Boke Guddo High School

Boke Guddo High School Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Boke Guddo High School, School, Boke T'ik'o.

06/02/2025

Birrii kuma 10 Ingiliffaan barreessuu wallaaleen baankii dhaabbachaa jira πŸ˜”πŸ§

PILAAMPIINATII --PLUMPYNUT Pilampiinatiin nyaata addaa ta'ee joollee umriin isaanii baatii 6 ol ta'ee fi hanqina nyaataa...
05/08/2022

PILAAMPIINATII --PLUMPYNUT

Pilampiinatiin nyaata addaa ta'ee joollee umriin isaanii baatii 6 ol ta'ee fi hanqina nyaataa hamaa qaban dandamachiisuuf kan qophaa'eedha.
Pilaampineetiin waa afur irraa qopheeffama isaaniis:-
1. Sukkara
2. Aannan gogaa( daakuu)
3. Zayita
4. Albuudoota fi viitaamina garagaraa irraa qophoofti!
Kana malees
Pilampiinatiin tokkichi anniisa kiiloo kaaloorii 500 of keessaa qaba

Pilaampineetii
- daa'ima ykn nama tokkoof kan ajajamtu ulfaatina isaa irratti hundaa'ee shallagameeti!
- Akka nyaataa Qopheessuu ykn bilcheessuu hin barbaachisu
- Bishaan itti makanii bulbulanii nyaachuu hin barbaaddu. Kiisha isiin keessa jirtu baqeeysitee nyaachuu qofa
- Teempichara daree keessatti odoo humaa hin taane yeroi dheeraaf turuu dandeesi. Kana jechuun firija kaayuu naman barbaachiftu

EENYUU NYAACHUU QABA

- Daa'ima hanqina nyaataa hamaa qabuu kan dhibee tokkollee hin qabnee fi fedhii nyaataa qabu
- Nama dhugaatii sirratti dhuguu danda'u
- Nama alarjii aannanii hin qabne

Pilaampineetii nyaata
- Nama hanqina nyaataa qabu qofaaf kennamuu qabuudha. Maatiin yoo beelaawanillee wajjin nyaachuu hin qaban
- Nyaata maatiin qopheesse odoo hin nyaanne duratti daa'imaa kennamuu qaba
- Daa'imaaf xiqqo xiqqoon amma amma kennamuu qaba.
- Yeroo garii nama fi'amsiisuu( chocking) waan maluuf bishaan baayyee irratti obaasuun barbaachisaadha
- Daa'imni xiqquma irraa nyaatee yoo dhiise bakka banamte san walitti gad dachaasaa yeroo itti aantu kennaaf
- Pilampiinatiin garaa yaasaa, shiftii, haqqisaa , ho'a qaamaa fi hafuura namatti kutuu yoo isinitti fidde pilaampineetii sana hoggaasuma nyaachuu dhaabuu

Fayyaa hin dhabinaa
Dr.Abdulfetah Ibrahim

Ijoollee Qashtoota Bookee Guddoo πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’β€ΌοΈπŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’
05/08/2022

Ijoollee Qashtoota Bookee Guddoo πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’β€ΌοΈπŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’πŸ’

14/07/2022

Miidhaa cinaachaa bitaa irratti ciisuun qabdu

Cinaacha bitaarratti hoggaa ciifnu onneen keenya gara oliitti waan ol dhiibamtuuf hojii elektiriikaa fi karrantii isii waan jeeqamuuf fayyaa onnee keenyaa irratti dhiibbaa qaba.

Kana malees nama dhibee onnee qabuuf cinaacha bitaa irratti ciisuun hin gorfamu.
Karaa biraatiin cinaacha bitaa irratti ciisani dubbisuuf onneef gaarii miti.

Qorannoon biraa akka agarsiisutti namoota cinaacha bitaa irratti ciisaan maashiina onneetiin( ECG) hoggaa qorataman jijjiirama akka agarsiisu godha. Namoonni kun fayyaa odoo qabaatanii akkasitti jijjiirama onneerratti agarsiisa. Garuu cinaacha mirgaa irratti ciisuun maashiinaa onnee (ECG) irratti akka rakkoo tokko hin qabne mul'isa jechuudha. Kanaaf cinaacha mirgaa irratti ciisuun filatamaadha.
Waggaa 1400 dura nabi muhammad nagayaa fi rahmanni rabbii irratti haa jiratuu akka cinaacha mirgaa irratti ciifnu nu ajajan!!

Nagaan bulaa!!

Dr Abdulfetah Ibrahim

14/07/2022

FAAYIDAA TIMAATIMA
**************
1. Gogaan keenya fayyaa akka qabaatuuf dafee akka hin suntuurre gargaara. Kanaafis keemikaalli lycopene jedhamu sanatu fayyada. Keessuuma yoo bilcheessanii nyaatan keemikaalli lycopene jedhamu kun sirriitti argama.

2. Keemikaalli lycopene jedhamu kan halluu diimaa timaatimaaf kennu fayyummaa onnee keenyaaf ni gargaara.
3. Agartuu/qaroo ijaa hedduu cimsa, dhukkuboota ijaa tokko tokkos carraa nama qabuu isaanii ni hir'isa.
4. Gogiinsa garaa namoota qabaniif fiber hedduu waan of keessaa qabuuf ni gargaara.
5. Namoota dhukkuba sukkaaraa isa gosa lammaaffaa (type 2 diabetes mellitus) qabaniif sukkaara isaanii to'achuuf ga'ee qaba.
6. Timaatimni tokkichi vit C haga guyyaa tokkotti nu barbaachisu keessaa 40% nuuf kennuu danda'a.
Fayyaan Faaya
Dr. GurmeessaaDr. Gurmeessaa

17/04/2022
20/01/2022
30/12/2021

Khaasa galfadhaaπŸ˜‚

Address

Boke T'ik'o
POSTCODE

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Boke Guddo High School posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category