09/07/2026
Eebbifamee galee, gammachuu eebba isaa irratti akka qalamuuf sangaa bitameen waraanamee lubbuun isaa darbe. 😔
Maatiin gammachuu eebba ilma isaanii waliin kabajuuf qophiirra turan. Garuu guyyuma tokko keessatti manni gammachuun guutame sun sagalee booyichaan guutame.
Dargaggoon kun Fissahaa Asmaamaaw jedhama. Yeroo dhihoo kana Yuunivarsiitii Gondar irraa gosa barnoota Electrical Engineering'n eebbifame. Namni abdii boruu ta'e kun balaa laphee namaa cabsuun addunyaa kana irraa du'aan adda ba'uun isaa baay'ee nama gaddisiisa.
Firii dadhabbii isaa barnootaan argate osoo hin dhandhamin, yeroo dargaggummaa isaa kanatti akkasitti lubbuun isaa darbuun gadda guddaadha. Dargaggoon kun torban tokko dura uffata eebbaa isaa uffataa ture. Maatiin isaa fi firoonni isaa gammachuu eebba isaa waliin kabajuuf qophii irra turan. Haa ta'u malee, kaleessa sangaan sagantaa eebba isaatiif bitame sun tasa isa waraanee lubbuun isaa darbe.
Waaqni lubbuu isaa nagaan haa boqochiisu; maatii, firootaa fi hiriyoota isaatiif immoo jajjabinaa fi obsaa haa kennu.