09/01/2025
#!!!
Amajjii 1/5/2017.Godina H/Lixaa Aanaa Hawwii Guddinaa Gandoota garaa garaa keessatti Hojiin misooma Sululaa haala gaariin eegalamee Jira.
Hojiin misooma sululaa Kun gandoota Aanaa Hawwii Guddinaa hedduu keessatti Guyyaa arraa karaa Guutuu ta'een eegalamee Jira.
Hawaasni Keenya Bu'aa hojii misooma sululaatiin argamu baroottan darban keessa haala gaariin hubatee waan jiruuf Guyyaa arraa qaamooleen hawwaasaa tokkummaafi hamilee guddaan meeshaa misoomaa qabachuun iddoo hojiin Kun hojjatamutti argamuun hojjachaa oolanii jiran.
Fuuladuraafiis hanga hojiin misooma sululaa Kun karoorri bara kanaaf karoorfatan xumuramutti haaluma kanaan kaka'uumsaan akka itti fufan hawaasni iddoo kanatti argaman Ibsanii Jiran.