Hardha nama tokko waliin wa’ee mata duree kitaba tokkoo irratti osoo hasoofnu gafii tokko naaf kaase. Innis akkas ture “isiin akkamitti fooni fi dhiigni motummaa Waaqayyoo dhaala jettu?” jedhe. Maaltu dhaalaree? jennaan lubbuutu foon afurawaa kan samii dhufuu dhaani jedhe. Yaadni isaa haara waan natti ta’eef amantii kee maalii jennan, Awariyatiidha jedhe. Kanumaan haalduree tokkorratti waliigallee mari’achuu keenya itti fufne. Dhugaa dubbachuuf mariin keenya namuusa qaba ture. Sa’aatii walii qabneet, ennaa inni tokko dubbatu inni biraa dhageffachaa ture.
Yaada kana jabessufis caqasni inni kaase 1ffaa Qor15:50 “haa ta’u malee fooni fi dhiigni motummaa Waaqayyoo dhaalu hin danda’u kan tortoruus kan hin tortorre dhaaluu hin danda’u” isa jedhuudha. Kanarratti yaada isaa erga ibsatee ani immoo akka armaan gadiitti ibsuu jalqabe.
Karaa biraatiin immoo lubbuun yeroo hundaa kan hin dune fi barabaraan jiraattuu ta’u isheetti ni amana. Akkasumas foon afurawaan sun kan sami dhufuu fi kan du’a hin beekne jedha. Erga akkas ta’e waanti hin dune tokko akkasumas waanti du’a hin beekne akkamitti ni ka’a jedhamaa? Kun raga kitaaba qulqulluu yoo dhiisne akkasumatti yoo ilaalle kan nama deemsisu miti. Waanti hin duune hin ka’u waan ta’eef.
Yaadni isaa nama deemsisuu baatus mee raga kitaba qulqulluutiin haa ilaallu. Namni tokko du’e yoo jennu maal jechuu keenya: -innis foon fi lubbuun isaa gargar yoo baatudha. Kana jechuun foon isa lafa keessatti ni hawwalama, lubbuun isaa immoo amma dhufatii gooftaatti kan garii hojjatte Gannata keessa kan yaraa hojjatte immoo si’ool keessa turtii jechudha. Lk. 16: 19-31 kanaaf namni tokko du’a ka’a jechuun fooni fi Lubbuu gargaar baate turtetu walitti debi’a jechuudha.
Yoh 5:28 irratti immoo “Hawwala keessa warri jiran hundi guyyaa itti isaan sagalee isaa dhagahaan ni dhufa, waan gaarii kan godhan jireenyaaf, waan haamaa warri godhan immoo murteef ni ka’u kanaaf kun isiin hin rajefachisiin” jedha. Egaa akka gubbatti ilaallee ni awaalama kan jenne foon keenya yoo ta’u qulqulluun Yohhannis awwaala keessa ka’a kan nuun jedhu immoo fooni malee lubbuu miti.
Kakuu duraa keessattis akkasuma haala wal fakkatuun wa’ee du’a ka’u dubbatameera. Isa 26:19-20 “Warrii du’an jiraatota ni ta’u, reenfiwwanis ni ka’u…lafti du’a ni kaastii”jechuun ifa godhee reffiis akka ka’u nutti hima. Hiz 37:1-14
Itti ansuun Dan 12:1-3 “bara sana wa’e ilmaan namootaa hundaaf kan dhaabbattu ergamaan cimaan Mika’el ni ka’a… bara sanas maqaan isaa kitabicha irratti kan barreeffame ni fayya… awwaara lafaa keessatti kan mugan bayyeen ni ka’u, kaan isaanii gara jereenya bara baraatti kaan isaanii immoo salfii fi gadadoo bara baraatiif” jechuun guyyaa murtii sana namni akka ka’u ifatti lafa kaa’a, Yohhannis walinis afaan tokko dubbatu.
Namoonni tokko tokko du’aa ka’uun ni danda’amaa? Gaafi kan itti ta’u jirachuu danda’a. SkD 32:39 “kan ajjesu ana kan kaasuus (jirachisuus )” jedha, Akkasumas baruumsii du’a ka’uu kan afaan qofaan (theory) kan barsiifame osoo hin taane hojiidhaniis kan agarsiifame ta’u isaa ragaa kitaba qulqulluutin ilaalu ni dandenya. Eliyas du’aa kasuusaa (1Kgs. 17:21; 2Kgs.13:21), Iyyasuus Kiriistoos du’aa kasuusaa (Mt.9:25; Lk. 7:15; In. 11:14), Guyyaa gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos fannifametti awwalli baname namoonni bayeenis bolla keessa bahaniiru. (Mt.27:52). Akkaasumas Duka butoonni du’a kasaniiru. Egaa raga armaan oliirraa kan ubannu Waaqayyoof du’a kaasuun ulfata akka hin taane dha. Homaa irraa kan uume Waaqayyoon du’aa ni kaasa yoo jedhame amanuu dadhabuun dogogora guddadha.
Egaa, Amantaan keenya wa’e du’a ka’uu, du’aa ka’uu Kiristoos irratti hunda’a. 2qor 4:14 “Gooftaa keenya Iyyasuus kan kaase, nus immoo Iyyasuus waliin akka nu kaasu, isiin waliinis akka walitti nu fidu ni beekna”. Caqasa kanarraa akka ubannutti ega kiristoos akkuma du’a ka’etti foon keenya lubbuu keenya waliin walitti deebitee ni kaatii jechuudha. Abbotiin amaantaa duranii (Erly fathers) kan akka Awusabiwoos “kiristoos kan ka’eef, foon keenyaas akka ka’u akka beeknufi” jechuun yaada kana jabeessu.
Akkasumas Gooftaan keenya ergaa du’aa ka’e duuka bu’oota isaatti harkaa fi miila isaa itti agarsiiseet ture “koottaa ana ta’uu koo harka koo fi luka koo ilaala, na qaqabadha ilala. Afuurri fooni fi lafee hin qabu, ani garu nan qaba” (Luk 24:39). kun maal nutti agarsiisa yoo jennu Fooni fi dhiiga Durbee Mariyaamirraa fudhateen akka ka’e ta’u isaati malee afuurri durumas foon akka hin qabne fi Iyyasuus Kiristoosis Afuura qofaan akka hin kaaneedha.
