Harmee kiyyaa

Harmee kiyyaa

Share

Dhiigaatuu lola'ee
Lubbuunis manca'ee
Lubbuun sabaa kootii
Sooraa alaatti ta'ee😭

14/03/2026

Raawwattoonni Filannoo Biyyaalessa Itiyoopiyaa, Kaffaltiin Guyyaa Tokkoof Isaaniif Ramadame Gahaa Miti Jechuun Komatan.

Hojjettoonni filannoo biyyaalessa Itiyoopiyaa Marsaa 7ffaa raawwatan, Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoopiyaa guyyaa tokkoof qarshii 600 Ramaduufiin isaa haala qaala'insa jireenyaa yeroo ammaa wajjin kan wal hin madaalle ta'uu komii isaanii dhiyeessaa jiru. Akka isaan jedhanitti, kaffaltiin kun baasii nyaataa fi qubannaa bakka ramaddii hojii isaaniif illee akka isaan ga'aa hin jirre ibsaniiru.

Isaan keessaa gariin yoo kaffaltiin kun kan hin fooyyofne ta’e, filannicha raawwachiisuu irratti rakkoo uumuu akka danda’u akeekkachiisanii, hojicha adda kutuun filannoo seera qabeessa ta’e kan mataa isaanii fayyadamuuf dirqamuu akka danda’an dubbataniiru.

Dhimmicha irratti ibsa kan kennan, dura taa’aan Boordii Filannoo Itoophiyaa Meelaatwork Haayiluu akka jedhanitti, kaffaltiin bara kanaa kan filannoo marsaa darbeerra dachaan akka dabale himaniiru.

Itti dabaluunis hojjettoonni filannoo hedduun naannoo isaan jiraatanitti hojii raawwatu; kanaaf kaffaltiin isaanii kan hojjettoota mootummaa bakka jireenyaa irraa gara bakka biraa imalaniif kaffalamu waliin madaalamuu hin qabu jedhaniiru.

Kan malees, baajeti filannoo sadarkaa biyyaatti ramadamu daanga'aa waan ta’eef, boordiin filannoo baajeta isaaf kenname keessatti of eeguun akka hojjatu ibsanii, komiiwwan ka’aa jiran boordiin akka xiyyeeffannoon ilaale himuun, hojii ulfaataa fi yeroo fudhatu ta’us kaffaltiin amma jiru baajeta jiru ilaaluun kan murtaa’e akka ta’e ibsaniiru.

ABDII SABAA SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

14/11/2025

Amaloota namoota dafanii aaranii;
1. Laphee isaanii keessa hamaan tokkollee hin jiru.
2. Laphee dhiifamaa namaa qabu, haaloo namatti hin kuusan.
3. Garaa namaaf laafu ykn ofii utuu rakkatanii nama biroo gargaaru.
4. Balleessaa kee ifatti sitti himu, duubaan si hin hamatan.
5. Haasaa namootni biroon haasa'an dursee galaaf.
6. Nama hamachuu hin jaallatan.
7. Kan isaan aaran yaada garaa isaanii keessa jiru, namni hubachuu gaafa dadhabu dubbatu.

05/05/2025

American top talent.🥺

30/04/2024

😁😁😁😁😁😁🙄🙄🙄🙄🙊

16/01/2024

Gaarii........

Eenyummaan kee uumaa keen gaditti harka kee jira. Eenyu illee si irraa fudhachuu yookiin jijjiiruu hin danda'u. Kan ati nama biraaf gochuu hin dandeenyes eenyummaa isaa jijjiiruudha. Kanaaf inni dursu waa'ee mataa keenyaati. Kan nuyi namoota dhuunfaa bira darbinee biyya keenya jijjiiruu dandeenyu yoo dursa ofii keenya jijjiiruu dandeenyedha. Kunis hojii gaarii yoo dalagneefi ilaalchaa gaarii qabaachuudhaani. Ilaalchi gaariin kan nuyi ofiif qabnu, kan nuyi namoota biraaf qabnuun garaagarummaa hin qabaatu. Kunis kan mataa isaaf waan gaarii yaadu nama biraafis gaarii yaaduun itti waan hin ulfaanneefi. Garuu hanga ilaalcha gaarii ofiif hin qabaannetti milkaa'insi hin jiru. Namoota biraafis gaarummaa hin qabaannu. Kanaaf ilaalcha gaarii ofiif qabaadhu!
Imalli keenya ittuma fufa! ❤❤❤💚💚❤❤💯

11/01/2024

irra yaaduf yaali! Garuu namarra beekadha ofiin hin jedhin.

28/12/2023

Sa'aad Awwal Walloo(Waloo) Kamiseetti kiyyoo alagaan qabamee,waggaa lamaa oliif hiriyoota isaa waliin dararaa keessa jiru. Maal godhu,bara bofti nama ciniine lootuutu arraba namatti baasa.
sodaadhaa hiikaa.

26/12/2023

Hojii kee nyaadhuu hirkoo😁😁😁

Want your school to be the top-listed School/college in Ambo?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Category

Website

Address


Ambo