15/11/2025
Wantoota Afirikaa qofa ibsan:😎
● Mana fincaanii qarqaratti qulqullaa'uu.
●Haati manaan gara dagalee (girgiddaatti) aantee rafuu
● Yeroo ati sooromtu, hawwaasni JAWWEE qaba siin jechuu
● Foon gaafa qalamu (qircaa), tokko tokkoon diddiriirsanii lakkaa'uu.
● Afirikaa keessatti du'i uumamaa hin jiru, yoo ati duute diinakee sababeessu.
● ATM keessaa qarshii baasanii lakka'uu.
● Ittoo foonii keessaa isa gaarii ta'e Abbaa manaa nyaachisuu.
● Yeroo ayyaanni waggaa ga'u wayyaa haaraa bitachuu.
● Yeroo karaa kallattii tokkoo qaxxaamuran, bitaaf mirga ilaallachuu.
● Pilaastikii fayyadamamee gatamu (Hayilaandii) keessaa dhuganii, waan biroof itti fayyadamamuuf ol kaawwachuu.
● Gaafa baasii keessa nama adii (faranjiitti) aananii taa'an boonuu.
● Teessuma isa bareedaa abbaa manaaf filuu.
● Yeroo xiyyaarri samiirra darbu harka addarra keewwatanii asii ol ilaaluu
● Muka jalatti bobbaa bobba'uu.
● Yeroo haasa'aaf maayikiin itti laatamu afuufanii ykn qubaan rurrukutanii dura cheekii gochuu yaaluu.
● Nama Ameerikaa deeme hunda akka beekaatti ilaaluu
● weellisaa ykn Walaleessaa waltajjiirratti yeroo badhaasanu qarshii hancufaan tortorsanii addatti maxxansuu😪
● Yoo shamarreen dureessatti heerumte, qabeenya isaaf jetteeti jechuu. Yoo dhiirri dubartii dureettii fuudhe, qabeenya qabdi kanaaf gowwomsee fuudhe jechuu.
Waan hafe itti dabalaa!