Akka waligalaatti:- Ragaa kitaaba ququlluu bu’uura godhachuun yoo ilaallu namni kamu foon fi lubbuun isaa walitti deebi’uun ni ka’a, inni gaarii hojjate gara jerenya bara baraatti inni haama hojjachaa ture kan gabbii hin gallee garaa ibidda bara baraatti gubbachuuf ni ka’a.
Yoo akkas ta’e 1ffaaQor15:50 kan jiru maali ibsa kan jedhu akka armaan gadiitti ilaalla
Jalqabuma waanti kitaabni qoronxos barreefameef wal murmiin jidduu warraa Qoroonxoos waan tureefi.1qor 1:11 “jidduu keessan wal mormiin akka jiru warri qalohee natti himaniruu” jedhet jalqaba. Gara jalqaba boqonnaa kanatti yoo dhufnu immoo, akkam du’aa ka’uun hin jiru jettuu… gafii jedhu gafachaa deebii kennafii deema. Deebii isaa immoo ragaa qabatamadhaan deebisa.
Akkuma kitaaba irratti barreeffame kiristoos du’a ka’eeraa jedha, achiin duuka bu’ootatti muldhachuu isa, amma (yeroo kitaaba kana barreessu), namoonni du’aa ka’uu isaa argan jirachuu isaani, dhuma irratti anumattu muldhateera jedha akkuma qulqullu Yohhannis waan argine barsiisna malee kan hin argane falasama hin barsiisnu jedhe, Qulqulluun phawulosiis waan argee hubatee isa qabatama warra Qoronxoosiif barreessaa jira jechuudha. Itti ansuun akkuma Kiristoositti nutis du’a ni kaana jedhe gudunfee nutti hima. Kanafuu nutis akkuma Kiristoos foonin ni kaana jechu. 1ffaa Qor 15 gutuunsaa wa’ee du’a ka’uu ifatti kan lafa kaa’u yoo ta’u deemanii caqasa tokko qofa yoo fudhatan akkam akka nama dogogorsuu ilaala.
Egaa foon keenya akkamitti akka isa haaratti jijjiramu fakkenya qamadii kaasuun ibsaa erga dhufee wayee cubbuu kaasuu yoo barbaadu1Qor15:50 fooni fi dhiigni mootummaa Waaqayyoo hin dhaalu jedha. Kanas egaa abootiin jalqabaa(early fathers) warri jedhaman yoo hikan akkasitti hiiku.
“Fooni fi dhiigni” ibsa warra Ayihudotaa yoo ta’u haala yeroo namni keessa jiraatu kan ibsuudha. Sababa kufatii isaatiin motummaa Waaqayyoo hin dhaalu, umamni isaas bakka sana isaa gessisuu hin danda’u. Sababa dadhabii isaa yeroof namnii kabajaa fi ulfina motummaa Waaqayyo dandamachuu hin danda’u. kanafii du’uuyyuu kan qabu, kanaaf foon isaa kabaajaa saanaan jiraachuuf akka gahuuf uumamni isaa(potential being) jijjiramuu kan qabuuf.
“Fooni fi dhiignii” yoo jedhu wayee fooni fi dhigichaat dubbata osoo hin taane, kan keessa isaa jiruu wa’ee waan du’aa fi wayee waan baduu saanaati, balaqeessa cubbuu hundaatii. Foon keenya kun haala amma jiruun akkenyumma mootummaa Waaqayyoo dhaalu hin danda’u.
(Qul Yoh Afaan Warqii)
Foon yoo jedhu egaa duka bu’ichi kan himuu barbaadu wa’ee cubbuuti. Rom 8:8-9 “foonin hin jirtani, afuurani malee”. Ergaan kun kan ergameef nama du’eef osoo hin taane nama fooniin lafarraa jiruufi. Kanaaf foon fi dhiiga yeero jedhuu phawuloos akka adaa afaan warraa hibrootaatti wa’e cubbuu dubbachaa jira malee wa’ee foon fi dhiigaati miti. Kana jechuun cubbuudhaan motummaa Waaqayyoo hin dhaaltanii jechuudha.
1 Qor 15:44 “Qaama Afuurawaa” kan jedhu phawuloos qama afuura irraa uumame (akka isa ghost) jechuu osoo hin taane, fooni fi dhiiga isa afuura Waaqayyootiin guutame qulqulla’e isa gonka ta’e jechuu isaati.
Qamadii firii tokkoo ni facasna, qamadinumti bosboste sun jirma gudda basti firii haraa, cimaa kan ta’e ni godhatti. Akkasuma nu illee foon keenya lubbuu keenya irraa adda ni baati. Foon keenya ni bosbosaa yeroo ka’u immoo akkuma firii qamadii sana foon isaa gaarii umna motummaa Waaqayyoo dandamachuu danda’utane ni kaana. Kana jechuun qama biratu samiirraa nuuf kennama osoo hin taane qamuma keenya kanatu jijjirame; inni amma dadhabaan kun kan hin dadhabne ta’e, inni amma du’uun amala isaa ta’e, kan hin duune ta’e, kan nyaachuu, dhebochuun, wal fudhuun, fi kkf amala isaa ta’e kun, kan nyaata hin barbaanne, kan dhuguu hin barbaachisne, kan walfudhuu hin barbaachisne, Walumaa galatti amalli fooni amma inni dadhabaan jijjiramee akka ergamoota Waaqayyoo cimaa ta’e ni ka’a jechuudha.
