Urjii kaabaa ሰሜን ኮኮብ

Urjii kaabaa ሰሜን ኮኮብ

Share

09808887

22/02/2026

RAMADAN MUBARAK

23/10/2021
Photos from Urjii kaabaa ሰሜን ኮኮብ's post 29/06/2021

MADAALLII NAMUMMAA

Madaalliin Namummaa quuqama Namni Nama ta'uu isaa qofaan Lammii Rakkina irra jiru Humnaan,qabeenyaan,yaadaan,Beekumsaan Birkiilee beekan hundaan bira dhaabbatanii gargaaraniin kan madaalamu malee Beekkamtii Namootaa yookin Murni garee tokkoo qabu qofa ilaaluun Yoo kan madaalanii fi Deeggaran ta'e kuni Namummaa osoo hin taane Loogummaatti ibsama.

Kana jechuun Wanti nakakaase Aanaa Jiillee dhummuugaatti Hawaasa Manaaf qabeenya isaanii irraa buqqa'an deebisanii dhaabuu irratti Birkiin Sabqunnamtii Hawaasaa Kan mootummaa fi Dhuunfaan/Private Koreen Deeggarsa kanaaf hundeeffame Akkasumas Qaamonni quuqamni Namoomaa Itti dhagahamu kan biyya Alaas ta'ee biyya keessa jiru hunduu Waan godhamuu qabuu fi deeggarsa isarraa eegamu bahachaa akka ture waan haalamu miti. Kanaaf immoo Galatoomaa Maqaan keessan Galmee Jaalala Rabbii Guddaa fi Seenaa Sabaa irra isiniif haa taa'u osoon hin jenne darbuu hin danda'u.

Kana jedhee immoo kanneen Osoo kana Arganii Osoo dhaga'anii Qananii rabbi isaaf kenneen Hawaasa kana waan gochuu danda'aniif Osoo hin godhin doqnummaan yookin Akka Waan salphatti ilaalanii callisaniif Xalayaan tuni Dammaqsituu akka taatuuf Irra deebiin Waamicha lammummaa, Harmeewwan,Daa'imman fi Jaarrolii Oromoo walloo Aduu fi Roobni dabaree itti wal darbee Alatti Roorrifamaa jiran kana Humnas,Maallaqaas,Beekumsaa fi yaada qabdu hunda itti hin qusatiin. Lammiin kee Gaafa diinaan Kokkee wal qabu Saba qaaliin Of duubaa qaba jedhee si Abdate Albaadhessa taatee akka inni Abdii sirraa muratu hin godhiinii Qooda lammii bahadhuun Ergaa kooti.🙏

