Ergaa walaloo

Ergaa walaloo amazing picture

Miira koo ibsadhee akkan hin boqonneItti dhisee taa'ee akkan hin callifneGam-lachuun sodaadha baay'ee nama miidhaMee akk...
11/05/2022

Miira koo ibsadhee akkan hin boqonne
Itti dhisee taa'ee akkan hin callifne
Gam-lachuun sodaadha baay'ee nama miidha
Mee akkam murteessu ani maalan godha

27/01/2022

Osoon yaadaa qabuu haasa'uuf waa'ee kee
Akkan si odeessuuf naaf ifte ofii kee
Anis nan jalqaba tokko laman jedha
Isan garaa qabut akkana na godha
Har'a qofaa miti
Hamma barabaraatti

ganamaan fiigeen boqodhayeroon koo anaaf qaaliidhawaanan gochuu qabuun godhabor anumaafuu gaaffiidhahar'a amma jedheen b...
24/08/2021

ganamaan fiigeen boqodha
yeroon koo anaaf qaaliidha
waanan gochuu qabuun godha
bor anumaafuu gaaffiidha
har'a amma jedheen beekuu
abbaa yerootu isa beeka
dirqama koof namaan eegu
sirriitti yaaden akeeka
sababa koo naman godhu
ofiif ofii koon gaafadha
balleessaa koo ergan baree
ilaalladheen sirreeffadha

Nan yaala hamman danda'uhin qusadhu humna koohar'a malee bor hin beekuhin kutadhu abdii koowaan naan gallee nan gaafadha...
05/08/2021

Nan yaala hamman danda'u
hin qusadhu humna koo
har'a malee bor hin beeku
hin kutadhu abdii koo
waan naan gallee nan gaafadha
waanan beekuu na ibsadhaa
hamman danda'een carraaqa
ammayyuu barii barraaqa
nan gaha lafan karoorse
uumaa koos itti hirmaachise
dhibaa'ee lafan siqiqu
nuffees dubattin foqoqu
fuldurattan tarkaanfadha
galma koo gaheen boqodha

22/07/2021

fedhii koof mirgan kennu
kan fedhii uumetu bulcha
waan isaaf ta'u innuu beeka
isatu baasee isatus galcha
ani kan yaaduu isa hunda dursu
isa boodaa innuun dabarsu
ofiin butuchu miira koo duukaa
uumaafan dhiisa isatu beeka

anaafuu naaf galuu dideemaal akkan yaadee herreguosoon tokko jalaan baasiinmiirri biraa akka na eegunan dhiphadhaaf hin ...
30/06/2021

anaafuu naaf galuu didee
maal akkan yaadee herregu
osoon tokko jalaan baasiin
miirri biraa akka na eegu
nan dhiphadhaaf hin dhiphanne
nan gammadeef hin gammanne
nan kolfa garuun boharu
nan gadda hoomas hin aaruu
sammuu keessa deddeebi'ee
anaan anatti naanna'ee
gaaffii kaasee na gaafata
deebis dhabnaan na eeggata
anu hin beeku maal mallisaa?
kun yaada moo na dhiphisaa?
yoon dubbise hin qabadhu
yoon odeesse hin yaadadhu
yoon gammadu soban se'a
yoon dallanus sanum ta'a
maali maali inni mallisaa
maalum jedhetan murteessa??

g

ofitti abdiin kutuwaan boruu hin beekuugaariin ofiif  hawwahamaaf hin akeekuhaalaf bara ilaaleeyaaddoo hin odeessuboru u...
16/06/2021

ofitti abdiin kutu
waan boruu hin beekuu
gaariin ofiif hawwa
hamaaf hin akeeku
haalaf bara ilaalee
yaaddoo hin odeessu
boru uumaatu beeka
an bor hin murteessu

qalbii yoo qabaatte hubattee ilaaluuyoo ati of argite namnu sin wallaaluuyoo kuffiste utubaa keessa kee ni argita kan ob...
14/06/2021

qalbii yoo qabaatte hubattee ilaaluu
yoo ati of argite namnu sin wallaaluu
yoo kuffiste utubaa keessa kee
ni argita kan obboleessa kee
yoo of taatee kayyoosaa kan beekuu
namumti barbaade madaala keen akeeku

ofiin yaadee ofii hin ooluyoo bakka fedhasaa maleerafee ka'uf mirgan qabuyoo inni hin jenne waan tokkolleekaroorri koo y...
05/06/2021

ofiin yaadee ofii hin oolu
yoo bakka fedhasaa malee
rafee ka'uf mirgan qabu
yoo inni hin jenne waan tokkollee
karoorri koo yaada qofa
hin milkaa'u miiran deemee
an dhiphadhuus hiika hin qabu
kan milkaa'u yoo inni eeyyame

hundumtuu yeroofihin darba guyyaasaakan dur ture darbeejedhame kaleessaakan har'as darbuufi boruuf harka laateeboruus fu...
26/05/2021

hundumtuu yeroofi
hin darba guyyaasaa
kan dur ture darbee
jedhame kaleessaa
kan har'as darbuufi
boruuf harka laatee
boruus fudhachuudhaf
yeroo lakkaawwatee

kan dhaga'amu
dhagaa'amee
kan laalamus
ilaalamee
hunduu nuffisiisee
kan boossisuus
boossisee
kan kofalchiisuus
kofalchiisee

wanti haara hin jiru
kan haara uumame
kan duriitu ture
isatuu haarome
kan har'a ture
borus ta'a
kan boruus
iftaaniif ga'a

eeyyen hin jiru
waan haaraa
hin taanuu
hin jennus bara
ni dhufa ni darba
ni dhufa ni darba

19/05/2021

Address

Unity1dinu@gmail. Com
Ambo
AMBO

Telephone

+251930605750

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ergaa walaloo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category