Gorsaa fi jaalala

Gorsaa fi jaalala

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Gorsaa fi jaalala, College & University, Finfinnee, Addis Ababa.

Dhimma jaalalaan wal qabatu gorsa ni kennina.Muuxannoo fi mudannoo jaalalaan wal qabate immoo yoo karaa keessaa nuuf ergitan ni maxxansina.Namoota wal irraa adda ba'an ni araarsina.

07/10/2025

Tuurizimii magaalichaaf gahee olaanaa kan bahatan Ayyaanota Masqalaa fi irreechaa,f
Ayyaanonni Masqalaa fi Irreecha Hora Finfinnee sosochii tuurizimii magaalaa Finfinnee keessatti gahee olaanaa bahataniiru jedhe Komishiniin Tuurizimii magaalichaa.

Magaalaan Finfinnee torbanoota darban keessa ayyaanota dirree namoonni hedduun irratti hirmaatan keessummeessiteetti.

Komishinarri Komishinii Tuurizimii magaalichaa Hundee Kabbadaa Faanaa Dijiitaaliif akka ibsanitti, keessummoonni hedduun ayyaanota kanneen irratti waan hirmaataniif qophii guddaan taasifamee ture.

Hirmaattonni ayyaanota kanneenii fi daawwattoonni alaa tajaajila gahaa akka argataniif dhaabbilee dhuunfaa tajaajila kennan waliin qophii gahaan taasifamee akka tures yaadachiisaniiru.

Ayyaanonni kunneen guddina tuurizimii biyya keessaaf qooda olaanaa qabaachuu kaasanii, hirmaattonni sirnoota ayyaanaan cinaatti bakkeewwan gahumsa tuurizimii magaalichaa akka daawwatan taasifamuu eeraniiru.

Yeroo itti aanutti bakkeewwan gahumsa tuurizimii babal’isuun fi beeksisuun akkasumas dandeettii damee tajaajilaa guddisuun faayidaa tuurizimiirraa argamu guddisuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Hayilamaariyaam Taganyiin.

14/09/2025

Dhimmoota gorsaa fi jaalalaan wal qabatan torban kana karaa youtube kanaa https://www.youtube.com/ mudannoo fi mixannoo barsiisoo ta'an isiniif fideen dhufaa hangasatti akka dafee isin biraa gaahuuf subscribe godhaaa jedha gurbaan kun .Warri karaa keessaa message naaf ergsa turtaan cuunfaadhumatti deebii keessan karaa kana argattu.

28/08/2025

ወደ ምግብ ዋስትና እና የግብርና ሽግግር በምናደርገው ጉዞ አንድ ሌላ እጥፋት ላይ በመድረሳችን ኢትዮጵያዊያን ሁሉ እንኳን ደስ አለን።

ዛሬ በኢትዮጵያ ኢንቨስትመንት ሆልዲንግ እና በዳንጎቴ ግሩፕ መካከል የማዳበሪያ ማምረቻ ኮምፕሌክስ የድርሻ ስምምነት ፈርመናል። 2.5 ቢሊዮን ዶላር ኢንቨስትመንት የሚፈስበት ይኽ ሜጋ ፕሮጀክት በአመት እስከ ሶስት ሚሊዮን ሜትሪክ ቶን ማዳበሪያ የሚያመርት ሲሆን ይኽም ኢትዮጵያን ከአለም ግንባር ቀደም አምራቾች አንዷ ያደርጋታል።

ፕሮጀክቱ በሀገር ውስጥ የሥራ እድል ይፈጥራል። ለዘመናት ለተፈተኑት ገበሬዎቻችን አስተማማኝ የማዳበሪያ አቅርቦት ያረጋግጣል። ለምግብ ሉዓላዊነት መንገዳችንም ወሳኝ ርምጃ መውሰዳችንን ያመላክታል። በመላው አኅጉሩ ኢትዮጵያ ያላትን ተወዳዳሪነት በማጠናከር ሕዝባችንን እና ነጋችንን የሚጠቅሙ ስትራቴጂክ ኢንቨስትመንቶችን የመከወን ጽኑ አቋማችንን ያሳያል።

የዛሬውን የፊርማ ስምምነት ተከትሎ ፋብሪካው በሚቆምበት ስፍራ ፕሮጀክቱን በይፋ የምናስጀምር ይሆናል። ይኽን ታሪካዊ ጉዞ ጀምረናል። ለገበሬዎቻችን፣ ለኢኮኖሚያችን እና ለኢትዮጵያ ነገ ስንል እንጨርሰዋለን።

Adeemsa gara wabii nyaataafi cehumsa qonnaatti taasifnuuf seenaa jabaa tokkorra gahuu keenyaaf Itoophiyaanonni hundi baga gammaddani.

