06/03/2023
BAATAA DUREESSOO BAASOO (1885-1965) EENYUU?
“Garraamii kansaa nyaatu Baataa Dureessoon arge
Arjaa midhaan hin qabne nama hin hojjennen arge
Kiyyoo dalga darbatu akka qabee fidutti
Biyyoon sitti haa salphatu silaa hin deebituutii...”
Maqaan kabajaa isaanii “Abbaa Waarrii”jedhama. Maqaa kanas kabajaaf kan ummanni moggasaniifi dha. Baataa Dureessoo Baasoo bara1885 keessa Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Algee Saachii Ganda Obboloo fi Yeeroo bakka Saaxoo jedhamutti; haadha isaanii Aadde Talacoo Gosaa fi abbaa isaanii Obbo Dureessoo Baasoo Aanessoo irraa dhalatan. Qomoon yookaan sanyiin isaan keessaa dhalatan “Maayyaa Dooyyuu” jedhama.Maatiin isaanii ummata oromoo kutaa biyya kanaa keessa jiraataa turan keessaa tokko
Abbaan waarrii nama gara laafessa biyya isaanii fi ummata isaanii jaallatan turan. Eebbisanii jiisuu, misoomsuu, guddisuu fi abaaranii gogsuu waaquma biraa isaaniif kankenname dha. Walqixxummaa ummataatti waan amananiif ummata walitti qabatanii gidduu isaaniitti argamuudhaan maree jiruu fi jireenya hawaasaa geggeessuudhaan kan uummata tajaajilani dha.
AMALA LAMMUMMAA GAARII BAATAA DUREESSOO QABAN
Abbaan waarrii nama uumamaan gara laafessa ta’anii fi bu’aa dalgaa argachuu nama hin barbaannee akka ta’an jaarsoliin mirkaneessaniiru. Amala lammummaa gaarii jechuun amala lammiiwwan biyya tokkoo fedhii fi faayidaa biyyichaaf ummataa isaa guutuuf barbaachisan jechuudha.Amalli lammummaa gaarii haalan hedduunakka isaaniif mirkanaa’u jaarsoliin biyyaa ragaa ba’aniiruuf.
Ummanni hojii fi yeroo hojii akka kabaju taasisuu.
Balaarraa akka of eegu gorsuu.
Wantoota dhibee namatti fidan irraa akka of eegu barsiisuu.
Olaantummaa seeraa akka kabaju gorsuu.
Akka wal- danda’uu fi wal gargaaru barsiisuu.
Angafaa fi quxisuu hedatee akka wal kabaju gorsuu.
Akka wal amanu, amanamummaa barsiisaa turaniiru.
GUMAACHA BAATAA DUREESSOO QAROOMAA FI GUDDINA UMMATA OROMOO AANAA ALGEE SAACHII KEESSATTI GODHAN.
Gumaacha guddaa Baataan Dureessoo ummata Algee Saachiitiif gochuun akka ummanni tajaajilamu godhan hedduutu jiru.Kunis akka kanaa gadiiti.
LAFA MANA JIREENYAA MAGAALAA TOLA KENNUU
Haala jireenya dhala namaa waa fooyyessuun haala jireenya ol’aanaatti ceesisaniiru. Haala jireenya ummata oromoo keessatti yaadni, beekumsi, ogummaa fi meeshaallee hojii uumaman marti qarooma isaan burqisiisaniidha. Kaka’umsi qarooma isaanii sababa addaa addaa qaba. Godhatanii guddifachuuf, of dandeessisuuf, mana baasuu fi itti gaafatamummaa kennanii dhalootaa dhalootatti dabarasuuf hojiin kalaquu murteessaa waan ta’eef qaroominni qonnaarratti hundaa’e akka babal’atuu fi qarooma kana fidu fooyya’insa mala qonnaa fi meeshaalee qonnaa ta’uusaa ummata amansiisanii hojiitti galchaniiru.
