Ummanni Oromoo Durii kaasee haga har'aatti kan inni miidhameen sirna malee sabaan miti, Kana baruuf seenaa mootota Ethiopia bara minilik kaasee Amma Har'aatti Ilaaluun ni danda'ama. Minilik kan inni Ummata oromoo cabseen sirnaani, Warren sirna sana deeggaran yeroo sanatti saboota baay'ee keessa walitti dhufuun sirna Tiksuuf Jecha Ummata keenya dararaa, Ajjeesa, harka muraa fi harma muraa Turan, kan baay'ee nama gaddisiisu yeroo Harmeen oromoo Harmii muramaa Ture sanatti Ilmaan oromoo sirnicha deeggaran jiraachuu fi gochicha keessa harka qabaachuu isaaniti, Isaan akkasii sunneen sirnaaf jedhanii Lammii fi Saba isaanii haala suukanneessaan Ajjeesaa, Ajjeechisaa akkasumas qabeenya Ummata saamaa, saamsisaa turaniiru, Kuni seenaa Gurraacha Ummanni keenya haga har'aatti illee irraa barachuu dadhabee keessa gangalachaa jiruudha. Wanti Abdii namatti horuu yeroo Durii kaasee haga har'aatti Akkuma kan sirnaa fi garaa isaaf Ummata isaa miidhu jiruu, gootonni lubbuu isaanii haga laachutti Saba isaaniif qabsaa'an jiraachuu isaaniti, Sabni koo maal naaf godhe Isa jedhu dhiisnee Ani Saba koof maalan godhe haa jennu,✍️✍️✍️✍️✍️
Eebbisaa Sharrii Edae
waaqni jiraaf har'a geenye
31/08/2025
Ijoollee kana haa dhaqabnu👥
Ijoollee ja’an (6)n kuni Obbolaadha. Aanaa Kuyyuu Ganda baadiyyaa Wuuyyee Gosee jedhamutti abbaa isaanii Obbo Dachaasaa Yaadatee fi haadha isaanii aadde Dirribee Fayyisee irraa dhalatan.
Abbaan isaanii Obbo Dachaasaan jireenya fooyya’aa jiraachisuu dadhabanis ijoollee isaaniitiif Waan humna isaanii tumsaa osoo jiran balaa Konkolaataa isaan mudateen waggaan dura lubbuu dhaban.
Yeroo Abbaa warraa isaanii du’u Haati isaanii aadde Dirribeen Mucaa isaanii 6ffaa ulfa turan.
Du’a Abbaa warraan dabalata ba’aan ijoollee ja’a guddisuu humna isaanitiin kan hin danda’amne Waan ta’eef dhiphinumaan isaanis dhibee irratti kufan.
Dhibee kanarraa bayyachuu dhabuun yaalafis humna Waan hin arganneef mucaa 6ffaa harma hoosistu dabalatee ijoollee ja’an irraa ishees duuti moo’ate.
Ijoolleen ja’an amma erga haadha fi abbaa malee, Waan nyaatanii bulan malee hafanii amma torbeedha.
Ijoolleen umrii 14-ji’a ja’aa gidduu jiran kuni amma haala rakkisaa keessa jiru. Mucaa daa’ima ji’a ja’a hin caalle qabatanii qofaa daanditti bahaniiru.
Fira humna qabaatee ofitti qabulleen ofbiraa Hin qaban. Ijoollee xixiqqaa carraan jireenyaa dugda itti gale kana haa gargaarru.
Ammaaf Herreegni baankii Daldala Itoophiyaatti banameera. Lakkoofsi herrega Baankii kan armaan gadii kanaadha.
1000715046257 (Tesfaye Hirko and Dereje Debele)
CBE
013200070572400 (Tesfaye Hirko and Dereje Debele and Sena Dachasa)
Awash Bank
Odeeffannoo dabalataaf Walitti qabaa Koree deeggarsaa kanaa Lakk bilbila kanaan qunnamuu dandeessu :- +251913641303
Galatoomaa!!!
Kan Ummata ofii daaree Isa boonsetti Ga'iisuu dhumni isaa salphina. Dadhabina dhaaba isaa osoo hin taane dhugaa Ummata qulqulluutu fuudhe isa balleessa. Dhugaan Ilmoo waaqi🙏🙏
Garaa guddaan Gaara nama hin baasu
10/04/2024
Goota Gaafa xiiqii
Cichaa qabsoo haqaa
Abbaa seenaa dilbii
Nagaan boqodhukaa
Waan hundaafu yeroon deebii qabdi💚💚💚
18/06/2023
Haacee koo
09/08/2022
Buli jabaa koo
Biyyoo natti facaasaniin
Biqiltuu seenaan dhaaba
Funyoo ittiin na hidhuuf yaadan
Qabadheen tulluu yaaba!
