Olli Bekele

Olli Bekele

Share

We are unique from other all creature���

26/10/2022

🔜 'U:
====================
✅1️⃣.Himatamaan foormii himannaa,bifa, yookiin qabiyyee himannaa mormuun akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a,sdfy keewwata 130(1).
✔ .Himatamaan foormii fi qabiyyee himannaa irratti mormii dhiheessee Manni Murtii yoo fudhate akka haala dhimmichaatti himanni akka jijjiiramu yookiin akka dabalamu yookiin himannaa haaraa akka qopheessu ajajuu ni danda'a,sdfy keewwata 130(1) fi 119(1).
☑ .Bu'uura Manni Murtii ajajeen Abbaan Alangaa yoo hin raawwanne,himatamaan yeroodhaaf too'annaa jalaa gadi lakkifama,sdfy keewwata 122.
☑ .Himanni Abbaa Alangaa yoo jijjiirame,yoo dabalame yookiin himanni haaraa yeroo dhihaatu Manni Murtii himatamaaf dubbisuun akka hubatu ni taasisa,sdfy keewwata 119(2).
☑ .Itti aansuunis himata jijjiirame,dabalame ykn haaraa banamee dhihaateef himatamaan dhagahuuf qophii ta'uu fi dhiisuu Manni Murtii himatamaa gaafachuu qaba,sdfy keewwata 120(1).
☑ .Akkuma himanni himatamaaf qaqqabeen battalumatti himata dhagahuu yoo itti fufe mirga ofirraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta'ee Mana Murtiitiif yoo mul'ate dhimmicha dhagahuu itti fufa.
☑ .Manni Murtii dhimma battalumatti itti fufuun mirga ofirraa ittisuu kan himatamaa yookiin haala himannaa Abbaa Alangaa jijjiiru ta'ee yoo argame garuu,himata dhagahuuf beellama biraa kennuu qaba,sdfy keewwata 120(3).
✅2️⃣.Himatamaan darbiinsa yeroo akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a.Himanni Abbaa Alangaa darbiinsa yerootiin kan daangeeffame yoo ta'e,himatamaan mormii kaasuu baatus Manni Murtii kaka'umsa isaatiin Galmee cufuu qaba.
✅3️⃣.Himatamaan gocha yakkaa raawwate jedhamee ittiin himatameef itti gaafatamaa ta'uu dhabuu ibsuun akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a(criminal irresponsibility).
✔ ,himatamtichi dhukkuba sammuu ykn gaggabdoon kan jeeqamu yoo ta'e waan gocha raawwatu beekuu fi dhiisuu isaa fi kan kana fakkaatan yaada ogeessa beekumsa addaa qabuun(Hospitaala dhimma kana adda baasuu danda'uun) qulqulleessuun dirqama.
✅4️⃣.Dhimmichi dursa Murtii kan argate yoo ta'e akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a,sdfy keewwata 130(1)(b).
✅5️⃣.Dhimmichi dhiifamaan yookiin maaruudhaan/baraarsaan kan hafe yoo ta'e himatamaan akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a.
✅6️⃣.Dhimmichi Mana Murtii birootti dhihaatee ilaalamaa kan jiru yoo ta'e akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu danda'a.
✅7️⃣.Himanni dhihaate mirga ofirraa ittisuu himatamaa kan tuqu yoo ta'e himatamaan kanuma sababaan deeggaruun ibsuun akka mormii sadarkaa duraatti dhiheessuu danda'a.
✅8️⃣.Himatamaan akkuma himanni dubbifameefi hubateen booda mormii qabu duguugee kaasuu qaba.Yoo battalumatti mormii sadarkaa duraa qabu hin kaafne booda kaasuu hin danda'u.Garuu,murtii mormii irratti kennamu haqa kan daangeessu yoo ta'e(prohibit to give valid judgment) mormiin booda irratti ka'uu akka danda'u sdfy keewwata 130(3) jalatti ifa taasiseera.
sadarkaa duraa seera deemsa falmii yakkaa keewwata 130 jalatti tumaman duguugamanii kan kaa'amanii miti.Mormii sadarkaa duraa seera kana jalatti hin tumamnes dhimmichaaf rogummaa qaba taanaan himatamaan mormii biraa kaasuu danda'a.
Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 14ffaa Lakkoofsa Galmee 73514 ta'een"himatamaan mormii sadarkaa duraa seera deemsa falmii yakkaa keewwata 130 jalatti hin tumamnes akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu akka danda'u" hiikoo kennee ture.

