Jechoota Hayyootaa

Jechoota Hayyootaa

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Jechoota Hayyootaa, College & University, Gulelle, Addis Ababa.

Photos from Jechoota Hayyootaa's post 18/02/2026

gara keessan dhufneerra, isinoo maal jettuu warqee warra wallagaa qofatu fayyadama miti, godinoonni hundumtuu kottaame bitadhaa

na dubbisaa ani isiniif jira, miidhagaa🙏🙏

21/01/2026

Biyyi yeroo jalqabaaf alaabaa mataashee maxxansuu eegalte
biyya kami?

27/12/2025
15/10/2025

Albert gaaf tokko gara fuulduraatti callisee utuu bita isaaf mirga isaa hin ilaalin ni deema ture, morkattoonni isaa ykn warri mullatasaa harkatti rukutuu barbaadan duuka fiigani duuba isaatiin "dhiiticha akka malee dhiitan" caljedhe galagalee hin ilaalle, ammas dabalanii "dhiitan" cal jedhe ammas, sadaffaa "dhiitan" inni ittuma fufee deemnan uummanni isa ilaalaa jiran "maaliif caljettaa? ofirraa hin deebiftuu? ykn seeratti hin himattuu"? ittiin jennaan "MANNI MURTII HARREE ITTI HIMATAN WAAN HIN JIRREEF" jedhee deebiseef
Gammeen quuqama sabasaa nama qabuudha, waan dubbattemmoo baga itti cabsite. hin gaabbin waan dubbatteef, abbaan dogoggora isaa hin fudhatu taanan maal si dhibe,
qilleensa bita keef mirgakeen shuf shuf jettu hin dhaggeefatin, mullata kee si harkatti rukutuuf mamaggalti atimmoo hin dhaga'in
jabaadhu
ammas nan jedha jabaadhu

17/08/2025

Baga gammadde Addeekoo

10/08/2025

Hamma namaa hin geessuu, cabsa namaaf hin teessuu jedhu
Hamman hin jirree udaan jirmaa jedhu mitiree?

namni mataa hamma kana ga'u baatee, sammuun duwwaa ta'uu jechuun 😔😔

foon kana akka waan ofii uummatteetti hin haasa'in microseconditti si GANA hir'uu namaa, sobduudha ati

Photos from Jechoota Hayyootaa's post 03/02/2025

Aaga dhaga'aa

Obboleessa keenya kan baayyee jaallannuuf kabajnu kitaaba mata-dureen isaa kennaa nutti kennameen hojjechuu jedhuun H W Solomon jaleta eebbisiisuuf dilbata waaree booda hundumti keenya utuu irraa hin hafin akka irratti hirmaattan kabajaan afeeramtaniittu
Bakka www mulu wangeel moobilii isa paawuloos hospitaala cinatti argamutti wal argina
Eebbifamaa!!

29/01/2025

"Kufaatiin warra sodaatan naasisa, moo'attoota immoo ni jabeessa."
Robert Kiosks

02/04/2024

"Namni dogoggora tokkollee hin raawwanne nama waan haaraa hin hojjenne dha." Albert Einstein

06/02/2024

• Rasaasni nama ajjeessa malee mul'ata namaa ajjeessuu akka hin dandeenye beeka.

20/09/2023

UTUU HIN DUBBISIN HIN DARBIN, kanan dubbiserraan isiniif qoodeeti

Jechoota Mimmiidhagoo:

1. Namni utuu kitaaba dubbisuu danda'uu kitaaba hin dubbifne, nama dubbisuu hin dandeenyerra hin caalu.
2. Namoonni hedduun hamma maqaa isaanii hin ga'an. Maqaa isaaniitu isaan caala.
3. Milkaa'inni wanta namoonni hin argin arguu danda'uudha.
4. Dandeettii / ga'uumsa keessa kee jiru qofaan dorgomi!
5. Beekumsa qaban irratti hundaa'ee namoota gosa 4 tu jira. Isaaniis:

Nama hin beekne , akka hin beekne, kan hin beekne.

Nama hin beekne, akka hin beekne, kan beeku.

Nama beeku, akka beeku kan hin beekne

Nama beeku, akka beeku kan beeku.

6. Yeroo hubachuu ilaalchisee namoota gosa 3 tu jira.

Har'a keessa ta'anii kaleessaaf warra jiraatan.

Har'a keessa ta'anii boriif warra jiraatan.

Har'a warra jiraatan.

7. Kaleessi dabreera, bor hin dhalanne, yeroon qabnu har'a qofa.
8. Eessa akka jirtu beekuu caalaa eenyu akka taate beekuutu si fayyada.
9. Diinni milkaa'inaa inni guddaan milkaa'ina mataa isaati.
10. Rakkinni namoota baay'ee humna dhabuu utuu hin ta'in akka humna qaban wallaaluudha.
11. Eenyuyyuu qofaa isaa jiraatee kan fiixaan baafate hin jiru.
12. Namni baay'ees si miidha baay'ees si fayyada.
13. Bilchinaaf karaan qaxxaamuraa hin jiru.
14. Milkaa'inni 99% kufaatiidha.
15. Yaalii dadhabi malee yaaluu hin dadhabin!
16. Carraatti utuu hin ta'in hojiitti amani!

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address


Gulelle
Addis Ababa