Via Diinaa'ol Muktish

29/04/2021

WARQITUU
Warqituu Oromtittii walloo, ishee Mootii habashootaa Tewdirosin galaafatte!
Gootitti Dubartii haadha Seenaa!
Warqituu Walakeessa, bara 1868 uummati Oromoo Walloo, Olaantummaa Oromoo Kaaba xoopiyaatti sarbame jiru deebisuuf, dhamaatii guddaarra turan. Giftittii Oromoo Yajjuu kan taate, Warqituu fi Sheek Jaafar abbaan gooticha Tolaa, namoota warraaksa sana keessatti iddoo guddaa qabanii fi ga’ee wareegama lubbuu kanfaluuf ofitti murteessanidha. Mootichi Teediroos, bara sana duguuggaa sanyii haalaan jabeesse ture. Ilma Warqituu # Hamadee jedhamu, kan booji’ee bakka buuteesaa dhabamsiises, Teediroos ture. Warqeen gumaa ilmashee sana ba’uuf, ciistee bultee hin beektu. Yeroo minilik seexantichi sun ka’ee Teediroosiin fonqolchuu yaales, jibba Teediroos irraa qabdu sanaaf “Diinni diina kootii anaaf fira kooti” jechuun, Minilikiin humna fardaan deggeraa turteetti jedhama.
Waraana Teediroosiin kan Momoriin as darbanii, uummata walloo Oromootti duulan, humni Warqeen durfamu, waraana habashticha Teediroosiin durfamu sana achi dachaasuun, Mormoriin ceesisanii, buufatata waraana Teediros biratti waraana namtittii hedduu erga fixanii booda, Warqeen gootittiin sanyii dhiiraa sun, maqdallaa irratti, Teediroosiin biyyoo nyaachistee, gumaa ilmoo ishee fi gumaa Oromoo ba’atte. Bara sana waraanni Ingilizii Lammii Ingilizootaa, kan Teediros sababa doofummaasaaf, fuuluma diimatanii faranjii ta’aniif meeshaa waraanaa hojjetu jedhee yaadee “naaf hojjedhaa malee hin galtan!” jechuun humnaan qabee hidhe sana baafachuuf, dhufanii Kaaba Xoopiyaa jiruvturan. Biyyicha keessas Teediroosiin barbaadaa utuu jiranii dha; Warqeen kan isa ajjeeste. Ajjeesuusheef faranjoonni sun gootummaa isheefi Oromoo baayyee ajaa’bsiifatan galan ! Suuraan ishee har’a Godambaa /museum Ingilizii keessa jira.

07/04/2021

Like fi Fellow gochuun nu jajjabeessa nu husrdofaas

07/04/2021

Bara 1937 G.C Gondar magaalaa Addis Alemitti Darasaan muslimaa Qur'aana yeroo qara'an akkatti boolla seenaniiti ture. (Quran students attending thier lessons being in the hole in Addis Alem/Gondar back in 1937 G.C)
በጎንደር አዲስ አለም የቁርአን ተማሪዎች እንዲህ ጉድጓድ ገብተው ነበር የቁርኣን ትምህርታቸውን የሚከታተሉት - 1929 ዓ.ም.

Photos 03/04/2021

# Muslimoota_Itoophiyaa_bara_1966 Fi
# Abboomaa_Mitikuufaa
Akka Lakkoofsa Faranjii bara 1974 dura Itoophiyaan ummata muslimaatiif bakka hin qabdu. Namni muslima tahe akka lammii biyyaati hin laalamu ture. Guyyaan Iidaa fi Mooylidootaatis hin kabajamu. Afooshaas tahe waldaya kamuu Maqaa muslimaatiin ijaaramuun hin dandayyamu. Yeroon Mootummaa Haayilasilaasee ummata Muslimaa fi ummata Oromootiif yeroo dukkana cimtuu ture. Mootummaan Haayilasilaasee ana qofaatu isiniif beeka jachuun abbaa irr'ummaa isaa ummata Muslimaa fi sabaaf sablamoota Itoophiyaa agarsiisuun, Barcumarra turuu isaa qofaaf gara jabeenyaan hojjachaa ture.
Duuba Ummanni Muslima Itoophiyaa Roorroon daangaa itti dabartee, boobbaaf gala wallaalchifte jirtu kun, Bara 1966 ti Guutuu biyyatii keessaa bakka wal buusuun, magaalaa Finfinee keessatti hiriira guddaa Gaafii falmii mirgaa Muslimoota Itoophiyaa keessatti Seena qabeessa tahe gaggeessan. Barattootni Yuunivarsiitii Finfinee walqixxummaa ilmaan namaati amanan hiriira Muslimootaa kana kan dabaalan yoo tahu, irra caalaan ijoolle Kiriistiyaanaa kaneen mirgi Muslimoota kun akka kabajamu muslimaa wajiin hiriiran ijoollee Oromoo amantaa Kiristiyaanaa qaban turan. Kaneen keessaa fakkeenya guddaa kan ture # Abboomaa_Mitikuu ti. Akkumma Suuraa irratti argitan Abboomaa faan "Guyyaan Ayyaana Muslimootaa Haa Kabajamu, Mirgi Walqixxummaa Amantaa ummata Itoophiyaa hundaaf haa kabajamu, Mootummaan Yaada Ummataa hin fudhanne Umrii hin qabu, Itoophiyaan "Daseeti" kiristiyaanaati miti" dhaadannoolee kkf qabatanii, ummata Muslimoota Itoophiyaa wajiin dhaabbachuun, ilmaan dhugaa biyyiti tun qabdu tahuu addunyaaf mirkaneessan.
Abboomaa Mitikuu dargageessa namaa , barataa Cimaa yuuniivarsiitii Finfinee ture. Bakka Bu'aa gamtaa barattoota Yuunivarsiitii Finfinee tahuf filannoof yoo dorgoomu, kan isaa waliin dorgoomii taasisaa turan keessaa tokko Mallas Zeenaawii ture. Mallas Ciminaa fi gameessummaa Abboomaa Mitikuu yoo argu, "isaa wajiin dorgoome moohuu hin dandayyu" jadhee fadhii isaatiin dorgoomicha keessaa of baasee ture.
Oromoon Saba Dhaloota samuu bilisaa fi ofbira darbanii walqixxummaa nama kamiifu dhaabbatan ummata biyya tanaaf arjoome dha. Saba dhaloota Samuu bilisaa akkana fa fakkaatu qabu kanaan Dhiphoota jechuuni barbaadi gadheen akka Woyyaane faan. Arras ummanni Oromoo ilmaan akka Abboomaa Mitikuu kumaantamaan lakkaa'amu saba ofkeessaa qabu dha. Gaafiin Ummata Muslimaa gaafas ka'aa turte hanga arraa guutuuti deebii argatee jirti jechuunis hin dandayyamu. "Itoophiyaa Keessatti Gaafiin walqixxummaa amantaa kan kabajamuu dandayyu gaafa Gaafiin Saba Oromoo deebii gahaa argate qofa" jadhe ture Hayyuun Oromoo tokko waggaa 7 dura. !!!
# Horaa Bulaa
# Deebanaa

