09/01/2014
Kana beektuu laata?
Sadarkaa addunyaatti sa'aatiin fuulli isaa guddaan biyya Sa'udii Arabiyaa magaala Makkaa keessatti argama. Gamoon sa'aatiin kun irratti fannifamee jiru akka addunyatti gamoo dheeraa sa'aatii fannifate yommuu tahu gamoon kunis "Abraj Al-Bait Towers" jedhama. "Mecca Royal Hotel Clock Tower" jedhamuunis beekkama. Gamoon kun Bara 2012 tti dheerinnaan sadarkaa addunyaatti tokkoffaa kan ture yommuu tahu ammatti gamoolee Dubai Burj Khaliifattii fii Taawerii Shaangayitti aanee sadarkaa 3ffaa irratti argama. Gamoon Abraj Al-Bait kallatti kibbaan Masjiidal Haraamii (Ka'abaa) irraa fageenya dhihoo irratti argama. Dheerinni isaa meetira 601 yommuu tahu kutaa bal'aa salaatni keessatti salaatamu kan muslimtoota kuma kudhan (10,000) oli keessummeessu dandahu of keessaa qaba. Walumaa galatti gamoon guddaan kun al-takkatti humna namoota kuma dhibba tokkoo (100,000) oli simatuu dandahu qaba. Sa'aatiin guddinnaan addunyaa irraa tokkoffaa kan gamoo kana irratti fannifame diyaameetirri isaa meetira 46 yommuu tahu harki daqiiqaa isaa laakkawu meetira 22, kan sa'aa isaa laakkawu meetira 17 dheerata. Sa'aatiin kun fageenya kiloomeetira 25 irraa mul'achuu kan dandahu yommuu tahu gubbaa isaatti barreeffama "ALLAHU AKBAR" jedhu barreeffamee ofirraa qaba.
Allahu Akbar!
(source: en.wikipedia.org)
Photo: Kana beektuu laata? Sadarkaa addunyaatti sa'aatiin fuulli isaa guddaan biyya Sa'udii Arabiyaa magaala Makkaa keessatti argama. Gamoon sa'aatiin kun irratti fannifamee jiru akka addunyatti gamoo dheeraa sa'aatii fannifate yommuu tahu gamoon kunis "Abraj Al-Bait Towers" jedhama. "Mecca Royal Hotel Clock Tower" jedhamuunis beekkama. Gamoon kun Bara 2012 tti dheerinnaan sadarkaa addunyaatti tokkoffaa kan ture yommuu tahu ammatti gamoolee Dubai Burj Khaliifattii fii Taawerii Shaangayitti aanee sadarkaa 3ffaa irratti argama. Gamoon Abraj Al-Bait kallatti kibbaan Masjiidal Haraamii (Ka'abaa) irraa fageenya dhihoo irratti argama. Dheerinni isaa meetira 601 yommuu tahu kutaa bal'aa salaatni keessatti salaatamu kan muslimtoota kuma kudhan (10,000) oli keessummeessu dandahu of keessaa qaba. Walumaa galatti gamoon guddaan kun al-takkatti humna namoota kuma dhibba tokkoo (100,000) oli simatuu dandahu qaba. Sa'aatiin guddinnaan addunyaa irraa tokkoffaa kan gamoo kana irratti fannifame diyaameetirri isaa meetira 46 yommuu tahu harki daqiiqaa isaa laakkawu meetira 22, kan sa'aa isaa laakkawu meetira 17 dheerata. Sa'aatiin kun fageenya kiloomeetira 25 irraa mul'achuu kan dandahu yommuu tahu gubbaa isaatti barreeffama "ALLAHU AKBAR" jedhu barreeffamee ofirraa qaba. Allahu Akbar! (source: en.wikipedia.org)