17/11/2025
Hardha nama tokko waliin wa’ee mata duree kitaba tokkoo irratti osoo hasoofnu gafii tokko naaf kaase. Innis akkas ture “isiin akkamitti fooni fi dhiigni motummaa Waaqayyoo dhaala jettu?” jedhe. Maaltu dhaalaree? jennaan lubbuutu foon afurawaa kan samii dhufuu dhaani jedhe. Yaadni isaa haara waan natti ta’eef amantii kee maalii jennan, Awariyatiidha jedhe. Kanumaan haalduree tokkorratti waliigallee mari’achuu keenya itti fufne. Dhugaa dubbachuuf mariin keenya namuusa qaba ture. Sa’aatii walii qabneet, ennaa inni tokko dubbatu inni biraa dhageffachaa ture.
Yaada kana jabessufis caqasni inni kaase 1ffaa Qor15:50 “haa ta’u malee fooni fi dhiigni motummaa Waaqayyoo dhaalu hin danda’u kan tortoruus kan hin tortorre dhaaluu hin danda’u” isa jedhuudha. Kanarratti yaada isaa erga ibsatee ani immoo akka armaan gadiitti ibsuu jalqabe.
Karaa biraatiin immoo lubbuun yeroo hundaa kan hin dune fi barabaraan jiraattuu ta’u isheetti ni amana. Akkasumas foon afurawaan sun kan sami dhufuu fi kan du’a hin beekne jedha. Erga akkas ta’e waanti hin dune tokko akkasumas waanti du’a hin beekne akkamitti ni ka’a jedhamaa? Kun raga kitaaba qulqulluu yoo dhiisne akkasumatti yoo ilaalle kan nama deemsisu miti. Waanti hin duune hin ka’u waan ta’eef.
Yaadni isaa nama deemsisuu baatus mee raga kitaba qulqulluutiin haa ilaallu. Namni tokko du’e yoo jennu maal jechuu keenya: -innis foon fi lubbuun isaa gargar yoo baatudha. Kana jechuun foon isa lafa keessatti ni hawwalama, lubbuun isaa immoo amma dhufatii gooftaatti kan garii hojjatte Gannata keessa kan yaraa hojjatte immoo si’ool keessa turtii jechudha. Lk. 16: 19-31 kanaaf namni tokko du’a ka’a jechuun fooni fi Lubbuu gargaar baate turtetu walitti debi’a jechuudha.
Yoh 5:28 irratti immoo “Hawwala keessa warri jiran hundi guyyaa itti isaan sagalee isaa dhagahaan ni dhufa, waan gaarii kan godhan jireenyaaf, waan haamaa warri godhan immoo murteef ni ka’u kanaaf kun isiin hin rajefachisiin” jedha. Egaa akka gubbatti ilaallee ni awaalama kan jenne foon keenya yoo ta’u qulqulluun Yohhannis awwaala keessa ka’a kan nuun jedhu immoo fooni malee lubbuu miti.
Kakuu duraa keessattis akkasuma haala wal fakkatuun wa’ee du’a ka’u dubbatameera. Isa 26:19-20 “Warrii du’an jiraatota ni ta’u, reenfiwwanis ni ka’u…lafti du’a ni kaastii”jechuun ifa godhee reffiis akka ka’u nutti hima. Hiz 37:1-14
Itti ansuun Dan 12:1-3 “bara sana wa’e ilmaan namootaa hundaaf kan dhaabbattu ergamaan cimaan Mika’el ni ka’a… bara sanas maqaan isaa kitabicha irratti kan barreeffame ni fayya… awwaara lafaa keessatti kan mugan bayyeen ni ka’u, kaan isaanii gara jereenya bara baraatti kaan isaanii immoo salfii fi gadadoo bara baraatiif” jechuun guyyaa murtii sana namni akka ka’u ifatti lafa kaa’a, Yohhannis walinis afaan tokko dubbatu.