1qor15:51-54 “iciitii tokkoon isiinitti hima hundi keenya hin mugnu, haa ta’u malee malakatni/xurumbaan inni dhumaa yoo afuufamu hundi keenya akka tasa, akka libsuu ijaatti ni jijjiramnaa. Malakatnis ni afuufamatii warri du’aniis akka hin bosbosne ta’ani ni ka’u. ..haa ta’u malee yeroos kan bosbosu isa hin bosbosne yoo uffatu, inni bosbosu kunis isa hin bosbosne yoo uffatu duti mo’ame jedhame dubbatama”. Egaa caqasa kanarraa ifatti kan ubannu inni bosbosu jedhe kan dubbatu wa’ee fooniti malee wa’e lubbuu miti. Caqasoota kitaba qulqulluu kamuu yoo ilaalle afaan tokkoo dubbatu, wa’een du’aa ka’uus ifaadha, ragadhaan kan degarameedha. Kanaaf akka natti fakkatutti nama kana kan dogogorse caqasa tokko qofa keessaa filani fudhachuu fi hiikkaa kitaaba qulqulluu fudhachuu dhabuudha. Egaa aniis asumaan Waaqayyoon ifaa isaa siif haa ibsu jedheenin asumaan xumurre.
Du’aa ka’uutti ni amaanna, jireenya bara baraa dhufuttis.
Iticitii du’a ka’uu kan nuuf ibse Waaqayyoon Maqaan isaa haa ulfaatu, bara baraan Ameen!
Ifa Keenya Kan Yoomu Hin Dhaamne
Dhimmi mana Kiriistana Dhimma keenya yaa ta'u (Yeroo hunduumaa mana ishee galgalaa haa yaadnu!)
Fuulli Kun Fuula dhimmii amaanta Ortodoksii Qoofti irraatti maxxanfamuu dha. Kessuma dhimma mana amaanta baadiyyaa keessatti irraanfatamanii kan irratti mari'atamu dha.
04/11/2025
+++ Yoo dubbatan namuu nama hin dhagahu; callisuuf immoo nama hin callisiisu. Kaninin jedhu! biyya kana walumatti qabna mitii? walumaan ijaarranne mitii? yoo akkas ta'e seerrii fi heerri biyya kanaa tiksummaan mootummaa Kiristaanota Arsiitti maaliif dugda itti gale?
Torbaan darbe nama 25 tu sababa kiristaanummaa isaaniitiif wareegame jechaa turre. Tokko gadi baheet Kiristaanota ajjeefaman kan mormachuuf nu bira hin jirretti maqaa baasee, wareegamuun isaanii soba jedhe. Hardha Kiristaanni shan itti dabalamanii wareegaman; tokko immoo hardha ETV irratti "Oromiyaa keessatti nageenyi waaraa bu'eera" jedhe. Ani kanan jedhu Oromiyaa biraatu jiramoo, baadiyyaan Oromiyaa mitii? Moo Arsii bahaatu Oromiyaa miti? Ennaa namni meeqa du'e nageenyi hin jiru jedhama?
Egaa, waan tokkon isin yaadachiisaa kootta; waggoota dheeraadhaan dura waraana Wallagga ture gurraa dhageenyaayyu. Ennaa sana ijaan waan hin argineef homaa nutti hin fakkaatu ture. Facebook irratti gadda keenya ibsanne bira darbina turre. Hardhawoo? Isiniifan dhiisa.
Waan Arsiitti ta'aa jiruuf warri maqaa daabboo baaftan dhiisaa! Itti gaafatamummaa keessan yoo bahuu dadhabdan maqaa baasuudhaan madaa keenyatti falaxaa hin suuqiina! Waawuu inni jedhu diina biyya kanaa akka ta'atti beekna.
Kiristaanotaaf ergaan koo, Biyya keessan keessatti Waaqeffachuun mirga keessanii, ajjeefamuun garuu dirqama miti. Kiristaanonni Arsiitti waaqa isaaniitiif jecha wareegamaa oolan qaama keenya akka ta'e yaadadha. Abbaan hardha bahee nuuf hin dubbanne hoo boru nutti dubataa laata?
20/10/2025
Kitaabni Maaddii Fannoo Dn Waaqgaarii dhaan qophaa’ee Fannoo jedhee jalqabeet wa’ee guddummaa Waaqayyoo, beekumsaa isaa isa dangaa hin qabne, hundaa ol jalaala inni nuuf qabuu hanga du’atti ta’u isaa keessatti, Fannoo dhiiga gooftaa keenyaan akkamitti akka miidhagee cululuqee ibsuun dubbisuuf akka namatti tolutti nuuf qopha’e.
Maddoota Kitaabolee dubbifamanii yoon ilaalummoo; Barreessaan kitaabichaa kitaabolee bu’uura ta’an fi baay’ee hawwatoo ta’an gadi fageenyaan dubbisuu isaat hubanna. Kun immoo kitaabicharrattii amantii (Confidence) akka qabaataniif hedduu nama gargaara. Eyyee waan akkas bareedu barreessuuf kitabolee kana hunda dubbisuun akka nurraa eegamu nutti agarsiisa.
Hanga kitabicha argattanitti qaaccessa (overview) kitabichaa akka armaan gadiitti qopha’e kana yoon isiin affeeru gammachuu guddaani.
Akkuma Seensa irratti caqasamuuf yaalame kitaabni Maaddii Fannoo jedhu kan xiyyeffatu kiriistaanota hunda amantaa kana keessa jiranii fi amanta kanaa ala jiranidha. Kiristaanota keessa jiraniif, hubannoo dabaluufif yoo ta’u warra kanan ala jiraniif immoo ilalcha isaan qaban sirressuudha.
Jalqaba irratti malumma Fannoo ibsuun kan jalqabu kitaabni kun Fannoo dhukkubbi goofta keenyarra adda basne ilaluu akka hindandenye kaasuun Iyyasuus Kiristoos hardhas akkuma ergaa Ququlluu Phawuloos gara warra Galaatiyaatti ergame irratti barreeffame akkuma fannifamee jiruutti akka arguu dandeenyu nu tasiisuuf ija keenya nuuf bana.
Itti aansuun Fannoo irratti fannifamuun maaliif barbaachise isa jedhu kaasuun waantota duraan gaafii nama keessatti uumaniif deebi gahaa kennuun laphee nama qabbaneesse bira darba Fkn "Waaqakoo Waaqakoo maaliif na dhiista?"
Kan bira hariiroo kiristanni tokko Fannoo waliin qabachuu qabu kaasuun naamuusa kiristaana tokko irraa eegamu isa gaarii hubachiisa.
