Mahir

Mahir

Share

Rakkoo ummata oromoo irra gahu hanbisuu keessatti gahee niqabaata hanbisuu

20/10/2023

Akkam jirtu oromoo koo wanti hamaan oromoo keessatti dhalatee lubbuun namoota baay'ee sababa dhibee busaa fii beelaan dhumuu dhageessaniittu haa ta'uu kun nurraa hin fakkaatu haa waliif birmannuu yaa ummata keenya

02/01/2021

Bara 2020 keessa Namoota dhiibbaa uumuun bebbeekamoo ta'aan kanneen Addunyaan kun dhabde keessaa Artsit Hacaaluu Hundeessaa nama tokko jechuun BBC'n gabaasa addaa keessatti hammachiisuun barreesse.

BBC'n gabaasa addaa taateewwan gurguddoo bara 2020 addunyaan keessummeesite keessaa namoota bebbeekamoo Afirikaan dhabde ilaalchisuun gabaasa dheeraa barreesse jira.

Namootni bebbeekamoo Afirikaa keessatti dhiibbaa guddaa uumuu danda'an kanneen Addunyaa kanarraa du'aan darban kunniinis, xabattoota kubbaa miilaa, Saayinsistoota, ogeessota Muuziqaa, namoota daldalaa keessatti hirmaatan, oogeessota fayyaa, namoota siyaasa, Rogeeyyiiwwanii fi Aartstoota keessaa, kanneen Ardii Afrikaa keessatti hedduu jaallatamummaa qaban duraa duubaan BBC'n yaadateera.

Toora namoota bebbeekamoo kana keessatti Artistiin jaallatamaafi dhageettii guddaa qabu Hacaaluu Hundeessaa ji'a ja'an kaleessaa Magaalaa Finfinnee keessatti qaama hanga ammaatti qabatamaatti hin beekamaneen kan ajjeefame namoota bebbeekamoo Ardiin Afrikaa bara 2020 keessa dhabde jedhamuun gabaasicha keessatti kan barreeffame yoo ta'u, addatti ammoo sababa ajjeefamuu Artist Haacaaluu Hundeessaatiin dhiibbaan guddaa Ardicha keessatti uumamuus gabaasnichi ni heera.

Sababa ajjeefamuu Artist jaallatamaa kanaatiin biyyattii keessatti, Mufannaa fi hokkora uumamee faana dha'uun lubbuun namoota 160 ol ta'anii darbeera .
Kana qofaas osoo hin taane ajjeechaa suukkanneessaa Artist Oromoo qaalii kana booda, Rogeeyyiiwwan siyaasa Oromoo jajjaboo dabalatee hooggantoonni paartii siyaasaa Oromoollee yeroo sana kan hidhaman yoo ta'u hanga gabaasni kun ba'uttis mana hidhaa kan jiranidha.

Gama Mootummaatiin dhimma ajjeefamuu Artist Hacaaluu Hundeessaan wal qabatee hanga ammaatti qorannoo qabatamaan ibsamuu baatus, tibba dura inni ajjeefame 'Shaneetu ajjeese' darbee ammoo "TPLF'ttu ajjeesee' akkasumas ammoo maqaa namoota dhuunfaa eenyummaan isaanii beekamaa hin taane waamuudhaan yakka ajjechaa kanatti namootni hirmaatan to'atamuu Miidiyaaleen mootummaa fi Qondaalonni biyyattii Ibsaa turaniiru. Ta'us garuu hanga ammaatti dhimmicha ilaalchisuun wanti qabatamaatti ibsamuun murtiin yakkamtoota kanarratti dabarfame hin jiru.

Photos from Oromia Media Network's post 02/01/2021
28/12/2020

Guyyaan har'aa guyyaa gammachuudhaan Abaaboo qabannee eebba digirii ilma keenyarratti argamuuf bara baayyee eegaa turre ta'us, faallasaa miira gaddaatiin soorata qabannee Mana hidhaatti deemnee yeroo ilma keenya dubbisnu ta'uunsaa gadda guddaaf nu saaxileera" jechuun maatiin barataa Obsaa Abdiisaa OMN-tti himan.

Qeerroo Obsaa Abdiisaa ajjeefamuu Artist Hacaaluu Hundeessaa booda Oromoota kumaan lakka'aman kanneen hidhaaman keessaa nama tokko yoo ta'u, eega hidhamee as ji'a 5 ol ta'e jiraachuu Abbaan isaa OMN-tti himaniiru.

Hiriyoonni Obsaa Abdiisaa kan bara barnoota waggaa 3ffaa sababa weerara vaayiresii Koronaatiif adda citee ture bara kana xumuruudhaan Yuunvarsiitii Finfinneetii guyyaa har'aa eebbifamaa jiran keessaa ilmisaanii dhabamuun miira maatii hedduu miidhuu Abbaan isaa OMN-tti himaniiru.