Namoonni tokko tokko du’aa ka’uun ni danda’amaa? Gaafi kan itti ta’u jirachuu danda’a. SkD 32:39 “kan ajjesu ana kan kaasuus (jirachisuus )” jedha, Akkasumas baruumsii du’a ka’uu kan afaan qofaan (theory) kan barsiifame osoo hin taane hojiidhaniis kan agarsiifame ta’u isaa ragaa kitaba qulqulluutin ilaalu ni dandenya. Eliyas du’aa kasuusaa (1Kgs. 17:21; 2Kgs.13:21), Iyyasuus Kiriistoos du’aa kasuusaa (Mt.9:25; Lk. 7:15; In. 11:14), Guyyaa gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos fannifametti awwalli baname namoonni bayeenis bolla keessa bahaniiru. (Mt.27:52). Akkaasumas Duka butoonni du’a kasaniiru. Egaa raga armaan oliirraa kan ubannu Waaqayyoof du’a kaasuun ulfata akka hin taane dha. Homaa irraa kan uume Waaqayyoon du’aa ni kaasa yoo jedhame amanuu dadhabuun dogogora guddadha.
Egaa, Amantaan keenya wa’e du’a ka’uu, du’aa ka’uu Kiristoos irratti hunda’a. 2qor 4:14 “Gooftaa keenya Iyyasuus kan kaase, nus immoo Iyyasuus waliin akka nu kaasu, isiin waliinis akka walitti nu fidu ni beekna”. Caqasa kanarraa akka ubannutti ega kiristoos akkuma du’a ka’etti foon keenya lubbuu keenya waliin walitti deebitee ni kaatii jechuudha. Abbotiin amaantaa duranii (Erly fathers) kan akka Awusabiwoos “kiristoos kan ka’eef, foon keenyaas akka ka’u akka beeknufi” jechuun yaada kana jabeessu.
Akkasumas Gooftaan keenya ergaa du’aa ka’e duuka bu’oota isaatti harkaa fi miila isaa itti agarsiiseet ture “koottaa ana ta’uu koo harka koo fi luka koo ilaala, na qaqabadha ilala. Afuurri fooni fi lafee hin qabu, ani garu nan qaba” (Luk 24:39). kun maal nutti agarsiisa yoo jennu Fooni fi dhiiga Durbee Mariyaamirraa fudhateen akka ka’e ta’u isaati malee afuurri durumas foon akka hin qabne fi Iyyasuus Kiristoosis Afuura qofaan akka hin kaaneedha.
Akka waligalaatti:- Ragaa kitaaba ququlluu bu’uura godhachuun yoo ilaallu namni kamu foon fi lubbuun isaa walitti deebi’uun ni ka’a, inni gaarii hojjate gara jerenya bara baraatti inni haama hojjachaa ture kan gabbii hin gallee garaa ibidda bara baraatti gubbachuuf ni ka’a.
Yoo akkas ta’e 1ffaaQor15:50 kan jiru maali ibsa kan jedhu akka armaan gadiitti ilaalla
Jalqabuma waanti kitaabni qoronxos barreefameef wal murmiin jidduu warraa Qoroonxoos waan tureefi.1qor 1:11 “jidduu keessan wal mormiin akka jiru warri qalohee natti himaniruu” jedhet jalqaba. Gara jalqaba boqonnaa kanatti yoo dhufnu immoo, akkam du’aa ka’uun hin jiru jettuu… gafii jedhu gafachaa deebii kennafii deema. Deebii isaa immoo ragaa qabatamadhaan deebisa.
Akkuma kitaaba irratti barreeffame kiristoos du’a ka’eeraa jedha, achiin duuka bu’ootatti muldhachuu isa, amma (yeroo kitaaba kana barreessu), namoonni du’aa ka’uu isaa argan jirachuu isaani, dhuma irratti anumattu muldhateera jedha akkuma qulqullu Yohhannis waan argine barsiisna malee kan hin argane falasama hin barsiisnu jedhe, Qulqulluun phawulosiis waan argee hubatee isa qabatama warra Qoronxoosiif barreessaa jira jechuudha. Itti ansuun akkuma Kiristoositti nutis du’a ni kaana jedhe gudunfee nutti hima. Kanafuu nutis akkuma Kiristoos foonin ni kaana jechu. 1ffaa Qor 15 gutuunsaa wa’ee du’a ka’uu ifatti kan lafa kaa’u yoo ta’u deemanii caqasa tokko qofa yoo fudhatan akkam akka nama dogogorsuu ilaala.
Egaa foon keenya akkamitti akka isa haaratti jijjiramu fakkenya qamadii kaasuun ibsaa erga dhufee wayee cubbuu kaasuu yoo barbaadu1Qor15:50 fooni fi dhiigni mootummaa Waaqayyoo hin dhaalu jedha. Kanas egaa abootiin jalqabaa(early fathers) warri jedhaman yoo hikan akkasitti hiiku.
