Islaamni Nageenya
Islaamni Tasgabbii dha
Islaamni furmaata
Islaamni Misooma
Islaamni Jaalala
Islaamni Qaroomina
Islaamni Injifannoo dha!
Abdurrahman Abba Dilbi
Waa hunda irraa barumsatti xiyyeeffannaa kennuu qabna Amantii keenyas barree walbarsiisuu qabna
AL-HAMDULILLAAH waanuma hundarrattuu!
AL-HAMDULILLAAH Galanni kan Gooftaati waanuma hundarrattuu!
09/01/2014
Kana beektuu laata?
Sadarkaa addunyaatti sa'aatiin fuulli isaa guddaan biyya Sa'udii Arabiyaa magaala Makkaa keessatti argama. Gamoon sa'aatiin kun irratti fannifamee jiru akka addunyatti gamoo dheeraa sa'aatii fannifate yommuu tahu gamoon kunis "Abraj Al-Bait Towers" jedhama. "Mecca Royal Hotel Clock Tower" jedhamuunis beekkama. Gamoon kun Bara 2012 tti dheerinnaan sadarkaa addunyaatti tokkoffaa kan ture yommuu tahu ammatti gamoolee Dubai Burj Khaliifattii fii Taawerii Shaangayitti aanee sadarkaa 3ffaa irratti argama. Gamoon Abraj Al-Bait kallatti kibbaan Masjiidal Haraamii (Ka'abaa) irraa fageenya dhihoo irratti argama. Dheerinni isaa meetira 601 yommuu tahu kutaa bal'aa salaatni keessatti salaatamu kan muslimtoota kuma kudhan (10,000) oli keessummeessu dandahu of keessaa qaba. Walumaa galatti gamoon guddaan kun al-takkatti humna namoota kuma dhibba tokkoo (100,000) oli simatuu dandahu qaba. Sa'aatiin guddinnaan addunyaa irraa tokkoffaa kan gamoo kana irratti fannifame diyaameetirri isaa meetira 46 yommuu tahu harki daqiiqaa isaa laakkawu meetira 22, kan sa'aa isaa laakkawu meetira 17 dheerata. Sa'aatiin kun fageenya kiloomeetira 25 irraa mul'achuu kan dandahu yommuu tahu gubbaa isaatti barreeffama "ALLAHU AKBAR" jedhu barreeffamee ofirraa qaba.
Allahu Akbar!
(source: en.wikipedia.org)
Photo: Kana beektuu laata? Sadarkaa addunyaatti sa'aatiin fuulli isaa guddaan biyya Sa'udii Arabiyaa magaala Makkaa keessatti argama. Gamoon sa'aatiin kun irratti fannifamee jiru akka addunyatti gamoo dheeraa sa'aatii fannifate yommuu tahu gamoon kunis "Abraj Al-Bait Towers" jedhama. "Mecca Royal Hotel Clock Tower" jedhamuunis beekkama. Gamoon kun Bara 2012 tti dheerinnaan sadarkaa addunyaatti tokkoffaa kan ture yommuu tahu ammatti gamoolee Dubai Burj Khaliifattii fii Taawerii Shaangayitti aanee sadarkaa 3ffaa irratti argama. Gamoon Abraj Al-Bait kallatti kibbaan Masjiidal Haraamii (Ka'abaa) irraa fageenya dhihoo irratti argama. Dheerinni isaa meetira 601 yommuu tahu kutaa bal'aa salaatni keessatti salaatamu kan muslimtoota kuma kudhan (10,000) oli keessummeessu dandahu of keessaa qaba. Walumaa galatti gamoon guddaan kun al-takkatti humna namoota kuma dhibba tokkoo (100,000) oli simatuu dandahu qaba. Sa'aatiin guddinnaan addunyaa irraa tokkoffaa kan gamoo kana irratti fannifame diyaameetirri isaa meetira 46 yommuu tahu harki daqiiqaa isaa laakkawu meetira 22, kan sa'aa isaa laakkawu meetira 17 dheerata. Sa'aatiin kun fageenya kiloomeetira 25 irraa mul'achuu kan dandahu yommuu tahu gubbaa isaatti barreeffama "ALLAHU AKBAR" jedhu barreeffamee ofirraa qaba. Allahu Akbar! (source: en.wikipedia.org)
09/01/2014
Mudannoo Sheekni kolfuu irraa kan ka'e sagantaan waraabbii itti dhaabbate!
By Selaten Adera
Dargaggeessa tokkotu gara sheekatti bilbiluun akkana jedhee gaaffate. "Yaa Sheeka ani alhamdulillaa eega toowbaa godhee booda gara Rabbitti deebi'ee jira. Garuu jaalallee tiyya takka irraanfachuun dadhabe maal naaf wayya?" jedheen.
Sheeknis "Rakkina kanaaf osoo du'aa'ii tokko tokko gootee gaarii dha." jedhanin.
Dargaggeessichis "Yaa Ustaaz mee du'aa'ii tokko natti himaa kaa!" jedha.
Sheektichis akkana jedhi jedheen. "Yaa Rabbi onnee tiyya keessa Iimana kaayi, dhageettii tiyya keessallee iimaaniin kaayi, karaa kiyya keessallee iimaaniin Kaayi..." jedhaa osoo sheekni dubbataa jiraniif dargaggeessi kuni haasawa isaanii addaan kutee, "sheeka jaalallee tiyya bar maqaan ishee Iimaanii dha." jedheen. sheeknis baay'ee ajaa'ibsiifatanii sirrii malee Kolfani. Kolfa isaanii to'achuu waan hin danda'iniif sagantaa waraabbii irra ture addaan kutan.
Kan Ofiituu hin beektuu Looniif gurra raafti harreen jedha Oromoon yeroo mammaaku!
A.L.H.A.M.D.U.L.I.L.L.A.A.H. !
G.A.L.A.N.N.I. K.A.N. R.A.B.B.I.I.T.I!
Tolaa Rabbii Lakkoofnee fixuu hin dandeenyu hundumaa nuu kenneera
kan waan dhabne nutti fakkaates tola Gooftaa keenyaati.
Assalaamu'alaykum isin hunda nan jaaladha
Abdurrahman Abba Dilbi Waa hunda irraa barumsatti xiyyeeffannaa kennuu qabna Amantii keenyas barree walbarsiisuu qabna
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Website
Address
Addis Ababa