09/04/2025
Baga gurraa nutti qabdani hayyee! Gaaffii Barsiisaa dhagauunuu waantokkoo Kun gaaftokko ittima jabaadha Dr Nagarii. Barsiisaa turte miidhamni dhabni Barsiisaa siif gala.
Rakkoolee damee barnootaatiin mudatan furuuf gaaffilee barsiisotaa dhagahuun murteessaadha
***************
Gaazexaa Bariisaa
Gaaffii barsiisotaa dhagahuun yoodanda’ame rakkoo barnootarratti mudatu sirreessuun akka danda’amu, Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koreen Dhimmoota Humna Namaa, Misoomaa, Bobba’insa Hojiifi Teknoloojii beeksise.
Walitti qabaan koree kanaa Doktar Nagarii Leencoo, barsiisonni galiinsaanii xiqqaa waan ta’eef, komii dhiheessaa jiraachuu dubbataniiru.
Barsiisonniifi daarektaroonni mana barnootaa rakkinicha amananii yoofudhatan akkasumas, Ministeera Barnootaarraa eegalee gaaffilee barsiisonni hoggantoota barnootaa kaasaniifi dhukkubbiisaanii dhagahuu yoodanda’an rakkoo barnootaa amma keessa jirrurraa tumsaan bahuun nidanda’ama jedhaniiru.
Komiiwwan barsiisotarraa ka’an kanneen biroof miidhamtoonni sadarkaa dhumaa barattootaafi maatii ta’uusaanii ibsaniiru.
Gama biraatiin, naannaawaawwan kitaabni hinqaqqabne jiraachuusaanii eeeruun; miseensonni mana maree naannaawaawwan tokko tokkotti yeroo daaw’annaa gaggeessan istoorii aanaalee keessatti kitaabileen barnootaa kuufamanii jiraachuu mirkaneessuusaanii dubbataniiru.
Gara mana barnootaaatti yeroo gadibu’amu garuu naannoleen kitaabni hinraabsamne jiraachuu ibsaniiru.
Doktar Nagariin Wallagga bakka bu’uun wayita deeman barsiisota aanaalee kanneen waliin akka mari’atan eeranii; nannnawwa kanatti barnoonni ‘ICT’ sirna barnootaa keessa jiraatus, ibsaan waan hinjirreef ‘ICT’ barsiisuu hindandeenye jedhaniiru.
Dabalataanis, barattoonni kutaa 9-10 jiran mana yaalii hinbeekan kan jedhan walitti qabaan kun, rakkoo barnootaa kana furuuf sochii taasifamu rakkoo barsiisotaa yoo amananiifin gara ofiitti fudhatan rakkinichi walxaxaa waan hintaaneef keessaa bahuu nidandeenya jedhaniiru.
Ebla 1, 2017