Kanatti ansuun beekmusa Waaqayyoo isa gonkaa kaasuun, waan dura dhufu durse kan beeku ta’u isaatiin dubbii Fannoo isaa akkamitti haala aja’ibaa ta’een sirna uumamaa keessatti akka chaphesse fi nu waliin osoo jiru kan arguu hin dandenye ija keenya bannee akka ilaalluuf fakkenyotaan kaasee nutti agarsiisa. Amma kitabicha bira geessanitti mee daraaraa bilqiltoota fi firiiwwan naannoo keessan jiran sirriitti qoradha.
Inni biraa akkuma mukti tokko fagoo irra dhaabbatee gaaddisni isaa fagootti aduu nama irraa qoluu baraa kakuu duraattis gaddisa Fannoo kakuu haara dhabbate kana jala ta’anii kan isaanii du’a foonii jala yeroo bahaan, kaan isaani dhebuu yommuu itti bahan, kaan isaani diina ittin injifatan, kaan isaanii faagoorraa dhabbatanii isa tasalamatan fi kkf ragaa kitaaba qulqullutiin bareeche dhiyeessa. Waaqayyoo kan akka laphee koo warreen jedhuun jala waan gochuuf jiru akka hin dhoksine sirritti nama hubachiisa. Fkn Harka Musee ishee diriirte, bofa Naasaa fi kkf.
Kakuu isa haarattis fakkenyota gara garaa kaasuun kakuu duratti tatee ta’an faana wal bira qabuun kabajaa Fannoo amma isaatti (amma kabaja Fannoof maluutti) ibsuuf yaala. Fannoon akkamitti du’a akka kuffise, Eeboo ta’ee akkamitti akka waraane, siidaarsaa kakuu haara Fannoo goofta keenya isa kabajama ibsee dheebu lubbuu baasa. Maaddii irraa nyaannaan hin beelofne irraa dhugnaan hin dhebonne hiika mata duree kitabichaa achi keessatti argattu.
Achinis Fannoon maliif boonna isa jedhu kaasuun Fannoon boonun yoom akka jalqabamee fi waantota asiin olitti caqasaman kana bu’ureffachuun maaliif ittiin boonamaa isa jedhu kana kaasun ibsa gababaa kennuun namoota amantaa kana keessa jiran kessaa shakkii xixiqqo jirtu daaraa godha, warreen akka gowwummatti lakka’aniif deebii gahaa kennaaf.
Itti ansuun gosaa Fannoo biyya keenyaa ibsa baldhaa kennuuf yaala, gosa isaan, waan irraa hojjataman, akkasumas bocha isaa kaasuun manni kiriistaana seera qabeettiin kun Fannoo ishee irratti akkamitti akka Wangeela chapesitee ijjoolle ishee barsiistu ibsa. Gosaa Fannoo kana irraatti namoota yeroo gara garaa gaafii kaasaniif osoo gaafii isaanii hin kaasiin deebii isaa qofa lafa ka’a. Animee gaafii namudate tokko kaasseen biraa darba deebii isaa achuma keessaa argattu “Isiin maaliif Fannoo akkas midhagsituu Fannoon gooftaan irratti fannifame hoo mukaa wal qaxxamuraadha?”
Itti aansuun gaaffii namoonni tokko tokko arganne kanahoo debisuu hin danda’an jedhan, bilchina gaariin debii kennaaf, Fkn:- Fannoo fi Durbee Mariyamiif Galanni Waaqayyoo ni malaaf... kabajaan wal qixxataniruhoo fkkf.
Dhuma irratti seena Fannoo gooftaa keenya isa dhiigni isaa irratti dhangala’e kaasuun; mootittin Illeenii isheen haadha ji’oolojistootaa jedhamtu akkamitti argatte isa jedhuu kaase anga inni biyya keenya dhufeetti kan jiru hordofuun ragaan qabatamaan dabaale seenessa walduraa duuba qabuun goolaba.
Kaanafu eenyumtuu yoo dubbise hubannoo duraan qaburra daraan kan dabaluuf, edaa kunis jiraa kan nama jechisisuu waan ta’eef akkaa dubbistan isiin yoon afeeru gammachuu guddaani.
Barreessa kitaabichaa Dn Waaqgarii Haayiluun galaa nuuf qophesite kana irra dedebine nyaanna ni dhugnas, qalamni kee haa mirgisu jabadhu, cimi, ammas dabalii barreessi jechuun barbaada.
Kan biraa osoo akkas ta’ee waanan jedhu barreessaa kanaaf kara email isa ergeefira, isiinis osoo akkasuma gootanii yaada jedhuun qaba. Dubbisa gaarii galatooma.
Waaqayyoof galanni haa ta’u, hadha keenya Durbee Mariyaamif, Fannoo isaa kabajamafis akkasuma.
Bara baraan Amiin!!!
24/09/2024
+++Faana Masihichaa
Kiristaanonni yeroo kadhannaa yeroo gammachuu yeroo naasuu yeroo dinqeeffannaa mallattoo fannootiin qaama keenya mallatteeffanna. Sirni kun essaa akka dhufe yeroo biraa kan itti deebinu ta’ee. Ammaaf garuu fannoon kiristaanotaaf maalinnii isa jedhu irratti xiqqoo waa jenna. Namni tokko keessaayyuu Kiristaanni gaafa milikkita fannoos ta'ee fannoo argu sammuu isaatti waanti dhufuu waan hedduudha.