LAFA GABAAN DHAABBATTU TOLA KENNANII GABAA DHAABUU
Qaroomina daldalarratti hundaa’ee fi hojiin daldalaa fi magaalaa hundeessuu fi gabaa dhaabuun namoota wal quunnamsiisuun karaasaanii karaan akka baname seenessama. Hojii ogummaa dhala namaa babal’suuf karaa bananiiru. Daboo fi iddirii hundeessuudhaan guyyaa gaddaa fi gammachuu ummatni akka waliif birmatu cimsuu keessatti ga’ee olaanaa taphataiiru.seenaa fi aadaa ummata oromoo eeguu,eegsisuu, kabajuu fi kabachiisuu keessatti bakka itti walga’iin ummata oromoo eebbaan geggeeffamu irratti hirmaataniiru.
BAKKA WAAQEFFANNAA UMMATAA BABAL’ISUUN HUNDEESSUU
Qoolloo igguu ummanni oromoo qoolloo akka iddoo gaaddisaatti itti fayyadama. Waa’ee jiruu fi jireenya isaa kan mari’atu bakka qoollootti. Ummanni Oromoo bakka qoollootti wal ga’anii angafaa fi quxisuu hedatanii angafa ykn kallacha Oromoo kan ta’e korma qalee nyaatanii dhuganii waaqa uumaa isaanii kadhatanii galateeffataa akka jiraatan kan qindeessaa turan Baataa Dureessooti.
Bakka uumamaan laga Goboraa irratti argamu finca’aa Abbaa Nissee.Bakka sirna Gadaa Oromoo Aanaa Algee Saachii seeraa fi heera ittiin bulmaata Oromoo itti geggeessaa turan. Abbaa Gadaa aanaa alge saachii kan turan Abbaa Nissee yookaan Guutamaa Awaajii waliin hojjechaa turan. Qoolloo Baasoo Aanessoo bakka akaakayyuun isaanii korma qalanii waaqa uumaa isaanii itti galateeffataa turaniidha.Qoolloon Baasoo Aanessoo naannoo magaalaa Algee buufata eegumsa fayyaa Algee dugduuba tabba Goboraa irratti argama.
Huursaan Abbaa Tulluu huursaa uumamaan laga goboraa irraatti argamu hiryaasaanii kan turan maqaa kabajaa Abbaa Tulluu, maqaa dhalootaa Raagoo Biiftuu bakka seena qabeessa ta’e kanatti irreessa tulluu waliin kabajaa turaniiru.
Bara 1925 booda sirna Gadaa dhiisuun gara amantaa kiristaanaatti deebi’uun, geggeesssummaa ummata kiristaana mana amantaa ortoodoks tewahidoo bataskaana madaanialemetti akka tajaajilaa turan kan himamu dha.
Ragaalee kana olii dhiyaatan irraa akkuma hubatamutti; Abbaan Waarrii ummata Aanaa Algee Saachii tiif gumaacha lafa isaanii kennuun bakka mana amantaa; bakka gabaa ummataa fi mana jireenyaa kennuun magalaan Algee akka hundooftu gahee guddaa akka taphatan odeeffannoo olii irraa hubatameera.
DAANGAA BIYYAA EEGUU FI EEGSISUU KEESSATTI GA’EE BAHUU
Abbaan waarrii fincila qabsoo sirna abbaa lafaa geggeessuu keessatti falmii fi mormii qabsoo bilisummaa ummata qonnaan bulaa Aanaa Algee Saachii geggeessaa akka turan jaarsoliin seenaa beekan ni mirkaneessu. Qonnan bultoonni abbaa lafaatiif gibira akka hin gabbarre, matta’aa akka hin kennine, kan qotanii argatan keessaa “asiraatii” akka hin kaffalle, irboo akka hin safarre abbaa lafaa irratti ummata qindeessanii geggeessaa akka turan seenaan ni mirkaneessa. Kutaa naannoo Gandoota addaa addaa Aanaa Algee Saachii kana keessatti abbootii lafaa sababa garaa garaa uumuun mirga ummataa sarbuun daangaa sirna cunqursaa fi hacuuccaa babal’ifachaa turanirratti qabsoo “lafti kan qonnaan bulaati” jedhu jalatti ummata hiriirsanii fincila qabsoo farra bilisummaa ummataa qindeessanii geggeessaa akka turan seenaan ni mirkaneessa.