12/03/2021

Afaan Oromoo Afaanota Afriikaa keessatti dubbataman 1000
ol ta'an keessaa sadarkaa 3ffaa irratti argama.
¤ Afaanota Kuush 40 dubbataman keessaa Afaan Oromoo
1ffaa dha.
● Mootiin yeroo jalqabaatiif Kuush ykn Oromoo hoogganaa
turan "Amarraanaa Osiriis jedhamu.
●Biyyoota Afriikaa 54 keessaa bal'inaan kan Oromiyaa caalu
Biyyoota 17 qofadha.
¤ Oromiyaan bal'ina lafaatiin Faransaayiin ni caalti,
akkasumaas Itaaliiti dachaa lama tatti.
አፍሪካ ውሰጥ ከሚነገሩት ከ 1000 በላይ ቋንቋዎች ውስጥ ከአረብኛ እና
ከስዋሂሊ ከጥሎ የአፋን ኦሮሞ ቋንቋ ሶስተኛ ደረጃ ላይ ይገኛል።
በሰፋት ከሚነገር 40 የኩሽቲክ ቋንቋዎች ውስጥ በተናጋሪ ብዛት አፋን ኦሮሞ
አንደኛ ደረጃ ላይ ይገኛል ።
የመጀመርያው የኩሽ ኑቢያ ኦሮሞ ንጉሥ አማርና ኦስርስ ይባላል።
ከአፍሪቃ 54 ሀገሮች ውስጥ 17 ሀገሮች ብቻ ናቸው ኦሮሚያን በቆዳስፋት
የሚበልጡ።
የኦሮሚያ ስፋት ጣሊያንን ሁለት እጥፍ ትሆናለች ።
ከፈረንሳይም በላይ ትሰፋለች ።

08/03/2021

Bililleen eenyu?
Dhageefadhaa Baraa

Want your school to be the top-listed School/college in Dessie?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address


Bete, Shewa
Dessie