“Fooni fi dhiigni” ibsa warra Ayihudotaa yoo ta’u haala yeroo namni keessa jiraatu kan ibsuudha. Sababa kufatii isaatiin motummaa Waaqayyoo hin dhaalu, umamni isaas bakka sana isaa gessisuu hin danda’u. Sababa dadhabii isaa yeroof namnii kabajaa fi ulfina motummaa Waaqayyo dandamachuu hin danda’u. kanafii du’uuyyuu kan qabu, kanaaf foon isaa kabaajaa saanaan jiraachuuf akka gahuuf uumamni isaa(potential being) jijjiramuu kan qabuuf.
“Fooni fi dhiignii” yoo jedhu wayee fooni fi dhigichaat dubbata osoo hin taane, kan keessa isaa jiruu wa’ee waan du’aa fi wayee waan baduu saanaati, balaqeessa cubbuu hundaatii. Foon keenya kun haala amma jiruun akkenyumma mootummaa Waaqayyoo dhaalu hin danda’u.
(Qul Yoh Afaan Warqii)
Foon yoo jedhu egaa duka bu’ichi kan himuu barbaadu wa’ee cubbuuti. Rom 8:8-9 “foonin hin jirtani, afuurani malee”. Ergaan kun kan ergameef nama du’eef osoo hin taane nama fooniin lafarraa jiruufi. Kanaaf foon fi dhiiga yeero jedhuu phawuloos akka adaa afaan warraa hibrootaatti wa’e cubbuu dubbachaa jira malee wa’ee foon fi dhiigaati miti. Kana jechuun cubbuudhaan motummaa Waaqayyoo hin dhaaltanii jechuudha.
1 Qor 15:44 “Qaama Afuurawaa” kan jedhu phawuloos qama afuura irraa uumame (akka isa ghost) jechuu osoo hin taane, fooni fi dhiiga isa afuura Waaqayyootiin guutame qulqulla’e isa gonka ta’e jechuu isaati.
Qamadii firii tokkoo ni facasna, qamadinumti bosboste sun jirma gudda basti firii haraa, cimaa kan ta’e ni godhatti. Akkasuma nu illee foon keenya lubbuu keenya irraa adda ni baati. Foon keenya ni bosbosaa yeroo ka’u immoo akkuma firii qamadii sana foon isaa gaarii umna motummaa Waaqayyoo dandamachuu danda’utane ni kaana. Kana jechuun qama biratu samiirraa nuuf kennama osoo hin taane qamuma keenya kanatu jijjirame; inni amma dadhabaan kun kan hin dadhabne ta’e, inni amma du’uun amala isaa ta’e, kan hin duune ta’e, kan nyaachuu, dhebochuun, wal fudhuun, fi kkf amala isaa ta’e kun, kan nyaata hin barbaanne, kan dhuguu hin barbaachisne, kan walfudhuu hin barbaachisne, Walumaa galatti amalli fooni amma inni dadhabaan jijjiramee akka ergamoota Waaqayyoo cimaa ta’e ni ka’a jechuudha.
1qor15:51-54 “iciitii tokkoon isiinitti hima hundi keenya hin mugnu, haa ta’u malee malakatni/xurumbaan inni dhumaa yoo afuufamu hundi keenya akka tasa, akka libsuu ijaatti ni jijjiramnaa. Malakatnis ni afuufamatii warri du’aniis akka hin bosbosne ta’ani ni ka’u. ..haa ta’u malee yeroos kan bosbosu isa hin bosbosne yoo uffatu, inni bosbosu kunis isa hin bosbosne yoo uffatu duti mo’ame jedhame dubbatama”. Egaa caqasa kanarraa ifatti kan ubannu inni bosbosu jedhe kan dubbatu wa’ee fooniti malee wa’e lubbuu miti. Caqasoota kitaba qulqulluu kamuu yoo ilaalle afaan tokkoo dubbatu, wa’een du’aa ka’uus ifaadha, ragadhaan kan degarameedha. Kanaaf akka natti fakkatutti nama kana kan dogogorse caqasa tokko qofa keessaa filani fudhachuu fi hiikkaa kitaaba qulqulluu fudhachuu dhabuudha. Egaa aniis asumaan Waaqayyoon ifaa isaa siif haa ibsu jedheenin asumaan xumurre.
Du’aa ka’uutti ni amaanna, jireenya bara baraa dhufuttis.
Iticitii du’a ka’uu kan nuuf ibse Waaqayyoon Maqaan isaa haa ulfaatu, bara baraan Ameen!