Onnee jaalalaa

Onnee jaalalaa

Share

Walaloo jaalala dhugaa baay'ee argachuu dandeessu kanaaf like tuquudhaan akkasumas comment barreessuun wal haa jajjabeessinu!

18/12/2025

゚viralシfypシ゚viralシ

07/12/2025

Si jibbeera

゚viralシfypシ゚viralシ

05/12/2025

Sababa keef jecha
゚viralシfypシ゚viralシ


11/05/2025

Situ seene onnee koo
‎Akka waraana xiyyaa
‎Yaadni kee na maraachee
‎Oofee na baasuf biyya

‎Argaa suura tokkittin
‎Qaamotakoo to'atte
‎Dhugumaan jaalalli kee
‎Onnee koorratti marge

‎Ulfinaan badhaafamtee
‎Simboof naatoo kuufatee
‎Mi'aawaa damma caaluun
‎Onnee koorra buufate

‎Hundeen jaalala keetii
‎Nakeessa gad- fagaatee
‎Simalee oolmaaf bultiin
‎Dhugumaan ni jabaate

‎Waraantee natti seente
‎Akkuma qara lilmoo
‎Jaalalli ani siif qabu
‎Ni caala haadhaaf ilmoo

‎Situ hoogganee jira
‎Narvii koof hidda dhiigaa
‎Simalee ooleen bulu
‎Suma barbaachan fiiga

25/02/2025

Yoo olii waliif nu qabe
Yoo firooma keenya
fedhe, wan hin oolle
fira ta'uun

22/01/2025

.....!

Maafan faca'aa?
Maafan dhama'aa?
Akka horii cubbuu
Akka baasaa lubbuu

Maaf ijaan lafa dhabaa ?
Maaf dubbii dadhabaa?
Maafan abjuun dhaba faara
Miironni koo maaf marmaara

21/01/2025


"Morma kankee jalaa
Foolii kankee suufee
Gororakee nadhii
Sirnaan unee quufee,
Osoon si hammadhee
Gurratti si hasaasee
Xuuxee si dhungadhee
Si'iis dheebuu baase,

Silaa natti toleen
Uffee jedhaa laata?
Ana har'as kunoo
Onneen na dhahata!

Morma kankee lookoo
Taakkuu lama ga'u,
Ani dheebuu kankee
Maaliin dharraa ba'u?
Ifa fuulakeetii
Seeqaan basaq gootee
Libsuu ijakeetii
Suuta boloq gootee,

Akka dhala dhabaa
Ana na mararta;
Qooda simboof taphaa
Jiraa na dararta!"

03/02/2023

Kabajamtootaa fi hordoftoota keenya nagaan keenya kan onnee irraa madde isiniif haa ta'u jechaa gaaffii karaa keessatiin (inbox) namoonni baay'een nu gaafachaa jiran irratti hirmaattanii yaada keessan akka nuuf qooddan kabajaan isin gaafanna. Gaaffichis kunooti.

Ani hanga ammaatti jaalala jalqabee hin beeku, garuu ammaan booda jaalala jalqabuu nan barbaada. Jaalala jalqabuun dursa garuu maaltu narraa eegamaa? Nama dhugaan na jaalatu akkamittan adda baafachuu danda'aa? Hanga dhumaatti isa/ ishee waliin turuuf hoo maal gochuun qabaa?
Gaaffiwwan kanaaf otoo isin ta'ee maal gochuu akka qabdan itti yaaduun yaada keessan nuuf qooda. Baay'ee isin jaalanna

17/01/2023

𝑺𝒊𝒊𝒇 𝒃𝒂𝒏𝒆𝒆
𝑩𝒂𝒍𝒃𝒂𝒍𝒂 𝒐𝒏𝒏𝒆𝒆𝒌𝒐𝒐
𝑺𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒉𝒊𝒎𝒆𝒆
𝑨𝒌𝒌𝒂 𝒌𝒂𝒏 𝒃𝒊𝒓𝒂𝒂𝒏 𝒇𝒆𝒆𝒏𝒆 𝒍𝒂𝒑𝒉𝒆𝒆𝒏𝒌𝒐𝒐
𝑵𝒂 𝒈𝒂𝒕𝒕𝒆𝒆
𝑫𝒆𝒆𝒎𝒖𝒖𝒇 𝒌𝒂𝒂𝒕𝒆𝒆 𝒉𝒊𝒓𝒊𝒚𝒆𝒆𝒌𝒐𝒐

02/01/2023

Namoonni jaalala dhugaa hiriyee/ hiriyaa keessaniif qabdan qubee jalqabaa maqaa ishee comment jalatti barreessun baay'een si jaaladha jjedhaani
𝐖𝐚𝐫𝐫𝐢 𝐡𝐢𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐧𝐞 𝐲𝐨𝐨 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐚𝐭𝐭𝐚𝐧𝐢𝐬 𝐎𝐉 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐮𝐮𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚. 𝐇𝐢𝐫𝐦𝐚𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧𝐢𝐢𝐟 𝐠𝐮𝐝𝐝𝐚𝐚 𝐠𝐚𝐥𝐚𝐭𝐨𝐨𝐦𝐚𝐚, 𝐛𝐚𝐚𝐲'𝐞𝐞 𝐢𝐬𝐢𝐧 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐚𝐧𝐧𝐚!

Want your school to be the top-listed School/college in Ambo?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Address


Ambo