Naannoo Gandoota Coqorsaa fi Dooyyuutti, Sanbatoo fi Naaddootti abbootii lafaa Baraanbaras Taarraqany Daamxoo, Kafoo Jambaree, Gamteessaa Goosaa, Bashanoo Diyyaa, Kulaa Hedduu Abbaa Fardaa nama jedhamu irratti qabsoo bilisummaa gibira, gatii margaa, asiraatii fi irboo kaffaluu hambisuuf geggeessaa akka turan namoonni umuriin raagan mirkaneessaniiru. Naannoo Ganda Sibboo fi Ganjiitti abbaa lafaa fitiraarii Waasee Mangashaa, ganda Obboloo fi Yeroottii abbaa lafaa Boggaalee Gabree fi Firrisaa Faantaa irratti ummata Oromoo qindeessanii abbaa lafaa irratti qabsoo geggeessaa turani.
Abbootii taayitaa ta’anii naannoo biraa irraa “aaxibaa daanyaa” jedhamanii shuumamuun naannoo gandoota Jirkoo Buunnoo, Jirkoo Bagoosii; Hagayyoo Bagoosii fi Yegaaree Buunnoo hacuucaa kan ture Taaffasaa Hayilee Goshuu irratti qabsoo geggeessaniiru.Naannoo ganda Gudayyaatti Mangistee Hayilee Gooshuurratti qabsoo geggeessaniiru.
Abbaan Waarrii goota misoomaa akka turan seenaan ni dhugoomsa. Abbaan Waarrii Aanaa Algee Saachiitti daangaa hanga daangaatti misooma babal’isaa akka turan jaarsoliin seenaa beekan ni mirkaneessuu. Ummata Aanaa Algee Saachii fi Wallaggaa Lixaa karaa walquunnamsiisu Algee Dambii, Sayyoo Noolee Kaabbaa riqicha laga koocee daangaa Aanaa Algee Saachii fi Noolee Kaabbaa gidduutti argamurrattii ummata qindeessanii akka ijaarsisan ni dubbatama.
Gandootaa fi Gandoota wal quunnamsiisuu. Riqicha laga Seesee ummata Aanaa Algee Saachii fi Doorannii wal quunnamsiisu hojjechiisaniiru. Riqicha laga Yexxoo fi Axabal ummata Saachii Deeggaa Makkoo wal qunnamsiisuu hojjechiisaniiru.Riqicha laga goboraa fi riqicha laga dukkachee kusaayee ummata Aanaa Algee Saachii fi Cooraa wal quunnamsiisu ummata qindeessanii ijaarsisaa akka turan seenaan abbootiirraa dhugaa ba’aa fii jira.Bakka uumamaan laga Goboraa irratti argamu finca’aa Abbaa Nissee.Bakka sirna Gadaa Oromoo Aanaa Algee Saachii seeraa fi heera ittiin bulmaata Oromoo itti geggeessaa turan. Abbaa Gadaa aanaa alge saachii kan turan Abbaa Nissee yookaan Guutamaa Awaajii waliin hojjechaa turan. Qoolloo Baasoo Aanessoo bakka akaakayyuun isaanii korma qalanii waaqa uumaa isaanii itti galateeffataa turaniidha.Qoolloon Baasoo Aanessoo naannoo magaalaa Algee buufata eegumsa fayyaa Algee dugduuba tabba Goboraa irratti argama.
Huursaan Abbaa Tulluu huursaa uumamaan laga goboraa irraatti argamu hiryaasaanii kan turan maqaa kabajaa Abbaa Tulluu, maqaa dhalootaa Raagoo Biiftuu bakka seena qabeessa ta’e kanatti irreessa tulluu waliin kabajaa turaniiru.
