Seerrii maal jedha?

Seerrii maal jedha?

Share

"Our law is our reason"
"Justice for all "
@binittawakjira

Photos from Haramaya University's post 22/03/2024
22/03/2024



1) Idaan abbaa warraa ykn haadha warraa irraa dhuunfaan gaafatamu, qabeenya dhuunfaa abbaa idichaa irraa, qabeenyi dhuunfaa isaa idicha uwwisuu kan hin dandeenye yoo ta’e qabeenya waliinii isaanii irraa kaffalama.

2) Idaan sun kan dhufe faayidaa bultii waliitiif yoo ta’e qabeenya waliinii isaanii irraa, qabeenyi waliinii isaanii idicha uwwisuu kan hin dandeenye yoo ta’e qabeenya dhuunfaa abbaa warraa ykn haadha warraa irraa kaffalama.

Idaa faayidaa bultii waliitiif akka galametti lakkaawamu

Idaawwan armaan gadii idaawwan akka faayidaa bultii waliitiif galamanitti kan lakkaawamanidha.
a) Idaawwan jireenya guyyaa guyyaa abbaa warraafi haadha warraa, akkasumas daa’immaniif waantota barbaachisaa ta’an guutuuf seename,
b) Abbaan warraa ykn haati warraa qallaba kennuudhaaf dirqama qaban bahuudhaaf baasiwwan taasifaman,
c) Abbaa warraafi haadha warraa keessaa tokkoo isaaniitiin ykn iyyannoo gaafataa idaatiin faayidaa bultii waliitiif ooleera jedhee idaa manni murtii fudhate kan biroodha.
(Seera Maatii Oromiyaa, Labsii Lakk.69/95fi 83/96, kwt 86 fi 87)
✍🏿 Binie Wakjira Bedasa.

10/03/2024

/Aggravated_Homicide

√Nama ajjeesuuf yaadni yookaan sababni inni duraan qabu,meeshaan yookaan tooftaan itti fayyadame,haalli ajjeechaa yookaan ajjeechaan itti raawwatame sababni waliigalaa adabbii cimsu yookaan sababni biroo yemmuu ilaalamu ajjeesaan keessumattuu;gara jabeessa,suukkanneessaa,yookaan balaafamaa ta'uu isaa haala ibsuun;yookaan,
√Miseensa garee wanbadee nama ajjeesuuf yookaan yakka wanbadummaa raawwachuuf gurmaa'ee taa'uun;yookaan
√Yakka biroo raawwachuuf akka isaaf mijaawuuf yookaan yakki raawwatame akka hin beekkamne taasisuuf jecha:-
Itti yaadee nama kan ajjeese yoo ta'e ; 'aan_ni_adabama.

10/03/2024

Seerri maal jedha ?

( Mental_Incapacity )

*️⃣Sababa Dhukkuba Sammuutiin/ namni tokko wa yaadachuu dadhabuu, gaaffii dhiyaatuuf deebii sirrii fi qajeelaa ta'e kan hin dandeenye yoo ta'e ykn dhimmi dubbatamaa jiru waa'ee maali akka ta'e kan hin beekne yoo ta'e ragummaadhaaf ga'umsa hinqabu. Akkaataa Seera Hariiroo Hawaasaa SHH kew.351 tiin murtiidhaan namni dhorkame ( ) ragaadhaaf ga'aa miti.

👉የአእምሮ ችሎታ ማጣት (mental incapacity)

በአእምሮ ህመም/insanity/ ምክንያት አንድ ሰው አንድን ነገር ለማስታወስ፣ ለሚቀርብለት ጥያቄ ትክክለኛና ተገቢ መልስ ለመስጠት የማይችል ከሆነ ወይም እየተናገረ ያለው ጉዳይ ስለምን እንደሆነ የማያውቅ ከሆነ ለምስክርነት ብቁ አደለም። እንዲሁም በፍትሐብሔር ሕግ ቁ. 351 መሠረት በፍርድ የተከለከሉ/judicial interdiction/ ሰዎች ከሆኑም እንዲሁ ለምስክርነት ብቁ አደሉም።
✍🏿Binie Wakjira Bedasa.

10/03/2024

Seerri maal jedha?

🗣"Gahumsa_Ragaa"

👉Daa'ima ta'uu ykn otontoraa'uun/sirgoo ta'uun dandeettii dhabuu ( from or )

✍️Daa'imman ragummaaf ga'umsa kan hinqabne ijoollummaa irraa sammuun isaanii kan bilchaanne waan ta'eef hamtuu fi toltuu adda baafachuu waan hin dandeenyeef. Daangaan daa'imman ga'umsa hinqaban itti jedhame hinjiru. Mucaan tokko daa'ima ta'us gargaarsa nama/qaama tokkoo malee wantaa dubbatu beekee fi deebii sammuuf fudhatama qabu kan kennu yoo ta'e ragaa ga'umsa qabu jechuun ni danda'ama. Waan ta'eef ga'umsa ragummaa daa'imaaf dhimmi murteessan umrii otuu hintaane wanta dubbatu fi beekuu dhabuu ykn fi adda baafatee kan beeku ta'uudha.

✍️Garuu Seera Hariiroo Hawaasaa SHH keessatti Ragaan tokko ga'umsa qaba jechuuf umriin isaa gaa'ilaaf kan ga'e ta'uu qaba. Kewt.1729 jalatti ilaallameera. Akkasumas murtiidhaan nama dhorkame ( ) ta'uu hinqabu.
✍️Akkasumas namni ragummaaf waammame kan umriin deeme yoo ta'e wantaa dubbatu kan beeku ykn adda baafatu ta'uu qaba.

✅ #ሕፃን በመሆን ወይም በመጃጀት #ችሎታ ማጣት (incapacity from infancy or senility)

➡️ ሕፃናት ለምስክርነት ብቁ የማይሆኑት አእምሮዋቸው ያልበሰለ ጨቅላ በመሆናቸው ክፉውንና ደጉን ለመለየት ስለማይችሉ ነው። ሕፃናት ብቁ አደሉም የሚባልበት የእድሜ ገደብ የለውም። አንድ ልጅ ምንም ሕፃን ቢሆን የሚናገረውን ነገር አውቆና ያለምንም ረዳት ለህሊና ተቀባይነት ያለው መልስ መስጠት ከቻለ ለምስክርነት ብቁ ነው ማለት ይቻላል። የሕፃን ልጅ ለምስክርነት ብቁ መሆን ወሳኙ እድሜ ሳይሆን የሚናገረውን የሚያቅና የማያውቅ ወይም ክፉና ደጉን ለይቶ የሚያውቅ መሆኑ ነው።

➡️ ነገር ግን በፍትሐብሔር ጉዳይ የውል ሕግን በተመለከተ (ቁ.1729) አንድ ምስክር ብቁ ለመሆን አካለ መጠን የደረሰ መሆን አለበት። እንዲሁም በፍርድ ቤት ችሎታው የተከለከለ /judicial interdicted/ መሆን የለበትም።
➡️ እንዲሁም ለምስክርነት የቀረቡት በዕድሜ የጃጁ ሰዎች ከሆኑ የሚናገሩትን የሚያውቁ መሆን አለባቸው።
✍🏿Binie Wakjira Bedasa.

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Category

Website

Address


Finfine
Addis Ababa