Har'a Holdiingisii Invastimeentii Itoophiyaafi Indaastrii Daangotee Murtaa'e gidduutti Waliigaltee Qoodaa Invastimeentii Kompileeksii Xaa'oo mallatteessineerra.

Piroojektiin guddaan Doolaarri biliyoona 2.5 itti dhangala'uuf jiru kun waggaatti hanga xaa'oo meetrik toonii miliyoona sadii kan homishu yoo ta'u, kunis Itoophiyaa addunyaarratti homishtoota adda duree ta'an keessaa tokko ishee taasisa.

Piroojektichi biyya keessatti carraa hojii uuma. Qonnaan bultoota keenya barootaaf qoramaniif dhiyeessii xaa'oo amansiisaa mirkaneessa. Daandii keenya birmadummaa nyaataatiif tarkaanfii murteessaa fudhachuu keenya agarsiisa. Dorgomtummaa Itoophiyaan guutummaa ardichaarratti qabdu cimsuudhaan, hejjennoo keenya cimaa invastimeentiiwwan tarsiimoo uummataafi egeree keenya fayyadan dhugoomsuuf qabnu agarsiisa.

Mallattoo har'aa hordofnees bakka warshichi itti dhaabatutti piroojekticha ifatti kan eegalchiifnu ta'a. Adeemsa seena-qabeessa kana eegalleerra. Qonnaan bultoota keenyaaf, dinagdee keenyaafi egeree Itoopiyaaf jennee ni xumurra.

Congratulations to all Ethiopians on another milestone in our journey toward food security and agricultural transformation. Today, we signed the Fertilizer Complex Sharehold

21/01/2025

Tiraampi Ameerikaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa akka baatu mallatteessan

Finfinnee, Amajjii 13, 2017 Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi aangoo fudhatanii guyyaa jalqabaan ajaja Ameerikaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa akka baatu taasiisu mallatteessaniiru.

Doonaaldi Tiraampi eda Pireezidaantii Ameerikaa 47ffaa ta’uun kakuu raawwachuun kan yaadatamuudha.

Waayit Haawus seenanii osoo guyyaa tokko hin guutiin ajaja addunyaa rifaasisan hedduu dabarsaa jiru.

Ameerikaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa akka baatu ajaja dabarsuu BBC fi ABCn gabaasaniiru.

Tiraamp yeroo jalqaba aangoo irra turanittiis dhaabbanni kun weerara Covid-19 ittisuu keessatti garmalee "Chaayinaaf tumasa" jechuun qeeqaniiru.

Pireezidaantii duraanii Baayidan jalatti qindeessaa deebii Covid-19 ta'uun kan hojjetan Ashish Jha, murtoo fayyaa ummata addunyaa qofa miidhu osoo hin taane, hoggansa Ameerikaa fi dandeettii saayinsii irratti miidhaa kan geessisu jechuun akeekkachiisaniiru.

20/01/2025

Guyyaa har'aa prezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Waayit Haawusiitii bahuuf guyyaa dhumaarra kan jiran yoo ta'u, erga filannoo bara 2020tti Doonaald Tiraamp injifachuu aangoo qabatanii waggaa afur ta'eera.

Ganamaan Baayidan ibsa guyyuu isaanii fudhachuuf beellama qabu.

Kanaanis dhimmoota taatee idilee irratti karra cufame duuba taa'uun hawaasa basaasa Ameerikaa irraa odeeffannoo haaraa argatu.

Sana booda Doonaald fi Melaaniyaa Tiraampiin nagaa gaafachuun kutaa Cuquliisa Waayit Haawus keessatti simatanii shaayii fi bunaaf isaan keessummeessu. Sagantaan kunis ibsa miidiyaatiin xumurama.

Boodarra, maatiin Tiraampiifi Baayidan waliin gara Kaappitool Ameerikaatti kan waliin imalan yoo ta'u, Baayidan sirna kakuu Tiraamp irratti hirmaatu.

Kamaalaa Haariis abbaa warraa isaanii waliin akkasumas JD Vaans haadha warraa isaanii waliin argamaniiru.

Isaan booda waaree boodarraa kaasee pirezidantummaan Baayidan ni dhumata.

Baayidan yeroo muraasa booda Waashingitan DC gadhiisanii kan deeman yoo ta’u, sagantaa gaggeessaa hojjettootaa kan buufata waraanaa Buufata Waloo Andireews (Joint Base Andrews), buufata waraanaa kan pirezidaantichi irraa imalan irratti haasaa dhumaa ni taasisu.

