18/08/2026
Guyyaa ja'a booddee, Yesus Phexrosii fi Yaaqoobin, Yohannis obboleessa Yaaqoobis fudhatee, ol gara gaara dheeraa tokkotti kophaatti isaan baase*. Innis bifa ulfina isaatiin isaanitti mul'ate, fuulli isaas akka biiftuu ibse uffanni isaas akka ifaa addaatee balaqqise*. Kunoo, Museenii fi Eliyaas achitti isaanitti mul'atanii, isaa wajjin dudubbachaa turan. Phexros gidduutti, “Yaa gooftaa! Asitti argamuun keenya attam gaarii dha; fedha kee yoo ta'e asitti godoo sadii, tokko siif, tokko Museedhaaf, tokkos Eliyaasiif nan ijaara” jedhee Yesusitti dubbate. Utuu inni kana dubbachaa jiruu, kunoo, duumessi ifa of keessaa qabu tokko isaanitti uffise. Sagaleenis duumessicha keessaa dubbatee, “Kun ilma koo isa ani jaalladhu, gammachuun koos isatti in raawwatama; isa dhaga'aa!” jedhe*. Bartoonni immoo sagalicha dhaga'anii adda isaaniitiin gombifaman, guddaas in sodaatan. Yesus garuu isaanitti dhi'aatee harkaan isaan qabee, “Ka'aa, hin sodaatinaas!” isaaniin jedhe. Isaan yommuu ol ilaalan Yesus duwwaa argan malee, nama biraa tokko iyyuu hin argine. *1 26:37; Mar 5:37; 13:3 *2 2Phe 1:16-18 *5 3:17; 12:18; Uma 22:2; Far 2:7; Isa 42:1; Mar 1:11; Luq 3:22; Kes 18:15
Wangeela Maatewos 17:1-8