21/11/2023
Ilaalla.
Jaarsoliin naannoo keenyaa gaafa namoota wallolan araarsaan akeekkachiisa armaan gadii namoota wallolaniif kennuu.
1) Isin yaa namoota walloltanii maqaa jibbinsaa duraan ittiin wal waamtaniin wal hin waamiina.
2) Yeroo wal himattan wal hin arrabsiinaa.
3) Osoo himannaa hin eegaliin wabii waamadha.
4) Waan nun isiniin jenne fudhachuudhaaf mallattoo keessaniin nuuf mirkaneessaa.
Jedhanii yaawaaq dhugaa abbaa dhugaaf galchi jechuun araara buusuuf eegalu. Inni amma immoo osoo qaama araarsu gidduutti iyyuu waraana hin dhabsisiin isin araarsa jedha.
Bullee ilaalla.