Isaan keessaa inni tokko kasoomina. Bulchiinsa Roomaa durattii keessatti fannoon akka hardhaa faajiinageenyaa osoo hin ta'iin namoonni kan sodaatan namni mootota Roomaa irratti ganiinsa hojjate kan hate cubbuu waan yakkaa kan hojjate firdiidhaan kan irratti fannifamu ture. Israa'eelis bulchiinsa Room jala barootaaf turuu isheerraa kan ka'e, sirni yakkitoota adabuu kan loltoota Roomiin raawwatamu kun isaan biratti beekamaa ture. Israa'elota keessaayyis namni yakke (yakka ulfaataa) yoo jiraate fannoo irratti akka fannifamu taasifama. Cubbuu kan hin qabne Gooftaan keenya "Shanboqqoo tumame illee kan hin cabsine" kan jedhame inni sababa cubbuu keenyaa muka abaarsaa irratti fannifamuun isaa kasoomina ajaa'ibaati. Du'aa guyyaa afurii du'aa kaasuu kan danda'e inni jaalala ilma namaaf qabu argisiisuuf haala du'a isaa hin filanne. Namoonni 'ebelu du'a hamaa du'e ebelu immoo du’a gaarii du’e’ jedhu. Kan nama dinqu garuu duuti du'aa fannoo caala ulfaatu eessa jiraa? Keessayyu kan Gooftaa keenyaa. Fannoo Gooftaa gaafa jennu muka walqaxxaamure qofaa miti. Dhukkubbiin fannoo Gooftaa Yihuudaadhaan ganamuu, Gororri itti tufamuu, seeraan ala si'a kumaatamaaf reebamuu, fannoo jiidhaa baatee kufee ka'uus dabalata malee. Kanaafi Qulqulluu Gorgoriyoos inni guddichi “The knowledge of the Cross is concealed in the sufferings of the Cross.” Beekumsi fannoo dhukkubbii gooftaa keessa kan dhokateedha” kan jedheef. Michuu koo, gaafa fannoo argitu, keewwattu fi dhungattu kuni hundi kan ta'e kasoomina Ilmi Waaqayyoo Ilmi Maariyaam Gooftaan Iyyasuus Kiristoos jaalala namaa ajaa'iba ta'eef raawwate akka ta’e yaadattaa?
Inni lamataa Fayyina ilma namaati. Wixineen diyaabiloos ilma namaa gara qiillee du'uutti geessuuf wixineesse hanga dhumatti kan fashalaa'a fannoo irratti. Kanaafi mitiiree duuka bu'ichi "dubbiin fannoo nuyiif fayyina warra itti hin annneef garuu gowwummaadha" kan jedheef. Kanaafuu fannoon du'a mo'achuu keenyaaf faajii (milikkita) waan ta'eef du'a jalaa bawuun keenya dhukkuba mataa kan itti ta'e diyaabiloos milikkita fannoo arguu hin barbaadu. Uumama isaa keessatti seexanni osoo hin beekiin kan rukutame gaafa guyyaa jimaataa fannoorratti Goftaan keenya fannifamuu isaatiin waan ta'eef fannoo fi waan fannoo waliin wal qabate hundaaf jibbi inni qabu salphaa miti. Hayyoonni mana Kiristaanaa yeroo dubbatan “Seexanni uumama keessa lamaan isaanii jabeesset jibba jedhu. Isaanis Qulqulleetti Giiftii Maariyaamii fi Fannoo qulqulluudha” jedhu. Kuni lachuu bakka inni itti salphateedha. Giiftiin Maariyaamiin kasoomina fi qulqullummaa isheetiin filatamntee Waaqa ishee deessee ushururuu jettee yoo guddiftu seexanni quba hin qabu ture. Fannoon gooftaas Waqayyoo cubbuu keenya baatee fooniin kan irratti fannifamu yoo ta’u akka nama kaaniitti lakkaayee ibidda keessa ittiin kan lixeedha waan ta’eef uummamtoota kana lamaan jabeessee jibba.
Kanaafuu fannoo irratti kan nutti muldhatu Ilmi Waaqayyo Iyyasuus inni Naazret harka isaa diriirsee, sibiilaaan waraaname, dhiigni isaa dhangala'aa, gonfoo qulqullummaa kan namaaf kennu gonfoo qoree godhateeti. Akkuma isaayyas jedhu ilaaluudhaaf illee naatoo hin qabu ture. Kuni hundi kan raawwate fayyina koofi keessaniif kan ta'e fannoo irratti. Qulqulluu Yohaannis inni Afaan Warqee akkaana jedha “The Cross, is wood which lifts us up and makes us great … The Cross uprooted us from the depths of evil and elevated us to the summit of virtue.” Kana jechuun “Fannoon muka isa bakka kufnee ol nu kaasee gurguddoota nu taasiseedha, fannoon boolla hammeenyaa keessa nu buqqiseet gara fiixee eebbaatti ol nu baase.” Kanaafu, duuti du'aaf, mo'ichi immoo nuuyiif kan ta'e fannoo irrattiidha. Nutis fannoo gaafa arginu keessi keenya kan gammaduf, fiignee kan dhungannu jilbeebbannes kan sagadnu kanaafi. Fannoon Gooftaan Iyyasuus Kiristoos dhiiga isaa irratti lolaase haa afuuti waanti inni tuqe/ isa tuqe iyyuu osoo gara gaariitti osoo hin jijjiiramiin hin hafu waan ta'ee fannoon meeshaa adabbii irraa garameeshaa fayyinaatti jijjiirame. Kanaafi weedduudhaan "ጸልዮ ቅድመ መስቀል ኩልክሙ መሃይምናን እንዘ ህዝዎ በየማን ወትክህድዎ ለሰይጣን እስመ ተቀደሰ በደመ ከርቶስ መድህን" amantoonni hundi keessanuu harka mirgaatti kan qabattan (fannoo) fi seexana kan gantan fannoo fuulduratti kadhadhaa dhiiga Kiristoos Fayyisaatiin qulqulleeffameerawoo” kan jennuuf. Guyyaa yaadannoo fannifamuu Gooftaa keenyaas manni kiristiyaana weedduudhaan akkana jetti “ለመስቀልከ ንሰግድ ኦ ልቅነ ለትንሣዔከ ቅድስ ንሴብህ ኩልነ ይእዜኒ ወዘልፈኒ” Yaa Hayyicha keenyaa fannoo keef ni sagadna du’aa ka’uu kee qulquleettis hanga baraa baraatti nii galateeffanna”
Inni sadaffaan dhiifama. Gooftaan Kenya Iyyasuus Kiristoos fannoorra osoo jiruu arjummaa isaa dhuma hin qabne nutti muldhise. Cubbamaan isa waliin sababa cubbuu isaatiif fannifame gaafa gabbii galu “ana wajjin Jannata galta” jedheen, namoonni isa irratti gidiraa baachuu mitii lakkaawuufuu namatti ulfaatu raawwataniif “yaa Abbaa koo waan hojjatan hin beekanii dhiisiif” jedhe. Akka waan natti hin afiin jedhuu wayii loltuun Langinoos gaafa cinaacha isaa waraanu akkuma darbiidarboo irraa barnne ija isaa jaame fayyiseef. Kuni hundi kan muldhate fannoo irratti waan ta’eef kiristaanni fannoo baatu kana hundaa hubachuu qaba jechuudha. Sababni isa kuni milikkita dhiifama nuuf godhameeti waan ta’eef. Qulqulluu Yohaannis Afaa Warqee as irratti akkas jedha “He did forgive them, if they wished to repent, because if He had not forgiven them this sin, Paul would not have become an apostle;’ if He had not forgiven them this sin, the three thousand and the five thousand, and the many other thousands, would not have immediately believed.” Kana jechuunis Yoo gaabbii galuu fedhan isaaniif dhiiseef. Sababni isaas yoo inni cubbuu kana isaaniif hin dhiifne Paawuloos duuka bu’aa isaa hin ta’uyyuu; Paawuloos duuka bu’aa isaa yoo hin taane kumni sadan, kumni afran, akkasumas kumni hedduun sun saffisaan hin amanan ture”
Waayee fannoo waanti baay'een jedhameera, waanti hedduun barreefameera kuni hundi kan jedhame kan barreeffame immoo dhiiga isaatiin waan qulqulleeffmeefi (እስመ ተቀደሰ በደሙ ክቡር). Humna fayyisuu, humnaa diina qaanessu kan qabu fannoo dhiisiitii maalumtuu maqaan Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoosii yeroo irratti dhahamu jaalachuu dhiisuudhaaf garaan keenya tole hin jedhu.
