W/H/ Islaamaa A/J/Dhummuugaa/የጅሌ ጥሙጋ ወረዳ ኢስላም ምሁራን ማህበር

  • Home
  • Ethiopia
  • Bahir Dar
  • W/H/ Islaamaa A/J/Dhummuugaa/የጅሌ ጥሙጋ ወረዳ ኢስላም ምሁራን ማህበር

W/H/ Islaamaa A/J/Dhummuugaa/የጅሌ ጥሙጋ ወረዳ ኢስላም ምሁራን ማህበር Qaroomina Islaamaa Adduunyatti beeksisuu

Allaahu Akbar 🙏🙏🙏 "Hoggantoota kawunsilii Dargaggoota Muslimaa Itiyoophiyaa fi Ustaazota keenya baga kara magaalaa kamis...
21/06/2025

Allaahu Akbar 🙏🙏🙏

"Hoggantoota kawunsilii Dargaggoota Muslimaa Itiyoophiyaa fi Ustaazota keenya baga kara magaalaa kamisee nagaan dhuftan" Jechuun Hawaasni magaalaa kamisee guyyaa har'aa Magaalaa Guddittii Bulchiinsa Godina Saba Oromoo Kamisetti haala addaatin Simannaa bareedaa taasisaniiru.

አሏሁ አክበር 🙏🙏🙏
"የኢትዮጵያ ሙስሊም ወጣቶች ካውንስል አመራሮችና ኡስታዞች እንኳን ወደ ከሚሴ ከተማ በሰላም መጣችሁ" በማለት የከሚሴ ህዝብ በደማቅ ሁኔታ በነቂስ ወጥቶ ደማቅ አቀባበል አድርጎላቸዋል።

W/H/Islaamaa A/J/Dhummuugaa
Waxabajjii 13/2017
Sanbatee

Hawaasni Muslimaa Ayyaana Arafaa wayita kabaju tokkummaafi walgargaaruun ta'uu akka qabu Hajii Ibraahim Tufaa dubbatanDu...
04/06/2025

Hawaasni Muslimaa Ayyaana Arafaa wayita kabaju tokkummaafi walgargaaruun ta'uu akka qabu Hajii Ibraahim Tufaa dubbatan

Duruus tv Caamsaa 27/17
Hawaasni Muslimaa Ayyaana Arafaa wayita kabaju duudhaa amantichaa eeguun tokkummaa fi walgargaaruun tahuu akka qabu Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Hajii Ibraahim Tufaan ibsan.

Pireezidaantiin Mana Marichaa Hajii Ibraahim Tufaan Ayyaana Arafaa waggaa 1446ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ayyaanni Arafaa bara kanaa juma'aarra ooluun adda isa taasisaas itti dabaluun pireezidaantichi ibsaniiru.

Ayyaanichi Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee fi Bulchiinsa Magaalatti waliin qindoominaan kabajuuf qophiin barbaachisu xumuramunis ibsameera.

Shekh Hajii Ibraahim ibsa isaaniin Ayyaanni Arafaa yeroo kabajamu hawaasni muslimaa kanneen rakkatan gargaaruu, dhukkubsataa gaafachuufi kan qabuu irraa qooduu giddu galeessa taasifachuun ta’uu akka qabus imaanaa jedhaniiru.

Ayyaanni Arafaa Ityoophiyaa dabalatee hordoftoota amantaa Islaamaa guutuu Addunyaa biratti sirna adda addaan kabajama.

