24/08/2026
Gaaffi tokkon qaba, kan laphees Yaadaa koos na nyaatu;
Dhumaatii Uummata Keenya kanaa dha.
Keessattu Uummata .
Keessattu ...
1. Uummanni kun Wagga 8f Lola walirra hin cinne keessa Jiraataa jira.
Kan uummata kana lolu, ajjeesuu, ukkamsu gariin ijoollema uummata kana keessa ba'anii dha.
Kan uummanni kun nyaachisee, obaasee, itti uffisee barsiise dha.
Waanta nama ajaa'ibu,
Dhalootichi guutummatti dhaloota ideology sirri hin taane hordofaa jiru dha. Dhaloota barnoota tuffate, dhaloota nama barate ajjeesu, dhaloota qarshii Xiqqon bitamee nama qaalii ajjeesu dha.
2ffaa:
Rakko keessoo giddu gala godhachuun, laga ceetee dhuftee, kan bara beelaa mootumman nyaachisuuf jecha qubachiisetu uummata kana barbadeesse.
Keessa jara qubattoota kanaa nan beeka sirritti.
Kan mana itti ijaare, uffata manaa baasee itti uffisee, kan ofitti qabe uummatuma arra duguugamu kaa dha.
3. Qaama Mootumma(hoggansa naannoo sanatti ramadamani dha).
Humni Waraanaa, kantiibaan, hoggansi nageenya naannoo sanatti ramadamu hunduu, uummata kana balleessuf waanta karoora qaban fakkaata.
Qarshii Xiqqon lubbu namootaa dabarsaa oolu.
Qaama Mootumma naanno sanatti ramadaman keessa tokko, kan dhengadda ijoolle Hojjettu fixanii qarshii heddu saaman sanini.
Isaa ol kan gurra namatti hin tolletuu ta'aa oola.
Egaa:
1.Uummata kanaaf, eenyu haa dubbatuu?
2. Uummanni kunoo, barsiifate ijoolle barsiifateen reebamee, uummata Kanaaf, maalti ta'uu qabaa?
Dirqama hoggansi tokko, ittin dhugu argachuuf dhalli namaa haga kamitti du'uu qabaa?
3. Qaamni Mootumma olii maalif callisee? Callisuun kunoo, haga yoomiittii?
Galatoomaa!!