Gaafa waaqi jedhe qofa wantootni xumura argatu!!
Iluu Bariisoo Muudaa
uummataaf amanamaadha! Hattummaa ni balaleeffadha!!
17/02/2023
Yoo walitta tuulamne malee guuramnee labuu cullina, walitta tuulamnee rakkotti kara cuqqaalla!!
Hundaafuu qabataa boyaa!!
MUL'ATA MILKAA'AA QABAACHUU
▬▬▬▬▬▬▬▬
➬ Warri mul'ata isaanii milkeeffachuu dadhaban; mul'ata kee akka sin gachisiifne of eeggadhu! Sababa warra gatii kaffalanii mul'ata isaanii milkeeffachuu sodaataniif; ati karaa kee irraa maquu hin qabdu! Abdii kan si kutachiisan maatii kee fi hiriyoota kee dabalateeti malee diinota kee fi warra si jibban qofa miti.
➬ Waan waaqayyoo sitti agarsiise murteessi! Mul'ata kee cinaa dhaabadhu! Waan baramaa fi waan rakasa ta'e barbaaduu dhiisi!
➬ Namoonni baay'een mul'ataa fi hojiif osoo hin taanee; yaada (comment) kennuuf qofa yeroo kamiyyuu qophaa'oo akka ta'an ni mul'ata! Yaadni namoota si jibbanii, karaa gara milkaa'ina keetti si geessu irraa si dhaabuu akka hin dandeenye beeki!
➬ Milkaa'inni namoota biroo gonkumaa mul'ata kee ta'uu akka hin dandeenye amani!
Mul'ata kee osoo hin taane yaada namootaa hordoftee kan fiigdu yoo taate durumayyuu ati nama ofii kee hin turre jechuu dha.
➬ Namni kamiyyuu yaada qabaachuu danda'a. Ani garuu yaada kennameef jedhee isa kanas isa sanas waliin hin maku.
Namoonni si jibban abdii si kutachiisuuf kan tattaaffatan maaliif sitti fakkaata?
➥ Mul'ata isaa milkeeffata jedhanii waan sodaataniif dha.
Diinni isaanii milkaa'ina keeti malee si miti. Yoo isaaf milkaa'eef barbaadamummaan keenya ni jiraata jedhanii yaadda'u. Yoo siif milkaa'e boddeetti kan hafan; bu'aa keetiin waan gufatan itti fakkaata.
➥ Ati waan jireenya keetti mul'atu yoo raawwattu; isaan homaa akka hin goone itti kofachiista.
➥ Ofitti amanuu dhabuun isaanii qorra itti gadhiisa.
➥ Duwwaan isaanii itti iyya.
MAALIREE?
➱ Namoota akkasii dhaggeeffachuuf gurra yoo kenniteef gara sadarkaa isaaniitti akka si buusan heeyyamtaaf! Namoonni hundi yaada qabu. Keessumaa namoonni mul'ata hin qabne yaadota gaggaaridhaan kan guutamaniidha.
➱ Hin ta'u jedhamuu hin jibbin; mul'ata kee gonkumaa namoota si jibbanitti dabarsitee hin kennin! Kaayyoo jireenya isaanii milkeessuu warra dhadhabaniif laphee kee hin banin! Sagalee si keessa jiru.
Namni gaafa barbaadee of argate jireenya haaraa jiraachuu eegala!!
Shufeeriin eennu?
Guyyaa guyyaadhaan of qorqoruun dansaadha!! maal hojjadhe biyyaaf ofiif hoo maal gumaache
Hin dogoggorinaa hattuun firaa fi biyya hin qabdu!!
Bu'aa bayii jireennaa keessatti kufaatiin factor tokko kana wollaalle gaafa kufuuf gitintirru gajafnee ittuu lafa dhoofna!!
Nama sirrii yoo taane waan sirrii deeggarra!! nama sirrii yoo hin taane waan sirrii ni balaleeffanna!!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Contact the school
Telephone
Website
Address
Awassa