Hardhas milikkita fannoo godhachuu qofa osoo hin ta'iin kiristaanni kamuu hirmaataa fannoo isaa ta'uu barbaachisa. Kanaaf immoo qulqulluu Qalamenxoos inni Alexandariya akkana jedha “Namni Waaqa beeku fannoo fayyisichaa baate faanaa Gooftaa nii hordofa. ‘addiunyaa kan irratti fanniffame, innis ka addunyaadhaaf irratti fannifame’ jedhameeraatii. Gooftaanis akka jedhe “Lubbuu isaa anaaf jedhee dhabu nii jiraachisa’ nutis jireenya karaa lamaan dhabuu dandeenya inni calqabaa akkuma Gooftaan nuuf taasise sana taasisuudhaan dhiisuu dandeenya. Inni lmmataa immoo fedhii addunyaa kanaa irraa adda bawuudhaani. Fannoo baachuu jechuun lubbuu keenya burraaquu fi gammachuu jireenya kanaarraa adda baasuudha. Yoo kaa taasistelubbuu kee abdii isa dhufuuf jiruu kessa boqottee argattaa.”.
Egaa michuukoo akkuma qulqulliche jedhe lubbuun kee abdii ilma Waaqayyoo isa kabaja isaatiin dhuufuu jiruu keessatti boqottee argachuu barbaaddaa? Koottu fannoo isaa baachutti haa kakaanu, faana Masihichaarraas akka deemnu Ilmi Waaqa Abbaa Ilmi Dubree Maariyaa Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos nu haa gargaaru bara baraan Ameen!
Fulbaana 13/2017 A.L.I.
Waqgaarii Hayiluu (Dn.)
Walisoo
28/07/2024
Henok Haile
Paaris banamuu Olompikii irratti ''" Na balleessi jettee Waaqa Gaafattetti'' akka ta'u gaafatteetti. Dhugaadha, kun mul'ata baniinsa Olompikii osoo hin taane, mul'ata jeequmsaa ayyaana LGBTQ jedhamuu danda'u ture. Kiristaanummaa akka diinaatti ilaalan kadhannaa Kamisaa irraa kaasee hanga farda Luba Yohaannis Ambalaayitti haala jibbisiisoo fi meekaappii jibbisiisoo ta'een salphisuuf jecha, agarsiisa kana keessatti nama ijoo ta'an. Bakka dhaloota barreessitoota, aartistootaa fi aartistoota hedduu ta’uu kan himamu Paaris keessatti aartiin mul’atu dhabamuu isaatiin namoonni hedduun gadda guddaa keessa galaniiru. "Waan hojjetan waan hin beekneef dhiifama isaaniif godhi."
Bara 2016 eebba tuneela Siwiizarlaand irratti agarsiisa farra Kiristaanummaa walfakkaatu agarsiisuudhaan banamuu isaa ni yaadatama. Ija jabinaafi jibbi kun kiristaana qofa kan mormu ta'uun isaa jecha Kiristoos biyya lafaa "Biyya lafaa yoo isin jibbu isin dura akka na jibbu beeki" jedhu nu yaadachiisa. Phaaphaasonni Waldaa Kooptikii Ameerikaa mormii kana jalqaban. Namni Kiristaana dha jedhu kamiyyuu hanga danda’ametti kana mormuu qaba. Seera addunyaa jalatti amantaa kamiif iyyuu kana gochuun mirgi hin jiru. Waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti Kiristaanummaan keenya ol’aantummaadhaan yommuu mul’atu hamma gammadnu, ija jabina xuraa’aa akkasiitiin akka miidhamne ifatti dubbachuu qabna.
"Nuti fooniifi dhiigaan osoo hin taane, bulchitootaa fi humnoota, bulchitoota dukkana kanaa fi loltoota hafuurota hamaa iddoowwan samii keessa jiranii wajjin wal'aansoo qabna" Efe. 6:12 irratti
Via Henok Haile
23/06/2024
+++ Yaa Obboloota maal haa goonu ree?
Gaafa ayyaana guyyaa shantammaffaa duuka bu’oonni fi maatiin Gooftaa haadha isaa waliin laphee tookoon ta’anii kadhachaa turan. Guyyaa sana akka jaalala Waaqayyoo ta’ee namoonni biyya garaa garaa Iyyerusaalemitti waliitti qabamanii turan. Yeroo duuka buutonni Gooftaa ‘Jajjabeessaa’ kan jedhame Afuurri qulqulluun isaan irratti bu’ee si’a tokko dubbatanii afaan torbaatamii lama dhageessisan arganii gaafii itti ta’e. Kaan isaanii hundi keenyaa afaan afaan ofii keenyatiin dhagawuu dandeenye jedhanii dinqeeffatan, kaan isaanii immoo guduunfaa dogongoraa kennanii “Daadhii wayinii guushii dhuganiiti” jedhan. Mee Waaqayyo isnitti haa agarsiisu, namni tooko daadhii guushii dhuguu dhiisee osoo mataadhaan illee keessa dhaabbatee akkamitti afaan torbaatamii lamaan dubbata? Namni dhugee machaa’ee torbaatamii lama dhiisii tokkittiidhuma isa kan isaatuu gidiraa meeqaan mitii kan dubbatu?
