20/09/2022
MIIDHAA /DHIPHINNI SAMMUU (STRESS) FIDU!
♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤
1. Mataa dhukkubbii namatti fida, kan duraan jiranis namatti jabeessa.
2. Dhukkuba garaachaa (Dhukkuba garaachaa namatti fiduu caalaa, isa duraan jiru garmalee namatti jabeessa)
3. Dhukkuba onnee: Dhiibbaa dhiigaa olkaasuu, dha'annaa onnee dabaluu fi karaalee birootiin deemee dhukkuba onneef nama saaxila.
4. Dhukkuba Alzheimer's jedhamu kan dandeettii waa yaadachuu namaa balleessuun beekamu (memory loss) namatti fida.
5. Umurii malee qaamni ofii dafee dulloomuu fi akka dadhabu taasisuu
6. Dhukkuba sukkaaraa gosa 2ffaa (type 2 DM). Hagi sukkaara qaama keessa jiru akka hin to'atamne taasisuun namatti hammeessa.
7. Dhukkuba Asmiif haga ta'e akka saaxilamnu akka nu taasisu qorannoowwan ni mirkaneessu.
8. Walumaa galatti umurii namaa gabaabsa (premature death) namatti fida.
Madda: Web Med
17/09/2022
Qaama ilmaa namaa kana beektu laata
1: Baay’ina lafee: 206
2: Lakkoofsa maashaalee: 639
3: Lakkoofsa kalee: 2
4: Baay’ina ilkaan aannani: 20
5: Baay’ina lafee cinaachaa: 24 (lamaan 12) .
6: Baay’ina golaa onnee: 4
7: Arteriin guddaan: aorta
8: Dhiibbaa dhiigaa idilee: 120/80 mmHg
9: pH dhiigaa: 7.4
10: Baay’ina lafee dugdaa keessa jiran: 33
11: Baay’ina lafee dugdaa morma keessa jiru: 7
12: Baay’ina lafee gurra gidduu: 6
13: Baay’ina lafee fuula irratti: 14
14: Baay’ina lafee mataa keessaa: 22
15: Baay’ina lafee garaa keessaa: 25
16:
17: Lakkoofsa maashaalee harka namaa keessa jiran: 72
18: Baay’ina kutaalee onnee keessa jiran: 2
19: Qaama guddaa: gogaa
20: Ujummoo guddaa: kalee
21: seelii guddaa: o**m dubartii
22: Seelii xiqqaa: isparmii
23: Lafee xixiqqoo: kaaliparoota gurra gidduu
25: giddu galeessaan dheerina mar'imaan xiqqaa: 7 m
26: giddugaleessaan dheerina mar'imaan guddaa: 1.5 m
27: Ulfaatina daa'imaa reefuu dhalatee giddu galeessaan: kg 3
28: Daqiiqaa tokko keessatti onnee dha'uu: yeroo 72
29: Ho’i qaamaa idilee: 35.5-36.7°C (98.4°C) .
30: giddu galeessaan heddummina dhiigaa: liitira 4 hanga 5
31: Umrii seelii dhiiga diimaa: guyyaa 120
32: Umurii seelii dhiiga adii: guyyaa 10 hanga 15
33: Turtii Yeroo ulfaa: guyyaa 280 (torban 40) .
34: Baay’ina lafee miila namaa: 33
35: Baay’ina lafee tokkoon tokkoon harkaa: 8
36: Baay’ina lafee harka keessaa: 27
37: Ujummoo endocrine isa guddaa: ujummoo taayirooyidii
40: Lafee guddaa fi cimaa: lafee qaama saalaa
41: maashaa xiqqaa: stipidus (gurra gidduu) .
41: Lakkoofsa Kiroomozoomii: 46 (23 lama) .
42: Lakkoofsa lafee daa'imaa reefuu dhalate: 306
43: viskoosii dhiigaa: 4.5 hanga 5.5
44: Gosa dhiigaa arjoomtoota idil-addunyaa: O
45: Fuuldura gosa dhiigaa addunyaa maraa: AB
46: seelii dhiiga adii guddaa: monoosaayitii
47: seelii dhiiga adii isa xiqqaa: limfoosaayitii
48: Baay’inni seelii dhiiga diimaa baay’achuun isaa: polycythemia jedhama
50: Lagni jireenyaa: Dhiiga jedh
09/09/2022
SAAYIKOLOJIWWAAN BEBBEEKAMOO DHIIROOTAA FI DURBOOTAA
********************************
A.SAAYIKOLOJII DUBARTOOTAA
***************************************
1.Dubarri dhiira dhugaan jaallattu waan badaa kamiyyuu waayee isaa yoo dhageesse hin amantu.
