IQRA Generation

IQRA Generation ONLY FOR NESIHA�

06/04/2026



Ibsi ariifachiisaan Mootummaa Iraan irraa kan dhufe, hoogganaa Ameerikaa fii Trump irratti ibsa sodaachisaa ta’e ba’ee jira!

Obsi isaa dhumeera; yeroo dhihoo keessatti deebii Iraan irraa kan nama ajaa’ibsiisu ni argitu. Deebiin sun buufata waraanaa Gulfii qofa irratti osoo hin taane, gara giddu gala illee ni gaha; achittis waan isin keessatti gootan sana ni deebifna.

Mootummaan Islaamaa Iraan hin jilbeenfatu, harka hin kennus yaa Trump. Seenaa dubbisi waa’ee Faarsootaa warra Ameerikaan dura illee hawaasa guddaa ijaaran.

Yeroo dhihoo keessatti abbaa keenyaaf, Ali Laarijaanii fii namoota haala hamaa ta’een isiniin ajj-ee-faman hundumaaf aarsaa baafna.
Hiika haaloo Islaamaa kan ati kitaabota amantii keessatti qofa dhageesse qabatamaan si agarsiifna jechuun dubbatan.!

Alja-zi-raatu gabaase

06/04/2026
20/03/2025
20/03/2025
20/03/2025
Jechoota HARARGEE keessatti dubbataman !==================◇ Xulluph ~~ utaaluu, tasa utaaluu◇ Xuluq ~~ ~fixuu◇ Manyaq ~~...
15/01/2024

Jechoota HARARGEE keessatti dubbataman !
==================
◇ Xulluph ~~ utaaluu, tasa utaaluu
◇ Xuluq ~~ ~fixuu
◇ Manyaq ~~ jajallachuu
◇ Huxuph ~~ callisuu
◇ Qacam ~~~qabuu
◇ Haf ~~~~~butuu, tasa nama harkaa butuu
◇ kudhuph ~~utaaluu
◇ Kidhiph ~~~irraan utaaluu
◇ Xarraq ~~~~baqaqsuu
◇ Haffaq ~~~~fottoqsuu
◇ Kombol ~~~ jiguu
◇ Riq ~~~~~~itti bu'uu
◇ Mulluq/Murruq~~fixuu
◇ Diph ~~~~~~lafaan dha'uu, dha'uu
◇ Dhuffuq ~~~~humnaan diruu, (waraanuu), baayyisanii fudhachuu ykn kennuu
◇ Bashaq ~~~~ cabsuu
◇ Shishim ~~~~dhaamsuu
◇ Cunqur ~~~~~muguu
▪︎ Qurxum ~ ~~~~ muruu
▪︎ Fallaq ~~ banuu (dhoosuu)
▪︎ F*x ~~ muddamaan ba'uu, tasa argamuu
▪︎ Baxxaq ~~ kufanii lafa ga'uu (hudduun)
▪︎ Halaw ~~ tasa seenuu/ba'uu
▪︎ Billic ~~ Ibsanii dhaamsuu
▪︎ Liph ~~ tasa dhaamsuu (Ibsaa ykn Ifaaf)
▪︎ Qasham ~~ cabsuu (mukaaf)
▪︎ Hi'ii ~ ~ diduu
▪︎ Xaph ~~ fixuu (nyaata/hojii)
▪︎ Gardam ~~ jirtuu (dheedhii) nyaachuu
▪︎ Khalaw ~~ gaggabuu
▪︎ Bushuq ~~ boo'uu, imimmaan ija guutuu
▪︎ Bashaq ~~ caphuu
▪︎ Shaf ~~ Muruu
▪︎ Kishif (Shikif) ~~ boqochuu
▪︎ Xuph ~~ Guutuu (Afaan gubbatti guutuu)
▪︎ Bat ~~ Dha'icha xiqqoo (Rukuttaa xiqqoo)
▪︎ wax ~~ halangeen dha'uu
▪︎ Funnuq ~~ loluu (finciluu)
▪︎ Fash ~~ Facaasuu (Bishaan, Midhaan, biyyee)
▪︎ Qaxaph ~~ Yaadachuu
▪︎ Kataf ~~ tasa namatti (walitti) dhufuu
▪︎ Taraf ~~ hatattamaan lafaa ka'uu
▪︎ Baxalaq ~~ kuffisanii lafaan ga'uu
▪︎ Cabalaq ~~ Guutuu ykn guutamee argamuu ( Haroo ykn bishaan, Nama)
▪︎ Shalab ~~ Laaffisanii hidhuu
▪︎ Bukh ~~ Aara (dhukkee)
▪︎ Jambar ~~ Dabooluu, of gatuu
▪︎ Qarraf ~~ Hooquu
▪︎ Cillim ~~ Dukkanaa'uu
▪︎ Baccaq ~~ Laaqqachuu
▪︎ Laqac (Conqol) ~~ qaamni lallaaffachuu (hirribaan, dhukkubaan)
● Shifshif ~~ Titiifuu (roobaaf)
● Lakham ~~ Boonaa adeemuu ( Kooruu)
● Ququm ~~ akaawwii nyaachuu, nyaatanii fixuu
● Shir ~~ naanneessuu
● Wir ~~ Sochoosuu
👉 Qalawu ~~ rukutuu (meeshaadhaaf)
👉 Qax ~~ jiilchuu, tasa dhaabbachuu, dhaabuu
● Khar ~~ hirriiba keessa sagalee dhageessisuu
● Cir ~~ daa'imni haalaam boo'uu, dukkana hammaataa,