👉 hin adabsiisne(of irraa ittisuu seera qabeessa yookiin legitimate self-defense) Vs seeraa:
⚖️Namni mirga isaa yookiin kan nama biroo miidhaa seeraan alaa irraa yookiin miidhaa seeraan alaa dhiheenyatti qaqqabu irraa oolchuuf miidhaan sun akka hin qaqqabne taasisuuf karaan biroo yoo hin jiraanne hamma haalichaa osoo hin darbin gochi raawwateef hin adabamu,seerri yakkaa bara 1996 bahe keewwatni 78 ifa taasisee jira.

jildii 15ffaa Lakkoofsa galmee 86570 ta'een " of irraa ittisuu seera qabeessa ta'e(legitimate self-defense) kan hin adabsiisne mirga isaa yookiin kan nama biroo miidhaa seeraan alaa irraa yookiin miidhaa seeraan alaa dhiheenyatti qaqqabu irraa oolchuuf miidhaan sun akka hin qaqqabne taasisuuf karaan biroo yoo hin jiraanne hamma haalichaa osoo hin darbin gochi raawwatameedha" jechuun xiinxala isaa keessatti seera yakkaa keewwata 78 fi 79 waliin wal qabsiisuun murtii kennee ture.
yookiin meeshaa wal-madaalaa ta'een fayyadamuun yookiin miidhaa seeraan alaa yookiin miidhaa seeraan alaa dhiheenyatti qaqqabuun hin oolle ittisuuf gocha barbaachisuun raawwatamu yakkaan hin adabsiisu.
Miidhaa of irraa ittisuuf jecha badiin qaqqabsiise hamma isaa kan darbe sababa sodaa,naasuu tasaa yookiin aarii miidhaan sun hordofsiiseen dhiifama argamsiisuu danda'uun yoo ta'e,Manni Murtichaa adabbicha irraa guutummaan hanga bilisa ta'uutti isa geessisu ni danda'a.Seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 79(2) irraa ni hubatama.
ofirraa ittisuu hin dandeenyeen miidhaa guutummaan dirqisiifamee irra gahuuf ture haala hin caalleen namni yakka raawwate yakka dirqamee raawwateef hin adabamu.Manni Murtichaa haalli guutummaan dirqisiifamuu jiraachuu isaa kan murteessu haala dubbichaa,keessattuu,akaakuu dirqisiifamaa fi hamma cimina isaas,akkasumas haala sadarkaa jireenya dirqisiifamaa fi umrii isaa,keessattuu hanga humna lamaan isaanii fi haala gadaantummaa fi ol'aantummaa dirqisiifamaa fi dirqisiisaa jidduu jiru tilmaama keessa galchuuniidha,akka ta'e seerri yakkaa keewwata 71 jalatti tumeera.
irra qaqqabe dhorkamuu kan danda'amu ta'ee moo'achuuf yookiin gochicha raawwachuu jalaa miliquuf dandeettii osoo qabuu nama yakka raawwate irratti Manni Murtii akka itti fakkaatetti adabbicha salphisuu akka qabu,Seera yakkaa keewwata 72 fi 180 jalatti ifa taasiseera.
ofii yookiin nama biroo balaa cimaa dhiheenyatti qaqqabu irraa oolchuuf gochi raawwatame,balaa kana karaa biraa dhabamsiisuun kan hin danda'amne yoo ta'ee fi raawwatichi tooftaalee haalichaa waliin wal madaalutti kan fayyadame yoo ta'e hin adabsiisu.
Lubbuu yookiin nageenya namaa eeguuf namni dirqama ogummaa adda ta'e qabu,gochi walfakkaataan inni raawwatu adabbii irraa bilisa isa hin taasisu;ta'us Manni Murtichaa akka itti fakkaatetti adabbicha ni salphisaaf(seera yakkaa keewwattoota 75 fi 180).
jedhe.
Waa'ee seeraa ilaalchisee odeeffannoo haaraa argachuuf gochuu dandeessu.
👇
✍️ Maddi:-Kitaaba M/Teyib nure Adeemsa Seera yakkaa waligalaa fi fuula hubannoo isaanii irraa

25/03/2021

Maxwell Leadership Welcome to Maxwell Leadership, where you will find all the tools and support you need to lead powerful, positive change through values-based leadership.

11/12/2020

Hundiinu yeroo isaatti garii tahe dhufa💡

23/05/2020

Ummaanii muslima baga ayyaanaa sooma hikka ramadaanattin isiin gahe.
Ayyaanaa Garii!
Ed mubarik!

03/05/2020

Walliin tanee deemu baanan rakkinatti off-harkiisaa jirachuu kenyaa asummaan beeku qabnaa yaa waan ofii.

26/04/2020

Respect all person as you respect yourself.

26/04/2020

To be human enough to think for human beings without differentiate

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address


Deder
Addis Ababa