09/08/2025
Weellisaa Caalaa Bultumee galgala kana qaama hin beekkamneen Magaalaa Finfinnee keessatti rukutamuun isaa dhuguma. Caalaa Bultumee arra waan fedhellee osoo ta'ee miseensa paartii kamiyyuu deeggaree kaleessa Oromoof aarsaa kaffalee jira. Inumaa sirboota warraaqsaa "Master Pilaanii jedhanii sanyii nu duguug*uuf malaanii" kan jedhe sirbe akka banziilaa nuuf tahee xiiqiin daandii gubbatti baanee akka falmannu nu taasise. Welluun isaa sun ammallee osoo dhaggeeffatamee hin quufamu ol nama kaasa. miira falmachuu takka nama keeysatti uuma. namallee hin dadhabsiisu jechuun kiyya namni kun nama galatallee qabuudha. Shorrii inni qabsoo Qeeyroo ilmaan Oromoo taasisan keeysatti waan dagatamu. Qaamni gocha kana irratti raawwate qoratamee seeraaf akka dhihaatu ni gaaffanna.😪🙏
Baga waaqni si oolche dhiira tiyya!
25/05/2025