Kamumaafuu duuka bu’oota afaan torbaatamii lamaan kan dubbise daadhii guushii osoo hin ta’iin Waadaa Waaqa ilmaa kan ta’e jajjabeessaa Waaqa Afuura qulqulluutu isaaniif ergame. Afuurri ququluun gaafa siif dhufu namatti dinqi ta’uun kee hin oolu, kennaan kees nii baay’ata, waan tirkimirkii dhiifteet Waayee isa jireenya sif ta’ee sagaleekee ol kaaftee dubbatta. Eenyummaan afaan garagarummaan gosaa fi qabeenya siyii gad ta’aniit ofitti amanamummaadhaan dubbatta. Namni Kiristoositti amanee Afuura qulqulluun guutame waanti hunduu isaa gadi ta’a. Hirdhinni afaaniillee gufuu sitti osoo hin ta’iin warra Arabaa, warra Parxeenaa, warra Gibxii, Warra Liibiyaa wajjin akka waan afaan tokko dubbachaa waliin guddattaaniitti itti haasofta. Kanaafi mitiiree qulqulluu Pawuloos warra galaatiyaatiin “kana booda Ayihudiinis, Aramiinis, dhiirtis ubartis hin jiru hundi keenyaa Kiristoosiin tokkoodha” kan jedhe?
Dinqeeffanaadhuma namoota kanaa bu’uura godhatee Qulqulluu Pheexroos raajota kan akka Iyyu’eelii (Iy. 2:28-35) fi Daawwit (Far. 16:8-11) caqasee ofii isaas ragaa ijaan arge tasisee Kiritoos inni Ayihud fannoo irratti fannisanii ajjeesan du’aa ka’ee gara ulfina isaatti akka olbaye lallaba gabaabaa isaaniif kenne. Lallaba gabaabduu kana afaan ofii ofii isaaniitiin yeroo dhaggeeffatan lapheen isaanii xuqamee Qulqulluu Pheexroosii fi dukaa buutota birootiin “Yaa obbolootaa maal haa goonu ree?” jedhaniin.
Jaalatamtoota koo aniii fi isin umurii keenya amma yoonaa sagalee Waaqayyoo barachaa kan turre ‘maal ha goonu’ jennee gaafannee beeknaa? Namni dhugumatti sagalee Waaqayyoo dhagaye akkuma jara kanaa jedhee gaafata. Uummata nanawwee hin arginee lallaba jecha afuriitiin gaabbii galanii Waaqa isaniitti akkamitti akka haraaraman!
Waggootaa dheeraaf barannee jireenyi afuuraa keenya kan hin guddanne laphee akka jara kanaa dafee tuqamu yookaan laphee akka lidiyaa dafee banamu dhabneeti ta’aa laata? Moo barsiisonni nu barsiisan akka qulqulluu Pheexroos fa’aa humna Afuura qulqulluutiin nu hin barsiifnee laata? Kuni yeroo hundaa gaafii kooti. Dhuguma dubbachuudhaaf barsiisonni keenya bara kanaa baay’een barsiisanii maal haa goonu kan nama jechisiisan osoo hin ta’iin ‘maal si goone?’ kan nama jechisiisaniidha. Lallabni baay’een lubbuu fayyisuuf osoo hin ta’iin duudhaan isaa hin afiiniidhaaf waan kennamu fakkaata. Barsisaan tokko tokko mataduree barnoota isaa hardhaa reefu uummata fuuldura dhaabbatee uummata waliin dubbisa. Ummanni waltajjii irratti dhiisanii kan hin deemne Waaqni isaaniif haa tolu. Akkuma walii galaatti barsiisaan dhugumatti barsiisaa osoo ta’ee, barataanis barataa dhugaa osoo ta’ee kiristaanummaan akkam akka mi’ooftu!
Eebbi Abbaa, Arjummaan ilmaa, tokkummaan Afuura Ququlluu nu hunda wajjiin haa ta’u!
Baga Ayyaana Guyyaa Shantammaaffaa (Peenxeqosxee) tiin isin gaye!!
Waqgaarii
16/10/2016
Walisoo
08/06/2024
+++ “Yaa ilma yoonaa Pheexroos Najaalattaa?” Yoh. 21:17
Kutaalee kitaaba qulqulluu baay’ee na dinqeeffachiisan keessaa inni tokko yeroo Waaqayyo gafataa ta’ee ilmi namaa immoo deebii deebisuuf tattaaffatuudha. Akka Kitaaba Qulqulluu irratti barreeffametti Waaqayyo ilama namaa yeroo calqabaaf gaafii kan gaafate seea uumamaa keessatti. Ilmaan namootaa seeraa isaaniif Waaqayyo giddutti kaawame cabsanii yeroo dogongoretti Waaqayyoon gara Addaaam dhufee “Yaa Addaam eessa jirtaa?” jedhee gaafate. Waaqayyoon gaafataa ta’ee addaam immoo gaafatamaa ta’ee. Silaa maalireee addaam muka balasii muree kan nyaate ijisaa banamee waan hunda akka beekuuf hin turree gaafii gaafatameef akka beekessa tokkootti deebisuun dirqama isaa mitiiree? Deebiin Addaam garuu akkuma karoorse akka Waaqaa ta’uusaa Waaqayyotti himuu hin turre sababni isaas Addaam ijji isaa banamee kan arge ulfina hawwe sana osoo hin ta’iin qullummaa isaat ture. Asirratti Waaqayyoon addaam maaliif gaafii gaafate yoo jenne wallaalummaarraa kan maddee osoo hin ta’iin Addaamiif carraa gaabbii galuu kennufii isaat ture. Addaam yeroodhaaf haala Waaqayyo jedheeniin gaabbii galuun isaa haa afuyyuu malee boodarra garuu gabbii baay’ee gadi fagoo gaabbee Waaqayyos waadaa amma galuufitti isa geessisee ture. Asitti egaa Waaqayyo waan hundaa beeku akka waan hin beekneetti Addaaamif gaafii dhiyeesse.