Obsaa Abdiisaa Yuunvarsiitii Finfinneetti barataa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Addunyaalessaa waggaa 3ffaa yoo ta'u, Mooraa kaampaasii Siddist kiilootti barnootasaa hordofaa ture. Guyyoota 60 oliifis Yuunvarsiitii hiriyoonnisaa keessatti eebbifamaa jiran fuula duratti, mana hidhaa Bilxiginnaa Oromiyaa haarofticha keessatti hidhamee dararamaa turuu OMN gabaasaa turuun ni yaadatama.
"Naannoo Yuunvarsiitiichaatti kan argamu bakka Obsaafi namoonni biroo itti hidhamanii turan sanatti maatiifi hidhamtoonni wal dubbisuu hin danda'an turan." jechuun maatiin Obsaa OMN-tti himuun, guyyaa 65 oliif Obsaafi maatiisaan utuu wal hin dubbisin turuu dubbatu.

Obsaa Abdiisaa dabalatee Mikaayel Booran, Dr. Huseen Kadir fi Kennasaa Ayyaanaa yeroo ammaa kana mana hidhaa Bulchiinsa magaalaa Galaanitti dabarfamanii jiraachuu maatiin isaanii OMN-tti himaniiru.

"Bakka isaan amma jiranitti deemnee dubbisuu ni dandeenya. Garuu ammoo sababa qilleensa ga'aa dhabuufi hanqina nyaataa fuulisaanii hedduu gedderameera. Qaamni isaaniis huuqqateera. Waldhaansa fayyaa akka argataniif gaafannuufis deebii hin arganne" jechuun Abbaan Obsaa Abdiisaa ni dubbatu.

"Balleessaa Ilmakoo hin beeku. Silaa har'a eebbifama ture. Hirootnisaa har'a eebbifamaa jiru. Manni murtii mirga wabii eeguufis poolisiin ajaja diduun ilmakoo eebbaafi gammachuusaarraa ittisanii hiriyootasaa hanqisan" jechuun miira gaddaatiin OMN-tti kan himan Obbo Abdiisaan, "qaamoleen adda adda olola sobaa garaagaraatiin maqaa ilmakoo xureessuuf yoo yaalanis ni argina. Ilmikoo sabboonummaafi Oromummaasaatiif hidhame hanga har'aa mana hidhaa jira." jechuun ololli Obsaan hiikameera jedhu soba ta'uu himu.

Obsaa Abdiisaa addatti dhimma Finfinneen wal qabsiisuun, paartii "baaldaraas" jedhamu dura dhaabbachuusaatiin beekama.

28/12/2020

Haati Jaal Marrooo Dirribaa, reebicha hidhatoota Bilxiginaan irra gaheen fayyaan isaanii haala yaachisaa keessa akka jiru himame.

Akka namni OMN dubbise jedhutti waraanni Bilxiginaa Sanbata darbe guyyaa keessa gara sa’aatii 4tti haadha fi Abbaa Marroo Dirribaa qaban.
Waraanni Bilixigina wayta maatii Marroo Dirribaa ukkaamsanii wayta fuudhanii deemanitti, haadha Marroo irratti miidhaa cimaa geessisuu isaanii maddi kun ibsee jira.
Waraanni Bilxignaa manguddoota waggaa 60 (70) ol darara kan jiruu, ilmi isaanii Jaal Marroo Dirribaa mootummaa kuffisuuf lola adeemsisaa jira sababa jedhun ta’uu himamee jira.

Waraanni Bilixiginaa yeroo haadhaa fi Abbaa Marroo ukkaamsee fuudhee deemetti, mana jireenyaa isaanii illee guutummatti barbadeessanii jiru jedha namni OMN dubbise kun.

Reebicha waraana Bilxignaatiin miidhaan cimaan kan irra gahe haati Jaal Marroo Dirribaa fayyaan isaanii haala sodaachisaa irra yoo jiraate illee wal’aansa fayyaa akka hin arganne dhorkamanii mana hidhaa keessatti dararamaa jiruu jedhan.
Akka maddi kun OMNtti himetti Haalli fayyaa haadha Marroo haala yaaddeessa keessa jira.

Itti dabaluun firri, ollaan fi jiraatonni naannoo sanaa, Haadhaa fi Abbaa Marroo dhaqanii gaafachuu fi nyaata geessuuf akka hin dandeenye illee ibsee jira.

Karaa mana hidhaa isaan itti hidhamanii darbuu dhorkaa akka ture kan ibse maddi horii isaanii nama galchuu fi yaasu dhabanii alama oolanii bulu, gariin ammoo badanii akka jiran dubbate.

Qe’ee, midhaanii fi horiin Maatii Jaal Marroo Dirribaa akka manca’u Bilxiginaan Milishoota Gandaa dabaree dabareen ramadee eegaa jira.

Maddi kun dabaluun akka OMNtti himetti Maatin fi ijoolleen mana irraa baqatanii eessa akka jiran hin beekamu, kanaaf firri nageenya isaaniif yaaddoo guddaa keessa jiran.

Yakki akkasii kun bara bulchiinsa Abiy Ahmad kan nutti dhufeedha malee waan akkasii arginee hin beeknu jedhan.
Dabalunis akka ilaacha OPDOtti maatii qabsa’ootaa dararuun ummanni qabsoo dhiisee manatti galee taa’a jedhanii yaadan ta’ullee kun gonkumaa qabsoo Oromoo dubatti kan deebisu miti jechuun dubbatan.

13/12/2020
Want your school to be the top-listed School/college in Aweday?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address


Aweday

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Friday 09:00 - 17:00
Saturday 09:00 - 17:00
Sunday 09:00 - 17:00