18/05/2026
Ashamaa harka fuune kabajamtoota jaalatamtoota Uummata koo nageenyi koo bakka jirtanitti isin haa qaqqabu jechaa, Kana dura wallee Imala,Simboo Taliilee jedhu isin biraan gahuun koo ni beekama isinis yaadaa fi humna naaf ta'aa turuun keessan yoomuu waan dagatamu miti
Amma immoo Wallee mata dureen isaa jedhu qabadhee qophii hunda xumuree karaa toora YouTube channel dhufaa jira, ammas akkuma kana dura hamilee naf ta'aa turtan waliif gochuun na jajjabeessaa!!!
BULAA DEEBANAA!!!
Efi Production
Amigo
Nahom records inc
Kebar Shalo
Ephraim Berkenh
🙏
16/05/2026
Oduu Ammee : Artist Kemer Yusuf Albama Teedii Afroo Irratti Deebii Ni Kenna Jedhamee Akkuma Eegamaa Ture, Ganama Har'aa Sirba Ajaayibaa Kan Mata Dureen Isaa Faaruu Faarrisaa Jedhu Hojjechuun Deebii Quubsaa Yoosan Fi Galaanaa Daranitti Teedii Afroof Kennee Jira. Santu Seera! Sirba Ajaayibaa Faaruu Farrisaa Jedhu kan Kemer Yusuf Ganama Har'aa Hojjechuun Teedii Afroof Deebii Kenne Asii Gadii Daawwachuun Waliif Qoodaa. 👇 https://capital.mvacancy.com/kemer-yusuf-respond-for-tedi-afro-new-music-faaruu-farrisaa-2026/
09/05/2026
Garee maraattotaa Akka afrikaatti jiranu 'Ethiopia' dhufanii jiru! African Crazy Group
isin jaara kanaan maal jettu?
16/11/2025
Shimbirri Halkanii dhukkuboota vaayrasii 200 nama qabsiifti. Vaayrasiiwwan kunneen harki caalu namarraa namatti kan daddabran hoggaa ta'u hundi isaanii nama ajjeesun dorgomaa hin qaban. Shimbirroon halkanii Vaayrasii dhukkuba saree maraattee, vaayrsii koranaa, maarbarg (dhibee yeroo ammaa Naannoo Kibbaatti mul’ate) vaayrsii iboolaa... dabalatee dhukkuboonni vaayrsii farra ilma namaa ta'aniifii lubbuu namaa yeroo gabaabaa keessatti galafaatan 200 daddabarsiti. Kanaaf hammeenyummaa shimbira halkanii beektanii irraa fagaatuu qabdu. Naannoo mana ykn iddoo isin jirtan yoo jiraatte irraa fagaadhaa ykn dhabamsiisaa.
Ulfaadhaa! Fayyaa dahaa!
Dr. Hamzaa Jamaal
09/11/2025
Faayidaa Dubrummaa/ Gorsa Shamarraniif.
***********************************************
Hamma gaafa heerumtuutti dubrummaadhan turuun maaliif si fayyada?
1. Mallattoo qulqullummaa keetiiti yookin ati ishii hin laaqaminidha.
2. Mallattoo kabaja keetiiti, ati kabaja qabeettiidha.
3. Hawaasa keessatti maqaa gaarii qabda.
4. Abbaa warraa kee "abbaa dubrummaa koo" jettee isa yaamuu dandeessa.
5. Ulfina keen waan itti heerumtuuf aruuzni keessan kan jaalalaa fi nagaa ta'uuf carraa guddaatu jira. Sababuma dubrummaa irraa kan ka'e gaa'ila nama baay'eetu diigama. Inni dubartii fuudhu garaa isaatti, "dhiira meeqaa wajjin turte laata, yeroo hammamiif sagaagalaa turte laata, eenyuufaa wajjin turte laata" ja'ee waan yaaduuf garaa guutuun si hin jaalatu.
6. Dubrummaan heerumuu kee gaafa baran, maatii fi firoottan kee, maatii fi firoottan abbaa manaa kee, ilmaan kee fi sanyiin si booda dhufan siin boonu, akka fakkeenya gaariitti maqaa kee kaasu, kabajaa siif kennus, ati isaanif nama gaarii nama addaati fi kkf dha.