©

Mana Maree Dhimmoota Islaamaa Godina Saba Oromoo Dorgommii Qur’aana,Hadiisaa fi sagantaa eebba kitaabaa marsaa lammaffaa...
08/05/2025

Mana Maree Dhimmoota Islaamaa Godina Saba Oromoo

Dorgommii Qur’aana,Hadiisaa fi sagantaa eebba kitaabaa marsaa lammaffaa sadarkaa godinaatin guyyaan sambata dhufu kana haala ho’aa ta’een magaalaa Kamiseetti ni gaggeeffama

Manni Maree Dhimmoota Islaamaa Godina Saba Oromoo Ummata Musliimaa guutuu kallatti afraniinu argamtan guyyaa Sagantaa Dorgommii Qur’aana,Hadiisa fi Eebba Kitaabaa gaggeeffamuuf irratti akka argamtan jechun ergaa isaa isinif dabarseera

የ ኦሮሞ ዞን እስልምና ጉዳይ ም/ቤት

በዞን ደረጃ ሁለተኛ ዙር የቁራን:የሐዲስ ዉድድር እና የመፅሐፍ መረቃ ፕሮግራም የፊታችን እሁድ ቀን በከሚሴ ከተማ በደማቅ ሁኔታ ያካሂዳል
በዕለቱ በሚካሄደውን የቁራን:የሐዲስ ዉድድር እና የመፅሐፍ መረቃ ፕሮግራምላይ ባራቱም አቅጣጫ የምትገኙ ሙስሊሙ ኡማ በደማቅ ሁኔታ ቦታውላይ እንድትገኙ ሲል የ ኦሮሞ ዞን እስልምና ጉዳይ ም/ቤት ጥሪዉን ያስተላልፋል።

Majlisni Godina Saba Oromoo Guyyaa Kaleessaa Eebla 27/2017 Magaalaa Kamisetti marii waloo geggeesseera.Waltajjii marii k...
05/05/2025

Majlisni Godina Saba Oromoo Guyyaa Kaleessaa Eebla 27/2017 Magaalaa Kamisetti marii waloo geggeesseera.

Waltajjii marii kana irratti Olomoota, hayyootaa fi Geggeessitoota Majlisaa Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalaa Godinicha jalatti argaman keessaa walitti bahanii argaman hirmaachun Dhimma nageenyaafi Caasaa Majlisaa diriirsuu akkasumas hojimaata fuul duraaf irratti hojjatan fi yeroo yerotti haala itti wal qunnamanii mari'achuu qaban irratti marii gabaabaa geggeessaniiru.

Eebla 28/2017
Kamisee

05/05/2025
Waaldaan misooma burqaa walloo Majlisa Godina Saba Oromoo waliin ta'uun Maatii wareegamtootaaf deeggarsa marsaa 3ffaa ta...
10/10/2024

Waaldaan misooma burqaa walloo Majlisa Godina Saba Oromoo waliin ta'uun Maatii wareegamtootaaf deeggarsa marsaa 3ffaa taasisee jira.

(WHIAJDhu, Fulbaana 30/2017,Sanbatee) - Waaldaan misooma Burqaa Walloo Majlisa Godina Saba Oromoo waliin ta'uun Aanaa Jiillee dhummuugatti maatii wareegamtootaaf deeggarsa midhaan nyaataa marsaa 3ffaaf godheera.

Deeggarsi kuniis marsaa 1ffaa Magaalaa Baxxee irratti Maatilee wareegamtootaa Gandoota 7'f jechuun W/qurqur, Baalcii, Xiquree, M/Facaa, G/Dirree Baddanaa, Baxxeefi Goodaaf Namoota 178'f Midhaan nyaataa 89 Kuntaala gaafa Fulbaana 23/2017 godheera, Akkasumas marsaa 2ffaa magaalaa Sanbatee irratti gaafa Fulbaana 27/2017 Maatii wareegamtootaa gandoota 10'f jechuun Yaatuu, Mataahoraa, Gaangahaa, W/leencaa, Luugoo, Arbawaayyuu, Duula Ijaroqaa, G/Dirree Galmaa, G/Mu/Waaccuufi Funyaan danbiitiif Namoota 308'f Midhaan nyaataa kuntaala 154 deeggarsa godhaniiru. Dabalataanis guyyaa har'aa Fulbaana 30/2017 magaalaa sanbatee irratti gandoota 4'f jechuun Allaala, Awulaal, Maruwwaa fi Izgiyyee Namoota 180'f Midhaan nyaataa kuntaala 90 deeggarsa taasiseera.

