Abera Bekru

Abera Bekru

Share

Madda Odeeffannoo amanamaa!

04/05/2026
24/04/2026

Itiyoophiyaa giddugala turizimii Afrikaa taate arguuf filannoo keessan Paartii Badhaadhina haa tahu

14/04/2026

Yakki nama dhuunfaadhaan raawwatamu mootummaa bakka hin bu'u.

Ebla, 5/2018 WKA: Baroota jijjirama asitti magaalli Amboo magaala nageenya amansiisaafi tasgabbii guddaa qabdu akka taate beekkamadha.

Ta'us yeroo gara yerootti qaamoleen garagaraa nageenya magaalaa Amboo boreessuudhaaf fedhii dhuunfaafi garee giddugaleeffachuun ajandaa magaalaan Amboo hin misoomne jedhuun halkaniifi guyyaa duula gaggeessaa akka turan beekamaadha.

Mootummaan magaalota kanneen akka Bishooftuu, Adaamaa, Shaggariifi Naqamtee misoomse magaalaa Amboo misoomsu dide jechuun yeroo hedduu dhiibba gochuun uummata burjaajessuuf yaalanii waan milkaa'uufi dideef, mootummaaniis magaalaa Amboof carraa misooma hedduu kennee akka jiru ummanni akka hubate waan arganiif,

Akkasumas namoota lojistikii diina ta'uudhaan to'ataman dhiibbaa godhanii baasuudhaaf yeroo adda addaatti yaala turanii kuniis waan milkaa'uufi dideef, ammammoo ajandaa bira qabatanii gadi ba'anii akka jiran hubatamu qaba.

Kana malees, walitti bu'iinsa namoonni gareefi dhuunfaan geggeessaan akka mootummaan harka keessa qabu fakkeessuun ololli geggeeffama jiru ammas marsaalee miidiyaan deemaa jiru mootummaa bakka hin bu'u.

Ji'oota darban keessa immo namoonni dhuunfaadhaan nama waliin walloluun viidiyoon waraabame marsaalee miidiyaarratti bahees walitti bu'iinsa namoota dhuunfaa kan ibsudha.

Bu'uuruma kanaan hooggantootni mootummaa magaalichaa akka waan hojjetaniitti fakkeessuun keessoo mootummaa diigaanii uummataafi mootummaa walitti buusuuf biyya keessafi alaan duulli maqa balleessi geggeeffamaa jiru fudhatama akka hin qabne hubatamu qaba.

Kanaaf mootummaan ol'aantummaa seeraa mirkaneessuuf namoota yakka reebichaan eeruun kenname afur to'annoo seera jala kan oolcheefi namoota miliqanii jiran immoo hordofee yeroo gabaabaa keessatti ol'aantummaa seeraa mirkaneessuuf hojjechaa waan jiruuf,

Uummanni magaalaa keenya kana hubachuudhaan akkuma kanan dura nageenya magaalaa keessanii eeggachaa turtan ammas mootummaa keessan waliin dhaabbattaanii nageenya keessan akka eeggattan manni maree nageenya magaalaa kallatti akka ka'ee jiru isin hubachiifna.

Photos from Abera Bekru's post 21/02/2026

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Mallattoo paartiileen siyaasaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa ittiin dorgoman ifoomse.

Photos from Oromia Communication Bureau's post 24/01/2026
Want your school to be the top-listed School/college in Ambo?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address


Ambo