18/11/2022
Akkam jirtuu mee hardha waan tokko barreessu barbaade innis Magaalli Caancoo Godina addaa jalaa baatee gara godina shawaa kaabaa jala galuu jirti kana jedhuu odeeffannoo adda addaa tora Facebook irraa argee. Mee magaalli Caancoo fageenyan kiloometiraan fichee irra dhiyoo moo finfinnee dhaqabummaa dhiyoodha. Dabalataan Abbaan dhimmaa ykn jiraattoonni magaala Caancoo tajaajila dhaqabummaa qabu, yeroo gabaabaa keessatti xumuranii maatii ofitti deebi'u magaalaa km. 80 fagaatutu dhiyaata moo magaala finfinnee kana km. 40 dhiyaata. Akkasumas Ummanni magaala Caancoo rakkoo konkolaataa ykn geejjibaa magaalaa finfinnee deemuufu rakkachaa osoo jiruu inummaa iddoo konkolaataa argachuu hin dandeenye godina shawaa kaabaa jala galchuun maal jechuudha. Kana malees aangowwaan dhimma magaalaa Caancoo gara godina shawaa kaabaa jalatti yoo deebistan dhugaam fayyida Fi rakkoo ummataaf fidu walqabtee ummata kana marisistanii. Haa ta'utti murtoon isin siyaasaa magaalaa shaggar jettani murteessitan sirri ta'us garuu immoo magaaloota duraan godina addaa jala turan maaliif teessoo godinaa magaala finfinnee akka ta'u goochuun moggaasa maqaa immoo godina magaaloota shaggar jechuun hin hundeessine.