Walumaa galatti Waaldaan Misooma Burqaa Walloo Majlisa Godina Saba Oromoo waliin ta'uun Aanaa Jiillee Dhummuugatti Maatilee Wareegamtootaa gandoota 21'f Marsaa 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa irratti Namoota 666'f Midhaan kuntaala 333 Derggarsa godhaniiru.

Xumurarratti koreen Majilisa Aanaa Jiillee dhummuugaa qaamolee deeggarsa kana gochuun nuduuka dhaabbatan hundaaf galata guddaa galchuun deeggarsa akkanaa fuulduraaf itti fufuun akka godhan dhaamaniiru.

Waaldaa Hayyoota Islaamaa A/J/Dhummuugaa
Fulbaana 30/2017
Sanbatee

10/10/2024

Ergaa Majlisa Aanaa Jiillee Dhummuugaa Waaldaa deeggarsa Burqaa Wallootiif...
👇

Waaldaan misooma burqaa walloo Majlisa Godina Saba Oromoo waliin ta'uun Maatii wareegamtootaaf deeggarsa taasisee jira. ...
07/10/2024

Waaldaan misooma burqaa walloo Majlisa Godina Saba Oromoo waliin ta'uun Maatii wareegamtootaaf deeggarsa taasisee jira.

(WHIAJDhu, Fulbaana 27/2017,Sanbatee) - Waaldaan misooma Burqaa Walloo Majlisa Godina Saba Oromoo waliin ta'uun Aanaa Jiillee dhummuugatti maatii wareegamtootaaf deeggarsa midhaan nyaataa godheera.

Deeggarsi kuniis marsaa 1ffaa Magaalaa Baxxee irratti Maatilee wareegamtootaa Gandoota 7'f jechuun W/qurqur, Baalcii, Xiquree, M/Facaa, G/Dirree Baddanaa, Baxxeefi Goodaaf Namoota 178'f Midhaan nyaataa 89 Kuntaala gaafa Fulbaana 23/2017 godheera.

Bifuma walfakkaatuun guyyaa har'aa Fulbaana 27/2017 Marsaa 2ffaaf Magaalaa Sanbatee irratti Maatii wareegamtootaa gandoota 10'f jechuun Yaatuu, Mataahoraa, Gaangahaa, W/leencaa, Luugoo, Arbawaayyuu, Duula Ijaroqaa, G/Dirree Galmaa, G/Mu/Waaccuufi Funyaan danbiitiif Namoota 308'f Midhaan nyaataa kuntaala 154 deeggarsa godhaniiru.

Walumaa galatti Waaldaan Misooma Burqaa Walloo Majlisa Godina Saba Oromoo walkkn ta'uun Aanaa Jiillee Dhummuugatti Maatilee Wareegamtootaa gandoota 17'f Marsaa 1ffaa fi 2ffaadhaan Namoota 486'f Midhaan kuntaala 243 Derggarsa godhaniiru.

Xumurarratti Deeggarsichi Gandoota biroo hafaniif marsaa 3ffaa irratti itti fufee kan godhamu ta'uu isaa Walitti qabaan Majlisa Aanaa Jiillee Dhummuugaa She Umar Kamaal Ibsaniiru.

Waaldaa Hayyoota Islaamaa A/J/Dhummuugaa
Fulbaana 27/2017
Sanbatee

Manni Maree Dhimma Islaamaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa Hundeeffama mana maree Ulamaa'otaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa Hagayya...
19/08/2024

Manni Maree Dhimma Islaamaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa Hundeeffama mana maree Ulamaa'otaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa Hagayya 13 /2016ti Gaggeesse jira

Haaluma kanaan....mana maree Ulamaa'otaa
1 She Ahmed she musa walitti qaba
2. She Hamme she umar Itti Aana
3 She Aliyyi Hassuu Barressaa
4 She Sanii Tukka tti gaafatamaa Fatwaa
5 She musa Hedare itti gaafatamaa Qajeelcha Da'awwaa
6 She Umar Ahmed tti gaafatamaa immamoota maasjiidota hunda
7 She Ali Muhammed Ibraahim itti gaafatamaa Qajeelchaa barnootaa
8 She adem she womade itti gaafatamaa Walitti dhufeenya Barumsa.
9. She muhe Ali itti gaafatamaa beekamtii Ulamaa'otaa keenu...