Sana booda gara buufata humna hawaa Vaandenberg kan Kaalifoorniyaatti argamutti balali'uun gara hawaasa xiqqaa Santa Barbara County keessa jiru Santa Ynez'tti qajeelu.

Baayidan, maanguddoon ganna 82, erga pirezidaantummaan isaanii xumuramee booda karoora addaa qaban kamiyyuu hin dubbanne.

Garuu irra deddeebiin ''eessayyuu akka hin deemne'' dubbataniiru.

15/04/2024

Deebinee dhufaa jirra wagga 4 booda

15/06/2022

Abbaan barbaade jaallachuuf ykn jibbuuf nama biraa heyyama gaafachuun ni barbaachisaa?

30/03/2020

Birraa kabbadaa

Ol iyyata fudhanne...
"""""""""""""""""""""""""""""""""""""
Abbaa ogummaa sirrii
Mootii qalaqa haaraa.
Yaa isa dachaa ol kaastee
Inni gad buustu gaara.
Waaqa hojii qajeelaa
Kan hin qabne gulaallii.
Callistee nun ilaaliin
Yoo nutti cimu haalli.
:::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::
Maaf gootee sin gaafannu,
Waan hundaa nurra beekta
Sababa har'aa dhiistee
Isa dhufuuf akeekta.
Kan ati gootu hunduu
Namaan hin madaalamu.
Kallattii sirriin malee,
Hammaatee hin ilaalamu.
"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""
Baratu fide jechuuf,
Nuti bara hin amannu.
Namatu fide jennees,
Sobnee wal hin hamannu.
Qilleensa kan hooggantu,
Isa ijaan hin mul'anne.
Mee nu mil'adhu malee,
Nutoo malasaa dhabnee.
""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""
Ogeessonni Addunyaa,
Beekaan jira ofiin jedhu.
Jiraachuu kee inni hin beekne,
Waaqeffamuu inni fedhu.
Erga furmaata dhabee,
Xiinxalee wanta godhu.
Harka kee barbaanneerra.
Maaloo gad nuuf haa jedhu.
"""""""""""""""'"""""""""""""""""""""""'""'""''''''"
Qilleensa baqanneetu,
Manatti gallee teenyaa?
Nurraa deebisi malee,
Fayyisaa addunyaa keenyaa!
Ogeessota fayyaa fi,
Beekaa Jiruun gorfamnee
Homaa furmaata dabnaan,
Ol iyyata fudhanne.
"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""

29/03/2020

Magaalaa Adaamaatti namoonni sadi vaayrasii
koroonaa (COVID-19) qabaman argamuun
walqabatee magaalichatti tajaajjilli geejjibbaa
guyyaa har’aa irraa eegalee akka adda citu
Biroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa
Naannoo Oromiyaa beeksise.
Akka gabasaa ETVtti sochiin namoota
magaalicha keessatti taasifamu gariin akka adda
citu taasifamuu Ittii aanaa Hogganaan Biroon
Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa
Naannoo Oromiyaa obbo Gizaachaaw gabbisaa
ibsaniiru.
Haata’uuti, tajaajila geejjibaa kan laatan Baajajii
fi taaksiin hojii akka dhaaban yoo taasifamanillee
tajaajilli geejjibaa magaalicha kutee darbu garuu
akkuma itti fufeetti jiraachu ibsaniiru.
Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaa
(COVID-19) qabaman 19 ga’uu fi guyyaa har’aa
vaayrasichaa qabaachuun kan ibsaman namoota
3 keessaa Dhukkubsaata lammaffaa fi sadaffaan
lammii Ityoophiyaa jiraattoota magaalaa
Adaamaa fi miseensaa maatii tokkoo yoommuu
ta’an nama umurii 14 fi 48 ta’uu Ministeerri
Fayyaa beeksiseera.

14/02/2020

Xalayaa jaalalaa fi guyyaa jaalalleewwanii
Har’i Guyyaa Jaalaleewwan Addunyaa (Valentine's Day) dha.
Dargaggoofi shamarreen dur intarneetiin otoo hin babal’atiin, jaalala isaanii xalayaa jaalalaa barreessuun walii ibsatu.
Isin xalayaa jaalalaa bareessitanii beektuu? Isiniif barreefamee hoo beekaa? Nama biraa barreessifattanii beektuu?
Guyyicha haala akkamiin kabajju? Mudannoo keessan yaadattan nuuf qoodaa mee?

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address


Finfinnee
Addis Ababa