27/08/2025
Hidhni Haaromsaa Ashaaraa Dhaloota Har'aa; Abdii Dhaloota Egeree Ta'eera!
= = =
Hidhni Haaromsa Guddichi Itoophiyaa dafqa, humnaa fi beekumsa akkasumas tumsa waloo uummata biyya keenyan kan ijaarame gootummaa, tokkummaa, walooma, cimina, cichoomina, ga'umsa, birmadummaafi danda'uu uummattoota Itoophiyaa Addunyaatti kan agarsiise faajjii injifannoo ummata biyya keenyaati.
Hidhi guddichi kun ashaaraa dhaloonni har'aa dafqa, beekumsaa fi qabeenya isaa Itoophiyaaf gumaache kan tokkummaa biyyaalessaa cimse akkasumas dinagdee Itoophiyaa Gaanfa Afriikaa irratti olkaasuun maqaa gaarii biyya keenyaa Addunyaatti mul'isudha.
Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa eebba irra ga'uu Pirojeektii seena qabeessa kana ilaalchisee Barsiisaa Misoomaafi Dinagdee Yuunivarsiitii Amboo Firaafis Hayilee (Ph.D) waliin turtii kan taasise yoo ta'u, Dr. Firaafis pirojeektiin kun mallattoo birmadummaafi tokkummaa uummata Biyya keenyaa kan mirkaneesse ta'uu himuun, hidhichi hidha guddicha Afrikaa fayidaalee hedduu biyya keenyaaf qabu ta'uu ibsaniiru.
Fayidaaleen isaa inni guddan humna ibsaa gahaa ta’e argachuu fi dabaluu (significantly enabling and increases Ethiopia’s power generation), keessumaa humna elektirikaa biyya keessaa ga'aa fi guddina Industrii (Industrial growth through reliable electricity) daraan murteessaa ta'uu himaniiru.
Gama biraanis humna ibsaa biyyoota alaaf kennuun galii biyyaa keessaa guddisuun hariiroo hawaasummaa biyyoota gidduu jiru (Export of electricity to neighboring countries and generating foreign exchange revenue) cimsuu keessatti shoora olaanaa kan qabu ta'uu eeraniiru.
Kana malees humna bishaanii to’achuufi kununsuu (Water Resource Management), Biyyoota yaa’aa gadii irraa balaa lolaa qolachuu keessatti ga'ee guddaa qabaachuu kaasuun, hawaasni yaa’aa gadii irraa jiran yaaddoo malee akkaa jiraatan kan taasisu ta'uu Dr. Firaafis dubbataniiru.
Hojii Qonnaafi jallisiif (Agricultural and Irrigation Benefits) fayidaa guddaa kan qabuufi yaa’iinsa bishaanii to’achuun hum