Tulama Media

Tulama Media

Share

Odeeffanoo wayitaawaan dafee akka isin qaqqabuuf #Follow gochuun nu hordofaa

Photos from Tulama Media's post 25/04/2026

Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kibbaatti Miseensonni Milishaa “Toop 150” jedhaman Leenjii Xumuran

Finfinnee, Eebila 24, 2026: Naannoo Amaaraa, Godina Walloo Kibbaa, Aanaa Leegambootti caasaan milishaa “Toop 150” jedhamu leenjifamtoota isaa eebbisiiseera. Miseensonni milishaa kun guyyootaafi walitti fufaniif “leenjii waraanaafi siyaasaa” hordofaa akka turan Kominikeeshinii Godina Walloo Kibbaa beeksiseera.

Eebba miseensota kanaa Kamisa, Eebila 15, bara 2018 A.l.I Ganda 07 Jingootti gaggeeffame irratti qondaaltonni mootummaafi ajajoonni waraanaa argamaniiru. Sagantaa eebbaa kana irratti Hogganaan Waajjira Albuuda Godinichaa Obboo Ahimad Ababaaw, leenjiin kun “nagaa naannichaa mirkaneessuufi saamtota uummata irraa ittisuuf” gahumsa kan qabu ta’u ibsaniiru.

Bulchaan bulchiinsa Aanaa Leegamboo, Obboo Aliyye Yimar, gama isaaniitiin nagaan naannichaa kabajamuun isaa hojiiwwan misoomaa addaan citanii turan akka itti fufanii fi barattoonnis yaaddoo malee barumsa isaanii akka hordofaniif carraa kan banu ta’uu addeessaniiru. Dabalataan, “warri karaa dogoggoraa irra jiran” gara jireenya nagaatti akka deebi’aniif gaheen maanguddoota biyyaa fi abbootii amantii ol’aanaa ta’uu dubbataniiru.

Miseensonni Milishaa eebbifaman akka jedhanitti, leenjii argatan kanaan “tasgabbii naannoo isaanii dammaqinaan eeguu” fi “milkaa’ina hojii misoomaatiif” kutannoon akka hojjetan mirkaneessuu isaanii odeeffannoon fuula miidiyaa komunikeeshinii Godinicha irraa argame ni mullisa

Caasaan kun, caasaa nageenyaa Naannoo Oromiyaa keessa jiru waliin baay’ee kan walfakkaata. Bitootessa bara 2014 irraa eegalee caasaan milishaa walfakkaataan “Gaachana Sirnaa” jedhamu kan Naannoo Oromiyaa keessatti hojiirra ooluun isaa ni yaadatama. Caasaan kun hawaasa gurmeessuun 'faayidaa, mirga, fi fedhii isaanii akka kabajichiifatanifi akka ittisaniif yaadamee kan diriirfamedha.

Haata’u malee, yeroo sanaa eegalee caasaa kana irratti qeeqa hedduun dhiyaachaa jira. Miseensonni caasaa 'Gaachana Sirnaa' Naannoo Oromiyaa keessatti uummata irraa gibira naannoo humnaan guuruu dabalatee, miidhaa mirga namoomaa ol’aanaa raawwachuun yeroo adda addaatti himatamaa jiru.

Dabalataan, Abukaatoon mirga namoomaa tokko Fulbaana bara 2017 keessa Addis Standard-itti akka ibsanitti, 'Leenjii milishummaa kana kan fudhatan baay’inaan dhiira yoo ta’an, dubartoonni baay’ee xiqqoon ammoo fedhii isaaniitiin ala akka hirmaatan taasifamu.' Namoonni leenjii kana hin fudhannu jedhan ammoo hidhaa, tajaajila uummataa dhabuufi tarkaanfiiwwan gidirsuu biroof akka saaxilaman abukaatoon kun dabaluun ibsaniiru.

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address


Addis Ababa
10007