Woyyu School

Call Directions Website

Woyyu School Barnootaan Woyyooman! Culture, Science & Technology Manni barumsa Woyyuu guutuu biyyaa keessatti damee banuu irratti argama.

Odeeffannoo Addaa———————————Maatii Barattootaa Mana Barumsaa Woyyuu, Damee Burqituufi Irbaa Muudaa baga gammaddan. Barsi...
21/09/2026

Odeeffannoo Addaa
———————————
Maatii Barattootaa Mana Barumsaa Woyyuu, Damee Burqituufi Irbaa Muudaa baga gammaddan. Barsiisaa Keeniyaa kan maqaa “Abdii” jedhamuun Aanaa Annaa Sorraa keessatti woggaa dheeraan dura beekkamu, bara barnootaa kana irraa kaasee barsiisaa English (Spoken English) te’uun mana Barumsaa Woyyuu-tti ramadamee jira. Jijjiirama addaa barattoota irratti fiduun, hojii isaa qabatamaan mirkaneessee aanaa kana keessatti %100 kan beekkamu yoo ta’u; dandeettiin cimaan kun, hooggansaafi dhiyeessii mana barumsaa Woyyuu-tiin yoo deeggaramu, barattooti teenna Afaan Ingilizii akka afaan dhalootaa isaaniitti dubbatuu ni dande’u.

Barnootaan Woyyooman!
www.woyyu.com

Hooggantoota Manneen Barumsaa Woyyuu - Aanaa Annaa Sorraa:-> Bishaaqaa Waaqkennee -> Beenyaa Dassaalee -> Daaksisaa Takk...
20/09/2026

Hooggantoota Manneen Barumsaa Woyyuu - Aanaa Annaa Sorraa:
-> Bishaaqaa Waaqkennee

-> Beenyaa Dassaalee

-> Daaksisaa Takkaalinyi

-> Badhaasaa Diimaa

-> Elemaa Culuqqee (I/A/Hojii Geggeessaa)

Barnootaan Woyyooman!
www.woyyu.com

Beeksisa QacarriiHojjattuu FaayinaansiiBarnootaan Woyyooman!
12/09/2026

Beeksisa Qacarrii
Hojjattuu Faayinaansii

Barnootaan Woyyooman!

Oduu GammadaaMaatiin Barattoota Mana Barumsaa Woyyuu, Uummati Aanaa Annaa Sorraafi Qooda Fudhattooti Mana Barumsaa Woyyu...
10/09/2026

Oduu Gammadaa

Maatiin Barattoota Mana Barumsaa Woyyuu, Uummati Aanaa Annaa Sorraafi Qooda Fudhattooti Mana Barumsaa Woyyuu hundi keessan baga gammaddan, baga gammanne.
Gargaarsa Waaqaatiin bara kanalle milkoofnee jirra, Waaqa woliin baroota dhufanuus milkiin itti fufa.
Gammada barattooti teenna kutaa 6ffaafi 8ffaa qabxii olaanaa fidan keessa osoo jirruu; ammaas, barattooti teenna qormaata seensuma manneen barnoota bultii addaa darbuun ramaddii argatanii jiru.

Barnootaan Woyyooman!
www.woyyu.com

Damee Haaraa (Haareya) New Branch Barnootaan Woyyooman!
28/08/2026

Damee Haaraa (Haareya)
New Branch

Barnootaan Woyyooman!

25/08/2026

Barnootaan Woyyooman!

22/08/2026

Nuuti hin jenne, Waaqi ammoo hin godhe!

Barnootaan Woyyooman!
www.woyyu.com

Seenaa addaa hojjachaa tureerra, kuniis seenaa guddaadha. Bara barnootaa 2019-ttiis seenaa ajaa’ibsiisaa biraa hojjachuu...
21/08/2026

Seenaa addaa hojjachaa tureerra, kuniis seenaa guddaadha. Bara barnootaa 2019-ttiis seenaa ajaa’ibsiisaa biraa hojjachuu qophoofnee jirra, akkaataa duraan godhamee hin beenneen waan addaa godhuuf qophoofnee jirra. Kana milkeessuuf barsiisoti ciccimoo buleeyyiifi haareyi baayyeen qophaa’anii jiran.

Haaluma wolfakkaatuun, galmeen bara kanaas saffisa olaanaa hin barataminiin deemu jira. Kanaafuu, maatiin hanga ammaatti ijoollee teessan hingalmeeffatin hardhuma galmeeffadhaa. Bakki galmee amma jiru kun yoo guute, barattoota maatii akkana wol-jaalannuu kanaas galmeessuun nu rakkisuu danda’aa.

www.woyyu.com
Barnootaan Woyyooman!

Address

Oromia Region
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Woyyu School posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category