Kobota utuu eeganii
Warqeen natti mogga'a
Adurree ta'ee kufeen
Leenca ta'ee ol ka'a…
Dhamaan itittuu hin jedhu
Buquriidhaanis baaduu
Wanti haadhoo koof hin taane
Naaf ta'a jedhee hin yaadu!
Kallattiin deemsa kootii
Haalaan hin madaalamu
Fuulduran tarkaanfadha
Utuman takaalamuu!
Jaalala Oromummaa malee
Hin kudhaammanne jibba
Adda baafadheen beeka
Hiika ciqileefi jilbaa…
Yaadannoo Baroon dubbisa
Huccuu Taaddeen uffadha
Hangan lubbuun jirutti
Dhugaa Oromoon dubbadha!
08/08/2022
Warri Safari kun baayyee nama ajaa’ibu ani nama dinagdeeti dhimma kana salphaati ilaaluun gatii nu kafalchiisa.
Dhaabbanni Telecom hanga guddaa harka namoota warra Kaabaa seenee ilmaan Oromoo achii dhiibaa fi dhaabbilee Oromooti balbala cufatanii Oromiyaa keessatti hojjechuun waan hin danda’amne.
Waan isaan godhaa jiran keessaa muraasni dhaan tajaajila hundaa kennu
Ragaalee muraasa
1. IJoollee Oromoo tasuma qacaruu fedhii hin qaban, warra dhaqee dorgomuus Afaan Amaaraa xiqqoo jallisnan achii si ari’u. Ijoollee jajjabduu dhaabbata biraati beekamtii gaarii qaban miindaa gaarii jedhanii yeroo deeman maqaa qofa ilaalanii deebisu. Hojii kanaaf agent ta’ee kan hojjetu warra jedhaman argaa ijoollee Oromoo hin fedhan. 🙃
2. Agent raabsaa SimCard fi Card mobile 29 akka Itoophiyaatti jiran keessa kan Oromoo 2 qofaadha. Isaanuu bakka gabaan hin jirre filanii kennaafii jiru akka odeefannoo isaan irraa arganeetti. Magaalaa faa namoota Kaabaaf kennan. 😩
3. Beeksisa TV fi Raadiyoo akkasumaas Piroodakshinii adda addaa warra jedhamaniif waggaati maallaqa qarshii Miliyoona 350n kennanii hojjechiisaa jiru, dhaabbatni Oromoo Afaan Oromoon hojjetu hunduu dhiibameera. Warra Zaleman jedhamantu ijoollee keenya Afaan Oromoo beekan maallaqa xixxiqqaan qacaree hojjechiisa🫢
4. Suuqii Agent Adaamaati bananiif Afaan Oromoo gubbaatti hin barreessinu nuti Kaampanii Biyya Alaati jedhanii Afaan Amaaraa qofaan barreesinan waajjiri achii dideera amma waan isaan godhan odeefannoo hin qabu.
5. Hojii maxxansaa guutummaa guutuutti dhaabbata jedhamu waliin hojjetu dhimma Afaan fi aadaa Oromoof bakka kennuu hin fedhan.
Sababiiwwan gubbaatti eeraman caalaa ergama dinagdee akka biyyaatti dhufe irraa Oromoon akka hin fayyadamneef ta’e jedhanii Oromoo irraa maallaqa gurguddaa funaanachuuf qophaa’aa Oromoo hiyyoomsuuf karoora baafatanii hojjechaa jiru.
Qaamni dhimmi ilaallatu hunduu jabaatee dhiibbaa goodhamee namni keenya irraa hin fayyadamu taanan ammas boo’icha itti fufna Ormi ammoo Oromiyaa keessatti dhufee sirraa fayyadama.
Warri Somaalee nama keenya malee Finfinnee irraa nama Import akka nuuf hin goone jedhanii dhorkan Oromiyaan garuu akkuma gad dhiisiiti itti taphachaa jiru.
Dhaabbileen gurguddoon biroos dhaabbata Oromoo waliin hojjechuuf fedhii hin qabnee fi Ijoollee Oromoo ofirraa dhiibdan dhiibbaa walfakkaata sini irratti geggeessina qophaa’aa dhaabbilee Oromoos taatan.
Qoosaan akkanaa dhaabbachuu qaba maqaa Oromoon daldalaa nama Oromoo fi dhaabbata Oromoo irraa qoollifachuun hin taatu Ormi carraa waliif kennaa oola sin ammoo Ormaaf carraa banaa ooltu.
kana argaa dubbisaa - Waliif hiraa itti duulaa
Safaricom Ethiopia Safaricom PLC
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Contact the school
Website
Address
Asella