Kolleejjii BLTO Amboo

Kolleejjii BLTO Amboo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kolleejjii BLTO Amboo, College & University, Ethiopia, Oromia, Ambo town, Ambo.

24/08/2026
Guyyaa 30/11/2018Beeksisa.Namoota Ogummaa Armaan gadii kana irraati MGO (COC) madaalamuu  barbaaddan Hundaaf...
06/08/2026

Guyyaa 30/11/2018
Beeksisa.
Namoota Ogummaa Armaan gadii kana irraati MGO (COC) madaalamuu barbaaddan Hundaaf...

Misoomni ogummaafi dhaweessummaa rasaasa tulluu hiyyummaa diiguun badhaadhina hunda galeessa dhugoomsudha jedhan obbo Ha...
03/08/2026

Misoomni ogummaafi dhaweessummaa rasaasa tulluu hiyyummaa diiguun badhaadhina hunda galeessa dhugoomsudha jedhan obbo Habtaamuu Kaasaa.

Adoolessa 26, 2018 (Komn.BCHUOO)- Kilaastarri Kolleejjii Poolii Teeknika Amboo leenjifamtoota ogummaalee garaagaraan leenjisaa ture 1,590 guyyaa har'aa sirna ho'aan eebbisiisee jira.

Sirnicharratti argamuun dhaamsa kan dabarsan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Habtaamuu Kaasaa, misoomni ogummaafi dhaweessummaa rasaasa tulluu hiyyummaa diiguun badhaadhina hunda galeessa dhugoomsu ta'uu ibsaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas lammiilee ogummaafi dhaweessummaan of danda'an baay'inaan horachuun cabinsa dinagdee jiru furuun rakkoo hojii dhabdummaafi qala'insa jireenyaa furuuf indaastiriiwwan bakka leenjiifi oomishaa taasisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Eebbifamtoonni guyyaa har'aas ogummaa gonfataniin hojii uummachuun jiruuf jireenya isaanii fooyyeffachuu akka qaban dhaamuun, qaamoleen qooda fudhatootaas paakeejiiwwan deeggarsaa dhiheessufiin dargaggoonni kunneen akka milkaa'an taasisuuf qooda isaanii bahachuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Kolleejjiin Poolii Teeknika Amboo bara hundeeffama isaarraa kaasee hanga ammaatti leenjii gahumsaafi qulqullina qabu dhiyeessuun, humna namaa dorgomaa ta'e gabaa hojii dhiyeessaa jiraachuu diiniin Kolleejjichaa obbo Mulunaa Tafarraa himaniiru.

Guyyaa har'aas kolleejjonni kilaastara Kolleejjii Poolii Teeknika Amboo jaha qindoominaan bakka tokkotti leenjifamtoota ogummaalee garaagaraan leenjisaa turan gahumsaan xumursiisuun leenjifamtoota 1,590 eebbaaf dhiyeessuu obbo Mulunaan himaniiru.

‎Sirnicharratti haasawaa kan taasisan Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Amboo obbo Araggaa Shugguxii, mootummaan Paartii Badhaadhinaan hogganamu lammiin biyya kanaa akka Intarpirinaara ta'uuf ogummaa irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himuun, eebbifamtoonni hojii uummachuun ofirra darbanii namoota biroof hojii uumuu akka qaban dhaama

Ogummaa Armaan gadii kana irraati MGO madaalamuu kan barbaaddan Hundaaf...
02/06/2026

Ogummaa Armaan gadii kana irraati MGO madaalamuu kan barbaaddan Hundaaf...

Address

Ethiopia, Oromia, Ambo Town
Ambo
0000

Telephone

+251112362226

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kolleejjii BLTO Amboo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share