmatullah  Waaldaan keenya waldaan barnootaa fi tola ooltummaa kan yeroo dhihoo as akka biyyattiit...
15/04/2022

Assalaamu aleykum warahmatullah



Waaldaan keenya waldaan barnootaa fi tola ooltummaa kan yeroo dhihoo as akka biyyattiitti hayyama argachuu dhaan socho’aa jiru Hamile Association baatii ramadaanaa sababeeffachuudhan hawaasa keenya kanneen hospital walii galaa dil choraa keessatti yaalii irra jiran akkasuma maatii fi ijoollee magaala dire dhawaa achitti argaman waliin ta’uun guyyaa kaleessaa sagantaa ifxaaraa guddoo bareedaa achitti gad geessine.Sagantaa kana milkeessuuf AMANO TRANSIT wacii guutuu sponsor nuu ta’an guddaa galatooma jechuu barbaannaan akkasuma management hospital dil choras ulfaadhaa.

Hamilee Association/waldaan hamilee barnootaa gubbatti haa xiyyeeffatuu malee taateelee adda addaa sababeeffachuun sagaataalee akkanaa hawaasaa waliin qoodachuu itti fufa.

@ Hamilee Association
Waldaa barnootaa fi tola ooltummaa
📷 bhr official

Guyya gaari
29/09/2021

Guyya gaari

25/08/2021

Address

Dire Dawa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hamile association posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to Hamile association:

Shortcuts

Share

Category