Bara 1925 booda sirna Gadaa dhiisuun gara amantaa kiristaanaatti deebi’uun, geggeesssummaa ummata kiristaana mana amantaa ortoodoks tewahidoo bataskaana madaanialemetti akka tajaajilaa turan kan himamu dha.
Ragaalee kana olii dhiyaatan irraa akkuma hubatamutti; Abbaan Waarrii ummata Aanaa Algee Saachii tiif gumaacha lafa isaanii kennuun bakka mana amantaa; bakka gabaa ummataa fi mana jireenyaa kennuun magalaan Algee akka hundooftu gahee guddaa akka taphatan odeeffannoo olii irraa hubatameera.
DAANGAA BIYYAA EEGUU FI EEGSISUU KEESSATTI GA’EE BAHUU
Abbaan waarrii fincila qabsoo sirna abbaa lafaa geggeessuu keessatti falmii fi mormii qabsoo bilisummaa ummata qonnaan bulaa Aanaa Algee Saachii geggeessaa akka turan jaarsoliin seenaa beekan ni mirkaneessu. Qonnan bultoonni abbaa lafaatiif gibira akka hin gabbarre, matta’aa akka hin kennine, kan qotanii argatan keessaa “asiraatii” akka hin kaffalle, irboo akka hin safarre abbaa lafaa irratti ummata qindeessanii geggeessaa akka turan seenaan ni mirkaneessa. Kutaa naannoo Gandoota addaa addaa Aanaa Algee Saachii kana keessatti abbootii lafaa sababa garaa garaa uumuun mirga ummataa sarbuun daangaa sirna cunqursaa fi hacuuccaa babal’ifachaa turanirratti qabsoo “lafti kan qonnaan bulaati” jedhu jalatti ummata hiriirsanii fincila qabsoo farra bilisummaa ummataa qindeessanii geggeessaa akka turan seenaan ni mirkaneessa.
Naannoo Gandoota Coqorsaa fi Dooyyuutti, Sanbatoo fi Naaddootti abbootii lafaa Baraanbaras Taarraqany Daamxoo, Kafoo Jambaree, Gamteessaa Goosaa, Bashanoo Diyyaa, Kulaa Hedduu Abbaa Fardaa nama jedhamu irratti qabsoo bilisummaa gibira, gatii margaa, asiraatii fi irboo kaffaluu hambisuuf geggeessaa akka turan namoonni umuriin raagan mirkaneessaniiru. Naannoo Ganda Sibboo fi Ganjiitti abbaa lafaa fitiraarii Waasee Mangashaa, ganda Obboloo fi Yeroottii abbaa lafaa Boggaalee Gabree fi Firrisaa Faantaa irratti ummata Oromoo qindeessanii abbaa lafaa irratti qabsoo geggeessaa turani.
Abbootii taayitaa ta’anii naannoo biraa irraa “aaxibaa daanyaa” jedhamanii shuumamuun naannoo gandoota Jirkoo Buunnoo, Jirkoo Bagoosii; Hagayyoo Bagoosii fi Yegaaree Buunnoo hacuucaa kan ture Taaffasaa Hayilee Goshuu irratti qabsoo geggeessaniiru.Naannoo ganda Gudayyaatti Mangistee Hayilee Gooshuurratti qabsoo geggeessaniiru.
Abbaan Waarrii goota misoomaa akka turan seenaan ni dhugoomsa. Abbaan Waarrii Aanaa Algee Saachiitti daangaa hanga daangaatti misooma babal’isaa akka turan jaarsoliin seenaa beekan ni mirkaneessuu. Ummata Aanaa Algee Saachii fi Wallaggaa Lixaa karaa walquunnamsiisu Algee Dambii, Sayyoo Noolee Kaabbaa riqicha laga koocee daangaa Aanaa Algee Saachii fi Noolee Kaabbaa gidduutti argamurrattii ummata qindeessanii akka ijaarsisan ni dubbatama.
