22/06/2022
His. 16
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Ammas immoo dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
² "Yaa mucaa namaa! Hojii ishee isa ciiggaasisaa Yerusaalemitti himi!
³ Waaqayyo gooftaan, Yerusaalemiin, 'Ati hundeedhaan, dhalootaanis kan Kana'aan, abbaan kee Amooro, haati kees durba warra Heet turte.
⁴ Ati gaafa dhalatte hin handhuuramne, akka qullooftuufis bishaaniin hin dhiqamne, soogiddaan hin sukkuumamne, wayyaanis sitti hin maramne;
⁵ ati gaafa dhalatte sana ijaan ilaaluun waan nama jibbisiisuuf bakkeetti gatamte malee, namni siif oo'uudhaaf wanta kana keessaas tokko illee siif gochuudhaaf garaa siif laafe hin turre.
⁶ " 'Ani utuun darbuu ati dhiiga kee keessa ciiftee utuu dhidhiitattu sin arge; ati dhiiga kee keessa utuma ciiftus:- Jiraadhu! siin nan jedhe;
⁷ akka muka bakkee akka ati guddattu nan godhe; atis guddattee baay'ee in miidhagde, in guntutte, rifeensi kees in guddate; ati garuu qullaa akka garaa haadha kee keessaa baatetti jirta.
⁸ " 'Ani ammas utuun darbuu si ilaalee, ati durba geessu jaallatamtuu ta'uu kee argeen, uffata koo sitti uffiseen, qullaan kee akka hin mul'anneef siif dhokse; si kaadhimadhee ati kan koo taatee sii wajjin kakuutti galeera' jedhe; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.
⁹ " 'Ani bishaaniin si dhiqee, dhiiga si irraa qulleessee, dhadhaa ejersaa si dibe.
¹⁰ Akkasuma immoo uffata kuulaan miidhagfame sitti nan uffise, kophee gogaa irraa hojjetames sin kaa'achiise, uffata quncee talbaa ba'eessaa fi haarrii irraa hojjetames sitti nan uffise.
¹¹ Mi'a miidhagaa sitti naqee sin miidhagse; harka keetti bitawoo nan naqe, morma keettis dirata nan dire;
¹² funyaan keetii fi gurra keetti amartii nan kaa'e, gonfoo ba'eessas mataa kee irra siif nan kaa'e.
¹³ Ati akkasitti warqeedhaa fi meetiidhaan in miidhagde, uffanni ati uffattu quncee talbaa isa ba'eessaa fi haarriidhaan hojjetamee kuulaan in miidhagfame; qamadii isa ba'eessa, damma, dhadhaa ejersaas in nyaatte; baay'ee miidhagduu taate, mootuu ta'uudhaafis in kaate;
¹⁴ simboon ani siif kenne miidhagummaa kee guutuu waa