✍️DO YOU KNOW Having A Female As A Best Friend is like having a Chicken as a Pet you will Eat It One day...
14/01/2024

✍️DO YOU KNOW
Having A Female As A Best Friend is like having a Chicken as a Pet you will Eat It One day...

"Abdii hin kutatiin"  Jack Maa"Nan milkaa’a jedhee yaadee hin beeku!Sooressa beekamaa biyya Chaayinaatti 1ffaa Jack Ma“ ...
29/11/2023

"Abdii hin kutatiin" Jack Maa"

Nan milkaa’a jedhee yaadee hin beeku!
Sooressa beekamaa biyya Chaayinaatti 1ffaa Jack Ma“ Ani maatii homaa hin qabne, hiyyeessa; harka qalleessa irraan dhaladhe.
Carraan gaarii na mudatee hin beeku
 Qormaata biyyoolessaa sadarkaa 1ffaa (primary School) si’a 2n kufe.
 Qormaata biyyoolessaa sadarkaa 2ffaa (High School) si’a 3n kufe.
 Qormaata biyyoolessaa qophaa’inaa (Preparatory School) si’a 2n kufe.
 Harvard Yuunivarsiitii seenuu barbaade qormaata seensaa si’a 10n kufe.
Hojiifis ulaagaa guutee hin beeku
 Hojii humnaas ta’e dhaabbata hojjechuuf wanta ani hin yaaliin hin jiru.
 Induustirii garagaraa 30 ol ta’an keessatti qacaramuuf dorgomeera, hundi isaanii iyyuu ulaagaa hin guuttu jedhanii na deebisu. Keessa ba’anii kan na arrabsan, natti dheekkamaniifi na tuffatanis jiru.
 Kaan dhiisaati Pooliisii biyyaa ta’u barbaade dorgomeera, garuu naaf hin taanee. Yeroo tokko nama shaniif baasanii jennaan shan taanee dorgomne, nama afur fudhatanii anan ulaagaa hin guuttu jedhanii na hambisan.
Walumaagala anaan namni dhuunfaas ta’ee gareen, dhaabbanni mootummaas ta’e miti mootummaa kan ani keessatti fudhatame hin jiru. "Dorgommiin tokko nama 24 barbaada yoo ta’e; 23 fudhatanii anaan kuffisu.
• Dorgommiin tokko nama 10 barbaada yoo ta’e; 9 fudhatanii anaan kuffisu
Kana irraa kan ka’e:
o Ani nama carra dhabeessa
o Nama abdii hin qabne
o Nama ulaagaa hin guunne
o Nama tuffatamaaf gatamaa
o Nama milkaa’inaaf hin uumamnedha jedheen of yaada ture. "Garuu akkas miti: "Har’a yeroon taa’ee yaaduu kufaatiin koo yeroo sanaa milkaa’ina koo har’af sababa ta’eera!. "Ulaagaa guutuu dhabuun koo, tuffatamuuf salphachuun koo gaafasii har’a kabajaan na ga’eera!."Milkaa’inni harki caalu kufaatii keessa darba! Ani har’a: Sooressa beekamaa (1ffaa) Biyya Chaayinaati.

"Kaleessa dhaabbata namaa keessa hojjechuuf jedhee carraan dhabe, har’a geggeessaa Kaampaanii Alibaba.com ti. Jack Ma. Via fb

Seenaa kan irraa maal baranna?
By Young miftah

Address

Harar Village
Deder
DIRETEYARA

Telephone

+251973217698

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when IQRA Generation posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to IQRA Generation:

Shortcuts

Share

Category