Woyyu School

Woyyu School

Share

Barnootaan Woyyooman! Culture, Science & Technology Manni barumsa Woyyuu guutuu biyyaa keessatti damee banuu irratti argama.

03/11/2025

Beeksisa asiin dura baafneen wolqabatee barsiisota hanga barbaannu fudhachuun, baayyee keessan ammoo gara fuulduraatti nu eegaa isiniin jechuun keenya ni yaadatama.
Carraa marsaa lammaffaa kanaan ammoo, barsiisota nu eegaa isiniin jennee turre keessaa barsiisota shamarranii lama barsiisummaa oolmaa daa'immanii irratti isin fudhachuu barbaanna. Kanaafuu, telegram lakk. bilbilaa 0911397379 ykn link telegram irratti nu dubbisaa.

Barnootaan Woyyooman!

03/11/2025

Barnootaan Woyyooman!

12/09/2025

Barnootaan Woyyooman!

11/09/2025

Baga geenne 🙏 🙏

Barnootaan Woyyooman!

19/08/2025

Barattoota teessan qaamaan ykn online galmeeffachuu ni dandeettu. Username fi lakk. darbii mana barumsaa irraa fudhachuun madaallii barattoota teessanii online hordofuu ni dandeettu.

Gama hundaan dursuuf qophii
Barnootaan Woyyooman!

Photos from Woyyu School's post 17/08/2025

Oduu Gammadaa
Akkuma beekkamu manni barumsaa Woyyuu technology-dhaaf xiyyeeffannaa addaa kenna. Kanumaaf, ergami mana barumsichaas Culture, Science and Technology ta'e.

Finfinneen alatti akkaataa hin baratamiin, mana teettee, biiroo teettee, bakka barbaadde jiraattee ijoollee teeti mana barumsaa Woyyuu-tti bibila ykn kompiitera fayyadamuun galmeeffachuu ni dandeetta.

Ammuma, www.portal.woyyu.com irra seenuun barattoota teeti galmeeffadhu. Yeroo woliin tarkaanfachuun hojii mana barumsaa hunda digitalize godhutti waan jirruuf yeroo gabaabatti wontoota Itoophiyaa keessatti hin baratamin hedduu gara mana barumsa ijoollee teessaniitti waan finnuuf nu hordofaa.

Barnootaan Woyyooman!
#1 School in the Guji Zone

Galmeef: portal.woyyu.com
E-mail: [email protected]
Telegram:

Photos from Woyyu School's post 07/08/2025

Barnootaan Woyyooman!

06/08/2025

Baga Gammaddan!

Milkaa'inna mana barumsaa Woyyuu-tiif sababi guddaan abbaa hojii kanaa kan ta'e Waaqa tokkocha.

Itti aansuun, barsiisota keenya kan kabaja guddaa qabnuuf.

Kanaafuu, gaaffii waa'ee mana barumsaa Woyyuufi odeeffannoo Biiroo Barnoota Oromiyaa (Ministera Barnoota Itoophiyaa) gaafachuun barsiisota telegram channel keenya join godhanii jiranu guyyaa-guyyaan kan badhaafnu ta'a. Barsiisaan badhaafame eessa akka barsiisu jiruufi waa'ee naannoo sanii kan nuuf barreessu ta'a.

◇ Sa'aatii 9:30 irratti.

◇ Telegram channel: irratti.

◇ Guyyaa hunda kaardii Birr 100.

◇ Darbee darbee badhaasota gurgurdaa.

◇ Hanga Waxabajjii 30tti wolumaa galatti kennaa hanga Birr 50,000 kennina jechuu.

◇ Odeeffannoo kana barsiisota hiriyoota keessaniitii qooduun akka isaan hirmaatan godhaa.

Barnootaan Woyyooman!

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Category

Telephone

Address


Oromia Region
Addis Ababa