Miseensa issani .....
1. Sheik Daawud Hasan
2. Sheik Muhammed nur
akka tahaan Manni Maree Dhimma Islaamaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa ibse jira

የጅሌ ጥሙጋ ወረዳ እስልምና ጉዳዮች ምክር ቤት የኡለማ ም/ቤት ምስረታ ፕሮግራምን በዛሬዉ ዕለት አካሂዷል።

የኡለማ ምክር ቤቱ ፦
1.ሰብሳቢ.........................ሼኽ አህመድ ሼክ ሙሳ
2.ም/ሰብሳቢ.....................ሼኽ አህመድ ሼክ ኡመር
3.ፀሀፊ.............................ሼኽ አሊይ ሀሱ
4.የፈትዋ ጉዳይ ተጠሪ..........ሼኽ ሳኒ ቱካ
5.የጥናትና ስርዓተ-ት/ት ተጠሪ......ሼኽ አደም ሼክ መሀመድ
6.ደዕዋና ኢርሻድ ተጠሪ.......ሼኽ ሙሳ ሄደሬ
7.የትምህርትና ሀለቃ ተጠሪ...ሼኽ አሊ መሀመድ እብራሂም
8.የኢማሞች ተጠሪ..............ሼኽ ኡመር አህመድ
9.የብቃት ማረጋገጫ ተጠሪ....ሼኽ ሙሄ አሊ
10.አባል............................ሼኽ ዳዉድ ሀሰን
11.አባል............................ሼኽ መሀመድ ኑርን
እንደሆኑ የጅሌ ጥሙጋ ወረዳ እስልምና ጉዳዮች ምክር ቤት ገልጿል።

በዛሬው ዕለት በከተማችን ወሎ ኮምቦልቻ “አንድነታችን ለሰላማችን" በሚል መሪ ቃል በኢትዮጲያ እስልምና ጉዳይ ጠ/ምክር ቤት አዘጋጅነት ህዝባዊ የውይይት መድረክ በደማቅ ሁኔታ ተከናውኗል ። በ...
26/05/2024

በዛሬው ዕለት በከተማችን ወሎ ኮምቦልቻ “አንድነታችን ለሰላማችን" በሚል መሪ ቃል በኢትዮጲያ እስልምና ጉዳይ ጠ/ምክር ቤት አዘጋጅነት ህዝባዊ የውይይት መድረክ በደማቅ ሁኔታ ተከናውኗል ።

በዚህ ታላቅ ህዛባዊ የምስጋና ፕሮግራም የኢትዮጲያ እስልምና ጉዳይ ጠ/ም/ቤት ፕሬዝዳት ክቡር ሐጂ ኢብራሂም ቱፋ እንዲሁም ምክትላቸው ሸህ አብዱል ከረም በድረዲን እንዲሁ የአማራ ክልል ዋና አፈ ጉባኤ ክብርት ወ/ሮ ፋንቱ ተስፋዬ ፣ የአማራ ክልል ምክትል ርዕሰ መስተዳደር ክቡር ዶ/ር አብዱ ሁሴ ን ፣ክቡር ዶ/ር አህመዲን ሙሀመድ በምክትል ርዕሰ መስተዳደር ማዕረግ የከተማ ልማት ክላስተር አስተባባሪ ና የከተማ ና መሰረተ ልማት ቢሮ ኃላፊ ፣ ክቡር አቶ ደሳለኝ ጣሰው የአብክመ በምክትል ርዕሰ መስተዳደር ማዕረግ የ አስተዳደር ጉዳዮች አስተባባሪና የሰላምና ጸጥታ ቢሮ ኃላፊ ፣ ክቡር ዶ/ር ዘሪሁን ፍቅሩ የአብክመ ብልፅግና ፖርቲ ፖለቲካ ዘርፍ ኃላፊ ፣ ክቡር እንድሪስ አብዱ የአብክመ ኢንደስትሪ እና ኢንቨስትመንት ኃላፊ ና ከፌደራል ና ከክልል እስልምና ጉዳይ የተወጣቱ ከፍተኛ አመራሮች በተገኙበት የደመቀ እና ያማረ ዝግጅት ተካሂዳል ።

