24/06/2026
lafti albuudaa dhaabbilee dhunfaaf kennamuun komii guddaa kaase.
Godina Gujii Aanaa Adoolaa Reddee ganda Abbullo jedhamutti lafti albuudaa dhaabbilee dhunfaaf kennamuun jiraattota godinichaa biratti komii guddaa kaaseera.
Xalayaan Waajjira Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa irraa gara Bulchiinsa Godina Gujiitti dhimma hayyama qorannoo fi misooma albuuda aanaa Adoolaa Reeddee ganda Abbullo keessatti argamu ilaalchisuun barreeffame mufii fi mormii guddaa uummata naannoo biratti uumee jira.
Jiraattonni Godinichaa akka jedhanitti qabeenni uumamaa naannoo sanaa osoo hawaasa naannootiif faayidaa hin fidin, dhaabbilee dhuunfaa biroo fi namoota dhuunfaatiif dabarsamee kennamuun isaa mirga uummataa sarba jrchuun Hilltop Afrikaaf ibsaniiru.
Keessattuu, qabeenyi kun dhaabbataaf ykn namoota dhunfaaf haala mijeessuun qotee-bulaa abbaa lafaa ta’e buqqisuu danda’a yaaddoo jedhu uumee jira. Twitter fi miidiyaalee hawaasummaa irratti dubbiin kun "Faaya abbaan itti laafe, ormi mormatti naqata" jechuun mormii guddaa uumee jira.
Uummatni Godina Gujii aanaa Adoolaa Reeddee mootummaan dhimma qabeenya naannoo kanaa irratti dursa abbaa qabiyeef, dargaggoota naannoo sanaaf carraa hojii uumuu fi misooma hawaasaa irratti akka xiyyeeffatu gaafachaa jiru.