21/08/2025
-SAREE
======= ================= ============ =
Sareen diddigee diddiga isaatti akkuma deebi'u, gowwaan gowwuma isaatti in deddeebi'a; Fakk 26:11
---------------------------------- --------------------------------------
Macaafni fakkeenyaa akkuma maqaa isaatii dubbiiwwan dhedheeroofi ergaa gadi fagoo qaban bifa gabaabaa ta’een ibsuun beekma. Addumaan boqonnaa 11ffaan kun waa’ee nama gowwaa gowwummaa isaa irraa barachuu hin dandeenyee irratti xiyyeeffata. Kanas immoo sareedhaa wajjin wal qabsiiseeti
Waa’ee saree gaafa dubbannu aadaa keessatti guddanneefi macaafa qulqulluu keenya irraa fagoo yoo taane, nuuf galuu dhiisuu mala. Kana jechuun koos akki warri dhihaa saree itti ibsaniifi akki nuti saree itti ibsinu garaagara jechuu barbaadeeni. Sareen biyya keenya keessatti beeylada manaa qofa utuu hin taane, maqaa arrabsootis, ilaalchi warra dhihaa garuu kanaan faallaadha. Haa ta’u malee gara Macaafa Qulqulluu keenyaatti gaafa deebinu, yaadonni waa’ee saree ibsan, ilaalcha keenyaan akka wal hin faallessine huubanna.
Sareen raqa argattee jennnaan waa’een nyaata urgaa’aa fi ho’aa ta’ee ishee hin dinqu. Sababni isaa hoolaan qalamuufii caalaa farda du’ee tortore nyaachuutti gammaddi waan ta’eef. Sareedhaa wajjin manaa baatee; iddoo wayii ga’uu yoo barbaadde, bakka ati dhaquuf wajjin kaate dhiiftee gara foolii waan ajaa’uu faana dha’uutti deebiti. Sareen miiltoo wajjin deemsa eegaltee wajjin xumurtu miti jechuudha. Oromoonis yeroo makmaaku kanumaaf “saree warri guddise dhabee; warri raqaa argate” jedha. Falli isaa sareedhumaa wajjin manaa bahuu dhiisuudha.
Sareen mana itti guddatteef utuu hin taane, lafa nyaattuuf dutti. Waggoota hedduudhaaf ishee kan kunuunsite ta’us, guyyaa tokkittii ollaatti wanti isheen barbaaddu argameef achi gortee diina si godhattee sitti dutti. Kun amaluma sareeti. Warra manaa sana caalaa kan si balaaleffatu saree ati hakuma keetiin guddifteedha.
Sareen hin amanamtu, sababni isaas diddigee ykn oldeebisee; isuma deebisee nyaata. Akkuma duratti kaafne, waan urgaa’u caalaa waan ajaa’u barbaada waan ta’eef. Dubbiin kun hiika dhokataas ni qabaata. Waan lammata deebi’ee hin godhu jedhee tufe, itti deddeebi’uu isaa agarsiisa. Namni gowwaanis kanaan garaagarummaa hin qabu. Sareen maaliif kana hunda gadhoomte kan jedhu gaaffii nutti hin ta’u, kan gaaffii nutti ta’uu qabu namni maaliif saree ta’e? kan jedhu ta’uu qaba malee!
Waaqayyo saroota irraa nu haa eegu!