26/10/2025
Marsaa 1ffaa Bara 2018 Godina Harargee Bahaa Aanaa Baabbileetti Eegaleera................
Onkolooleessa 16/2/2018 Waajjira Barnootaa Aanaa Baabbileetti Orranteeshiinii Ogeessa Barnootaa Biiroo Barnootaa Irraa Dhufe Daarikteera Manneen Barnootaa Bultii Addaa fi Manneen Barnootaa Addaa (MBBA Fi MA) BBO Obbo Siyyum Kabbadaa Fi It/A Waajjira Barnootaa Godina Harargee Bahaa Obbo Kadiir Gannaa Argamanitti Onk 17/02/2018 Irraa Jalqabee Ogeessota Waajjira Barnootaa Aanaa Baabbilee fi Magaalaa Baabbilee Waliin Gara Manneen Barnootaa Hanga Daawwannaa Dareetti Bobbaaseera.
Haaluma Kana Bu'uureeffachuun Ogeessotni Waajjira Irraa Bobba'an Manneen Barnootaa Itti Ergaman Gahuun Hoggantoota Waajjira Hawaasummaa Gandaa fi Dura Bu’oota Manneen Barnootaa Haala Walii Gala Hojii Supparviizyinii Irratti Ibsaafi Hubannoo Kennuun Gara Hojii Deeggarsaatti Ni Seenu.
Kanaafuu, Hawaasni Manneen Barnootaa (Barataan, Barsiisaan, Hoggansi MB.), Maatiin Barattootaa fi GTB Turtii Keenya Kana Keessatti Odeeffannoo Hojii Barnootaa Kennuufi Deeggarsaafi Sirreeffama Taasifamu Keessatti Akka Waliin Hojjannu Jechuun Dhaamsa Dabarsaniiru.
=> Hegereen Biyyaa Kan Murtaa’u Hojii Daree Barnootaa Keessatti Arra Hoojjannuuni (Kadiir Gannaa)