Assosa family fellowship

Assosa family fellowship

Share

Jaalalli waaqayyoo Abbaa, Ayyaanni Gooftaa keenya yesuus kiristoos, Tokkummaan Hafuura Qulqulluu hunduma keessan Eegee Haa geggeessu! Ameen!!!

Photos from Assosa family fellowship's post 14/02/2022

Nagaaniif Araarri waaqayyoo hunduma keessaniif haa baayyatu jaallatamoof qulqulloota ijoollee waaqayyoo akkam jirtu nagaa keessanii? Baga nagaa taatan.
Itti aansuudhaan akkuma beekamu torban lamaan darbanii asitti akka fellow keenyaatti dhimma ijarsa bakka waaqeffannaa keenyaa irratti maree geggeessaa turuun keenya nii yaadatama. Egaa nuti duwwaa irra dhaabbannee karoorsinerra hanga humna keenyaatti hin jalqabna waaqayyo immoo nu gargaara. Humnichi kankeenya osoo hin taane kan waaqayooti. Kanaaf barattoonni Mana waaqeffanna ykn bakka wal gahii amantootaa kana Nuu wajjin ijaaruuf nu bira daabattan akkuma kanaan dura mari'annetti isa Waadaa galtan nuu raawwadhaa jechaa Namoonni Biyya garaa garaa irraa Mana waaqayyoo kana ijaaruuf fedhii qabdan karaa lakkoofsa herregaa asii gaditti ibsinuun nu bira akka dhaabattan Jaalala waaqayyootiin isin gaafanna. Bakka wangeelli hin geenye Geessisuuf, Lubbuu wangeela hin dhageenye dhageessisuuf akkasumas kristoosiin isa fannifame Sana lallabuuf Ergama guddaatu nu harka jira. Dhaalota dhufuuf Maal keenyee dabarra laata? Hundaafuu kadhatatti cimaa! Sagantaan keenya idilee Yeroosaatti ittuma fufee jira.
Ayyaanni waaqayyoo siniif haa baayyatu!

Bankii daldala Ethiopia: 1000454774349
Maqaa: 1. Samuel
2. Wakgari T.
3. Kumsa K.

04/02/2022

Nagaan waaqayyoo hunduma keessaniif haa baayyatu.
Assosa Family fellowship'n Ammas sagantaa bareedaa qabatee isin eegaa jira. Gareen dhuga ba'umsaa ykn Action Team'n sagantaa baga nagaan dhuftanii qopheessee waan jiruuf gaafa guyyaa 29/5/2014 Dilbata ganama sa'aatii 2:00 irraa eegalee Affeeramtaniittu. Nyaatichi nyaata hafuuraati dhugaatichis bishaan jireenyaa ti.

Photos from Assosa family fellowship's post 30/01/2022

Nuyi Garuu kristoos isa fannifame nii lallabna!
Assosa family fellowship

25/01/2022

Hin hafamu!

23/01/2022

Nagaan siniif haa baayyatu!

Baga nagaan dhuftan baga gara barnoota keessaniitti nagaan deebitan. Baraattoonni amantaa kiristaanaa mooraa ASU keessatti argamtan irra deebi'uun baga nagaan dhuftan jechaa, Family fellowship'n keenya Sagantaa simannaa Gaafa 21/5/2014(Sanbata duraa)tti qopheessee waan jiruuf guyyaa jedhame kana ganama sa'aatii 2:00 irraa eegalee Hirmaattuu sagantichaa akka taatan jaalala waaqayyoon isin beeksisna.
Saganticha irratti;
👉wangeelli nii lallabama
👉Faarfannaadhaan nii waaqeffanna.
👉Barattootaaaf Nii kadhatama.
Akkasumas qophiiwwan bashannansiisoo fi barsiisoo ta'an qabannee sin eegna.

😍😍😍WELCOME😍😍😍

21/01/2022

Nagaanif araarri jaalalliif ayyaanni waaqayyoo Gooftaa keenya yesuus kristoos biraa siniif haa baayyatu.
Ijoolleen keenya yeroo ammaa mooraa seentan baga nagaan dhuftan.
Kan dhufuuf karaarra jirtanis karaa nagaa siniif haa ta'u. Siniin jetti family fellowship Asoosaa.

07/01/2022

Baga guyyaa Kabaja Ayyaana Dhalachuu Gooftaaf Fayisaa keenyaa nagaan geessan.
Ayyaanichi kan nagaa, kan jaalalaa fi kan milkaa'inaa siniif haa tahu.
Jaalalaaf nagaa keenya inni ta'e abbaan bara baraa lencichi yihuudaa nuuf dhalateera.
Kabaja ayyaana dhalachuusaa ilaalchisee...
Waanti haaraan jireenyakee irratti, hojiikee irratti, barumsa kee irratti haa dhalatu.
Baga gammadde hiriyeekoo, Iyesuus kristoos yoomiyyuu laphee keenya keessatti nii dhalata.
Baga maatii keessan waliin nagaadhaan geessan.
Ayyaana gaariin siniif hawwina.
Yesuuskoo baga nuuf dhalatte!
Happy Birth Day jesus.

05/01/2022

waliif qoodaa hiriyoota keessan connection hin qabneef bilbilaa dhageessisaa!
Guyyaan seensaa yeroo hin beekamneef dheeratee ture gaafa guyyaa 13-15/5/2014 ta'uu ibsameera.

16/12/2021

Adaraa wal qaqqabsiisaa!
Guyyaan waamichaa Asu yeroo hin beekamneef achi siqeera.

15/12/2021

Nagaaniif Araarri waaqayyoo hunduma keessaniif haha baayyatu. Yoo fedha waaqayyoo ta'e gara mooraatti deebi'uuf guyyoota muraasatu hafe.
Kanaaf Tajaajiltoonni family fellowship Asu kan nuti isin hubachiisnu Waraqaa tajaajilaa(qulqullinaa) waldaa keessa turtan keessatti tajaajilaa turuu keessan ka ibsu qabattanii Akka dhuftan sin yaadachiisna.
Dabalataan yeroon kun yeroo sodaachisaa ta'us ijoollee waaqayyootiif harka eegumsasaa ol ka'ee jira kanaaf kadhataan manaa ba'aa. Obboloota keessaniifis kadhadhaa. Amma dandeessan karaattis wal gargaaraan dhaamsa keenya.
Nagaan kottaa!

11/12/2021

Karaa Nagaa isiniif haa ta'u obboloota keenyaa iji nagaa wal nu haa argu!
Nagaaf Ayyaana Waaqayyotiin Eegamaa!

02/11/2021

Nagaaniif Araarri waaqayyo bakka jirtanitti siniif haa baayyatu ijoollee waaqayyo;
Kanaan dura Assosa University'n waamicha gochuun isaa nii yaadatama, Ta'us garuu Rakkoo Nageenyaa naannoo tokko tokko keessaatiif jecha barattoonni karaa dhufan akka hin qabne waan hubatameef, Yeroon Seensaa Guyyaa hin beekamneef Achi siqeera.
Kanaaf Ergaa kana waliif qooduudhaan hiriyoota keessan dhufuuf daandii eegaluuf jiran nuu qaqqabsiisa.
Assosa family fellowship

Want your school to be the top-listed School/college in Asosa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address


Assosa
Asosa