Waadaan galame kun gaafa raawwi argachuuf gayetti immoo duuka bu’oota isaa walitti qabee gaafii akkana jedhu isaan gaafatee ture “namoonni eenyu naan jedhu?”. Kiristoos namoonni eenyu akka isaan jedhan sirriitii beeka garuu duuka bu’oota isaa gaafate. “isi hoo eeynu naan jettu” gaafa jedhuun immoo qulqullichi Pheexroos “Ati immoo ilma Waaqa jiraataati” jedheenii ture. Gooftaan keenyas kanuma raggaasiseefi ture. Pheexroos gaafa kana Ilma Waaqa jiraataa ta’uu isaa raga baye garuu fuuldura durba warra fariisotaatti dhugaa bawuu hin dandeenye ture. Aduun addunyaa ibsu Iyyasuus achii reebamaa Pheexroos itti qorrinaan ibidda qaqqaammachuu gadi taa’e. “ani is ahin beeku” jedhe. Gaafa nagaa firri kee hedduudha gaafa kufte garuu eessattan beekaayyuu jechuun isaa hin oolu. Obboleessa koo inni ati Waciitii tokko irraa wajjin nyaatte “lakki anoo isa hin beekuu” yoo jedhe tasuma si hin dinqiin, hi gaddiin malee. Sababni isaas namni Kiristoos isa foon isaa akkasitti soore illee haala kanaan hin beeku jedha waan ta’eef.
Ofumafan jedha malee amma Pheexroos gonfoo Wareegamummaa gonfatee ulfinaan jiraata. Pheexroos yeroosanaa caala garuu kan na gaddisiisu anaa fa’aa isa cubbu duratti ija jabummaa dhabee si’a meeqa Gooftaakoo hirraanffadheedha. Lubbuun yeroo hudaa Gooftaa keenya yaadattu tasumayyuu cubbuu hojjachuun isheedhaaf hin malu waan ta’eef. Pheexroos gaafasii garuu imimmaaniin cubbuu isaa dhiqee Obboloota isaa waliin Gooftaa isaa eeguutti taa’e. Gooftaan keenya garuu ammas Pheexroos isa abidda bira taa’ee “ani isa hin beeku” (Mat. 26:72) jedhe gaafii gaafate “Yaam ilama Yoonaa Pheexroos na jaalattaa?” Jedhee gaafate. Osoo adaanqoon hi hiyyiin akka isa ganu kan itti hime Iyyasuus amma garuu ilma Yoonaa gaafii gaafata. Kan isin dinqu kana dura Ilmi Yoona Pheexroos Gooftaa keenya Iyyasuus waliin falmii gaggeessee ture. Gaafa galgala cinqii sana “jarri kaan si ganan illee ani si hin ganu” jedhee mormaa ture (Mat. 26:35). Pheexroos gaafa sana mormaa ture hardha garuu mormuu hi dandeenye “Na jaalattaa?” jedhee yeroo inni gaafatetti, “Yaa gooftaa akkan si jaaladhu atuu beekta” jedheen malee waan biraa hin dubbanne. Gaafa siis galu gaafa bilchaachuutti dhiyaattu akkas jetta malee anatu beeka hin jettu. Gooftaanis akka inni isa jaalatu si’a sadii gaafate itti gaafatamummaa dabalee kenneef.
Jaalatamtoota koo, sodaan addunyaa kanaa isin raaftee ani kiristaana jechuudhaaf saalfaattanii beektuu? Fannoo morma keessanirra jiru T-Shirt keessan jala dhoksitanii beektuu, fuuldura namootaatti bataskaana salaamfachuf kirkirtanii beektuu? Aangoodhaaf jettanii Ortodoksummaa akka nama hin beeknee taatanii beektuu? Deebiin keessan eyyee yookaan waawuu ta’a. Pheexiroos kan mudate waan akkanaa ture. Pheexroos Gooftaa ni jaalata Gooftaanis kana bareechee beeka. Garuu foon eenyummaa Afuura qulqulluu hin qabne qaba waan tureef sodaata Gooftaa harka isaa keessaa nyaate hin beeku jedhe. Guyyaan darbuu hin ooltu gaafa darbee Gooftaanis du’aa ka’ee fulaan fuulatti walitti dhufan garuu lapheen isaa ni gadde. Gooftaanis gadda Laphee isaa ilaalee kabaja biraa kenneef “hoolota koo eegi!” jedhee. Namni garuu ati si’a tokko dogongorraan ija shakkiitiin si ilaalla malee itti gaafatamummaa sitti hin kennu. Hardha yoo dogongorte boru waan fooyyoftu itti hin fakkaatu, hardha yoo kufte boru waan kaatu hin seyu, tasumayyuu abdii sirratti hin godhatu. Gooftaan keenya garuu iddoo kuftetti iyyuu abdii sirra kaaya. Akkan si jaaladhu akkan siif jilbeeffadhu atuu beekta gaafa jennuun immoo isa gara darbee dhiiseet kabaja biraatiif nu muuda. Guyyaan ni darba Waaqayyoon guyyaa gaarii ni fida. Fuuldura warra nu doorsisaniittis fuula keenya ol nu qabachiisa. Guyaa darbuuf Waaqa hin darbine ganuun garuu sirrii hin eegamu.
Gooftaan hardha anaaf isiniin “Yaa mucaakoo na jaalattaa?” nuun jechaa jira, yoo na jaalatte immoo abboomiikoo eegi nuun jedha (Yoh 14:23). Abboommii isaa eegnee jaalala keenya akka eeggannu gargaarsii Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos nu waliin haa ta’u bara baraan Ameen!
Waxabajjii 1/2016 ALI.
Waqgaarii Hayiluu
Walisoo
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Telephone
Website
Address
Addis Ababa