Ergaa islaamummaa

Ergaa islaamummaa

Share

Kaayyoon peejii kanaa karaa qaceelloo irratti Wal yaamuudha

26/05/2026

BAGA NAGAYAAN GUYYA IIDA AL ADAHAATIIN ISIN GAHE WARRA BARANA KAN BARA HEDDUU RABBI ISIN HAA GODHUU RABBI JECHAAN ISIN JALADHA.

25/05/2026

🎉 Facebook recognized me as a top rising creator this week! It is Gadisa Roba is page

22/05/2026

Dhukkuba ilkee, dhukkubbii mataafi rakkoo dhala dhabuu budaafi hafuura budaatiin dhufan.

Dhukkuboonni Garii Mana Yaalaatti Maaliif wallaansa hin arganne? Deebiin itti fufa...
Akkam jirtan nagaya? Bakka jirtanitti nageenyi Rabbii isinirratti haa jiraatu jechaa namoonni Rakkoo dhala dhabuutiin rakkachaa jirtan, Warri dhukkubbii Ilkee, dhukkubbii mataa, Funuuna, dhukkubbii ijaafi gurraatiin rakkachaa jirtaniifi Mana wallaansa deemuudhaan dhibdee kana irraa fayyaa dhabdan dhibdeen teessan dhukkuba ija namaa, budaafi Siihrii ta'uu waan danda'uuf gama online tiin Lakk. 0921869999 Irratti Haji Gadisa Roba irratti bilbiltanii bakkuma jiraattan teessanii bilbila keessaniin wallaansa argachuu ni dandeessu.

16/05/2026

Yaa obboleeyyan kiyya kanneen dhukkuba ilkeetiin rakkachaafi Umrii malee dhukkuba ilkeetiin ilkaan keessan dhabaa jirtan Furmaata dhukkuba ilkeedhaa karaa keenyaan salphadhumatti karaa Online tiin lakkoofsa bilbilaa 0921869999 Haji Gadisa Roba'n hello jechuun wallaansa barbaaddan argadhaa isiniin jenna.

10/05/2026

Nama gammachu te ykn gadda kee keessaa tokko si wajjin hin qoddanne guyyaa tokko malee lama wajjiin hin jiratin dhamsa manguddoti.

09/05/2026

DUBARTOOTA SAHAABOTA RASSUULAA (SAW) JANNATAAN GAMMACHIIFAMAN KANA BEEKTUU

Dubartoota Sahaabiyyoota Jannataan gammachiifaman
Muslimoonni baay’een dhiira jannataan gammachiifaman ni beeku.

Garuu dubartoota jannataan gammachiifaman hedduun hin beekan. Kanaaf as keessatti hayyama Rabbiitiin isaan ni baranna. Rabbiin isaan irraa haa jaallatu.

1. Haadha Mu’umintootaa Khadiijaa (R.A)
Ragaa jannataan gammachiifamuu ishee:
Jibriil (A.S) Nabiyyii ﷺ bira dhufee ni jedhe:

🌍💫““Ishee irratti nageenya Rabbii ishee irraa fi koo geessi; mana jannataa keessaa kan sagaleen keessa hin jirre fi dadhabbiin keessa hin jirre itti himi.”
(Bukhaarii fi Muslimtu gabaasan)
2. Faaximaa (R.A)
Ragaa jannataan gammachiifamuu ishee:

🌍💫“Nabiyyii ﷺ ni jedhan:
“Faaximaan dubartoota jannataa keessaa sayyidattiidha.”
3. Ummu Sulaym (R.A)
Ragaa jannataan gammachiifamuu ishee:

🌍💫“Nabiyyii ﷺ ni jedhan:
“Jannata seeneen sagalee tarkaanfii dhagahe; eenyu kana jedheen gaafadhe. Isheen Al-Ghumaysaa bint Milhaan, haadha Anas bin Maalik jedhan.”

🌍💫“Sahaabittiin tun yeroo Nabiyyiin ﷺ Madinaa hijraa godhanitti, Muslimoonni gammachuudhaan simatan. Isheen hiyyummaa cimaa irraa kaatee waan kennitu dhabde; ilma ishee Anas bin Maalik Nabiyyii ﷺ tajaajiluuf kennite.
4. Dubartii gurraatti (Ummu Zufar) (R.A)
Ragaa jannataan gammachiifamuu ishee:
Nabiyyii ﷺ bira dhuftee ni jette:
“Yaa Ergamaa Rabbii! Ani dubartii suuxxamtuudha, naa du’aayi.”
Nabiyyiin ﷺ ni jedhan:

🌍💫““Obsitee jannata argatta.”
Isheen ni jette: “Eeyyee, garuu yeroo suuxxamtu qaamni koo akka hin mul’anne naa kadhadhu.” Nabiyyiinis isheedhaaf du’aayi godhan.
5. Ummu Haraam bint Milhaan (R.A)
Ragaa jannataan gammachiifamuu ishee:

🌍💫“Nabiyyii ﷺ ni jedhan:
“Humni jalqabaa ummata koo keessaa kan galaana irratti duulu, jannanni isaaniif dirqama.”
Ummu Haraam ni jette: “Yaa Ergamaa Rabbii! Ani keessaa jirraa?”
Nabiyyiin ﷺ ni jedhan: “Ati keessaa jirta.”
6. Ummu Umaarah Nusaybah bint Ka’ab Al-Ansariyyah (R.A)
Guyyaa Uhud isheen fi ilmi ishee Nabiyyii ﷺ bira dhaabatanii ittisaa turan. Nabiyyiin ﷺ ni jedhan:

🌍💫““Yaa Rabbi! Isaan hiriyyoota koo jannata keessatti naa godhi.”
7. Rubayyi’ bint Mu’awwidh (R.A)
Dubartoota Ansaar keessaa turte. Dubartoota lama keessaa tokko tan Bay’ata Ridwaan irratti hirmaatte.
Nabiyyii ﷺ ni jedhan:

🌍💫““Namni muka jala bay’ate keessaa tokko illee ibidda hin seenu.”
8. Sumayyah bint Khayyaat (R.A)
Shahiidaa jalqabaa Islaamaa keessaa ishee ture. Haadha Ammaar bin Yaasir.
Ragaa jannataan gammachiifamuu ishee:

🌍💫“Nabiyyii ﷺ ni jedhan:
“Yaa maatii Yaasir! Obsaa, beellamni keessan jannata.”
9. Sayyidah Aa’ishaa bint Abii Bakr (R.A)
Ragaa jannataan gammachiifamuu ishee:

🌍💫“Jibriil suuraa ishee uffata hariiraa magariisa keessatti Nabiyyii ﷺtti fidee ni jedhe:
“Tun niitii kee addunyaatti fi aakhirattis.”
10. Ummu Rumaan (R.A)
Ragaa jannataan gammachiifamuu ishee:

🌍💫“Nabiyyii ﷺ ni jedhan:
“Namni dubartii Huurul’ayn keessaa argu fedhu Ummu Rumaan haa ilaalu.”
Isheen haadha Aa’ishaa fi Abdurrahmaan turte.
11. Faaximaa bint Asad (R.A)
Ragaa jannataan gammachiifamuu ishee:

🌍💫“Aliyy bin Abii Taalib irraa odeeffame; yeroo isheen duute Nabiyyiin ﷺ uffata isaanii keessatti kafanan, salaata irratti salaatan, qabrii ishee keessa seenuudhaan du’aayi godhan. Achiis ni jedhan:

🌍💫“Jibriil naaf himee isheen warra jannataa keessaa ta’uu.”
Isheen haadha Aliyyii, Ja’afar, Aqiiil fi Xaalib turte.
12. Hafsaa bint Umar (R.A)
Ragaa jannataan gammachiifamuu ishee:

🌍💫Jibriil Nabiyyii ﷺtti ni jedhe:
“Ishee hin hiikin; isheen baay’ee soomti, baay’ee salaatti; niitii kee jannata keessattis.”

🌍💫Akkasumas Nabiyyii ﷺ ni jedhan:
“Dubartoota jannataa keessaa caaltonni afur:
Khadiijaa bint Khuwaylid,
Faaximaa bint Muhammad,
Aasiyah bint Muzaahim (niitii Fir’awn),
Maryam bint Imraan.”

🌍💫Namni hojii isaa du’a booda akka hin citne fedhu beekumsa haa facaasu.
“Yaadachiisi; yaadannoon mu’umintoota ni fayyada.”
Rabbiin nuufi isin warra jannataa nu haa godhu 🥰

07/05/2026

Wallaahi Billaahi Safuudha Rabbi Sodaadha yaa Obboloota koo Maali dilli kun hundi

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Diggaatti konkolaataa Lakk. Gabatee isaa 3OR46918 kan ta'e Magaalaa Naqamtee irraa Gara Magaalaa Najjootti Taarifaa Ol Qarshii 4,000 utuu kaffalchiisee imalaa jiruu argame tokkoon tokkoon isaaniif Qarshii 3400 deebisuun adabbii seeraas fudhatee jira.

Gabaasni kan:- 𝐩𝐨𝐨𝐥𝐢𝐬𝐢𝐢 𝐠𝐨𝐝𝐢𝐧𝐚 𝐖𝐚𝐥𝐥𝐚𝐠𝐠𝐚 𝐛𝐚𝐡𝐚𝐚𝐭𝐢!

05/05/2026

Lakkoofsa Kana irratti bilbilii ilkaan kee sababa si dhukkubde qofaaf buqqaasuu irraa of baraari Lakk. 0921869999 Haji Gadisa Roba. Maal kana qofa dhukkubbii mataa, gaggaba, funuuna, budaafi Siihrii karaa online tiin bilbila qofaan mana keessan teessanii biyya keessaafi biyya Alaatiihiis wallaansa ajaa'ibaa argachuu ni dandeessu. Likefi Share godhaa namoota jaalattan biraan gahaa galatoomaa ulfaadhaa.

27/04/2026

Dubartiin akka mana Kuusaa jaalalaati, ati immoo yaa gurbaa akka abbaa qabeenyaa mana kuusaa jaalalaa sanaa taate of hin dagatin.

27/04/2026

Dubartiin kuusaa jaalalaati, ati immoo yaa gurbaa abbaa qabeenyaa mana kuusaa jaalalaa sanaa tahuu kee of hin dagatin.

Want your school to be the top-listed School/college in Aweday?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Address


Aweday