2. Durboonni dhiirri isaan jaallattan maqaa isaanii gaafa waamu ni jaallatu
3.Durboonni dhiirri gorsa gaafa isaan gaafatu baayyee jaallatu.
4.Durboonni akka alaa ilaalaman fi keessi isaanii addadha…Hmm.
5. Itti Seequu fi fuula ifuun dubara jaalala qabsiisuu danda’a
6. Miira dubaraa yeroo kamiyyuu tilmaamuuf hin yaaliin , gaafadhu.
7. Dubarri waa’een ishee gaarii itti dhagahamuuf xiyyeeffaannoo fi jaalaala barbaadu.
8.Dubarri dhiira jaallatan halkan guyyaas ija isaanii duraa hin deemu
9. Amalli dubaraa marsaa uumamaa ishee wajjin baayyee gegeedarama.
10.Durboonni dandeettii dhiiraa dacha lama haasawuu qabu! Kunis guyyaatti jechoota 13000 ol dhiira caalaa hasawu.
B.SAAYIKOLOJII DHIIROOTAA
*********************************
1. Dhiiroonni baayyee dorgomoodha kanaafis dubara jallattan namni biraa gaafa ijaa guutee ilaaleyyuu …
2.Dhiiroonni hariiroo jaaalala keessatti wanti guddaan dubara irraa barbaadan KABAJA dha.
3.Dhiiroonni gargaaarsa gaafachuu hin jaallatan.
4.Dhiironni yeroo dubara sadarkaa baruumsaa fi galiin isaanii gadi taate jaallatu…kabaja jennee turre.
5.Dhiiroonni lakki jedhamuu baayyee sodaatuu akkasumas waan hojjatanitti sirrii (perfect) tahuu barbaadu.
6.Dhiiroonni yeroo baayyee jaalala hojjiin agarsiisuu barbaadu , durboonni immoo jechoota jaalalaa jaallatu ..safuu!
7.Dhiironni jecha gaarii dubara isaan jaallatan irraa jedhameen bara jireenyaa isaanii hin dagatan.
8. Dhiirri dhugumaan dubara jaallatu yeroo hunda ishee ni dhageeffata akka isheen gammadduufis waan danda’u hunda godha.
9. Dhiironni wanta salphaatti dhufu hin jaallattan , kanaafis….
10.Dhiironni dubara waanuma salphaaf boossus hin fedhan,,,,,,
Kan isinitti tole "comment" jalatti naaf barreessaa!
HORAA BULAA DEEBANAA!
https://www.facebook.com/darrooliyad
Follow godhaani
03/09/2022
Nama Gaddisiisa😥
Of Eeggannoon Haa Godhamu🙏
===========================
Har'a Magaalaa Finfinnee kondominiyeemii naannoo Boolee arraabsaatti argamu keessatti hojjattuun manaa tokko daa'imman suuraa irratti argitan kana tokko qaltee tokkommoo huutee ajjeeste jedhan😭. Haati ijoollee gaafa hojiidhaa dhuftu ijoollee ishee du'ani lafa jiran argite. Hojjettun kun kana gootee poolisitti harka kennatte jedhu. Gadda onnee namaa waadudha.😭
Gochan kun namoota baayy'ee irriiba dammaqsa. Warri gargaartota mindeessitanis ta'ee nama biraa mana keessan jiraachistan nama mana keessanitti galu adda baafadha beekaa. Yoo xiqqate eessaa dhifa nama sanaa beekun dirqama. Ijoollee keesanifis of eeggannoo godhaa.
Barri hammaateera adaraa of eeggannoo godhaa! Sammuun namaas waajjira daabiloos ta'aa jira. seexanni karaa hundumaan dhiiga namaa dhugaa jiru Waaqayyo isa haa ifaatu!
Maatii kanaaf gooftan koo jajjabina haa kennu!😥