Gandootaa fi Gandoota wal quunnamsiisuu. Riqicha laga Seesee ummata Aanaa Algee Saachii fi Doorannii wal quunnamsiisu hojjechiisaniiru. Riqicha laga Yexxoo fi Axabal ummata Saachii Deeggaa Makkoo wal qunnamsiisuu hojjechiisaniiru.Riqicha laga goboraa fi riqicha laga dukkachee kusaayee ummata Aanaa Algee Saachii fi Cooraa wal quunnamsiisu ummata qindeessanii ijaarsisaa akka turan seenaan abbootiirraa dhugaa ba’aafii jira.
Akkasumas; ummanni balaa uumamaa fi namni fideerraa akka of eeggatan.Waraana akka walirratti hin banne.Abiddatti yeroo fayyadaman akka of eeggatan.Bosona, bishaan, qabeenya uumamaa naannoo isaaniitti argaman utuu hin mancaasin seeraan akka itti fayyadaman ummata barsiisaa fi gorsaa turan.
LAFA MANA BARUMSAA KENNUU
Qaroominni haala jireenya dhala namaa keessatti fooyya’insa jireenyaa akka argatu taasisuudhaan Algeetti manni barumsaa ijaaramuusaa lafa manni barumsaa ummataa itti ijaaramu maasii isaaaniirra kutanii tola kennaniiru.Bu’uuraaleen misoomaa Obbo Baataa Dureessootiin Aanaa Algee Saachii keessatti bu’uureffaman har’as daandii misoomaa hordofuun itti fufanii manneen barnootaa Aanichaa keessaaa tokko kan ta’e manni barumsaa Algee hanga sadarkaa 2ffaatti ol guddatee adeemsa baruu fi barsiisuu geeggeessaa jiru bu’aa bu’uura misoomaa isaan dur ka’anii dha.
HAALA SIRNA AWWAALCHA BAATAA DUREESSOO
Abbaan Waarrii dhukkubsatanii bara 1965tti Algeetti boqotanii Bataskaana Madaanaalemii Algeetti awwaalaman siidaa yaadannoo isaanii manni irratti ijaaramee mooraa bataskaana madaanaalamii keessatti argama. Hojiin misooma babal’isuu Aanaa Algee Saachii keessatti guddachaa utuu jiruu Abbaan Waarrii akkuma du’a isaanii beekaniin seenaa dhaammannoo ummataaf dhaamanii darban hiryoota isaaniitiii fi ummata isaaniitiif dubbifameera. Seenaa dhaammannoo isaanii keessatti wanti isaan caqasan “sabni koofii ummanni Oromoo fakkeenyaa fi muuxannoo argattan duukaa buutanii seenaa fi aadaa keessan guddifachaa misooma biyyaa fi guddina biyyaa jalqabame akka fiixaan baaftan jabaadhaa!” kan jedhu ture. Akkuma dhaammannoo isaaniitti iddoosaanii bu’ee jaarsa biyyaa ta’ee biyya bulchuu fi geggeessuu kan fudhate ilma obboleessa isaanii Raggaasaa Bungul Dureessoo turan. Raggaasaa Bungul Dureessoo bara 2005 tti boqotan.
FAARUU ‘AZMAARII’ SIRNA AWWAALCHA BAATAA DUREESSOO
“Garraamii kansaa nyaatu Baataa Dureessoon arge
Arjaa midhaan hin qabne nama hin hojjennen arge
Kiyyoo dalga darbatu akka qabee fidutti
Biyyoon sitti haa salphatu silaa hin deebituutii...”
Madda: Barreeffama Qorannoo Seenaa Aanaa Algee Saachii Waajjira Aadaaf Turizimii Aanaa Algee Saachiitiin qophaa’e irraa gabaabinaan kan fudhatame.
Suuraa: Maatii Baataa Dureessoo irraa kan argame.
03/11/2022
24/09/2022
24/09/2022