በመጨረሻም ለዚህ የአንድነት እና የሰላም ኮንፈረስ ፕሮግራም እንዲሳካ ለተበባራችሁ አመራሮች፣ የፀጥታ መዋቅሮቻችን ፣ የ ኮምቦልቻ ወጣታቶች እንዲሁም አጠቃላይ ህዝቦቹ ላደረጉት አስተዋፆ የላቀ ምስጋና አቅርበዋል።

Guyyaa har'aa magaalaa keenya Walloo Kombolchaatti waltajjiin marii ummataa Mana Maree Dhimma Islaamummaa Itiyoophiyaa m...
26/05/2024

Guyyaa har'aa magaalaa keenya Walloo Kombolchaatti waltajjiin marii ummataa Mana Maree Dhimma Islaamummaa Itiyoophiyaa mata duree "Tokkummaan keenya nageenya keenyaaf" jedhuun qophaa'e haala ifaa ta'een gaggeeffameera.

Sagantaa galateeffannaa ummataa guddaa kana keessatti Pireezidaantiin Dhimmoota Islaamaa Itiyoophiyaa Kabajamoo Hajii Ibraahim Tufaafi itti aanaan isaanii Sheh Abdul Kariim Baderddiin akkasumas Af-yaa’ii Olaanaa Naannoo Amaaraa Aadde Faantuu Tasfaayee, Ittiaanaa Bulchiinsa Naannoo Amaaraa, Kabajamoo Dr. Abduu Huseen, Kabajamoo Dr. Ahmedin Muhammad, Qindeessaa Kilaastara Misooma Magaalaa fi Hogganaa Biiroo Magaalaa fi Bu'uuraalee misoomaa, Kabajamoo Obbo Dassaaleny Xaasow, Sadarkaa Ittianaa BMNA'tti Qindeessaa dhimma Bulchiinsafi Hogganaa Biiroo nageenyafi tikaa Kabajamoo Dr. Zarihuun Fiqiruu, Hogganaa Paartii Badhaadhinaa Damee Siyaasaa BMNA Kabajamoo Obbo Indiris Abduu, Ittigaafatamaa Industirii fi Invastimantii BMNA, akkasumas hoggantoonni Olaanoo dhimma Islaama Federaalaa fi Naannoo bakka argamanitti gaggeeffameera.

Xumurarrattiis sagantaan konfiraansii tokkummaa fi nageenyaa kun bifa hawwataafi bareedaa ta'e kanaan akka milkaa’uuf kanneen gumaacha godhan, hooggantoota, caasaalee nageenyaa, dargaggoota magaalaa Kombolchaa fi ummata guutuuf galata galchaniiru.

Address

Bahir Dar

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Saturday 09:00 - 17:00
Sunday 09:00 - 17:00

Telephone

+251933000818

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when W/H/ Islaamaa A/J/Dhummuugaa/የጅሌ ጥሙጋ ወረዳ ኢስላም ምሁራን ማህበር posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The School

Send a message to W/H/ Islaamaa A/J/Dhummuugaa/የጅሌ ጥሙጋ ወረዳ ኢስላም ምሁራን ማህበር:

Shortcuts

Share